عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Calamity [Al-Qaria] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The Calamity [Al-Qaria] Ayah 11 Location Maccah Number 101

Qalbii rukuttuun (Qiyaamaan). [1]

Qalbii rukuttuun maali? [2]

Qalbii rukuttuun maal akka taate maaltu si beeksise?

(Guyyaa) gaarreen (haffalatuufii sossohuu keessatti) akka jirbii iddamee (qaasasame) taatu.

Namni madaalli (hojii) (toltuu) isaa ulfaatte,[3]

Inni (jannata seenee) jireenya jaalatamtuu keessa ta'a.

Namni madaalli (hojii) isaa (toituun) salphatte immoo,

Qubannoonni isaa (guyyaa qiyaamaa ibidda) “Haawiyaa”dha.

Isheen (Haawiyaan) maal akka taate maaltu si beeksise?

(Isheen) ibidda (haalaan owwituu) gubduudha.