عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The night journey [Al-Isra] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The night journey [Al-Isra] Ayah 111 Location Maccah Number 17

(Yaa) sanyii namoota Nuuh wajjin (doonii) yaabbachiifne! inni gabricha galatoomfataa ture.

Gara Ilmaan Israa’iil kitaaba (tawraat) keessatti beeksisa goonee jirra “dhugumatti isin dachii keessatti yeroo lama badii dalagdu; of tuulummaa guddaa of tuuluuf jirtu” (jechuun).

Isaan lamaan irraa waadaan jalqabaa yeroo dhufe, gabroota Nuuf ta’an kan lolatti cimaa isin irratti ergine. Isaan manneen (ganda) keessa ni deddeebi’an (nisakatta'an). (Waadichis) waadaa raawwatamaa ta’eera

Yoo toltuu hojjattan lubbuulema keessaniif toltuu hojjattu. Yoo hamtuu hojjattan isimarratti. Yeroo waadaan lamaffaa dhufe (adawwii isinitti bobbaafne), akka fuuleen keessan hammeessan, akka masjiidicha (Aqsaa) akkuma yeroo duraa isa seenanitti seenaniifi, akka waan irratti injifatan barbadeessuu barbadeessan (isin irratti ergina).

Gooftaan keessan rahmata isiniif gochuun ni kajeelama. Yoo isin (badiitti) deebitan, Nutis (isin adabuutti) ni deebina. Jahannamiin kaafirootaaf mana hidhaa taasifnee jirra.

Yeroo magaalaa takka balleessuu feene, namoota qanani’oo ishee (akka Rabbiin sodaatan) ajajna. Isaan ishee keessatti ajaja Rabbii didu; kanaaf jechi (adabaa) isaan irratti mirkanaa’a. Ishee barbadeessuu barbadeessine.

Rabbii wajjin gabbaramaa biraa hin taasisin; (yoo waliin gabbarte) balaaleffatamaa, salphataa taatee teessa.

Isaaniif koola (qoochoo) xiqqeenyaa rahmatarraa kantahe isaaniif gadi qabi. “Gooftaa kiyya! Akkuma isaan anaa xiqqaa ta’ee (rahmata naagodhanii) na guddisan Atis rahmata isaaniif godhi” jedhi.

Gooftaan keessan waan lubbuulee keessan keessa jiru beeka. Yoo namoota gaggaarii taatan Inni warra akkaan gara Isaatti deebi’aniif araaramaa ta’eera.

Sagaagalummaatti hin dhihaatinaa. inni (hojii) fokkataa ta’ee jira, waa hammaatee karaa tahuun isaa. [4]

Sila Gooftaan keessan isiniif ilmaan dhiiraa fileeti ofiif maleeykota irraa ilmaan dubaraa godhatee? isin jecha (badii) ulfaataa jettu.(Rabbiin kanarraa qulqullaaye).

Dhugumatti, Nuti Qur’aana kana keessatti akka (isaan) gorfamaniif (gorsa) ifa goonee jirra. Dheefa malee homaa isaaniif hin dabalu.

Jedhi: “Odoo akka isaan (kijibaan) jedhan Isa waliin gabbaramtoonni biraa jiraatanii, silaa gara abbaa Arshiitti karaa barbaaddatu turan”.

Inni (Rabbiin) waan isaan jedhan irraa qulqulluufi ol ta’iinsa guddaas ol ta'eera.

Nuti waan isaan isa dhageeffataniif ni beekna. yeroo isaan gara kee dhaggeeffatan, yeroo isaan maqoo (iccitii) hasaasan, yeroo miidhaa raawwattoonni jedhan “namticha sihriin tuqame malee waan biraa hin hordoftanu”(nibeeyna).

Fakkeenya akkamii akka siif taasisan ilaali. Isaan jallatanii jiru; karaa (sirrii argachuus) hin danda’anu.

(Yaa Muhammad!) jedhiin: “ (yoo dandeessan) Dhagaa yookiin sibiila ta’aa.

Yookiin uumama qomoowwan keessan keessatti (kaafamuun) guddatus ta’aa. (kaafamuun keessan hin hafu)". Ergasiis “Eenyutu (du'a booda jirutti) nu deebisa” jedhu“. Isa yeroo jalqabaa isin uumeedha” jedhi. Mataa isaanii sitti raasuuf jiru, Ni jedhus: “Inni sun (kaafamiinsi) yoomi ree?” “Dhihoo ta’uun mirkanaa’aadha” jedhiin.

Guyyaa Inni isin waamnaan, isin Isa faarsaa owwaattan. yeroo gabaabaa malee turuu dhabuu yaaddan (Rabbiin isin kaasee isin deebisa).

Gooftaan keessan akkaan isin beekaadha. Yoo fedhe rahmata isiniif godha; yookiin yoo fedhe isin adaba. Nuti isaan irratti itti gaafatamaa goonee si hin ergine. (ati itti geessuu qofaatu sirra jira).

Jedhiin “Warra Isa (Rabbii) gaditti (gabbaramaadha) jettan san waammadhaa. (Isaan) miidhaa isin irraa fuudhuus ta’ee (isinirraa gara nama birootti) naannessuu hin danda’an”.

Warri isaan yaammatan (malaykotaafii kanneen biroos) sun gara Rabbii isaaniitti dhiheenya barbaadu. eenyuu isaaniitu gara Rabbiitti irra dhihaataadhaan. Rahmata isaas ni kajeelu. adabbii isaa ni sodaatu. Dhugumatti, adabbiin Rabbii keetii sodaatamaa ta’ee jira. [9]

Yeroo “Gooftaan kee ilma namaatti marseera (hundinu qabaa isaa jala jira)” siin jenne (yaadadhu). Arginsa kee ishee (halkan Israa’aafii mi'iraajaa) si argisiifne san, namoota ittiin mokkoruuf qofa malee waan biraatiif hin goone. Mukattii Qur’aana keessatti abaaramtes (mokkoroof malee hin goone). Nuti isaan sodaachifna; inni jallinna guddaa malee waan biraa isaaniif hin dabalu. [10]

Yeroo maleeykotaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jenne (yaadadhu). Ibliis malee isaan sujuuda godhan. Inni (Ibliis) “sila ani nama Ati dhoqqee (biyyee) irraa uumteefin sujuuda godhaa?” jedhe (dide).

(Rabbiin) ni jedhe: “Deemi! Namni isaan irraa si hordofe dhugumatti, jahannam galata keessan galata guutamaa tateedha.

Dhugumatti, gabroota kiyya, isaan irratti aangoon siif hin jiru. Hirkoo ta’uuf Rabbiin kee ga’aadha.

Gooftaan keessan Isa doonii galaana keessa isiniif deemsisuudha. akka tola Isaa irraa barbaaddattaniif, Dhugumatti, Inni isiniif rahmata godhaa ta’eera.

Sila sodaa dhabdanii? (Rabbiin) cinaa dachii goggoyduu isiniin gadicichisiisuu, yookiin bubbee cirrachaa isin irratti erguu, ergasii isiniif hirkoo hin argattan.

Moo sodaa dhabdanii yeroo biraa isa (galaana) keessatti isin deebisee, qilleensarraa hobonboleettii isinitti ergee, bishaaniin isin dhidhimsiisuu sababa isin kafartaniif. ergasii isaan (adaba sanaan) isiniif Nu irratti hordofaa argachuu dhabuu keessan (hin sodaattanuu?)

Guyyaa nama hunda imaamota isaaniitiin waamnu (yaadadhaa). Namni galmeen (kitaabni) isaa mirga isaatiin kennameef, (sun warra jannataati) warri sun kitaaba isaanii ni dubbisu; hanga qajjiisa (baqaqaa firii timiraa keessaa)llee hin miidhamanu.

Namni (addunyaa) tana keessatti (dhugaa fudhachuu didee) jaamaa (qalbii) ta’e, inni aakhiraa keessattis jaamaadha; karaadhaanis irra jallataadha. [12]

Isaan waan Nuti gara keetti wahyii goone (qur'aana) irraa si jallisuutti dhiyaatanii turan. akka ati soba isa malee ta’e Nu irratti sobduuf jecha. yoggus jaalallee si taasifatu ture.

yoggas Nuti (adabbii) dachaa kan jireenyaatiifi (kan adduniyaatiifii) (adabbii) dachaa du’aa (kan aakhiraa) si dhandhamsiifna ture. Ergasii ati Nurraa tumsaa hin argattu.

Karaa ergamtoota keenya kan sidura erginee (karaa siif goone). Karaa keenyaaf jijjiirama hin argitu (gadi dhaabbataadha).

Aduun dabuu irraa hanga dukkana halkaniitti salaata (ulaagaa ishee guutii) gadi dhaabi. qur'aana (Salaata fajriis) (sagadi). qur'aanni (Salaanni) fajrii (maleykaadhaan) dhufamaa ta’eera. [13]

Halkan irraa isaan (Qur’aanaan) haala (salaata) dabalataa siif taateen sagadi. Gooftaan kee iddoo faarfamaa ta’e si dhaabuun mirkanaa’aadha.

Jedhis: “(yaa) Gooftaa kiyya! Seensa gaarii (jaalala keetirratti taate) naseensisi, Ba’iinsa gaariis (jaalala keetirratti taate) na baasi, Si biraa ragaa na gargaaru naaf taasisi.

Yeroo ilma namaa ni’imaa keenyaan qanansiifne, garagaleeti cinaa isaatiin (dhugaa) irraa fagaata. Yeroo hamtuun isa tuqe abdii murataa ta’a.

Garuu rahmata Gooftaa kee irraa ta’eef (isa eegne), tolli Isaa si irratti guddaa ta’eera.

Yookiin (hanga) oyruu muka timiraatiifi Inabaa irraa siif taatutti, ergasii isa keessa laggeen yaasiinsa yaaftutti (hin amannu).

Yookiin (hanga) akka jettetti cittuu samii irraa taate nu irratti buuftutti, yookiin (hanga) Rabbiifi maleeykota fuuldura keenya fiddutti (hin amannu).

Yookiin (hanga) manni faaya warqee irraa ta’e siif ta’utti yookiin (hanga) samii keessa ol korttutti; ol ba’iinsa keettis hanga kitaaba dubbifnu nurratti buuftutti hin amannu”. (jedhu)“Gooftaan kiyya qulqullaayee jira. Sila ani nama ergamaa (Rabbii) ta’ee ergame malee waan biraa nintahee?” jedhi.

Jedhi “Odoo dachii keessa maleykonni tasgabbaa’anii deeman kan jiraatan ta’ee, silaa maleykaa samii irraa ergamaa taasifnee isaan irratti buufna turre” (jedhi).

Jedhi: “odoo isin dilbii rahmata Gooftaa kiyyaa dhuunfattanii, yoggus silaa dhumuu sodaaf (of biratti) qabattu (doynoomtu) qorqoddu) turtan.” Ilmi namaa akkaan don’a ta’eera.

(Muusaanis) ni jedhe: “Ati dhugumatti isaan kana (aayatoowwan kana) haala ragaa ifa ba’aa ta’aniin Gooftaa samiileefii dachii malee homtuu hin buusin sirritti beektee jirta. Ani yaa Fir’awn! ati halaakamaa ta’uun si yaada.”

(fir'owna) Dachii (Misraa) irraa isaan baasuu fedhe. Isaafi namoota isa waliin turan hunda bishaan isaan nyaachifne.

Nutis isa booda ilmaan Israa’iiliin ni jenne: “dachii (shaam) keessa jiraadhaa. Yeroo beellamni boodaa (Qiyaamaan) dhufe, haala walitti qabamoo taataniin hunda keessaniin dhufna [17]

Nuti dhugaan isa (Qur’aana) (Nabi Muhammadirratti) buufne; innis dhugaan bu’e. Gammachiisaafi sodaachisaa goonee malee Nuti si hin ergine.

Jedhi: “Isatti amanaa yookiinis hin amaninaa; dhugumatti, isaan isa dura beekumsa kennaman, yeroo inni (Qur'aanni) isaan irratti dubbifame (Rabbiin galatoomfachuuf) fuula isaaniitiin sujuuda gadikufu (bu’u).”

Ni jedhu (sujuuda isaanii keessatti): “Gooftaan keenya qulqullaa’eera. Dhugumatti, waadaan Gooftaa keenyaa raawwatamaadha.”

Fuula isaanii irratti (sodaa Rabbiirraa) booyaa sujuuda bu’u. Innis sodaa isaaniif dabala. [18]

Jedhi: “Allaah kadhaa yookiin Rahmaaniin kadhaa; kamiinuu yoo kadhattan Isaaf maqoota babbareedaa ta’antu jira. Salaata kee keessatti (baay’ee) sagalee kee ol hin fuudhin; (baay’ee) gadis hin qabatin. Giddu (lamaan) sanitti karaa barbaadadhu. [19]