عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Jonah [Yunus] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah Jonah [Yunus] Ayah 109 Location Maccah Number 10

Alif Laam Raa Sunniin keeyyattoota kitaabicha ogummaan guutameeti. [1]

Sila gara nama isaan irraa ta’ee (nabi muhammad) “nama akeekkachiisi; warra amanes toltuun dabre Rabbii isaanii bira isaaniif jiraachuudhaan gammachiisi” jechuun wahyii godhuun keenya namootatti dinqii ta’eeraa? Kaafirtoonni: “Dhugumatti, inni kun falfalaa ifa bahaadha” jedhan

Dhugumatti, bakka wal bu’uu halkaniifi guyyaa keessa, waan Rabbiin samiileefi dachii keessatti uume keessaas namoota (Rabbiin) sodaataniif mallattooleetu jira.

Kadhaan isaanii ishee keessatti (yeroo waan tokko fedhan) “yaa Allaah! Qulqulliini keeti” jechuudha. salamataan isaaniis ishee keessatti “nagayaa” jechuudha. Kadhaan isaanii kan boodaas “faaruun hundi kan Rabbii gooftaa aalamaati” jechuudha.

Odoo Rabbiin namaaf akka isaan gaarii (argachuuf) jerjerfatanitti hamtuu isaaniif jerjersee, silaa beellamni (adabbii) isaanii, isaaniif raawwatama ture. Isaan wal ga’ii keenya hin sodaanne, jallina isaanii keessa dhama’oo tahanii isaan dhiifna.

Ilmi namaa yeroo rakkinni wahii isa tuqe, cinaacha isaa irratti yookiin taa’eetis yookiin dhaabbateetis Nu kadhata. Yeroo Nuti rakkina isaa isa irraa fuune akka waan rakkina isa tuqeef Nu hin kadhatiniitti (jallina isaa) itti fufa. Akka kanatti daangaa dabartootaaf wanti isaan hojjachaa turan miidhagfame. [3]

Dhugumatti, dhaloota isin duraa irraa balleessinee jirra yeroo isaan lubbuu isaanii miidhanii, ergamtoonni isaanii raajii mul'ataan isaanitti dhufanii hin amanin (balleessinee jirra). Akka kanatti ummata badii raawwattoota ta’aniif galata galchina.

Jedhi “Odoo Rabbiin fedhee, silaa ani isa isin irratti hin dubbisu. Innis (Rabbis) isa isin hin beeksisu. Dhugumatti, ani isa dura yeroo dheeraa (waggaa 40) isin keessa jiraadheera. Sila isin sammuu hin qabdanii?” jedhiin.

Nama Rabbi irratti kijiba uume yookiin kan keeyyattoota Isaa sobsiise caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? (hinjiru). Dhugumatti badii raawwattoonni hin milkaa’anu.

Ilmi namaa ummata tokko malee hin turre. Booda irra wal dhaban. Odoo jechi Gooftaa kee irraa ta’e dursee dabruu baatee, silaa waan isaan irratti wal dhaban keessatti gidduu isaaniitti ni murteeffama ture.

“Mallattoon Gooftaa isaa irraa maaliif isa irratti hin buufamin?” jedhu. “Wanti fagoo hundi Rabbumaafi. (dallansuun Rabbii warra dharaarratti bu'uu) Isinis eegaa; Anis isin wajjin warra eegan irraayi” jedhiin.

Yeroo namoota erga rakkoon isaan tuqxee booda rahmata isaan dhandhamsiifne, yeroma san keeyyattoota keenya keessatti shira baasuun isaaniif ta’aadha. “Rabbitu tooftaatti irra jarjaraadha” jedhi. Dhugumatti, ergamtoonni keenya (maleykonni) shira isin baaftan ni barreessu.

Dhugumatti, fakkeenyi jireenya addunyaa, akka bishaan Nuti samii irraa isa buufnee (roobaa), ergasii biqiltuuwwan dachii kan waan ilmi namaatiifi horiin nyaatan (midhaaniifii marga) irraa ta’an isaan wal makamanii, hanga dachiin faaya ishee qabattee, miidhagdee, abbootiin ishee ishee (oomishachuu) irratti danda’oo ta’uu yaadan, adabbiin keenya halkan yookiin guyyaa isheetti dhufee, akka waan kaleessa achitti hin ta’iniitti (hin jirreetti) (dhabamaa) haamamaa ishee goone. Akka kanatti mallattoolee ummata xiinxalaniif adda baafna.

Guyyaa isaan hunda walitti qabnus, (dubbadhu). Ergasii isaan Nutti qindeessaniin ni jenna: “Isiniifi warri isin Nu waliin gabbaraa turtanis iddoo jirtan dhaabadhaa!” Sana booda gidduu isaanii addaan baafne. Warri isaan Nu waliin gabbaraa turan: “Isin nu gabbaraa hin turre” jedhan.

Rabbumatu ga’aadha. ragaa ta’uuf “Gidduu keenyaafi gidduu keessanitti Dhugumatti, nuti isin gabbaruu irraa dagatoo taanee turre.”

Jedhi.“Sila warra isin Rabbii wajjiin gabbartan irraa warri uumama jalqabee, ergasii isa deebisu jiraa?". jedhi “Rabbiin uumama jalqabeeti, ergasiis deebisa. Akkamumatti gara galfamtu?”

Jedhi.“Sila warra isin Rabbii wajjin gabbartan irraa warri gara haqaatti qajeelchu jiraa?”. jedhi Rabbiin gara haqaatti qajeelcha. Sila Isa gara haqaatti qajeelchutu hordofamutti haqamoo isa yoo qajeelfame malee qajeeluu hin dandeenyee dha? Sila isin maaltu isiniif tahe, akamitti murteessitan? [6]

Moo sila isaan “isatu (Muhammadtu) of irraa isa uume” jedhu? jedhi suuraa tokko kan isa fakkaattu fidaa, Rabbii gaditti nama dandeessan (gargaarsaaf) waamadhaa, Yoo kan dhugaa dubbattan taatan (jedhi).

Isaan irraa namoota isatti amanantu jira. Isaan irraas namoota isatti hin amannetu jira. Gooftaan kee badii hojjattoota akkaan beekaadha.

Yoo si kijibsiisan jedhi.“Anaaf dalagaa kiyyatu jira; isiniif dalagaa keessantu jira. Isin waan ani dalagu irraa qulqullaa’oodha; anis waan isin dalagdan irraa qulqulluudha”.

Guyyaa (Rabbiin) walitti isaan qabu [yaadadhu]. Haala akka waan sa'aa takka guyyarraa taate malee hin turin itti fakkaatuun, gidduu isaaniitti wal beekan. Dhugumatti, warri qunnamtii Rabbii kijibsiisan hoonga’aniiru; qajeeloo hin taane.

Garii waan waadaa isaaniif seennee (azaabarraa) yoo sitti argisiifne (toleera); yookiin yoo (sanduratti) si ajjeefne deebiin isaanii (guyyaa qiyaamaa) garuma keenya. Ergasii Rabbiin waan isaan dalagan irratti ragaadha.

(warra azaaba jarjarfatuun) Jedhi “Mee naaf himaa! yoo adabbiin Isaa halkan yookiin guyyaa isinitti dhufe, badii raawwattoonni isa irraa maal jarjarfatu?”.

“si odeeffatu Sila inni (Guyyaan Qiyaamaa) dhugaa dhaa?” (jechuun). “Eeyyeen! Gooftaa kiyyatti kakadhee! Inni dhugaadha, Isin (Rabbiin) dadhabsiisoo hintaane” jedhi.

(Rabbiin) Inni ni jiraachisa; ni ajjeesas; gara Isaatitti deebifamtu.

Mee naaf himaa jedhi “ waan Rabbiin isiniif buuse hirerraa isin ergasii isa irraa dhorgamaafi hayyamamaa taasiftan san“, Sila (halaaleysuufii haraameysuu) Rabbitu isiniif hayyamemoo Rabbi irratti kijiba uumtanii odeessitu?”

(Yaa Muhammad!) Hojii kamillee keessatti hin taatu, Qur’aana irraas isa hin dubbiftu, dalagaa irraa waan tokkos hin hojjattan, yeroo isin isatti seentan Nuti isin irratti ragaalee taanu malee hin hafu. Wanti hanga atomii dachii keessattis ta’ee, samii keessattis (beekkomsa) Rabbii kee irraa hin fagaatu. Wanti san irra xiqqaas ta’ee guuddaan kitaaba addeessaa ta’e keessatti jiraatu malee hin hafu.

Jechi isaanii (kan diin arrabsuufii xiqqeessuu keessatti tahe) sin gaddisiisin. Dhugumatti, jabeenyi hunduu kan Rabbiiti. Inni dhaga’aa beekaadha.

Inni (Rabbiin) Isa halkan akka isa keessa boqattan isiniif taasiseedha, guyyaa immoo kan ibsu (taasiseedha). Dhugumatti kana keessa namoota dhagayaniif mallattooleetu jira.

(Kun) qananii addunyaa keessatti taateedha. Ergasii deebiin isaanii gara keenyatti qofa ta’a, Ergasii waan isaan kafaraa turaniif adabbii cimaa isaan dhandhamsiifna.

Oduu Nuuh isaan irratti dubbisi, Yeroo inni ummata isaatiin jedhe “yaa ummata kiyya! Yoo (isin waliin) turuun kiyyaafi keeyyattoota Rabbiitiin (isin) yaadachiisuun kiyya isinitti guddate, ani Rabbi irratti hirkadhee, tooftaalee keessaniifi qindeeffamoota keessan walitti qabadhaa; ergasii dharti keessan isin irraa dhokataa hin ta’in; ergasii narratti raawwadhaa yeroo naaf hin kenninaatii ”(jedhe). [10]

Isaan isa kijibsiisani, ergasii Nuti isaafi namoota isaa waliin jiranis doonii keessatti nagaya baafne. Bakka bu’oo isaan gooneeti warra keeyyattoota keenya sobsiisan bishaaniin dhidhimsiifne. Booddeen dinniinamtootaa akkam akka ta’e ilaali.

Isaan ni jedhan: “Sila ati waan abbootii keenya isa irratti argine irraa nu garagalchuuf, ol aantummaan dachii keessatti akka isin lamaaniif taatuuf nutti dhuftee? Nuti isin lamaaniif (muusaafii haaruuna) hin amannu.

Fir’awna ni (ummata isaatiin) jedhe: “Cufa falfalaa beekaatiin natti koottaa.”

Isaanis ni jedhan: “Nuti Rabbi irratti hirkannee jirra. Yaa Gooftaa keenya! Ummata miidhaa raawwattootaaf sababaa jallinnaa nu hin taasisin.

Muusaan ni jedhe: “Gooftaa keenya! Ati Fir’awnaafi qondaalota isaatiif jireenya addunyaa keessatti miidhaginaafi qabeenyaalee kennitee jirta, (yaa) Gooftaa keenya! Karaa kee irraa akka (namoota) jallisaniif jecha (namaan jallisuuf ittigargaaraman). Gooftaa keenya! Qabeenya isaanii mancaasi; onneewwan isaanii irratti jabeesi. Isaan hanga adabbii laalessaa arganitti hin amanan.”

(Rabbiin) (muusaafii haaruuniin) ni jedhe: “Dhugumatti, kadhaan keessan lamaanii qeebalamtee jirti, Karaa qajeelaa irratti gadi dhaabbadhaa; karaa warra hin beeknee hin hordofinaa.”

(Yaa fir'oowna) Sila odoo duraan dilooytee, balleessitoota irraa taatee jirtuu amma (amantaa)?! (iimaanni kee yeroon isaa dabartee fudhatama hinqabu)

Har’a qaama keetiin (reeffa kee) akka ati namoota si boodaatiif mallattoo taatuuf si baafna. Dhugumatti, hedduun namoota irraa ta’an mallattoolee keenya irraa dagatoodha.

Nuti dhugumatti, Ilmaan Israa’iil iddoo dhugaa (kabajamaa) (Shaamiifi Misraan keessa) isaan qubachiifnee jirra. Wantoota gaggaarii (halaal) irraas hiree isaanif kenninee jirra. Hanga beekumsi (qur'aanni) isaanitti dhufutti wal hin dhabne. Gooftaan kee guyyaa Qiyaamaa gidduu isaaniitti ni murteessa, waan isaan keessatti wal dhabaa turan keessatti.[14]

Sila magaalaan (erga adabbii Rabbii argitee) amantee ergasii iimaanni ishee ishee fayyade ummata Yuunus malee maaliif hin jiraatini? (Hin jirtu jechuu dha). Isaan amannaan jireenya addunyaa keessatti adabbii salphisaa isaan irraa saaqne, hanga yeroo murtaa’eetti isaan qanansiifne.

Gooftaan kee odoo fedhee namni dachii keessa jiru hundi isaanii marti ni amana ture. Sila ati hanga isaan mu’uminoota ta’anitti namoota dirqisiiftaa? (lakki hindandeessu dirqamaan nama amansiisuu).

“Mee wantoota samiileefi dachii keessa jiran (hunda) ilaalaa” jedhi. keyyattooleefi akeekkachiiftonni namoota hin amanne irraa homaa hin deebisanu. [16]

“Fuula kee qajeelchi (amantii dharaarraa dabuudhaan) amantii (haqaatti) gara galchi; mushrikoota irraa hin ta’in” (naanjedhame).