The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Cow [Al-Baqara] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Cow [Al-Baqara] Ayah 286 Location Madanah Number 2
Alif, Laam, Miim [1]
Kitaabni kuni (qur'aannii) [Rabbiin biraa ta’uu isaa keessatti] shakkiin isa keessa hin jiru; warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama.
Isaannan "Ghaybitti" (wantoota fagootti) amanan, kan salaata gadidhaabaniifi waan Nuti isaaniif arjoomne irraa kennataniidha.[2]
Ammas isaan warra waan gara keetti buufameefi (Qur'aana)fii waan si dura buufametti (kitaaba nabiyyoota siin duraa)tti amananiifi isaan Aakhiraa dhugoomsaniidha.
isaan sun qajeelloo Rabbii isaanii biraa ta’e irra jiru. Ammas isaan sun isaanumatu milkaawoodha.[3]
Dhugumatti, isaannan kafaran isaan akeekkachiiftes isaan akeekkachiisuu baattes [lamaanuu] isaan irratti wal qixa; hin amanan.[4]
Rabbiin onneewwan isaaniirrattiifi dhageettuu (gurra) isaanii irratti cufe; agartuulee (ija) isaanii irras haguuggiitu jira. Isaaniif azaaba guddaatu jira. [5]
Namoota irraa nama "Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanne" jedhutu jira. ammoo isaan warra amanee miti. [6]
Rabbiifi warra amanan ganan (gowwoomsan) (isaanitti fakkaata); garuu lubbuulee isaanii malee homaa hin gowwoomsan. ammoo hinbeekan.
Onneewwan isaanii keessa dhukkuba (shakkiifi nifaaqaatu) jira. Rabbiinis dhukkuba isaaniif dabale. azaaba laalessaa ta’etu isaaniif jira Waan kijibaa turaniif jecha.
Yeroo "Dachii keessatti badii hin hojjatinaa" isaaniin jedhame "nuti warra tolchu qofa" jedhan. [7]
Dhagayaa! isaan isaanumatu warra badiiti. Garuu (haala gadhee isaanii kana) hin beekanu.
Yeroo "akka namoonni (sahaabaan nabi muhammad s.a.w.) amananitti amanaa" isaaniin jedhame "sila nuti akka gowwaaleen amananitti amannaa?" jedhu. Dhagayaa! dhugumatti isaan isaanumatu gowwoota Garuu isaan hin beekan.
Yeroo warra amanan qunnaman "nuti amanneerra" jedhu. Yeroo sheyxaanota (hoggantoota) isaanii waliin kophaa ba’an immoo " nuti isin waliin jirra; dhugumatti nuti isaanitti qishnuma (qoosaa) godhuuf (akkas goone)" jedhu.
Rabbiin (galata qishnaa isaaniitiif) isaanitti qishnaa godha; jallina isaanii keessatti isaan dhiisa odoo isaan dhama’anii .
Isaan warra jallina qajeelumaan bitataniidha. (kufrii qabatanii iimana didan) Daldalli isaaniis bu’aa hinbuufne. Isaan warra qajeelan hin turre.
Fakkeenyi isaanii akka fakkii isa ibidda qabsiifatee, yeroma isheen waan naannoo isaa ibsitu Rabbiin ifaa isaanii adeemsisee (dhaamse) dukkana keessatti haala hin argineen isaan dhiiseeti. [8]
(Isaan) duudaa (haqa hindhageenye), arraba qabamoo (haqa hindubbanne)fi ballaa (haqa hin agarre)dha. Kanaafuu (gara karaa qajeelaa as) hin deebi’an.
Yookiin (fakkiin isaanii) akka rooba cimaa samii irraa ta’ee kan isa keessa dukkanoonni, mandiisuufi hangaasuun jirtu, (sodaa sagalee) bakakkaa irraa quba gurra isaanii keessa kaayatu, du'a sodaaf. Rabbiin kaafirootatti marsaadha.
hangaasuun ijoowwan isaanii butuutti (jaamsutti) dhiyaata. Dhawaata isaaniif ifuun isa keessa deemu, Yeroo isaan irratti dukkanaaye immoo ni dhaabatu. Rabbiin odoo fedhee dhageettiifi agartuu isaanii ni deemsisa ture. (gurra isaan duuchee ija isaan jaamsa ture). Dhugumatti Rabbiin waan hunda irratti dandayaadha.
Isin Yaa ilmaan namaa! gooftaa keessan isa isiniifi warra isiniin duraa uume qofa gabbaraa! Akka (Rabbiin) sodaattaniif jecha.
(Rabbiin) Isa dachii afata, samii immoo ijaarsa (gubbaa) isiniif taasisee, kan samii irraa bishaan buusee (roobse), ergasii isaan fuduraa irraa soorata isiniif baaseedha (magarseedha). odoo (kan gabbaramuun malu Rabbiin qofa ta’uu) beektanuu Rabbiif shariikota hin godhinaa.
Yoo waan Nuti gabricha keenya (muhammad) irratti buufne (Qur’aana) irraa shakkii keessatti taatan, suuraa akka isaa (tokko) fidaatii ragoota (gargaartota) keessan kan Rabbiin malee jiranis waamadhaa. (walgargaaraa suuraa tokko fidaa) yoo kan dhugaa dubbattan taatan.
Yoo (amma) hin dalagin (suura tokko hinfidin); fuuldurattis hin dalagdanu; kanaafuu ibidda qabsiisaan ishee namaafi dhagaaggee tahe sodaadhaa, isiin kaafirootaaf qopheeffamte.
warreen amananii, gaggaarii hojjatan, jannatoonni laggeen jala ishee yaatu isaaniif jira jechuun (isaan) gammachiisi. Dhawaatuma firii ishee irraa sooramaniin "kun soorata kana dura sooramneedha" jedhu. Wal fakkaataa ta'ee isaaniif kenname. Isaaniif ishee keessa jaartiiwwan qulqulleeffaman (huural ayniin) jiru. Isaan ishee keessatti zalaalam jiraatoodha.
Dhugumatti Rabbiin bookees taatee waan ishee irra guddaa (yookiin xiqqaa) fakkeenya taasisuu hin saalfatu. Warri amanan akka inni dhugaa Gooftaa isaaniirraa ta’e ni beeku. Isaan kafaran immoo "Rabbiin fakkeenya kanatti maal fedhe?" jedhu. [Rabbiin] kanaan (namoota) baay’ee jallisa, (namoota) baay’ees qajeelcha. Finciltoota malees (kan biraa) ittiin hin jallisu. [9]
(Isaan) warra waadaa Rabbii erga kakuun jabeessanii booda diiganii, waan (firummaa) Rabbiin maxxanfamuu isaatti ajaje muranii, dachii keessatti badii dalagan. Warri sun hoongawoon isaanuma.
Sila akkamitti Rabbitti kafartan? ka isinii du’oo turtan isin jiraachisee, ergasii isin ajjeesee, ergasii isin jiraachisu. ergasii gara Isaatti kan deebifamtan.[10]
Inni (Rabbiin) Isa waan dachii keessa jiru hunda isiniif uumee, ergasii gara samii (uumuu) qassade, samii torba isaan taasisee (uumeedha). Inni waan hunda akkaan beekaadha.
Yeroo Gooftaan kee malaa’ikootaan "Ani (ilmaan namaa) dachii keessatti bakka bu’aa (khaliifaa) taasisuufan jira" jedhe (yaadadhu). Isaanis ni jedhan: "Sila warra ishee (dachii) keessatti badii dalagan, kan dhiiga (walii) dhangalaasan ishee keessatti (bakka bu'aa) taasiftaa?" odoo nuti galata keetiin si faarsinuufi si qulqulleessinuu". (Innis) ni jedhe: "Ani waan isin hinbeeynen beeka."
Aadamiin maqoota hundaa isii isa barsiise. Ergasii malaa’ikoota irra isaan fideetiin "yoo kan dhugaa dubbattan taataniif maqoota wantoota kanneenii naaf odeessaa” jedhe [11]
(Malaaykoonnis) ni jedhan: "Ati qulqulloofte. Nu beekumsi hintaane waan Ati nu barsiifte malee; dhugumatti,Ati Simatu akkaan beekaa ogeessa." [12]
[Rabbiin] ni jedhe: "Yaa Aadam! maqoota isaanii (wantootaa) isaanitti (malaykotatti) himi." Yeroma inni maqoota isaanii isaanitti himu (Rabbiin) ni jedhe: "Sila Ani ninbeeka wantoota fagoo samiileefi dachii keessaa; ammas Ani ninbeeka waan isin mul'iftaniifi waan isin dhoksaa turtanis’ isiniin hin jennee?"
Yeroo Nuti malaa’ikootaan "Aadamiif sujuuda godhaa" jenne (yaadadhu). Ibliis malee Isaan sujuuda godhan; (Inni) ni dide; ni boones, Kaafiroota irraa ta’e. [13]
Ni jenne: "Yaa Aadam! Atiifi haati manaa tee (hawwaa'i) jannata keessa jiraadhaa. Ishee irraa bal'oo haala taateen iddoo feetanii nyaadhaa. Mukattii tanatti immoo hin dhiyaatinaa, Yoos miidhaa hojjattoota irraa taatan."
Shayxaannis ishee (jannata) irraa isaan mucucaachise.[14] Waan isaan isa keessa turan irraas isaan baase. Nutis ni jenne: "gariin keessan gariif diina ta’aa gadi bu’aa. Isiniifi dachii keessa iddoo qubannootaafii qananii hanga yeroo murtaa’eetu jira."
Aadam Gooftaa isaa irraa jechoota fudhatee, [15] sana booda [Rabbiin] dhiifama isaaf godhe. Inni (Rabbiin) Isatu akkaan tawbaa qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha.
Nuti ni jenne: "Hundi keessanuu ishee (jannata) irraa gadi bu’aa. Ergasii yoo Anarraa qajeelfamni isiniif dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanis." [16]
Warri kafaranii aayatoota keenya kijibsiisan, isaan sun warra ibiddaati, Isaan ishee keessatti hafoodha.
Yaa Ilmaan Israa’iil qananii tiyya tan Ani ittiin isin qanansiise yaadadhaa. Waadaa kiyya guutaa; Anis waadaa keessan nin guuta. Ana qofa sodaadhaa! [17]
Waan Ani buuse kan mirkaneessaa waan isin bira jiruu (Tawraatiifi Injiil) ta’etti amanaa. Jalqaba warra isatti kafaruu hin ta’inaa. aayatoota kiyyaan maallaqa xiqqaa hin bitatinaa. Ana qofa sodaadhaa.[18]
Dhugaa sobaan {walitti} hin makinaa; osoo beeytanuu haqa hin dhoksinaas.
Salaata seeraan salaataa; zakaas kennaa; warra rukuu’a godhan wajjinis rukuu’a godhaa. (warra salaatuun wajji salaata jamaa'aa salaataa).
Sila gaariitti nama ajajaa lubbuulee teessan dagattanii! odoo isin kitaaba (tawraat) dubbiftanii. hin xiinxaltanii! [19]
(Amrii teessan hundarratti) Obsaafi salaataan gargaarsifadhaa. Dhugumatti, isheen warra Rabbiin sodaatan irratti malee ulfaattuudha.
(Isaan) warra Gooftaa isaanii qunnamuufi gara Isaatti deebi’uu mirkaneeffataniidha.
Yaa Ilmaan Israa’iil! qananii tiyya tan Ani isiniin qananiise yaadadhaa. ani aalamarra isin caalchiseera. [20]
Guyyaa (qiyaamaa kan) lubbuun (takka) lubbuu (biraa) homaa hin fayyadne san sodaadhaa. kan jaarsummaan (araarri) ishee irraa hin fudhatamneefi gumaanis ishee irraa hin fuudhamne, kan isaanis hin tumsamne (san sodaadhaa).
Ammas yeroo Nuti ummata fir’awna jalaa nagaya isin baafne san (yaadadhaa). kan azaaba hamaa isin dhandhamsiisaa turan, kan ilmaan dhiiraa keessan gorra’an, kan dubara keessan dhiisan. San keessa balaa guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira. [21]
Yeroo bahra isiniif addaan baqaysine, ergasii nagaya isin baafnee, ummata fir’awnaa odoo isin argitan bishaaniin dhidhimsiifne sanis (yaadadhaa). [22]
Yeroo Muusaaf halkan afurtama beellamne (yaadadhaa). Ergasii isin isa boodaa jibicha (gabbaramaa) taasifattanii warra of miidhe taatan. [23]
Ergasii sana booda (isin tawbannaan) dhiifama isiniif goone akka isin (Rabbi) galateeffataniif jecha .
Yeroo Muusaaf kitaaba (Tawraatii)fi seera adda babaasaa dhugaafi kijibaa akka isin qajeeltaniif jecha kennines (yaadadhaa).
Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhes (yaadadhaa) "yaa ummata kiyya! isin jibicha (gabbaramaa) taasifachuun lubbuulee teessan miitanii jirtan. Kanaaf gara (Rabbii) isin uumeetti deebi’aa, Lubbuulee teessan ajjeesaa, santu (Rabbii) Uumaa keessan biratti isiniif caala". Ergasii (Rabbiin) dhiifama isinii godhe (tawbaa keessan qeebale) Inni akkaan tawbaa qeebalaa akkaan rahmata godhaadha.
Yeroo isin "yaa Muusaa! nuti hanga Rabbiin ifatti (ijaan) arginutti siif hin amannu" jettanii odoo isin argitanuu duuti isin qabattes (yaadadhaa). [24]
Ergasii du’a keessan booda isin kaafne akka isin (Rabbi) galateeffattaniif jecha.
Duumessa isin irratti gaaddiseessine. Manniifi (waan akka dayma adii) Salwaas (simbira xixiqqoo) isin irratti buufne, "Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa" (isiniin jenne) Isaanis homaa nu hin miine; garuu lubbuulee isaanii kan miidhan turan
Yeroo Nuti (isaaniin) jenne (yaadadhaa). "magaalattii tana (beytal maqdas) seenaa; ishee irraas iddoo feetanii (nyaata) bal’aa nyaadhaa, Balbalicha sujuudaa seenaa "(Kadhaan keenyas badiin) nurraa harca'uudha" jedhaa, badii keessan isiniif araaramna, Warra toltuu hojjataniif (mindaa) dabaluuf jirra.
Warri miidhaa hojjatan (jecha isaaniin jedhame) jecha isaaniin hin jedhaminitti jijjiiran. warra miidhaa hojjatan irratti azaaba samii irraa ta'e buufne, Waan isaan fincilaa turaniif jecha. [25]
Yeroo Muusaan ummata isaatiif dhugaatii (bishaan) barbaade "ulee teetiin dhagicha dhayi" jenneen, (yaadadhaa). (innis nidhayee) achumaan madditi kudha lama isarraa maddite. Namoonni hundi iddoo irraa dhugan beekanii jiru "hiree Rabbii irraa nyaadhaa, dhugaa; Dachii keessas badii hojjachaa hindeeminaa" (jenneen).
Yeroo (jettan) "Yaa Muusaa! nuti nyaata tokko irratti hin obsinuu, Gooftaa kee nuuf kadhu akka waan dachiin magarsitu irraa, kudraa ishee irraa, baaqula ishee irraas, qamadii ishee irraas, misira ishee irraas, shunkurtii ishee irraas nuuf magarsu " jettanis (yaadadhaa). (Muusaan) ni jedhe: "Sila isin isa gadi aanaa ta’etti isa caalaa ta’e jijjiirrattanii? Gara magaalaa gadi bu’aa; wanti gaafattan isiniif jira." Salphinaafi hiyyummaan isaan irratti haguugamtee, dallansuu Rabbi irraa ta’een deebi’an, Kun waan isaan aayatoota Rabbiitti kafaraa, nabiyyootas haqaan malee ajjeesaa turaniifi. Kun waan isaan fincilaniifi, waan daangaa dabraa turaniif.
Warri amanan, isaan yahuudoman, kiristaanonniifi saabi’oonni (isaan warra maleeykaa yookaa urjii gabbaru) (isaan irraa) namni Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanee toltuus hojjate, isaaniif mindaan Gooftaa isaanii biratti tahee jira. Sodaanis isaan irra hin jiru; Isaanis hin gaddan.
(Yaa ilmaan Israa’iil!) Yeroo Nuti waadaa keessan qabanneefi (gaara) Xuuris isin gubbaatti ol kaafnee "waan Nuti isiniif kennine cimsaa qabadhaa, waan isa keessa jirus yaadadhaa Akka Rabbiin sodaattaniif’ isiniin jenne san (yaadadhaa).
Ergasii sana booda gara galtan, Odoo tolli Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, silaa isin warra hoongaye irraa taatan.
Dhugumatti isin warra isin irraa (waayee guyyaa) Sanbataa keessatti daangaa dabran beektanii jirtu, "isin jaldeeyyii salphattoota tahaa" isaaniin jenne. [26]
Nuti isii (ganda san) warra isii duraatiifi isii boodaatiif jiilchaa goone. warra Rabbiin sodaataniif immoo gorsa (taasifne).
Yeroo Muusaan ummata isaatiin "Rabbiin sa’a gorrautti isin ajaja" jedhe (yaadadhaa), (Ummanni isaas) "sila ati qishnaa nu godhattaa?" jedhan. (Muusaanis) "ani warra wallaaloo (namatti qoosan) irraa ta’uu irraa Rabbittin maganfadha" jedhe.
(Ummanni isaa) "isheen maal akka taate haa nuuf ibsuu Gooftaa kee nuuf gaafadhu" jedhaniin, (Muusaan) ni jedhe: "Inni (Rabbiin) ‘isheen sa’a hin dulloomin, tan jabbiis hin ta’in giddu gala taate’ jedha, Waan ajajamtan dalagaa." [27]
(Ummanni isaas) " Gooftaa kee nuuf gaafadhu bifa ishee akkam akka tahe nuuf haa ibsuu" jedhan, (Muusaan) "Inni (Rabbiin) ‘isheen sa’a daalattii, bifti ishee akkaan daalattii daaw’attoota gammachiiftuudha' jedha" jedheen.
(Ummanni isaas) “ Gooftaa kee nuuf gaafadhu maalummaa ishee haa nuu ibsuu, sa’oonni nurratti wal fakkaataniiru; Nuti yoo Rabbiin fedhe qajeeluuf jirra" jedhan.
(Muusaan) ni jedhe: "Inni (Rabbiin) ‘isheen sa’a dachii qotuufi oorruu (bishaan) obaasuu irratti hin leenjifamin, kan (hirdhuu qaamaa irraa) nagaa taateefi bifti makaan ishee keessa hin jirreedha’ jedha." (Ummanni isaas) "amma dhugaa fiddee jirta" jedhan. ishee nigorra'an Kan hojjachuuttis hin dhihaanne ta’anii turan.
Yeroo lubbuu ajjeeftanii (waa’ee) ishee keessatti wal falmitan (yaadadhaa). Rabbiin waan isin dhoksaa turtan ifa baasaadha.
"Garii (qaama) isheetiin isa (reeffa isaa) dhawaa" jenne, akka kanatti Rabbiin du’aa jiraachisee mallattoolee Isaas isinitti agarsiisa Akka isin xiinxaltaniif jecha. [28]
Ergasii san booda onneewwan keessan ni gogde, Isheen (gogiinsa keessatti) akka dhagaati; yookiin goginaan ni caalti, Dhugumatti dhagoota irraa kan laggeen isarraa maddantu jiru, ishee (dhagoota) irraa kan dhodhooyee bishaan isa irraa ba’us ni jira, Ammas isaan irraa kan sodaa Rabbii irraa ka'ee gadi kufutu jira (gaara gubbaa ka'ee hallayyatti gadi konkolaatu jira), Rabbiin waan isin dalagdan irraa dagataa miti.
(Yaa mu'imintoota) Sila! isiniif amanuu kajeeltuu? kan gareen isaan (Yahuudaa) irraa ta’e haasa’a Rabbii dhaga’anii eega hubatanii booda odoo beekanuu jijjiiran jiranuu [29].
Yeroo warra amanan qunnaman "nuti amannee jirra" jedhan,Yeroo gariin isaanii garii waliin kophaa ba'an, "sila waan Rabbiin isinrratti bane (beeksise) isaanitti odeessitanii akka Rabbii keessan biratti ittiin isin falmaniif! Sila hin xiinxaltanii!" jedhu.
Sila isaan akka Rabbiin waan isaan dhoksaniifi waan isaan mul'isan beeku hin beekanuu?
Isaan irraas wallaaltota hawwii sobaa malee kitaaba hin beeknetu jira. Isaan kan shakkan malee hintaane. [30]
badiin mirkanaa'e! warra kitaaba harkoowwan isaaniitiin katabanii, ergasii isaan "kun Rabbiin biraa tahe" jedhan gatii xiqqaa isaan bitachuuf jecha . Waan harkoowwan isaanii barreessiteef jecha badiin isaaniif haa ta’u! Ammas waan isaan carraaqqataniif jecha badiin isaaniif haa ta’u. [31]
"Ibiddi guyyaa lakkaa’amtuu (xiqqoo) malee nu hin tuuqxu" jedhan. jedhiin "Sila isin Rabbiin bira waadaa kaayattanii? (Yoo akkas ta’eef) Rabbiin waadaa isaa hin diigu; moo waan hin beekne Rabbi irratti dubbattan?".
(Dubbiin akka isin jettan) miti! Namni hamtuu hojjatee balleessan isaa isa marsite, isaan warra ibiddaati. Isaan ishee keessatti hafoodha (zalaalam jiraatoodha). [32]
Warri amananii, gaggaarii hojjatan isaan warra jannataati. isaan ishee keessatti hafanuudha (zalaalam jiraatoodha).
yeroo Nuti Ilmaan Israa’iil waadaa irraa fuune (yaadadhaa) "Rabbiin malee (waan biraa) hin gabbarinaa; abbaafi haadhaatti tola oolaa, firootaafis, yatiimotaafis, hiyyeeyyiifis (tola oolaa). namootattis toltuu haasa’aa; salaatas gadi dhaabaa; zakaas kennaa" (jenneen). Ergasii garagaltan nama muraasa isin irraa ta’e malee, uf duuba deebi’oo taatanii.
Yeroo Nuti waadaa keessan qabanne (yaadadhaa). "dhiigoowwan keessan wal hin dhangalaasinaa; lubbuulee teessan (namoota keessan) manneen keessan irraa hin baasinaa" (jechuun), ergasii isin ni mirkaneessitan ragaa bahoo taatanii.
Ergasii isin yaa jarana lubbuu keessan (wal) ajjeeftan. garee isin irraa ta’e manneen isaanii irraa baaftan; isaan irrattis badiifi diinummaan wal gargaartan. Yoo isaan booji’amtoota ta’anii isinitti dhufan immoo isaan bilisoomsitan. inni dhoowwaadha isinirratti isaan baasuun. Sila garii kitaabaatti amantanii gariitti kafartanii? galanni nama isin irraa kana hojjatuu jireenya addunyaa keessatti salphina malee hin taane. Guyyaa Qiyaamaa gara azaaba cimaa deebifamu. Rabbiin waan isin dalagdan irraa dagataa hin taane. [33]
Isaan warra jireenya addunyaa Aakhiraan bitataniidha. Kanaafuu azaabni isaan irraa hin salphifamu. Isaan hin gargaaramanus.
Dhugumatti Nuti Muusaaf kitaaba (tawraat) kenniineerra, Isa boodas ergamtoota walitti aansuun hordofsiifnee jirra, Iisaa ilma Maryamiifis mu'ijizaalee ifa ta’an kenninee jirra. "Ruuhul Qudsiin" (Jibriiliinis) isa jabeessinee jirra. Sila dhawaatuma ergamaan waan lubbuun teessan hin feeneen isinitti dhufuun boontani? garii kijibsiiftanii garii ajjeeftanii?.
وَقَالُواْ قُلُوبُنَا غُلۡفُۢۚ بَل لَّعَنَهُمُ ٱللَّهُ بِكُفۡرِهِمۡ فَقَلِيلٗا مَّا يُؤۡمِنُونَ [٨٨]
(Isaanis) "Onneewwan keenya cufamaadha" jedhan. dhugumatti sababa kufrii isaanii Rabbiin isaan abaare. waa xiqqoo amanan.
Yeroo kitaabni Rabbiin biraa ta’e (qur'aanni) kan waan isaanii wajjin jiru (Tawraatifi injiilin) dhugoomsu isaanitti dhufu, kan san dura akka warra kafaran irratti injifannoo argataniif (dhufaatii Nabi Muhammadiin SAW Rabbiin) kadhachaa turan. yeroo wanti isaan beekan isaanitti dhufu isatti kafaran. abaarsi Rabbii kaafiroota irra haa jiraatu.[34]
wanti isaan lubbuulee isaanii ittiin jijjiirratan waa fokkate, waan Rabbiin buusetti kafaruun, Rabbiin tola Isaa irraa gabroota Isaa gidduu nama fedhe irratti buusuu waanyuun (jibbuun) (kan kafaran), Kanaafuu dallansuu irratti dallansuudhaan deebi’an. Kaafirootaaf azaaba xiqqeessaatu jira.
Yeroo waan Rabbiin buusetti (qur'aanatti) amanaa isaaniin jedhame "nuti waan nurratti (nabiyyii keenya qofarratti) buufametti amanna" jedhu. Waan isa malee jiru itti kafaran, odoo inni dhugaa dhugoomsaa waan (kitaaba) isaaniin wajji jiruu ta’ee jiruu. (Yaa Muhammad! SAW) jedhiin: "Sila maaliif kanaan dura nabiyyoota Rabbii ajjeeftan? yoo dhugaan mu’uminoota taatan"
Dhugumatti Muusaan ragaawwan ifa ta’aniin isinitti dhufee jira. Ergasii isin lubbuu keessan miidhoo taatanii isa booda (bakka inni hin jirretti) mirgoo (gabbaramaa) godhattan.
Yeroo Nuti waadaa keessan qabannee (waadaa isin seensifnee) Gaara Xuurii isin gubbatti ol fuunee "Waan Nuti isiniif kennine ciminaan qabadhaa. (Jecha keenyas) dhagayaa" (jenne) (yaadadhaa). Ni jedhan: "Dhageenyee dinne." Onneewwan isaanii keessa sababaa kufrii isaanitiin (jaalala) jibicha (gabbaruu) obaafamanii jiru. jedhi "wanti iimaanni keessan itti isin ajaju waa fokkate" Yoo mu’uminoota taataniif.
Jedhi: "Yoo manni Aakhiraa (jannanni) Rabbiin biratti isin qofaaf namoota biraatiin ala kophatti taate, mee du’a hawwaa yoo dhugaa kan dubbattan taataniif ."
gonkumaa isa hin hawwanu waan (kufrirraa) harki isaanii ufdura dabarfatteef jecha, Rabbiin warra miidhaa dalagan akkaan beekaadha.
Nama hunda irra jireenyaaf bololaa ta’uu isaanii argita. Mushrikoota irraallee (jireenyaaf bololu). Tokkoon isaanii odoo waggaa kuma jiraachifamee jaalata, jiraachifamuun isaa kan azaabarraa isa hinfageessine ta’ee jira, Rabbiin waan isaan dalagan argaadha.
jedhi "Namni Jibriiliif diina ta’e, (dallansuu isaatiin haa du’u)”. inni (jibriil) fedha Rabbiitiin onnee kee irratti isa (Qur’aana) buuse. inni (qur'aanni) dhugoomsaa waan isa duraati. mu’uminootaaf qajeelchaafi gammachisaadha. [35]
Namni Rabbiif, malaa’ikootaaf, ergamtootaaf, Jibriiliifi Miikaa’iiliif diina ta’e (kaafira). Dhugumatti Rabbiin kaafirootaaf diina.
Nuti dhugumatti keeyyattoota ifa ta’an (kan ragaa ergamummaa keetii tahan) gara keetti buufnee jirra, Isaanitti kan kafaru finciltoota malee hin jiru.
أَوَكُلَّمَا عَٰهَدُواْ عَهۡدٗا نَّبَذَهُۥ فَرِيقٞ مِّنۡهُمۚ بَلۡ أَكۡثَرُهُمۡ لَا يُؤۡمِنُونَ [١٠٠]
Sila isaan dhawaata waadaa wahii seenaniin, gareen isaan irraa ta’e isa gataa (waadaa diigaa)? Dhugaatti irra hedduun isaanii hin amanan.
Yeroo ergamaan Rabbiin biraa dhugoomsaa waan isaan biraa ta’ee isaanitti dhufe, gareen warra kitaabni kennameef irraa ta’e akka waan hin beekiniitti kitaaba Rabbii dugda duuba isaaniitti of irraa darbu (kitaaba Rabbiirraa garagalan).
Waan shayxaanonni bara mootummaa Sulaymaan keessa qara’aa turan hordofan, Sulaymaan hin kafarre Garuu shayxaanonni nikafaran, sihrii nama barsiisan, waan malaa’ikoota lamaan Haaruutiifi Maaruut irratti Baabil keessatti buufames (nama barsiisan). Isaan (malaa’ikoonni) lamaan nama tokkos odoo "Nuti mokkoroof dhufnee hin kafarin" hin jedhin (sihrii) hin barsiisan. (Namoonnis malaa’ikoota) lamaan irraa waan ittiin dhirsaafi niitii addaan baasan baratu. Isaansun nama tokko hayyama Rabbiitin ala kan isasanin miidhan hin taane. Waan isaan miidhuu malee isaan hin fayyadne baratan. Dhugumatti, isaan (yahuudonni) akka warri isa (sihrii) bitate Aakhiratti qooda homaa hin qabaanne sirritti beekaniiru. wanti isaan lubbuulee isaanii itti gurguran waa fokkate! Odoo kan beekan ta’anii.[36]
Odoo isaan (Rabbitti) amananii Rabbiin sodaatanii, silaa mindaan isaan Rabbiin biraa argatan akkaan caalaa ture; odoo kan beekan ta’anii (silaa kan biraa hin filatanu).
Yaa warra amantan! (Ergamaa Rabbiitiin) "Raa’inaa" hin jedhinaatii "Unzurnaa" jedhaa; dhageeffadhaas. Kaafirootaaf azaaba laalessaa ta’etu jira [37]
warra kitaabaatiifii mushrikoota irraa warri kafaran Gooftaa keessan irraa toltuun isin irratti buufamuu hin jaalatan. Rabbiin rahmata Isaatiin (nabiyyummaa, wahyiifii iimaanaan) abbaa fedhe kophxeessa. Rabbiinis abbaa tola guddaati.
Wanta keeyyata irraa shaarre yookiin si irraanfachiifne caaltuu ishee yookiin fakkaattuu ishee finna. Sila ati Rabbiin waa hunda irratti danda’aa ta’uu hin beektuu? [38]
Sila ati hinbeektuu Rabbiin mootummaan samiileefii dachii isaaf tahuu? Rabbiin malee jaalalleefi gargaaraan tokkolleen isiniif hin jiru.
Moo isin (yaa mu'imintoota) ergamaa keessan (gaafii mormii) gaafachuu barbaaddanii, akka muusaan kana dura gaafatame? (Rabbiin ijaan nugarsiisi jedhaniinii). Namni kufrii iimaanaan jijjiirrate, dhugumatti karaa sirrii irraa jallateera.
Hedduun warra kitaabaa irraa ta’an erga amantanii booda kaafiroota taatanii ufduuba isin deebisuu (isin kafarsiisuu) jaalatu (hawwu). waanyoo lubbuu isaanii irraa kan ka'e eega dhugaan ifa isaanii galee booda. dhiifama godhaa, irra dabraa Hanga Rabbiin ajaja Isaa fidutti, Dhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha. [39]
Salaata gadi dhaabaa; zakaa kennaa,Toltuu irraa waan lubbuulee teessaniif (dursitanii) dabarfattan (kamillee) Rabbiin biratti (guyyaa qiyaamaa) isa argattu. Dhugumatti, Rabbiin waan isin hojjattan akkaan argaadha.
"Nama yahuudaa yookiin kiristaana ta’e malee jannata hin seenu” jedhan. Kun hawwii kijibaa isaaniiti. “Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif ragaa keessan fidaa" jedhi.[40]
(Dubbiin akka isin jettanii) miti; namni gaarii dalagaa fuula isaa Rabbiif kenne (islaamayee Rabbi gabbar) (hundi jannata seena) mindaan isaa Rabbii isaa biratti isaaf tahe, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus.
yahuudonni “kiristaanonni homaa irra (amantii sirrii ta’e hordofaa) hin jiranu” jette, Kiristaanonnis “yahuudonni homaa irra hin jiranu” jette, Oduma kitaaba qara’anuu, Akkuma san warri hin beekne fakkaataa jecha isaanii jedhan, Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan irratti gidduu isaaniitti murteessa.
Nama masjiidota Rabbii akka isii keessatti maqaan Rabbii hin faarfamne dhorgeefi onsuu isiitiif carraaqe caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? isaan haala sodatoo tahaniin malee isii (masjiidota Rabbii) seenuun isaaniif hin ta’hu. Isaaniif addunyaa keessatti salphinatu jira. Ammas isaaniif Aakhiratti azaaba guddaa ta’etu jira. [41]
Bahaafi Dhiitis kan Rabbiiti, eessallee yoo gara galtan Fuulli Rabbii achuma jira, Rabbiin (rahmanni Isaa) bal’aadha; hunda beekaadha. [42]
(kaafirtoonni) "Raabbiin ilma godhate" jedhan, Inni (waan isaan jedhanirraa) ququllaaye, Dhugaatti wanti samiileefi dachii keessa jiru (hundi) kan Isaati. Hunduu isaaf ajajamoodha.
(Inni) argamsiisaa samiileefi dachiiti, Yeroo dhimma wahii murteesses, wanti Inni isaan jedhu tahi qofa; yeroma san taha (argama).
Warri (homaa) hin beekne: "maaliif Rabbiin nuun hin dubbanne yookiin maaliif mallattoon wahii nuuf hin dhufne? jedhan; akkasuma warri isaaniin duraa fakkaataa jecha isaanii jedhan, Onneewwan isaanii wal fakkaatte, Dhugumatti, Nuti namoota (amantii Rabbii) mirkaneeffataniif aayatoota (keenya) ibsinee jirra.
Nuti (amantii) dhugaan (islaamummaan) gammachiisaafi akeekkachiisaa taasifnee si ergine. Ati warra ibiddaa irraa hin gaafatamtu. [43]
Yahuudotaafii kiristaanonni hanga ati (islaamummaa dhiiftee) amantii isaanii hordoftutti sirraa hin jaalatan, (Yaa Muhammad) "qajeeloon Rabbii (qur'aanni) isuma qofatu qajeelloodha (sirriidha)" jedhi. Erga beekumsa irraa sitti dhufee yoo fedha lubbuu isaanii hordofte, Rabbi irraa jaalallees ta’ee tumsaan siif hin jiru. [44]
Isaannan Nuti kitaaba isaaniif kennine qaraatii (sirrii) kan isaan malu isa qara'an. Isaan isatti amanu, Namni isatti kafare isaan warra hoonga’oodha.
Yaa ilmaan Israa’iil qananii tiyya tan Ani isin irratti tola oole san yaadadhaa; Ani Aalama (yeroo keessanii) irra isin caalchisuu kiyyaas (yaadadhaa).
Guyyaa (qiyaamaa) kan lubbuun takka lubbuu biraa hin fayyanne sodaadhaa. kan gumaanis ishee irraa hin fuudhamne, kan araarri homaatuu ishee hin fayyannee, kan isaanis tumsa hin arganne .
Yeroo Ibraahiimiin Rabbiin isaa jechootaan isa mokkoree (Ibraahiimis) isa guute (yaadadhaa), (Rabbiin) " Ani ummataaf imaama (dursaan) si taasisa" jedhe, (Ibraahiim) ni jedhe:"Sanyii tiyya irraas (taasisi)." (Rabbiin) ni jedhe: "Waadaan (nabiyyummaan) kiyya warra miidhaa hojjatan hin gayu" [45]
Yeroo Manicha (Ka’abaa) namootaaf iddoo deddeebiifi iddoo nagaa taasifnes (yaadadhaa), Maqaama Ibraahiim irraa iddoo salaataa taasifadhaa (jenneen). (Nutis) Ibraahiimiifi Ismaa’iiliin mana Kiyya warra isa irra naanna’aniif, warra keessa taa’aniifi warra (isa keessatti) rukuu’aafi sujuuda godhaniif qulqulleessaa jechuun ajajne. [46]
Yeroo Ibraahiim jedhe "Gooftaa kiyya! Magaalaa tana (Makkaan) nagaya taasisi, Warra (jiraattota) isiis, namoota isaan irraa Rabbiifi guyyaa Aakhiraatti amaneef fuduraalee irraa soorata isaaniif kenni" jedhe [yaadadhaa], (Rabbiin) "Nama kafares (niin nyaachisa); Ani xiqqoon isa qanansiisee ergasii gara azaaba ibiddaattin isa geessa, deebiin waa fokkatee!"[47]
Yeroo Ibraahiimiifi (ilmi isaa) Ismaa’iil bu’uura manaa (Ka’abaa) (ijaaraa)ol fuudhan (ummataaf himi). "Yaa Rabbi Ati dhagahaa beekaa dhaa! nurraa qeebali" (jedhaa).
"Gooftaa keenya! Nu lamaanuu siif islaamawoo nu taasisi; sanyii teenya irraas ummata Siif ajajamtoota (taasisi), Manaasika’ keenyas (sirnoota hajjiifi umraah) nutti agarsiisi, Tawbaa keenyas nurraa qeebali, Ati Situ akkaan tawbaa qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha.
Gooftaa keenya! Ergamaa isaan irraa ta’e isaan keessatti ergi, kan keeyyattoota kee isaan irratti qara’u, kan kitaabaafi ogummaa isaan barsiisu, kan isaan qulqulleessu. Ati Situ akkaan injifataa, ogeessa." (nabi muhammad s.a.w. ergamuun kadhaa sun qeebalamte).
Sila namni amantii Ibraahiim irraa gara galu eenyu? nama lubbuu isaa gowwoomse yoo tahe malee, dhugumatti addunyaa keessattis isa filannee jirra, inni Aakhiraa keessattis warra gaggaarii irraayyi.
Yeroo Gooftaan isaa "islaamayi" isaan jedhe, (Inni) "Gooftaa aalamaa (tiif islaamayeera) jala butameera" jedhe (yaadadhu).
Ibraahiim ilmaan isaatiif isii (Islaamummaa) dhaame; Ya’aquubis (sanuma dhaame); "Yaa ilmaan kiyya! Rabbiin amantii (islaamummaa) isiniif filee jiraa, isinii Muslimoota taatan malee hin du’inaa" (jedhe). [48]
Sila yeroo Ya’aquubitti duuti dhufnaan ilmaan isaatiin "ana booda maal gabbartan?" jedhe isin bira jirtumoo? Isaanis ni jedhan: "Nuti Gooftaa kee, Gooftaa abboota kee Ibraahiim, Ismaa’iiliifi Isihaaq gabbaramaa tokkicha kan ta’e gabbarra, Nuti Isaaf ajajamtoota (Muslimoota)."
Isheen sun ummata dabarte, Isheedhaaf mindaa waan carraaqqatteettu jira; Isiniifis mindaa waan carraaqqattaniitu jira, Isin waan isaan kan hojjatan tahan irraa hin gaafatamtan.
" Yahuudaa yookiin Kiristaana tahaa ni qajeeltuu" jedhan. jedhiin "Dhugaatti karaa Ibraahiim isa qajeelaa ta’e (hordofna); Inni mushrikoota irraa hin taane".
(Mu’uminoonni) jedhaa: “Nuti Rabbitti amanne; waan gara keenyatti buufamettis; waan gara Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquubii fi Asbaaxitti buufametti (amannee), Waan Muusaafi Iisaan kennamanittis (amanne), Waan nabiyyoonni Rabbii isaanii irraa kennamanittis (amannee), Isaan irraa (tokkotti amannee tokkotti kafaruudhaan) gidduu tokkootis addaan hin baafnu. Nuti Isaaf (Rabbiif) islaamawoodha.”
Yoo fakkaataa waan isin itti amantaniititti amanan dhugumatti qajeelaniiru, Yoo isa irraa gara galan immoo isaan mormii keessa jiru, Rabbiin isaan siif ga’a (sirraa dhorga), Inni dhagayaa, beekaadha.
Halluu Rabbii (isa uumamaa) (amantii Isaa) (qabadhaa). kan Rabbirra halleessuu tolchu eenyu? Nuti isaaf gabbaroodha. [49]
(Yaa Muhammad) jedhi: waa’ee Rabbii keessatti nuun falmituu?“odoo Inni Gooftaa keenyaafi Gooftaa keessan ta’ee jiruu, nuufis dalagaan teenya, isiniifis dalagaan teessan tatee jirti, Nuti (amantii) Isaaf qulqulleessoodha.
Sila Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquubiifi Asbaax yahuudota yookiin kiristaanota turan jettanii? Sila isintu irra beekamoo Rabbi?” jedhiin. Sila nama ragaa Rabbirraa tahe kan isa bira jiru dhokse caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? Rabbiin waan isin dalagdanirraa dagataa miti." [50]
Isheen sun ummata dabarte. Isheef waan oomishteetu jira; Isiniifis waan oomishtaniitu jira. Isin waan isaan hojjataa turan irraa hin gaafatamtan.
Namoota irraa warri gowwaan "Sila qiblaa irratti tahan (Beytal-Maqdis) irraa maaltu isaan garagalche?" jedhu. "Bahaafi Dhiitis kan Rabbiiti. Inni nama fedhe gara karaa sirrii qajeelcha" jedhi. [51]
Akkuma kana (akkuma isin qajeelchinetti) filatamtuu ummataa isin taasifne, ilma namaa irratti (guyyaa qiyaamaa) ragaalee akka taataniifi, ergamtichis (muhammad s.a.w.) ragaa isin irratti ta’uuf jecha. Nuti qiblaa ati irra turtes nama ergamaa hordofuufi nama (amantii irraa) duubatti deebi’u eenyu akka ta’e beekuuf malee hin taasifne. Dhugumatti (jirjiiramni qiblaa) sun warra Rabbiin qajeelche irratti malee ulfaattuu turte. Rabbiin iimaana keessan kan balleessu hin taane. Rabbiin namootaaf mararfataa, rahmata godhaadha. [52]
Dhugumatti, gara samii garagaggaluu fuula keetii arginee jirra. Gara qiblaa ati jaalattuu si deebisuuf jirra. (Ammuma) fuula kee gara Masjidal-Haraam (Ka’abaatti) gara galchi. Eessattillee yoo taatan fuulleen keessan gara isaa gara galchaa. Dhugumatti, warri kitaabni kennameef akka inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa ta'e ni beeku. Rabbiin waan isaan hojjatan irraa dagataa miti. [53]
Odoo warra kitaabni isaaniif kennametti mallattoo hundaan itti dhufteeyyuu qiblaa kee hin hordofan. Atis qiblaa isaanii kan hordoftu hin taane. Gariin isaaniis qiblaa garii isaanii kan hordofan hin taane. Dhugumatti, erga beekumsa irraa waa sitti dhufee booda odoo fedhiilee lubbuu isaanii hordoftee, ati yoos warra akkaan miidhaa hojjatan irraa taata turte.
Warri Nuti kitaaba isaaniif kennine akkuma ilmaan isaanii beekanitti isa (Nabiyyicha) beekan. Dhugumatti gareen isaan irraa ta’e odoo beekanuu dhugaa dhoksu.
Dhugaan Gooftaa kee irraayi, Kanaafuu warra shakkan irraa hin ta’in. [54]
Hawaasa hundaafuu kallattii isaan itti gara galantu jira, Toltuu irratti wal dorgomaa, Eessattillee yoo taatan Rabbiin (Guyyaa Qiyaamaa) hunda keessanuu ni fida. Dhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
Iddoo (imalaaf) baate kamirraayyuu (yeroo salaattu) fuula kee gara Masjidal Haraam gara galchi. Dhugumatti, inni dhugaa Gooftaa kee irraa ta’e, Rabbiin waan isin dalagdan dagataa miti.
Iddoma (imalaaf) baate kamirraayyuu irraa (yeroo salaattu) fuula kee gara Masjiidal Haraam gara galchi, Eessattillee yoo taatan fuulleen keessan gara isaa gara galchaa, akka namootaaf ragaan isin irratti hin jiraanneef,isaan irraa warra miidhaa hojjatan malee, isaan hin sodaatinaa Anuma qofa sodaadhaa. akka qananii kiyya isinirratti guutuuf, isin (gara haqaa) akka qajeeltaniif. [55]
Akkuma ergamaa isin irraa ta’e (nabi Muhammad) isin keessatti ergine, (inni sun) kan aayatoota keenya isin irratti qara’u, kan isin qulqulleessu, kan kitaabaafi hikmaa (hadiisa) isin barsiisuufi waan isin hin beeknes isin barsiisuun (isin qanansiifne).
Na yaadadhaa (nafaarsaa), Anis isiniin yaadadhaa, Galata naaf galchaa, Natti hin kafarinaa.
Yaa warra amantan! Obsaafi salaataan gargaarsifadhaa. Rabbiin warra obsan waliin jira.
Nama karaa Rabbii keessatti (lola islaamummaa oltaasisuu keessatti) ajjeefamuun du’aaleedha hin jedhinaa. Dhugumatti isaan jiratoodha, garuu isin hin beektanu.
isin mokkorra wahii sodaafii beelarraa taheen, qabeenyaalee lubbuuleefii (oomisha) khuduraalerraa ir'isuunis (isin mokorra). obsitoota gammachiisi.
Isaan warra yeroo balaan isaan tuyxe "Nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha" jedhaniidha.
Isaan warra faaruufi tolli Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irratti taheedha. isaan sun isaanumatu qajeelfamoodha. [56]
Safaafi Marwaan mallattoolee Rabbii (kan ibaadaan isaa itti hojjatamu) irraayyi. Namni Manichatti hajja’e yookiin umraa godhe isaan lamaan jidduu naanna’uun badiin isarra hin jiru. Namni fedhii isaatiin toltuu hojjates (ni mindeeffama), Rabbiin galateeffataa beekaadha.[57]
isaannan waan Nuti buufne -kan ragaawwan ifa ta’aniifi qajeelfama irraa ta’e erga kitaabicha (keenya) keessatti namootaaf isa ibsine booda- dhoksan, warra san Rabbiin isaan abaara (rahamata isaarraa isaan fageessa); warri waa abaarus isaan abaaran.[58]
warra tawbatanii, hojii isaanii tolchan, (dhugaa dhoksan san) ifa baasan malee. warra san tawbaa isaanii irraan qeebala, Ani akkaan tawba-qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha.
warri kafaranii kaafirtoota ta’anii du’an, jara sunniin abaarsi Rabbii, kan malaa’ikootaafi kan namoota hundaatuu isaan irratti jiraata.
Isii (abaarsaafii ibidda) keessa zalaalam jiraatu, azaabni isaan irraa hin salphifamu, Baallamnis isaaniif hin kennamu.
Gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkichaIsa, (fakkaataa hinqabu) isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. (Inni) akkaan mararfataa rahmata godhaadha.
Dhugumatti uumama samiileefi dachii keessatti, wal irraa bakka bu’uu halkaniifi guyyaakeessatti , doonii waan ilma namaa fayyaduun (fe'amtee) galaana keessa yaatukeessatti , bishaan irraa (roobarraa) waan Rabbiin samii irraa buusee isaan dachii erga isiin duutee booda jiraachiseefi lubbu-qabeeyyii hundarraa isii keessa facaase keessatti, bubbisa qilleensaafi duumessa samiifi dachii giddutti (uumamootaaf) mijeeffamanii- keessatti ummata xiinxalaniif mallattooleetu jira.
Namoota irraas nama Rabbiin malee gabbaramoota (biraa) kan akka Rabbiin jaalatanutti isaan jaalatan godhatantu jiru, warra amanantu irra jajjaboo jaalalaan Rabbiif. Warri miidhaa hojjatan osoo arganii yeroo azaaba argan akka humni hundi kan Rabbii ta’eefi Rabbiin (abbaa) adabbii cimaa akka ta’e (silaa gabbaramaa biraa hin godhatan).
(Guyyaa qiyaamaa) Yeroo warri hordofaman warra hordofan irraa qulqullaayanii (isaan jallisuu waakkatan) fi (yeroo) azaaba argan, hariiroon isaanii hundi yeroo isaan jalaa citu (odoo beekanii gabbaramaa biraa hin godhatan ture).
Isaan hordofan ni jedhan: "odoo (gara addunyaa) deebi’uun nuuf jiraatee, silaa akkuma isaan nurraa qulqullaayan nutis isaan irraa qulqulloofna turre." Akka kanatti Rabbiin hojiiwwan isaanii gaabbii (sheenaa) isaan irratti godhee isaan garsiisa, Isaan ibidda irraa bahoo miti.
isin Yaa ilmaan namaa! Waan dachii keessa jiru irraa halaala gaarii ta’e nyaadhaa,Tarkaanfiilee sheyxaanaa hin hordofinaa, inni isiniif diina mul'ataadha.
kan inni itti isin ajaju hamtuu, waan fokkataafi Rabbi irratti waan hin beekne dubbachuu qofaadha. [59]
Yeroo "waan Rabbiin buuse hordofaa" isaanin jedhame "Lakki nuti waan abbootii keenya irratti garre hordofna" jedhu. Sila odoo abbootiin isaanii kan homaa hin beekneefi karaa qajeelatti hinqajeelfamin ta’anilleemoo (numa hordofanii)?
Fakkeenyi warra kafaranii (nama gara haqaatti isaan yaamuu) akka fakkeenya isa waan waamichaafi lallaba malee hin dhageenyetti (beyladatti) iyyuuti, (Isaan) (haqarraa) duudaa, arraba qabamaafi jaamaadha; isaan hin xiinxalan.
Yaa warra amantan! Gaggaarii waan nuti isiniif kenninee irraa nyaadhaa, Rabbiif galata galchaa yoo kan Isa (qofa) gabbartan taatan.
Kan Inni isin irratti dhorgamaa taasise baktii, dhiiga, foon booyyeetiifi waan (maqaan) Rabbiin malee (yeroo gorra'amu) isa irratti ol fuudhame qofa. Namni (nyaachutti) rakkifame shiftaafii daangaa dabraa tahuun maleetti (yoo nyaate) badiin isarra hin jiru. Rabbiin akkaan mararfataa rahmata godhaadha. [60]
Isaan kitaaba irraa waan Rabbiin buuse dhoksanii maallaqa xiqqaa isaan bitatan, isaan sun garaawwan isaanii keessatti ibidda malee waan biroo hin nyaatanu, Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa isaan hin dubbisu, isaan hin qulqulleessus, isaaniif azaaba laalessaa ta’etu jira. [61]
Isaan warra qajeelumaan jal’ina, araaramaan immoo azaaba bitataniidha, Sila maaltu ibiddarratti akkaan isaan obsisiise! [62]
(Adabbiin) Sun sababa Rabbiin kitaaba dhugaan buusee (isaan itti kafaraniifi), warri kitaaba keessatti wal dhaban wal diddaa (haqarraa) fagoo keessatti tahan.
Dalagaan gaariin fuulleen keessan gara bahaafi dhihaa naannessuu miti; haa tahu malee dalagaan gaariin (dalagaa) nama Rabbitti amane, Guyyaa Aakhiraatti, malaa’ikootatti, kitaabattiifi nabiyyootatti (amanee), kan qabeenya kenne odoo jaallatuu firaaf, yatiimaaf, hiyyeeyyiif, kara deemaaf, kadhattootaafi gabra bilisoomsuuf (kennee), kan salaatas gadi dhaabe, zakaa kenne, warra yeroo waadaa seenan waadaa isaanii guutaniidha. warra rakkina, dhukkuba keessatti, yeroo lolaatis (waraana keessatti) obsaniidha. Isaan warra dhugaa qabatani, Isaan warra Rabbiin sodaataniidha. [63]
Yaa warra amantan! Ajjeefamaa keessatti "qisaasni" (nama nama ajjeese ajjeesuun)(seerri adabbii wal qixxeessuu) isin irratti barreeffameera (dirqama godhameera). Bilisni bilisaan, gabrichi gabrichaan, dubartiin dubartiidhaan (ajjefamu). Namni (dhiiga) obboleessa isaa irraa wanti tokko isaaf dhiifame, toltuun hordofuufi (kaffaltiin gumaa dhiigaas) haala gaariin isaan (abbaa gumaatiin) gayuutu irra jira. Kun laaffisuufi rahmata Gooftaa keessan irraa ta’eedha. Namni sana booda (namarratti miidhaa geessuun) daangaa dabre, isaaf azaab laalessaa ta’etu jira. [64]
"Qisaasa" keessa jiraachuutu (lubbuu du’a irraa baraaruutu) isiniif jira. Yaa warra qalbii qabdan! Akka isin Rabbi sodaattanii (ajjeechaa irraa eeggattaniif) (kana goone).
Yeroo duuti tokkoo keessanitti dhufe, yoo kan qabeenya (of duubatti) dhiise ta’e: abbaa haadhaafi firootaaf haala gaariin dhaamuun isin irratti murteeffameera. haqa warra Rabbi sodaatanirratti taateedha. [65]
Namni erga isa (dhaamsa) dhagayee booda isa jijjiire, badiin isaa warra isa jijjiiran irratti ta’a. Dhugumatti, Rabbiin dhagayaa, beekaadha.
Namni isa dhaamu san irraa jal’ina yookiin badii sodaatee gidduu isaanii araarse, badiin isa irra hin jiru. Rabbiin akkaan araaramaa rahmata godhaadha.
Yaa warra amantan! Soomanni akkuma warra isin duraa irratti barreefametti (dirqama ta’etti) isin irrattis barreeffameera, Akka isin Rabbiin sodaattaniif. [66]
Guyyoota lakkaawamtuu (soomaa). Isin irraa namni dhukkubsataa yookiin karaa deemsarratti ta’e (soomana furuu dandaya), guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu (qadaa baasuutu) (isa irra jira) Warra isa (Soomuu) (osoo itti ulfaatuu uf dirqan) danda’an irratti kaffaltii (yoo soomana dhiisan) (fidyaa) hiyyeessa nyaachisuutu jira. Namni fedha isaatiin toltuu dabalatee hojjate, sun isaaf caalaadha. soomuutu isiniif caala Yoo kan beektan taataniif.[67]
(yeroon akkasoomtan dirqama taasifame) Ji'a Ramadaanaa kan Qur’aanni keessa buufameedha. (qur'aanni sun) ilma namaatiif qajeelfamaafi ragaa ifa bahaa qajeelfamichaafi addaan baasaa (haqaafi kijibaa) irraa ta’edha. Namni isin irraa ji’a kana dhaqqabe isa haa soomu. Namni dhukkubsataa yookiin karaa deemsarratti ta’e (furuu nidandaya), guyyaa biraa irraa lakkaawwachuutu (isa irra jira) (soomanee qadaa baasa). Rabbiin isiniif laaffisuu fedha, isin irratti jabeessuu hin fedhu. Akka lakkoofsa (guyyaa isin irratti barreeffamee) guuttaniifi, waan isin qajeelcheef irratti akka Rabbiin guddiftaniif, akkasumas akka (Rabbiin) galateeffattaniif jecha (kana goone). [68]
Yeroo gabroonni kiyya Ana irraa si gaafatan “Ani isaanitti dhihoodha” (jedhiin). Kadhaa kadhataatiif yeroo inni na kadhate nan owwaadha. (isaanis ajaja kiyya qeebaluudhaan) naaf haa awwaatanu, nattis haa amananu, Akka qajeelaniif jecha.
Halkan soomaa gara dubartoota (niitiwwan) keessanii dhaquun (qunnamtii saalaa gochuun) isiniif hayyamameera. Isaan isiniif uffata; isiniis isaaniif uffata. Rabbiin akka isin lubbuulee keessan ganaa turtan beekee tawbaa keessan isin irraa qeebalee. dhiifamas isiniif godhe. Amma isaan waliin qunnamtii saalaa godhaa; (ilmaan irraa) waan Rabbiin isiniif katabe barbaaddadhaa. Hanga barraaqa irraa jibriin adiin (bariisaa) jibrii gurraacha (dukkana halkanii) irraa adda bahutti nyaadhaa dhugaa, Ergasii hanga halkaniitti (aduun seentutti) sooma guutaa. Odoo masjiidoota keessa i’itikaafa taa’aa jirtanuu isaan waliin qunnamtii saalaa hin raawwatinaa. Sun daangaawwan Rabbiitii isheetti hin dhihaatinaa. akkanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa namootaaf ibsa Akka isaan Isa sodaataniif jecha .[69]
Qabeenyaalee keessan gidduu keessanitti dharaan hin nyaatinaa. abbootii seeraatiifis malaan-maltummaan hin dhihaatinaa, Qabeenya namootaa irraa garii isaa odoo beektan cubbuun nyaachuuf jecha. [70]
(Yaa Muhammad!) Waa’ee baatii (dura dhalattu) irraa si gaafatu “Isheen namootaaf kan yeroo ibsituufi hajji (beeksiftuu) dha” jedhi. Dalagaan gaariin manneen boroo isaaniitiin seenuu keessanii miti, Garuu dalagaan gaariin (dalagaa) nama Rabbiin sodaatuuti. Manneen balbaloowwauma isheetiin seenaa, akka milkooftaniif jecha Rabbiin sodaadhaa. [71]
Karaa Rabbii keessattis warra isiniin lolaniin lolaa, Daangaa hin dabrinaa, Rabbiin warra daangaa dabran hin jaalatu.
(Diinota keessan) bakkuma isaan argitanitti isaan ajjeesaa, Iddoo isaan isin baasan irraas isaan baasaa, mokkoraat (Shirkiitu) ajjeechaa caalaa hamaadha, Masjidal-Haraam biratti, isaan hin waraaninaa, hanga isaan isa keessatti isin waraananitti, Yoo isaan isin waraanan, isinis isaan ajjeesaa, galanni kaafirootaa akkuma kana.
Yoo isaan dhoowwaman (waraana dhaabanii amantii seenan) Rabbiin akkaan mararfataa rahmata godhaadha.
Hanga jequmsi hin argamnettifii amantiin Rabbiif qofa ta’utti isaaniin lolaa, Yoo isaan dhoowwaman, warra miidhaa hojjatu irratti malee diinomuun hin jiru.
Baatiin kabajamaan baatima kabajamaan (galata galfama), kabajaan gamaa gamanaayi (yoo isaan baaticha san kabajan isiniis kabajju), Nama isin irratti daangaa dabre isinis fakkaatuma waan inni isin irratti daangaa dabreetiin isa irratti daangaa dabraa, Rabbiin sodaadhaa, beekaa Rabbiin warra Isa sodaatuu wajjiin ta’haadha.
Karaa Rabbii keessatti kennadhaa, Harkoowwan keessaniin gara badiitti uf hin darbinaa, Toltuu hojjadhaa Rabbiin warra toltuu hojjatan jaalata.
Hajjiifi umraa Rabbiif jecha guutaa. Yoo dhorgamtan, horii wareegaa (hadyii) irraa kan isiniif laafe (qalaa), Hanga hadyiin iddoo (qalma) isaa ga’utti mataa keessan hin haaddatinaa, Namni isin irraa dhukkubsataa tahe yookiin mataa isaa irra rakkoon jiraate, (yoo mataa isaa haaddate) soomuun yookiin sadaqachuun yookiin qaluun 'fidyaa' haa baasu. Yeroo nagaa taatan, namni umraadhaan hanga hajjiitti qanani'e hadyii irraa waan isaaf laafetu irra jira, Namni hin argatin, guyyaa sadi hajjii keessatti, (guyyaa) torba immoo yeroo deebitan (soomuu qabdu). Sun (guyyaa) kudhan guutuudha. (Hadyiin yookiin soomuun) sun nama maatiin isaa masjiidal-Haraam bira (jiraataa Makkaa) hin ta’iniif, Rabbiin sodaadhaa, beekaa Rabbiin kan adabbiin isaa cimaati. [72]
Hajjiin ji’oota beekamoodha. Namni isaan keessa hajjii ofitti murteesse (ihraama godhate), hajjii keessatti qunnamtii saalaa gochuu, finciluufi falmii gaggeessuu hin qabu,Toltuu irraa waan isin hojjattan Rabbiin ni beeka, sinqeefadhaa; dhugumatti caalaan sinqii sodaa Rabbiiti, Yaa warra qalbii qabdan Anuma sodaadhaa! [73]
(Yeroo hajjii keessa) tola Rabbii keessanii irraa yoo barbaaddattan badiin isin irra hin jiru, Yeroo Arafaa irraa dachaatan Mash’aral Haraam biratti Rabbiin faarsaa, Akkuma Inni isin qajeelchetti isa zakkaraa; sanaan dura warra jallatoorraa turtan.
Ergasii bakka namoonni yaa'aniin yaa'aa, Rabbiin araarama kadhaa, Dhugumatti Rabbiin mararfataa rahmata godhaadha.
Yeroo hojii hajjii keessan raawwattan, akkuma abbootii keessan faarsitanitti yookiin faaruu sana caalu Rabbiin zakkaraa, Namoota irraa kan “yaa Rabbii keenya addunyaa irratti (gaarii) nuuf kenni” jedhutu jira. Akhiratti qoonni wahiitu isaaf hintaane.
Isaan irraas nama "Gooftaa keenya! Duuniyaatti toltuu, Aakhirattis toltuu nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraa nu baraari" jedhantu jiru.[74]
Warra san isaaniif waan hojjatan irraa qoodatu jira, Rabbiin saffisaa qormaataati.
Guyyoota (minaa 3n) lakkaa’amtuu keessatti Rabbiin faarsaa. Namni guyyaa lama keessatti jarjaree (deeme) badiin isarra hin jiru, Namni booda aanes (sadi guuttate) badiin isa irra hin jiru. (Kun) nama (Rabbiin) sodaateefi. Rabbiin sodaadhaa beekaa isin gama isaatti oofamtanii.[75]
Namoota irraa nijira kan jechi isaa addunyaa irratti si dinqisiisu. waan qalbii isaa keessa jiru irratti Rabbiin ragaa godhata, inni falmiidhaan jabaa. [76]
Yeroo gara gale dachii keessa fiiga ishee keessatti badii raawwachuuf. Midhaaniifii horii balleessuuf, Rabbiin badii hin jaalatu.
Yeroo "Rabbiin sodaadhu" isaan jedhame of tuulummaan badiitti isa kakaasa. Gayaan Isaa jahannami, Afanni (jahannam ta’uun) waa fokkate!
Nama irraa kan jaalala Rabbii barbaachaaf lubbuu ofii gurgurutu jira. Rabbiin gabrootaaf akkaan mararfataadha.[77]
Isin yaa warra amantan! Islaamummaa keessa guutuun guutuutti seenaa; tarkaanfilee shayxaanaa hin hordofinaa. inni (shayxaanni) isiniif diina mul'ataadha.
Erga ragaawwan ifa ta’an isiniif dhufanii booda (daandii Islaamaa irraa) yoo mucucaattan, Rabbiin injifataa, ogeessaa beekaa.
Sila Rabbiin gaaddisa duumessa irraa ta’e keessaan isaanitti dhufuu fi malaa’ikoonnis (isaanitti dhufuu) malee waan biraa eeganii? Murteen raawwatame. Waayeen (uumamtootaa) gamuma Rabbii deebifamti.[78]
Ilmaan israaiil gaafadhu Mallattoolee ifa ta’an meeqaatama akka isaaniif kennine. Namni erga isatti dhuftee booda ni’imaa Rabbii jijjiire (adaba cimaatu isa mudata). Dhugumatti Rabbiin adabni isaa cimaadha.
Isaan kafaraniif jireenyi addunyaa miidhagfameera; warra amananitti ni qoosu. Warri Rabbiin sodaatan immoo Guyyaa Qiyaamaa isaanii ol tahu. Rabbiin nama fedheef (tola Isaa irraa) lakkoofsa malee hiree kenna.
Ilmi namaa tuuta takka (amantii tokkicha irra)(amantii haqaa kan nabi Adamirra) turan.(booda keessa gariin jallatee waldhaban). ergasii Rabbiin nabiyyoota gammachiiftotaafi akeekkachiiftota taasisee erge. Isaan waliin kitaaba dhugaan buuse. akka inni waan isaan isa keessatti wal dhaban gidduu namootaatti murteessuuf. Warra inni kennameef qofatu erga ragaawwan ifa ta’an isaaniif dhufanii booda wal jibbaa gidduu isaanii jiru irraa wal dhabe. Rabbiin fedha Isaatiin warra amanan gara dhugaa waan isaan irratti wal dhabaniitti qajeelche. Rabbiin nama fedhe gara karaa sirraawaa qajeelcha.
Sila odoo (mokkoroon) fakkaataa warra isin dura dabranii isinitti hin dhufin jannata seenuu yaadduu? Rakkinniifi dhukkubni hamtuun isaan tuqxee, nigirgireeffaman hanga ergamaaniifi warri isa waliin amanan "sila tumsi Rabbii yoom (dhufa)?" jedhan takkotti. Dhagayaa! Dhugumatti, tumsi Rabbii dhihoodha. [79]
(Yaa Muhammad!) maal akka sadaqatan si gaafatu. jedhi Qabeenya irraa wanti kennattan abbaa haadha, firoota, yatiimota, hiyyeeyyiifi kara deemaaf haatahuu.Toltuu irraa waan isin hojjattan Rabbiin akkaan isa beekaadha.
Lolli isinirratti dirqama godhame Odoma inni isin biratti jibbamaa ta’uu. Odoo inni isiniif gaarii ta'uu waan tokko jibbuun keessan mirkanaa’e. Odoo inni isiniif hamtuu ta’uu waan tokko jaalachuun keessanis mirkanaa’e. Rabbumatu beeka; isin hin beektanu [80]
Ji’oota kabajamoo keessa loluu irraa si gaafatu. Jedhi: "Isa keessa loluun (yakka) guddaadha. Karaa Rabbii irraa (namoota) deebisuun, Isatti kafaruun, (namoota) Masjidal Haraam (irraa dhorguun) jiraattota isaa isa irraa baasuutu Rabbiin biratti irra guddaadha (irra hamaadha). Mokkoraatu (Shirkiitu) ajjeechaa irra (badiin isaa) guddaadha. (mushriktoonni) Yoo danda’an hanga diinii keessan (islaamummaa) irraa isin deebisanitti isiniin loluu irraa hin deeman. Namni isin irraa diinii isaa irraa garagalee kaafira ta’ee du’e, warri sun addunyaafi Aakhiraattis dalagaaleen isaanii baddee jirti. Ammas warri sun warra ibiddaati; isaan achi keessatti hafoodha. [81]
Warri amananiifi warri godaananii karaa Rabbii keessatti qabsaa’an, isaan sun rahmata Rabbii ni kajeelu. Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha.
Dhugaatii macheessaniifi qumaara irraa si gaafatu. Jedhi: "isaan lameen keessa Dilii guddootu jira. faayidaawwanis namootaaf (isaan keessa jira). Diliin isaan lamaanii faayidaa isaan lamaanii irra guddaadha". Ammas maal akka arjoomanu si gaafatu “Isa dhimma keessan irraa hafe” jedhiin. Akka xiinxaltaniif jecha Rabbiin akka kanatti keeyyattoota isaa isiniif ibsa. [82]
Duuniyaafi Aakhiraa keessatti (haa xiinxaltaniifi). Waa’ee yatiimotaa irraas si gaafatu “Isaaniif tolchuutu caalaadha” jedhi. Yoo isaanitti makattan isaan obboleeyyan keessani. Rabbiinis nama balleessu isa tolchu irraa adda baasee beeka. Rabbiin odoo fedhee, isin rakkisuu danda’a. Rabbiin akkaan injifataa, ogeessa. [83]
dubartoota mushrikaa hin fuudhinaa hanga isaan amananitti. gabrittii mu’umintittiitu mushriktittirra caalti Odoo isheen isin dinqisiiftellee. dhiira mushrikootaatti hin heerumsiisinaa hanga amananitti. gabricha mu’uminaatu mushrika irra caala Odoo inni isin dinqisiisellee. Warri sun (mushrikoonni) gara ibiddaatti (nama) waamu; Rabbiin immoo heyyama isaatiin gara jannataatiifi araaramaatti waama. akka isaan gorfamaniif jecha aayatoota isaa ilma namaatiif ibsa. [84]
Dhiiga laguu (haydii) irraas si gaafatu: jedhi Inni (iddoon isaa) xuriidha; kanaafuu yeroo dhiiga xurii keessa dubartoota irraa fagaadhaa. Hanga isaan qulqullaa’anitti i (qunnamtii saalaatiif) saanitti hin dhihaatinaa. Yeroo isaan qulqulleeffatan, bakka Rabbiin isin ajajeeniin (karaa hormaataatiin) isaan bira dhaqaa. Rabbiin warra gara Isaa tawbataniifi qulqulleeffatan ni jaalata. [85]
Niitiiwwan keessan isiniif oyruudha. Oyruu keessan akkaataa feetaniin (bakkuma takkitti hormaataa sanitti) itti dhaqaa. Lubbuu keessaniif gaarii durfadhaa. Rabbiin sodaadhaa; beekaa isin isa qunnamoodhaa. Mu’uminoota gammachiisi.[86]
Rabbiin kakachuu keessan sababaa hingodhatinaa Akka toltuu hin hojjanne, akka Rabbiin hin sodaanneefi akka gidduu namootaatti araara hin buufne. Rabbiin dhagayaa, beekaadha. [87]
Rabbiin kakuu keessan kan dogoggoraatiif isin hinqabu. Garuu waan onneenneewan keessan hojjataniif isin qaba. Rabbiin araaramaa, obsaadha. [88]
Warra jaartiiwwan isaanii irraa kakataniif ji’oota afur eeguutu isaan irra jira. Yoo irraa deebi’an Rabbiin akkaan araaramaa, rahmata godhaadha.
Yoo hiikkaa irratti muratan Rabbiin dhagayaa, beekaadha. [89]
Dubartoonni hiikaman xurii laguu sadi ofii isaaniitiif eeguu qabu. Yoo Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amanan ta’an waan Rabbiin gadaamessa isaanii keessatti uume dhoksuun isaaniif halaala miti. (Yeroo) san keessatti yoo tolchuu fedhan isaan deebifachutti dhirsota isaaniittu irra haqa qaba. Isaaniifis (mirga) fakkaataa akka (dirqama) isaan irra jiruutu haala gaariin isaaniif jira. Dhiironni isaan irra sadarkaa qabu. Rabbiin hunda injifataa, ogeessa. [90]
Hiikkaan (eega isaatii deebifatamu) yeroo lama. Sana booda haala gaariin qabachuu yookiin bifa tolaan gadi lakkisuudha. Isin (dhiironni) waan isaaniif kennitan (mahrii) irraa isaan lamaanuu daangawwan Rabbii sirreessuu dhabuu yoo sodaatan malee homaa fudhachuun isiniif hin hayyamamu. Yoo isaan lamaan daangawwan Rabbii hin sirreessanu jechuu sodaattan, waan isheen ittiin uf furte fudhachuu keessatti isaan lamaan irra badiin hin jiru. Kun daangawwan Rabbiitii isaan hin dabrinaa; namni daangaawwan Rabbii dabre, isaan sun isaanumatu miidhaa hojjatoodha. [91]
Yoo (hiikkaa sadaffaa) ishee hiike, sana booda hanga dhirsa biraatti heerumtutti isaaf hin heyyamamtu. Yoo inni (dhirsi boodaa) ishee hiike, daangawwan Rabbii eeguu isaanii beeknaan isaan lamaan yoo walitti deebi’an badiin isaan irra hin jiru. Kun daangawwan Rabbiiti; ummata beekaniif ishee ibsa. [92]
Yeroo dubartoota (hiikkaa deeffachuu tahu) hiiktanii beellama isaanii gayan (iddaan dhumutti dhihaate). bifa gaariin isaan qabadhaa (nikaaha deeffadhaa) yookiin bifa gaariin isaan gaggeessaa. Rakkisuudhaan akka daangaa isaanitti dabartaniif isaan hin qabatinaa. Namni sana hojjate, dhugumatti lubbuu isaa miidheera. Keeyyattoota Rabbii qishinaa hin taasifatinaa. Ni’imaa Rabbii kan isin irra jirtuu yaadadhaa. kitaaba (Qur’aana) fi hikmaa (Sunnaa) irraas waan Inni isin irratti buuse kan ittiin isin gorsu (yaadadhaa). Rabbiin sodaadhaa Akka Rabbiin waan hunda beekaa ta’es beekaa.
Yeroo dubartoota hiiktanii beellama isaanii gayan, (isin maatiin isaanii) jaarsota isaanii heerumuu irraa isaan hin dhorginaa yoo jidduu isaaniitti karaa gaariin walii galan, Sana isin irraa nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanutu ittiin gorfama. Sun isiniif irra gaariifi irra qulqulluudha. Rabbitu beekaa isin hin beektan. [93]
haadholiin ilmaan isaanii waggaa lama guutuu hoosisu, Nama hoosisaa guutuu fedheef. nama ilmi isaaf dhalate (abbaan) Soorataafi uffata isaanii (haadholeef) haala gaariin (kennuun) isarra jira. Lubbuun tamiiyyuu dandeettii ishee malee hin dirqisiifamtu. Haati sababaa ilma isheetiin hin rakkifamtu; namni ilmi isaaf dhalates (abbaanis) sababaa ilma isaatiin (hin rakkifamu). (bakka abbaan hinjirretti) Nama (ilma san) dhaalu irras fakkaataa sanaatu jira. Yoo isaan lamaan fedha isaaniitiifi wal mariin harmarraa guusuu fedhan (haaguusanii) badiin isaan irra hin jiru. Yoo ilmaan keessaniif (hoosiftuu gootanii) hoosisiisuu feetan badiin isin irra hin jiru yoo waan kennitan akkaataa gaariin kennitan, Rabbiin sodaadhaa, Rabbiin waan isin dalagdan argaa ta’uu beekaa. [94]
Isin (dhiirota) irraa isaannan du’anii niitiiwwan (uf duubatti) dhiisan, isaan (niitiiwwan tun) ji’oota afuriifi guyyaa kudhan kophaa isaanii turuu qabu. Yeroo beellama isaanii gayan, waan isaan karaa gaariin lubbuulee isaanii keessatti hojjatan keessa badiin isin irra hin jiru. Rabbiin waan isin hojjattan keessa beekaadha. [95]
(isin dhiironni) badiin isinirratti hintaane waan riqoon dubbattan irratti dubartoota (iddaa du'a jaarsaa keessa jiran) qaadhimachuu keessatti, yookiin (waan) onneewwan keessan keessatti dhoksitan keessatti. Akka isin isaan dubbatuuf jirtan Rabbiin beekeera. Garuu iccitiidhaan waadaa isaaniif hin seeninaa yoo jecha beekamaa jettan malee. nikaah hidhuu hin murteessinaa Hanga beellamni yeroo isaa ga’utti. Rabbiin waan lubbuulee keessan keessa jiru beekaa ta'uu beekaa; Isa sodaadhaa. Rabbiin araaramaa, obsaadhaa beekaa.
Badiin isin irra hin jiru yoo Dubartoota odoo isaan hin tuqin yookiin mahrii isaanii isaaniif hin murteessin hiiktan, kennaa itti fayyadaman isaaniif kennaa. Qabaatarratti akkama dandeettii isaatiin, Hiyyeessarrattis akkama dandeettii isaatiin bifa gaariin kennaa (isaan itti fayyadaman kennuu qaba). Kuni warra toltuu hojjatan irratti dirqama. [96]
Odoo mahrii isaaniif murteessitanii jirtanuu isaan tuquun dura yoo isaan hiiktan, walakkaa waan murteessitaniitu (isheef jira), garuu yoo isaan (duubartoonni) dhiisan yookiin inni hidhaan nikaa harka isaa jiru (dhirsi) dhiise (walakkaan dirqamaa miti). Isin dhiisuutu sodaa (Rabbiitti) irra dhiyoodha. Tola giddu keessanii hin irraanfatinaa; Rabbiin waan isin hojjattan argaadha.
Salaatowwan irratti tikfadhaa keessattuu salaatattii giddu galeessaa irratti. Haala Rabbiif ajajamoo taataniin dhaabbadhaa.[97]
Yoo (diina) sodaattan, miilaan deemaa yookiin yaabbatoo ta'aa (sagadaa). Yeroo tagabbooytan, Rabbiin faarsaa akkuma waan (san dura) isin beekoo hintahin isin barsiisetti.
Isin (dhiirota) irraa isaannan du’anii, niitiiwwan (of duubatti) dhiisan, niitiiwwan isaaniitiif haadhaamanii. (qabeenya dhiisanii du’an irraa) waan waggaa tokkoo isaan itti fayyadaman (haa dhaamanii) odoo mana isaanii irraa hin baafamne. Yoo isaan (niitiiwwan fedha isaanitiin) bahan, badiin isin irra hin jiru, waan beekamaa irraa isaan lubbuu isaanii keessatti hojjataniif. Rabbiin injifataa, ogeessa. [98]
Dubartoonni hiikaman haala beekamaan qananiifamuu qaban. (Kun) warra Rabbiin sodaatan irratti haqa.
Akkanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa isiniif addeessa Akka isin xiinxaltaniif.
Sila warra manneen isaanii irraa du’a sodaatanii kumaatama ta’anii ba’anii (qalbiin) hin ilaallee? Rabbiin “du’aa!” isaaniin jedhee (du'an) sana booda isaan jiraachise. Rabbiin ilma namaa irratti abbaa tola (guddaa)ti. Garuu irra hedduun namaa hin galateeffatan. [99]
Karaa Rabbii keessatti lolaa. beekaa Rabbiin dhagayaa, beekaadhaa.
Namni liqii gaarii Rabbiif liqeessee Inni dachaa baay’ee isaaf baay’isu eenyuma! Rabbiin nama fedhe (rizqii) irraa qabata; kan fedhe immoo itti baldhisa. gara Isaatti deebifamtan.
Sila gara qondaaltota Ilmaan Israa’iil irraa ta’an kan booda Muusaa hin ilaallee? yeroo isaan nabiyyii isaaniitiin "hogganaa nuuf godhi karaa Rabbii keessatti lollaa" jedhan. (Inni) "Sila yoo lolli isin irratti murteeffame loluu dhabuu keessan hin sodaattamuu?" jedhe. "maaltu nuuf jiraayyi karaa Rabbii keessatti hin lolle, Odoo manneeniifi ilmaan keenya irraa baafamnee jirruu?" jedhan. Yeroma lolli isaan irratti murteeffame namoota muraasa isaan irraa ta’an malee irraa gara galan. Rabbiin miidhaa raawwattoota ni beeka.
Nabiyyiin isaaniis isaaniin jedhe: "Dhugumatti, Rabbiin Xaaluutiin mootii godhee isiniif ergeera." (Isaan) nijedhan akkamiin nurratti mootummaan isaaf ta’a? nuutu isarra haqa mootomutti, bal'inna qabeenyarraa tahes hinkennamne. Ni jedhe: "Rabbiin isin irratti isa file, beekumsaafi qaama keessattis bal'ina isaaf dabale. Rabbiin mootummaa Isaa nama fedheef kenna. Rabbiin (arjummaan isaa) bal’aa, beekaadha."
Nabbiyyiin isaanii isaaniin ni jedhe: "Dhugumatti, mallattoon mootummaa isaa sanduuqni isinitti dhufuudha. kan isa keessa tasgabbiin Gooftaa keessan irraa ta’ee jiru. kan hanbaan waan maatiin Muusaafi maatiin Haaruun dhiisan irraa ta’e (isa keessa jiru). malaa’ikoonni isa baadhatan (isinitti dhufuudha), Dhugumatti,kana keessa mallattootu isiniif jira yoo mu’uminoota taataniif.
Xaaluut yeroma waraana (isaa) tiin achi bahe ni jedhe: "Dhugumatti, Rabbiin laga wahiitiin isin mokkoraadha. namni isa irraa dhuge anarraayii miti, Namni isa hin dhandhamin immoo anarraayy, Nama harka isaatiin hammaarrii tokkittii hammaarrate malee. isa irraa dhugan nama Muraasa isaan irraa ta'e malee. Yeroma isaafii warri isaa wwajjin amanan isa qaxxaamuran, (warri dhugan) ni jedhan: "Har'a Jaaluutiifi waraana isaa irratti dandeettiin nuuf hin jiru. " Warri Rabbiin wal qunnamoo ta'uu isaanii dhugoomsan ni jedhan: "Garee muraasa heddutu hayyama Rabbiitiin garee baay’ee injifate." Rabbiin warra obsan wajjin jira.
Yeroma Jaaluutiifi waraana isaatiif dirreetti bahan ni jedhan: “Gooftaa keenya! Obsa nurratti dhangalaasi, Faana keenya gadi dhaabi; ummata kaafirootaa irrattis nu tumsi."
Hayyama Rabbiitiin isaan injifatan. Daawuud Jaaluutiin ajjeesee, Rabbiin mootummaafi ogummaa isaaf kennee, waan fedhe irraa isa barsiise. Odoo nama garii gariin deebisuun Rabbii jiraachuu baatee, silaa dachiin badde. Garuu Rabbiin aalama (hunda) irratti abbaa tola (guddaati).
tun keeyyattoota Rabbiiti. Dhugaadhaan ishee sirratti dubbifna. Ati dhugumatti ergamtoota irraayyi.
Ergamoota kana garii isaanii garii irra caalchifne. Isaan irraa nama Rabbiin itti haasayetu jira. Garii isaanii sadarkaa heddu ol fuudhe. Iisaa ilma Maryamiif ragaawwan ifa ta’an kenninee jirra. Ruuhulqudusiin (Jibriiliin) isa jajjabeessine. Odoo Rabbiin fedhee, warri booda isaanii erga ragaawwan ifa taate isaanitti dhuftee booda wal hin lolan turan. Garuu isaan wal dhabani. Isaan irraa namni amane ni jira; isaan irraas kan kafare ni jira. Odoo Rabbiin fedhee, wal hin lolan. Garuu Rabbiin waan fedhe hojjata.[100]
Isin Yaa warra amantan! waan Nuti isiniif kennine irraa kennadhaa Odoo guyyaan (bittaa) gurgurtaan, jaalalleefi manguddummaan isa keessa hin jirre hin dhufin duratti. Kaafiroonni isaanumatu miidhaa raawwattoota.[101]
Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadha. Mugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabu. Wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan Isaati. Inni hayyama Isaatiin malee Isa biratti araarsu eenyuma? (hinjiru). Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beeka. Beekumsa Isaa irraa waan Inni fedhetti malee hin marsanu. Kursiin Isaa samiileefi dachii irra bal’ateera. Isaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisu, Inni ol ta’aa, guddaadha.[102]
Amantii keessa dirqisiisuun hin jiru. Dhugumatti, qajeelumni jallina irraa ifa ta'eera. Namni xaaghuutatti kafaree, Rabbitti amane, dhugumatti haada jabaa citiinsi isiif hintahin qabateera. Rabbiin dhagayaa, beekaadha. [103]
Rabbiin gargaaraa warra amananiiti, Dukkanoota irraa gara ifaatti isaan baasa. Warra kafaran jaalallonni isaanii xaaghuuta; Ifaa irraa gara dukkanootaatti isaan baasan. Isaan sun warra ibiddaati; isaan ishee keessatti zalaalam jiraatoodha.
Sila gara isa Rabbiin mootummaa isaaf kenninaan (waa’ee) Gooftaa isaa keessatti Ibraahiimiin mormee hin laallee? Yeroo Ibraahiim "Gooftaan kiyya Isa jiraachisuufi ajjeesu sani" jedhu. "Anis nan jiraachisa; nan ajjeesas" jedhe (mootichi). Ibraahiim "Rabbiin aduu Baha irraa fida; ati immoo Dhiha irraa fidi" jedhe. Achumaan inni kafare dhama'e, Rabbiin orma zaalimoota hin qajeelchu. [104]
Yookiin akka isaa ganda irra dhufee haala (manneen ishee) mataa ishee irratti kukkuftee jirtuun "akkamumatti Rabbiin du’a ishee booda ishee kana jiraachisa!" jedhee (gara isaa hin ilaallee?). Rabbiin isa ajjeesee waggaa dhibba (tursiise). ergasii isa kaasee "hangam turte?" jedheen. "Guyyaa tokko, yookiin garii guyyaan ture" jedhe. (Rabbiiniis) ni jedhe: "miti waggaa dhibba turte, Mee gara nyaataafi dhugaatii keetii ilaali; hin jijjiiramne, Gara harree keetiis ilaali! Namootaaf mallattoo si taasisuuf (kana goone). gara lafeelee ilaali Akkamitti akka isii walitti qabnuufi ergasii foon itti uffifnu ." Yeroma ifa isaaf ta’u "Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’uu nan beeka" jedhe. [105]
Yeroo Ibraahiim "Gooftaa kiyya! Akkamitti du’aa akka jiraachiftu natti agarsiisi" jedhe (yaadadhaa). (Rabbiiniis) "Sila ati hin amannee?" jedhe. (Ibraahiimis): "Lakkii (amaneera), Garuu akka onneen kiyya tasgabbaa’uufi" jedhe. "Simbira irraa afur qabi, gara keetti fuudhii (isaan kukkuti), Sana booda muraa isaanirraa tahe tokko tokkoo gaaraa irra kaayi, Ergasii isaan waami; daddafanii sitti dhufu.” Rabbiin injifataa, ogeessaa beeki jedhe.
Fakkeenyi warra qabeenyaalee isaanii karaa Rabbii keessatti arjoomanii, akka fakkeenya firii sootalloo (mataa) torba baasteeti, tokko tokkoo sootalloo keessa firiin dhibbi jiruuti. Rabbiin nama fedheef dachaa taasisa. Rabbiin (kenni isaa) bal’aa, beekaadha. [106]
Warri qabeenyaalee isaanii karaa Rabbii keessatti kennatanii, ergasii waan arjooman dhaaddannaafi rakkisuu hin hordofsiisin, isaaniif mindaan isaanii Gooftaa isaanii biratti tahe. Sodaanis isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus.
Jecha gaariifi dhiifama (godhuu)tu sadaqaa rakkisuun isa hordofu irra caala. Rabbiin dureessa, obsaadha.
Isin Yaa warra amantan! dhaaddannaafi (nama) rakkisuudhaan Sadaqaalee keessan hin balleessinaa, akka isa qabeenya isaa garsiifannaa namaatiif arjoomuu, kan Rabbiifi guyyaa Aakhiraattis hin amannee. Fakkeenyi isaa akka fakkeenya dhagaa diriiraa biyyeen isa irra jiruu, kan bokkaan cimaan isa tuqee (roobni guddaan itti roobe) (biyyee irraa dhiquun) duwwaa isa dhiiiseeti, Isaan waan horatan irraa homaa irratti dandeettii hin qaban. Rabbiin ummata kaafirootaa hin qajeelchu. [107]
Fakkeenyi warra qabeenyaalee isaanii jaalala Rabbii barbaaduufi lubbuulee isaanii raggaasisuuf arjoomanii, akka fakkeenya ashaakiltii lafa ol fuudhamaa (haranfama) irra jiruu, bokkaan cimaan itti roobee oomisha ishee dachaan kennitee, yoo bokkaan guddaan ishee hin argatinis tiifuun (isiif gayuuti). Rabbiin waan isin dalagdan argaadha.
Sila tokkoon keessan isaaf ta'uu ni jaalataa? iddoo (ashaakiltiin) Nakhliifi Inaba irraa ta’e, kan laggeen jala ishee yaatu, kan ishee keessa fuduraaleen hundi isaaf jiru, odoo ilmaan dadhabduu (daaima umriin joollee) qabuu kan dullumti isa qabde, bubbeen ibiddi ishee keessatti tahe ishee tuqee gubatte. Akka isin xiinxaltaniif jecha akka kanatti Rabbiin keeyyattoota Isaa isiniif addeessa
Isin Yaa warra amantan! gaggaarii waan carraaqqattaniifi waan Nuti dachii irraa isiniif baafne irraa kennadhaa. isa irraa kennachuudhaan Waan fokkataa hin yaadinaa, (Odoo isiniif kennamee) Isa keessatti ija dunuunfattanii malee kan hin fudhanne taatan (san hinkenninaa, bareedaa kennaa), Rabbiin dhugumatti dureessa, faarfamaa ta’uu beekaa. [108]
Shayxaanni hiyyummaan isin sodaachisa, hamtutti isin ajaja, Rabbiin araaramaafi tola Isa biraa ta’e waadaa isiniif seena. Rabbiin (kenni isaa) bal’aa, beekaadha.
Inni hikmaa (ogummaa) abbaa fedheef kenna, Namni hikmaa kenname, dhugumatti toltuun baay’ee kennameera. Warra aqlii qaban malee eenyullee hin gorfamu.
Kenna irraa waan isin kennattan yookiin qodhaa (nazrii) irraa waan nazartanis, Rabbiin isa beeka. Miidhaa hojjattootaaf tumsitoonni wahiitu hin jiranu. [109]
Sadaqaa yoo mul’iftanii (kennattan) isheen waa tolte; yoo ishee dhoksitanii hiyyeeyyiif kennitan isatu isiniif caala. diliiwwan keessanirraa isinirraa harcaasa. Rabbiin waan isin dalagdan keessa beekaadha.
Qajeelchuun isaanii (dirqama) sirratti hin taane (barsiisuufii ergaa biraan gayuu qofa). Garuu Rabbiin nama fedhe qajeelcha. Qabeenya irraas wanti isin kennattan lubbuulema keessaniifi. Fuula Rabbii barbaachaaf malee hin kennattanu. Qabeenya irraa wanti isin kennattan isiniif guutamee galfama isin hinmiidhamtan.
(Sadaqaan) hiyyeeyyii karaa Rabbii keessatti hidhamaniif (kennamti), warra dachii keessa deemuu hin dandeenye, kan kadhaa irraa of qabuu isaanii irraa wallaalaan dureeyyii isaan sehu, mallattoolee isaaniitiin isaan beekta. namoota hinkadhatan, hin hifachiisan, Qabeenya irraa waan isin kennattan Rabbiin isa beeka.
Warra qabeenyaalee isaanii halkaniifi guyyaa, dhoksaafi ifatti mul’isanii arjooman, isaaniif mindaan isaanii Gooftaa isaanii bira jira. Sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddan.
Warri dhala nyaatan (Guyyaa Qiyaama) (qabrii isaaniirraa) hinkaafaman akka isa shayxaanni maraatummaa irraa isa kukuffisu kaafamutti malee (hin kaafaman). Kunis waan isaan "bittaa gurgurtaan akkuma dhalaati" jedhaniifi. Rabbiin immoo bittaa gurgurtaa hayyamee dhala dhorge. Namni gorsi Gooftaa isaa irraa itti dhufee (dhala nyaachuu irraa) dhorgame, wanti (dhorgaan dura) darbe kanuma isaati. Dhimmi isaas (waan dhufu keessatti) gara Rabbiiti. Namni (itti) deebi’e immoo isaan warra ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha. [110]
Rabbiin dhala (keessaa barakaa) ni haqa; sadaqaawwan immoo ni guddisa. Rabbiin warra akkaan kafaraa, dilaawaa hunda hin jaalatu.
Isaannan amananii gaggaariis hojjatanii, salaatas gadi dhaabanii, zakaas kennan, warri sun mindaan isaanii gooftaa isaanii bira isaaniif jira. Sodaanis isaan irra hin jiru; isaan hin gaddan.
Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; yoo mu’uminoota taataniif dhala irraa waan (nama irratti) hafe dhiisaa. [111]
Yoo (kana) hin hojjatin, lola RabbiiTIIfi ergamaa Isaa irraa ta’e beekkadhaa! Yoo tawbattan mataan qabeenya keessanii isinumaaf (haqa). Hin miitanis; hin miidhamtanis.
Yoo (kan deyniin irra jirtu) rakkataa tahe hanga argatutti eeggachuutu (isin irra jira), (Isaanitti) saddaqachuutu (deynii isaaf dhiisuutu) irra isiniif caala. Yoo kan beektan taataniif (sadaqadhaa).
Guyyaa sodaadhaa kan isa keessa gara Rabbii deebifamtan, ergasii lubbuun hundi waan hojjatteen galata galfamtu, isaan hinmiidhaman.
Yaa warra amantan! Hanga beellama beekamaatti liqii yoo walii liqeessitan isa barrreessaa, Barreessaan gidduu keessanitti haqaan haa barreessu, Barreessaan akka Rabbiin isa barsiisetti barreessuu hin didin. Haa barreessu; Inni liqiin isa irra jiru haa dubbisuu, Allaah gooftaa isaa haa sodaatu. Isa irraa homaa hin hir’isin. Yoo inni liqiin isa irra jiru gowwaa yookiin dadhabaa yookiin inni kan dubbisuu hin dandeenye ta’e firri isaa haqaan haa dubbisu, Ragaa lama dhiirota keessan irraa ragsiifadhaa. Yoo dhiirri lama hin argamin, dhiira tokkoofi dubartii lama, dagachuu ishee tokkoofi yaadachiisuu ishee birootiif jecha, ragoolee namoota isin jaallattan irraa haala ta’aniin ragaa godhaa. Ragoonnis yeroo waamaman hin didin. Xiqqaas ta’ee guddaa, hanga yeroo isaatti, isa barreessuu hin hifatinaa. Kanatu Rabbiin biratti irra haqa; ragummaafis irra mirkanaa’aadha; akka isin hin shakkineefis irra dhihoodha. yoo daldala bakkuma sanitti gidduu keessanitti raawwattan taate malee, ishee barreessuu dhabuudhaan badiin isin irra hin jiru. Yeroo bittanii walitti gurgurtanis ragaa godhaa. barreessaafii ragaa bahaan miidhamuu hin qabu. Yoo raawwattan, dhugumatti inni fincila (ajaja Rabbii diduu) keessani. Rabbiin sodaadhaa; Rabbiin isin barsiisa. Rabbiin waan hunda beekaadha. [112]
Yoo imala irra jiraattanii barreessaa hin argatin, qabdii fuudhamtuu taate (qabadhaa). Yoo gariin keessan garii amane immoo, inni amaname amaanaa isaa haa dhaqqabsiisu (haa galchuu); Rabbii Gooftaa isaa haa sodaatu. Ragaa hin dhoksinaa, Namni ishee dhokse dhugumatti inni onneen isaa dilaawaadha. Rabbiin waan isin hojjattan beekaadha.[113]
Wantoonni samiileefi dachii keessa jiran kan Rabbiiti. Waan lubbuulee teessan keessa jiru yoo ifatti mul’iftan yookiin yoo isa dhoksitan Rabbiin ittiin isin qorata; nama fedheef ni araarama nama fedhe immoo ni adaba. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.
Ergamaan (kiyya) {muhammad) waan Gooftaa isaa irraa gara isaatti buufametti (qur'aanatti) amaneera; mu’umintoonnis (amanan). Hundumtuu Rabbitti, malaa’ikota Isaa, kitaabota Isaatiifi ergamtoota Isaatti amananiiru. "Nuti ergamtoota Isaa irraa jidduu tokkoos adda hin baafnu" (jedhan). "Nuti dhageenye, tolejenne. Gooftaa keenya! Araarama kee (barbaanna). Deebiinis garuma keeti" jedhan.[114]
Rabbiin lubbuu takkas dandeettii ishee malee hin dirqisiisu. (Toltuu irraa) wanti isheen carraaqqate isheedhumaafi; (hamtuu irraa) wamti isheen carraaqqattes ishee irratti (ta’a). "Gooftaa keenya! Yoo daganne yookiin dogoggorre nu hin qabin. Gooftaa keenya! Ba’aa guddaa akka warra nuun duraa irratti baachifte nurratti hin baachisin. Gooftaa keenya! Waan isatti dandeettiin nuuf hin jirre nu hin baachisin. Irras nuuf dabri; nuuf araaramis Rahmatas nuuf godhi. Ati gargaaraa keenya, Ummata kaafirootaa irratti nuuf tumsi. [115]

