The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesTaha [Taha] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah Taha [Taha] Ayah 135 Location Maccah Number 20
Xaa haa. [1]
(Yaa Muhammad!) Nuti Qur’aana akka ati rakkattuuf sirratti hin buufne.
Nama Rabbiin sodaatu yaadachiisuuf malee.
Isa dachiifi samiilee ol fuudhamoo uume irraa buufamaadha.
Rahmaan Arshii irratti (ol ta’iinsa Isaaf malu) ol ta’eera. [2]
Wanti samiilee, dachiifi gidduu isaan lamaanii jiruufi wanti dachii (biyyee) jala jiru hundi kan Isaati.
Jecha yoo ol fuutes, dhugumatti Inni (Rabbiin) iccitiifi waan isa caalaa dhokates ni beeka.
Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiru. Maqoonni babbareedoon isaaf tahe. [3]
Sila oduun Muusaa sitti dhufeeraa?
Yeroo Ibidda argee maatii isaatin jedhe “as taa’aa ani ibiddaan argee, waan irraa qabsiifatanin isii irraa isinii fida. yookiin ibidda biraa nama (karaa irratti) na qajeelchu argachuun kajeelaa”.
Yeroma gara ishee dhaqe “Yaa Muusaa!” (jechuun) itti lallabamee. (Rabbitu isa yaame).
“Ani anumaatu Gooftaa keeti; kophee tee lamaan baafadhu, ati laga qulqulleeffamaa, Xuwaa keessa jirtaa.
Ani si filadheeraa waan (sitti) beeysifamu dhageeffadhu.
Ani anaatu Allaaha; dhugaan gabbaramaan hin jiru Ana malee! Ana gabbari. Yaadannoo kiyyaaf salaata seeraan salaati.
Qiyaamaan dhuftuudha. akka lubbuun hundi waan hojjatte galata galfamttuuf jecha. ishee dhoksuuttin dhihaadha. [4]
Ishee (itti amanuufii qophaawuu) irraa si garangalchin Namni isheetti hin amanin, kan fedhii isaa hordofe, (Yoo isa hordofte) ni badda.”
Yaa Muusaa! Wanti harka mirgaa kee keessa jiru sun maali?”
(Muusaan) ni jedhe: “Isheen ulee tiyya; ishee irrattin irkadha; Re’ee tiyyaaf isheenin (baalaafii firii mukaa) harcaasa. Ishee keessa anaaf dhimmi biraas ni jira”.
(Rabbiin) ni jedhe: “yaa Muusaa! Ishee darbi.”
Ishee ni darbe, Yeroma san isiin bofa fiigdu taate.
(Rabbiin) ni jedhe: “Ishee qabi; hin sodaatin; haala ishee kan jalqabaatti ishee deebifnaa. (yeroo ati qabde uletti deebiti).
Harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansi, adii taatee baati dhibee (tokko) malee, (tun) Mallattoo biraati (tan lammeessaati).
Mallattoolee keenya isaan gugurdoo irraa si agarsiisuufi.
Gara Fir’awnaa deemi, inni (kufriifii jallinaan) daangaa dabree jira.
(Muusaan) ni jedhe: “Yaa Gooftaa kiyya! Qoma tiyya naaf bal’isi.
Hojii kiyyaas naaf laaffisi.
Hidhaa (Cabaqa) arraba kiyya irraa hiiki.
Jecha kiyya haa hubatanii.
Maatii kiyya irraa gargaaraa (qondaala) naaf godhi.
Haaruun obboleessa kiyya.
Isaan irree kiyya cimsi.
Waayee kiyya keessattis isa hirmaachisi (nabiyyummaa kenniif).
Akka baay’ee si faarsinuuf.
Akka baay’inaanis si yaadannuuf.
Dhugumatti, Ati nu argaa taatee jirta.”
(Rabbiin) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Dhugumatti, kadhaa kee kennamtee jirta.
Dhugumatti, yeroo biraas si qanansiifnee turre.
Yeroo waan beeksifamu gara haadha teetii (wahyii) beeysifne.
(Akkanaan isii ajajne) Sanduuqa keessa isa (daa’ima) kaayi; laga (niil) keessatti isa (sanduuqicha) darbi; Lagichi moggaatti isa darbeeti diinni kiyyaafi diinni isaas (fir'owna) isa fudhata. Jaalala Ana biraa ta’e si irratti darbeera (sijaaladheera); argaa ija tiyyaa (tika kiyya) irratti akka guddattuuf. [5]
(Yaa Muusaa!) Yeroo obboleettin tee (kara sanduuqa bishaan oofu jala) deemtee, (warra isa fudhateen) ‘Nama isa guddisu irratti isin qajeelchuu?’ jetteen (yaadadhu). gara haadha teetiitti si deebifne Akka ijji ishee tasgabbooftuufi isiin hin gaddineef jecha. Lubbuu ajjeeftee turtee yaaddoo guddaa (fii adabamuu) jalaa si baraarree, mokkoraalee si mokkorree jirra. Ergasii waggoota (baay’ee) warra Madyan keessa turtee jirta. San booda murterratti (yeroo Ani siif murteessetti)(bakka kana) dhuftee jirta; yaa Muusaa. [6]
lubbuu tiyyaaf si filadheera (ergamaa sigodheera).
Atiifi obboleessi kee (haaruun) aayatoota kiyyaan deemaa; zikrii kiyya keessattis isin lachanuu hin laafinaa.
Isin lamaanuu gara Fir’awni deemaa; dhugumatti, inni daangaa dabree (jallatee) jira.
Jecha laafaa (gaarii) isaan jedhaa. akka gorfamuuf yookiin akka Rabbi sodaatuuf jecha”
Isaan lamaan ni jedhan: “Gooftaa keenya! nuti adabbii cimaa nu adabuu; yookiin (nurratti) daangaa dabruu sodaanna”
(Rabbiin) ni jedhe: “Hin sodaatinaa, Ani (gargaarsaafii tumsaan) isin lamaan wajjinin jira; nan dhaga’a; nan argas.
Isin lachuu isa bira dhaqaa isaan jedhaa ‘Nuti ergamtoota Gooftaa keetiiti; ilmaan Israa’iil nu waliin ergi; isaan hin azzabin; dhugumatti, nuti mallattoon Gooftaa keetirraa sitti dhufne. Nageenyi nama qajeelfama (Rabbii) hordofe irratti taha.
“nuti gara keenyatti wahyiin godhameera, adabbiin nama (ergamtootaafii aayatoota Rabbii) kijibsiisee garagale irratti tahaadha”
(Fir’awn) “Yaa Muusaa! Gooftaan keessan eenyu?” jedhe.
(Muusaan) ni jedhe: “Gooftaan keenya Isa (waan hunda) akkaataa uumama isaa isaaf kennee sana, eegasii isa qajeelcheedha.”
(Fir’awn) ni jedhe: “Haalli ummatoota durii hoo akkam ta’a?”
(Muusaanis) ni jedhe: “Beekumsi ishee Gooftaa kiyya bira galmee keessa jira, Gooftaan kiyya hin dogoggoru; hin irranfatus”
(Inni) Isa dachii afata isiniif godhee, ishee keessatti karaalee isiniif laaffisee, samii irraa bishaan buuse sani, Isaan (roobaan) akaakuu biqiltuulee adda addaa irraa taate ni baafne (nimagarsine).
(Isa irraa) nyaadhaa; beyladoota keessanis dheechisaa, Dhugumatti, kana keessa namoota qalbiilee qabaniif mallattoleetu jira.
Ishee (dachii) irraa isin uumne; ishee keessatti (awwaalamuudhaan) isin deebifna; yeroo biraas (guyyaa qiyaamaa) ishee irraa isin baafna.
Dhugumatti, mallattoolee keenya hunda ishee isatti (Fir’awnitti) argisiifneerra; innis ni sobsiisee; ni dides.
(Fir’awn) ni jedhe: “Yaa Muusaa! Sila ati dachii teenya irraa sihrii teetiin nu baasuuf nutti dhuftee?
Nutis sihrii fakkaataa isaatiin sitti dhufna, gidduu keenyaafi gidduu keetti beellama godhi. kan nutiifi atis irraa hin hafne, iddoo giddu galeessa ta’etti”
(Muusaanis) ni jedhe: “Beellamni keessan guyyaa bareechifannaati, (ayyaanaati); namoonnis (yeroo) waaree walitti qabamuudha”
Fir’awni gara galee, deemee shira isaa walitti qabee eegasii (bakka beellamametti) dhufe.
Muusaan isaaniin nijedhe “Yaa badii keessan! Rabbi irratti soba hin odeessinaa; adabbiidhaan isin balleessa, Dhugumatti, namni (Rabbi irratti) kijibe hoonga’ee jira”.
Dubbii isaanii irratti gidduu isaaniitti wal falman, maqoo isaaniis dhokfatan.
Ni jedhan: “Jarri lamaan kun falfaltoota, falfala isaanitiin dachii teessan irraa isin baasuu fedhan, karaa keessan ishee caaltuu taate dhabamsiisuu (fedhu).
Shira keessan walitti qabadhaa; eegasii hiriiraan koottaa, Dhugumatti, namni hardha irra aane (mo’ate) milkaa’eera.
Yaa Muusaa! Ati darbachuu yookiin jalqaba nama darbuu nuti ta’uu (filadhu)” jedhaniin. [7]
(Muusaanis) “Lakki; isinummaan darbaa!” jedhe, (nidarbatan) yoggus haadoowwan isaaniifi uleewwann isaaniis falfala isaanii irraa kan ka'e waan fiigdu (bofa) itti fakkeeffame.
Muusaan lubbuu isaa keessatti sodaan itti dhaga’ame (sodaa gadi dhooyfate).
“Hin sodaatin! Dhugumatti, ati sumatu ol'aanaa (injifataa)” jenneen. [8]
“Waan (harka) mirga kee keessa jiru (ulee tee) darbi! (jawwee taateeti) Waan isaan hojjatan (kan sihrirraa tahe) liqimsiti, Wanti isaan dalagan (hundi) shira nama falfala hojjatuuti, Falfalaan bakkuma dhufe (hunda)ttuu hin milkaa’u”
Ergasii warri falfala hojjatan sujuuda bu’anii “Gooftaa Haaruniifi Muusaatti amanne” jedhan. [9]
(Fir’awn) (mormee sodaachisuuf) ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantanii? inni guddaa keessan kan falfala isin barsiiseedha, harkowwaniifii miillan keessan wal faallessee isinirraa cira. jirma muka timiraa irrattin isin fannisa, Isinis (yoos) eenyu keenya (anamoo Gooftaa Muusaatu) adabbiin isaa irra cimaafi turaa akka ta’e beekuuf jirtu.”
Ni jedhan: “Waan nutti dhufe kan ragaawwan mul'atarraa ta’eefi Isa nu uumerra sin caalchifannu, waan murteessitu murteessi! Wanti ati murteessitus jiruma addunyaa tana qofa. [10]
“Nuti Gooftaa keenyatti amannee jirra, Akka dogoggora keenyaafi (kufriifii) falfala irraas waan ati isatti nu dirqisiifte nuuf araaramuuf, Rabbitu caalaafi hafaadha.
Namni badii hojjataa ta’ee gara Rabbii isaa dhufe, isaaf jahannamtu jira; ishee keessatti hin du’u, (jiruu gaarii) hin jiraatus.
Namni Mu’umina ta’ee, dhugumaan hojiilee gaarii hojjataa gara Isaa dhufe isaan sun isaaniif sadarkaalee ol ta’aatu (jannataatu) jira.
Jannatoowwan qubsumaa tan jala ishee laggeen yaatutu (isaanif jira); ishee keessa zalaalam jiraatu, Kun mindaa nama (kufriifii dilirraa) qulqulleeffateeti.
Dhugumatti, gara Muusaa beeysifne “Gabroota kiyyaan halkaniin deemi! Isaaniif galaana keessatti karaa gogaa taasisi; (Fir’awna) si dhaqqabuufi (bishaaniin nyaatamuu) hin sodaattu” jechuudhaan.
Fir’awni waraana isaa waliin isaan hordofe; galaanicha irraa wanti isaan haguuge isaan haguuge. [11]
Fir’awni ummata isaa ni jallise (isaan) hin qajeelchine.
Yaa ilmaan Israa’iil! Dhugumatti Nuti diinota keessan jalaa isin baraarsinee, moggaa mirga gaara Xuur irratti waadaa isinii goonee, waan mi’aawaa damma fakkaatuufi foon allaattii isin irratti buufnee jirra.
Wantoota gaggaarii Nuti isiniif kennine irraa nyaadhaa, isa keessatti daangaa hin dabrinaa (hinjallatinaa); (yoo jallattan) dallansuu kiyyatu isin irratti bu’a, Namni dallansuun kiyya isa irratti bu’e, dhugumatti, bade.
Ani akkaan araaramaadha nama tawbatee, amanee, gaggaarii hojjatee, sana booda (hanga du’utti) karaa qajeelaa qabateef.
“Ummata kee biraa maaltu si jarjarse? Yaa Muusaa!” (jedheen).
(Muusaan) ni jedhe: “Kuunnoo isaan faana kiyya irra jiru, Yaa Gooftaa kiyya! Akka Ati (na irraa) jaallattuufiin gara kee jarjare.”
(Rabbiin) ni jedhe: “Nuti dhugumatti, ummata kee siboodaa (bakka ati hin jirretti) mokkorree jirra; Saamiriyyichi isaan jallise.”[12]
Muusaan gara ummata isaa, dallanaa, gaddaa deebi’ee nijedhe “Yaa ummata kiyya! Sila Rabbiin keessan waadaa gaarii isiniif hin seennee? (Yeroo) beellamichaatu isinitti dheeratemoo? Dallansuun gooftaa keessan irraa isinitti bu’uu feetaniiti waadaa kiyya diigdanii?”
(Isaan) ni jedhan: “Waadaa siif seenne fedha keenyaan hin diigne, Garuu nuti ba’aa (faaya) bareedumaa kan warra (Fir’awn) baachifamneeti, (ibidda keessatti) ishee darbine, Akkasuma, Saamiriyyichis darbe.”
Qaama, Jibicha (mirgoo), sagaleen barooduun isaaf tahe isaaniif baasee “Kanatu gabbaramaa keessaniifi gabbaramaa Muusaati; (Muusaan isa) irraanfateeti (barbaaduuf deeme)” jedhan.
Sila (warri dhama'anii isa gabbaran) kan inni jecha isaaniif hindeebifne, isaan miidhuus ta’ee fayyaduu hin dandeenye ta’uu hin arganii?
Dhugumatti, sana dura Haaruun isaaniin jedhee ture.“Yaa ummata kiyya! Inni (kun) waan isin ittiin mokkoramtaniidha, Gooftaan keessan immoo Rahmaani; na hordofaa; ajaja kiyyas tole jedhaa”
(Isaan) “ Nuti isa (Jibicha) gabbaruu irraa hin deemnu Hanga Muusaan gara keenya deebi’utti” jedhan.
(Muusaan obboleessa isaatiin) ni jedhe: “Yaa Haaruun! Yeroo jallachuu isaanii argite (isaan dhiiftee deemtee nadhaqqabuu) maaltu si dhorge?
Ana hordofuu (maaltu si dhorge?) Moo ajaja kiyya fudhachuu didde?”
(Haaruunis) nijedhe “Yaa ilma aayyoo tiyyaa! Areeda kiyyas ta’ee mataa kiyya na hin qabin, ‘Ati gidduu ilmaan Israa’iil addaan baafte; jecha kiyyas hin eegdu (naan) jettaan sodaadhe”.[13]
(Muusaan) ni jedhe: “Ati hoo yaa Saamiriyyii! Maal taate (maalif akkas hojjatte?)?” [14]
(Saamiriyyiin) nijedhe “Ani waan isaan hin beekin beekeetin, faana kottee (farda) ergamaa (Jibriil) irraa (biyyee) hammaarrii tokko fudheen ishee darbe akka kana Lubbuun tiyya naaf miidhagsite”.
(Muusaan) ni jedhe: “Deemi jireenya keessatti ‘Nan tuqinaa jechaa jiraachuun siif tahaadha.’ ammas siif beellama ati hin hanbifamnetu siif jira. Gara gabbaramaa kee isa gabbaraa turtee ilaali, Nuti dhugumatti, isa gubna; eegasii (caccabaa isaa) galaana keessatti facaasinsa facaafna.” [15]
Rabbiin keessan Allaah kan Isa malee dhugaan gabbaramaan biraa hin jirre qofa. Inni waan hunda beekumsaan bal'ateera.
Akkuma oduu (warra Fir’awn) kanatti oduu waan dur dabre irraa sitti odeessina (akka ittiin boohartuuf jecha), Nuti dhugumatti, nu biraa yaadannoo (Qur’aana) siif kenninee jirra.
Namni isa (Qur’aana) irraa garagale (itti amanuu dide), dhugumatti, inni Guyyaa Qiyaamaa ba’aa (dilii) baadhata.
Yeroo hunda isa (azaaba ba’aa kanaa) keessa jiraatan, Guyyaa Qiyaamaa ba’aa isaanii ta’uun waa fokkate!
Guyyaa garrii (xurumbaa) keessa afuufamu (dubbadhu), Guyyaa san badii raawwattoota (ija) cuquliisa (jaamaa) taasifnee walitti qabna.
Gidduu isaaniitti “Isin (guyyoota) kudhan malee (eegaduutanii) hin turre” jechuun walitti hasaasu.
Nuti waan isaan jedhan beekna yeroo mala irra beekaan isaanii “isin (eega duutanii) guyyaa tokko malee hin teenye” jedhu .
Gaarreenirraa si gaafatu, “Gooftaan kiyya (guyyaa qiyaamaa) faffacaasuu ishee faffacaasa” jedhiin.
“Lafa wal qixxaa’aa dirree taasisee ishee (dachii) dhiisa.
Ishee keessatti dabiinsa bu’aa bahiis hin argitu.”
Guyyaa san lallabaa jallinni isaaf hinjirre (kan gara dirree walitti qabamaatti yaamu) hordofu; Sagaleewwan Rahmaaniif cal jetti, Shokomsaa malee homaa hin dhageessu.
Guyyaa san manguddummaan homaa hin fayyaddu; nama Rahmaan isaaf hayyameefi jecha isaas irraa jaallateef malee.
Inni (Rabbiin) waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniitis (adduniyaafii aakhiraa) beeka , Isaan immoo beekumsaan isa hin marsan.
Fuulli (Rabbii) jiraataa, waan hundaan dhaabatuuf gadi jette, Dhugumatti, namni miidhaa baadhate hoongaye.
Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, miidhaa (hamtuu irratti dabaluu)s ta’ee hirdhina (mindaa isaa) hin sodaatu.
Akkanatti qur'aana Afaan Arabaa goonee isa (Qur’aana) buufne; isa keessatti akeekkachiisa irraa addeessine. akka isaan sodaataniif yookiin akka gorsa isaaniif haaromsuuf.
Allaahn, mootiin dhugaa, ol ta’eera, Odoo wahyiin isaa gara kee bu’ee hin xumuramin dura, Qur’aanatti (dubbisuutti) hin jarjarin, “(Yaa) Rabbii kiyya! Beekumsa naaf dabali” jedhi.
Dhugumatti, san dura Aadamitti beeksisa goonee, dagatee ture, Nuti kutannoo isaaf hin argine. [16]
Yeroo maleykotaan “Aadamiif sujuudaa” jenne (yaadadhu). Ibliisa malee sujuuda bu’an. Inni ni dide. [17]
Ni jenne: “Yaa Aadam! Dhugumatti kun diina keetiifi (diina) niitii teetiiti, Jannata keessaa akka isin lamaanuu hin baafne; (yoo jannataa baate) ni rakkatta.
Dhugumatti, ati ishee (jannata) keessatti beela’uu dhabuufi daaruu dhabuunis siif jira. (Rabbiin sirazaqa ni nyaattaa, ni uffatta).
Ammas ati ishee keessatti dheebochuu dhabuufi aduun gubachuu dhabuunis siif jira.” (ni dhuuyda, siif gaaddiseeffama).
Sheyxaanni gara isaatti hasaasee: nijedhe “Yaa Aadam! Gara muka (as keessa) turiinsaatiifi mootummaa hin dhabamne irratti si qajeelchuu?” [18]
Isaan lamaan ishee (mukattii irraadhoowwaman) irraa nyaatani; qaamni saalaa isaanii isaaniif mul’atte; baala jannataa irraa uf irratti maxxansuu eegalan, Aadam (ajaja) Gooftaa isaa didee dogoggore.
Eegasii Rabbiin isaa isa filatee, isaaf tawbaa qeebalee isa qajeelche.
(Rabbiin) ni jedhe: “ isin lamaanuu waliin ishee (jannata) irraa (gara dachii) gadi bu’aa, Gariin keessan gariif diina ta’aatii, Ergasii yoo Ana irraa qajeelfamni isinitti dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe hin jallatu; hin rakkatus. [19]
Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf (aduniyaafii barzakhattis) jireenya dhiphootu jira; Guyyaa Qiyaamaa jaamaa gooneeti isa kaafna.”
“Gooftaa kiyya! Odoon (addunyaa irratti) nama argu ta’ee jiruu (har’a) maaliif jaamaa gootee na kaafte?” jedha.
(Rabbiin) ni jedha: “Akka kanatti keeyyattoonni keenya sitti dhuftee, ishee dagatte, Atis hardha akkuma kanatti dagatamta. (azaaba keessatti dhiifamta)”
Akkuma kanatti nama daangaa dabree, keeyyattoota Gooftaa isaatti hin amanin galata galchina, azaaba Aakhiraatu irra cimaafi irra hafaadha.
Sila isaaniif adda hin baanee dhaloota isaaniin duraa irraa meeqaatama akka balleessine, kan isaan (kuni) manneen isaanii (warra dhumee) keessa deemaa (hanbaa isaanii argaa) jiran, Dhugumatti kana keessa warra qalbii qabaniif mallattooleetu jira.
Odoo jechi Gooftaa kee irraa dabarteefi beellamni murtaa’e jiraachu baatee, silaa (adabni aaddunyaatti) isaan qabaa taha ture.
Waan isaan jedhan irratti obsi, Gooftaa kee galatoomfataa faarsi baha biiftuu duraafi lixa ishee dura. Yeroo halkaniitiifi qarqara guyyaa irraas (Isa) qulqulleessi, (Kunis mindaa inni siif kennu) akka jaallattuufi.
Ija tee lamaan hin diriirsin gara waan Nuti isaaniin qananiifnee, gareewwan adda addaa isaan irraa ta’an. kan miidhagina jireenya addunyaa ta’ee, akka isa keessatti isaan mokkoruuf jecha, Kennaa Rabbii keetiittu caalaafi irra hafaadha.[20]
Maatii tee salaatatti ajaji; isiirratti obsi, Nuti hiree sin gaafannu, Nutu sii hira. Booddeen (gaariin) warra Rabbi sodaatuufi. [21]
Ni jedhan: “Maaliif Gooftaa isaa irraa mallattoon nutti hin dhufne?” Sila ragaan ifa taate kan kitaabota durii keessa jirtu isaanitti hin dhufnee?
Odoo Nuti isa (Rasuula -SAW) dura adabbiin isaan balleessinee, silaa ni jedhu turan: “Gooftaa keenya! Odoo ergamaa gara keenyatti ergitee, silaa odoo salphinaafi xiqqeenyi nu hin mudatin dura keeyyattoota kee hordofna turre.”
(Yaa Muhammad!): jedhi “Hunduu eegaadha, Isinis eegaa, Namni warra karaa sirrii ta’eefi namni qajeele (nuufii isin keessaa) eenyuun akka ta’e beekuuf jirtu”.

