The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Prophets [Al-Anbiya] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Prophets [Al-Anbiya] Ayah 112 Location Maccah Number 21
Namootaaf qormaanni isaanii isaaniif dhihaatee jira, odoo isaan daguu keessatti gara galanii. [1]
Gorsi haaraan Rabbii isaanii irraa isaanitti hin dhufu, kan isaan taphachaatuma isa dhaggeeffatan ta’an malee.
Onneewwan isaanii dagattuu taatee malee (hin dhaggeeffatan), Miidhaa hojjattoonnis marii dhooyfatan,“Sila kun namuma akka keessanii malee nitahee? Sila isin odoo argitan falfalatti dhaqxuu? (Jala deemtuu)" (waliin jedhu).
(Muhammad-SAW) ni jedhe: “Gooftaan kiyya jecha samiifi dachii keessatti (dubbatamu hunda) ni beeka. Inni dhagayaa, beekaadha.
Isaan ni jedhan: “(Qur’aanni) kun abjuu laaqamaadha, Lakkii! Soba inni of irraa uumee, Lakkii! Inni weellisaadha, (Yoo dhugaa ta’e) raajii akka warri durii ittiin ergameen nutti haa dhufu”
Gandi Nuti ishee balleessine tokkolleen isaaniin duratti hin amanne; sila isaan ni amananii?
Si dura dhiirota wahyii gara isaanii goonu malee hin ergine, Yoo kan hin beekne taatan warra beekumsaa gaafadhaa.[2]
Nuti isaan (ergamoota Rabbii) qaamota nyaata hin nyaanne hin taasifne; kan (addunyaa keessa) zalaalam jiraatanis hin taane.
Eegasii waadicha isaaniif dhugaa goonee, isaaniifi nama feenes ni baraarsinee; daanga dabartoota immoo ni balleessine.
Dhugumatti, Nuti kitaaba yaadannoon (gorsi) keessan isa keessa jiru gara keessanitti buufnee jirra, Sila hin xiinxaltanuu? [3]
(Warra) gandaa miidhaa hojjattu taatee meeqaa meeqa balleessine (hedduudha); ishee boodaan ummata biraa uumne.
Yeroo azaaba keenya argan, yeroma san isaan ishee irraa gulufu (dheefa fiigu).
Hin gulufinaa, gara waan isa keessatti qanansiifamtaniifi (gara) manneen keessanii deebi’aa akka gaafatamtaniif jecha.
(Isaan) ni jedhan: “Yaa badii keenya! nuti (Rabbitti kafarr keenyaan) miidhaa hojjattoota turre.
(Jechi nuti miidhaa raawwattoota taane jedhu) sun watwaata isaanii ta’uu irraa hin deemne Hanga (isaan fixnee) haamamoo, dhaamoo isaan taasifnutti .
Nuti samii, dachiifi wantoota isaan lamaan gidduu jiran taphattoota taanee hin uumne.
Odoo tapha godhachuu feenee silaa nu biraa isa taasifanna; kana hojjatoo hin taane.
Miti; dhugaa dhara irratti darbina Sammuu isa dhoosee (isa balleessa); yoosuu inni (dharti) dhabamaadha. Isiniif waan (Rabbi) irratti uumtaniif badiitu (mirkanaa’ee) jira.
Wantoonni samiileefi dachii keessa jiran hundi kan Isaati. warri Isa (Allaah) bira jiran (maleykonni) Isa gabbaruu irraa hin boonan; hin hifatanis.
Halkaniifi guyyaa (Rabbiin) qulqulleessan; hin boqatan (hinhifatan).
Sila gabbaramtoota (gabbaran), dachii irraa godhatanii? kanneen (namoota) du’aa kaasan, [4]
Odoo isaan lamaan (samiifi dachii) keessa Rabbiin malee gabbaramtoonni biraa jiraatanii lamaan isaaniituu ni badu ture, Rabbiin Gooftaa Arshii ta’e waan kaafiroonni (Isaan) jedhan irraa qulqullaa’e!
Inni (Rabbiin) waan dalagu irraa hin gaafatamu; isaan immoo ni gaafataman.
Sila isaan Rabbiin malee gabbaramtoota taasifatanii? “Ragaa keessan fidaa” jedhiin, Kun gorsa namoota na waliin jiraniifi gorsa namoota ana dura turaniiti, irra hedduun isaanii dhugaa hin beekan, isaan (isa) irraa garagaloodha.
(Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine.
Isaan “Rahmaan ilma godhate” jedhan, Inni qulqullaayeera, Lakkii (ilma hingodhanne) isaan (maleykoonni) gabroota (Rabbii) kabajamoodha.
Jechaan Isa hin dursan; isaan ajaja Isaatiin hojjatu.
Inni (Rabbiin) waan isaaniin duraatiifi waan isaan duubaas ni beeka, Nama Inni jaalateef malee isaan hin manguddooman, Isaan (ofiifuu) sodaa Isaa (Allaah) irraa rifatoodha.
Isaan irraa nama “Isaan malee anatu gabbaramaadha” jedhe, isa san jahannam isaaf galata galchina, Akkasitti miidhaa hojjattoota galata galchina.
Sila isaan kafaran akka samiileefi dachiin walitti maxxantuu turanii, ergasii addaan isaan baafne hin beekanii? Bishaan irraa lubbu qabeeyyii hunda ni uumne, Sila hin amananii?
Dachii keessatti akka isheen isaaniin hin sochoone gaarreen (lafa qabataa) taasifneerra, Ishee keessatti daandiwwan gugurdaa akka ittiin qajeelaniif isaaniif taasifneerra.
Samii qaaxee (jaarmaya kan gubbaa) eegamaa taasifnee jirra, Garuu isaan mallattoolee ishee irraa garagaloodha.
Inni Isa halkaniifi guyyaa, aduufi baatii uumeedha; hunduu orbitii (karaa) (isaanii) keessa daaku (deemu).
(Yaa Muhammad!) Si dura ilma namaatiif jireenya waaru (zalaalam) hin taasifne, Sila yoo ati duute, isaan ni waaruu? (hinwaaran).
Lubbuun hundi du’a dhandhamtuudha. hamtuufi gaariin isin qoranna mokkoraaf, Garuma keenyatti deebifamtu.
Isaan kafaran yeroo si argan “sila kun isa gabbaramtoota keessan (hamtuun) maqaa dhahu sani mitii?” (jechuun) qishnaa qofa si taasifatu, isaan faaruu Rahmaanitti isaanumaatu kafaroodha.
Namni jarjara irraa uumame (jarjarri amala isaati), Ani mallattoolee tiyya isinittin agarsiisaa, nan jerjersiifatinaa.
“Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, waadaan kun yoom? jedhu.
Isaan kafaran odoo yeroo ibidda fuulleen isaanii irraafi dugdawwan isaanii irraa qabuu hin dandeenyeefi tumsas hin arganne san beekanii (hin jerjerfatanu ture).
Dhugumaatti, isheen (Qiyaaman yookaa ibiddi) tasuma isaanitti dhuftee, isaan dhamaafti, Ishee (of irraa) deebisuu hin danda’anu; yeroonis isaaniif hin kennamu.
Dhugumatti, ergamtoota si duraatti qishnamee (baacamee). warra isaan irraatti (ergamtootarratti) baacan wanti isaan itti qishnaa turan isaan marse.[5]
Jedhi: “Eenyutu halkaniifi guyyaa (adabbii) Rahmaan irraa isin eega?” (tokkos hinjiru). Dhugumatti, isaan yaadannoo Rabbii isaanii irraa garagaloodha.
Moo isaaniif gabbaramtoota Nurraa isaan tiksantu tahee? (hintaane). Lubbuulee isaaniitiifuu tumsuu hin danda’anu, Isaan Nu irraa tikfamoo hintaane.[6]
Dhugumatti, Nuti isaan kanaafi abbootii isaaniis hanga yeroon isaan irratti dheeratutti qanansiifne, Sila Nuti dachii moggaalee ishee irraa (suuta suutaan) hirdhisaa akka deemnu hin arganii? Moo isaantu injifatoodhaa?
قُلۡ إِنَّمَآ أُنذِرُكُم بِٱلۡوَحۡيِۚ وَلَا يَسۡمَعُ ٱلصُّمُّ ٱلدُّعَآءَ إِذَا مَا يُنذَرُونَ [٤٥]
(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Kan ani isin sodaachisuun (isin gorsuun) wahyii qofaani. duudaan yaamicha hindhagayu, yeroo dinniinaman.
Qoonni adabbii Gooftaa kee irraa ta’e yoo isaan tuqe ni jedhu: “Yaa badii keenya! nuti miidhaa raawwattoota turreerra.”
Nuti Guyyaa Qiyaamatiif miizaana haqaa lafa keenya. Lubbuun takkas homaa hin miidhamtu. Yoo (waan) ulfina (hanga) firii (ija) raafuu (takka)(qabu) ta’es Nuti ishee ni fidna. Qormaataaf Nuti gayoodha. [7]
Dhugumatti, Nuti Muusaafi Haaruuniif (kitaaba) adda baasaa, ifnanaafi yaadachiisaa warra Rabbiin sodaataniif ta’e (tawraat) kenninee jirra.
(Isaan) warra Gooftaa isaanii fageenyatti sodaataniifi isaan Qiyaamaa irraa sodaataniidha.
Kun (Qur’aanni) gorsa barakeeffamaa Nuti (muhammadirratti) buufneedha, Sila isin isaaf mormitootaa (itti kafartanii)?
Dhugumatti, Nuti kana dura qajeelfama isaa (ragaa haqaa ummata isaarratti) Ibraahiimiif kenninee jirra. Nuti isa beekoo taanee.
Yeroo inni abbaa isaatiifii ummata isaatiin “taabotoowwan (Siidaawwan) isin (Ibaadaaf) ishee bira teessan tun maali?” jedhe. [8]
ni jedhan: “Abbootii keenya kan ishee gabbaran agarre. (isaanuma hordofneeti nutis gabbarre)”
ni jedhe: “Dhugumatti, isiniifi abbootiin keessanis jallina mul'ataa keessa jirtan.”
ni jedhaniin: “Sila dhugaan nutti dhufte moo ati warra taphatan irraayi?”
Ni jedhe: “Baraa, Rabbiin keessan Gooftaa samiileefi dachiiti, kan isaan uume sani, Ani kana irratti ragaa bahootarraayi.”
“Allaah’n kakadhee! Ani erga isin dugda gara galtanii deemtan booda tooftaa ittiin taabotoota keessan (mancaasun) qopheeffadha” ( jedhe).[9]
(caccabseeti) caccabaa isaan godhe. guddaa isaaniif ta’e malee (isa nihanbise) Akka isaan gara isaa (taabota guddichaa) deebi'aniif jecha. [10]
(yeroo deebi'an ta mancaate argan) ni jedhan: “Namni gabbaramtoota keenyatti kana hojjate dhugumatti, inni miidhaa raawwattoota irraayi.”
Nijedhan “Dargaggeessa Ibraahiim isaan jedhamu (tokko) kan (hamtuun) isaan dubbatu dhageenyee jirra”. [11]
Ni jedhan: “ijoowwan namootaa dura isa fidaa, Akka isaan ragaa (irratti) bahaniif jecha.”
(ummatarra fidaniiti) “Sila situ gabbaramtoota keenya irratti (caccabsaa) kana raawwatee Yaa Ibraahiim?” jedhan.
(Ibraahiim) “Lakkii, guddaa isaaniitu kana hojjate, Yoo kan dubbatan ta’aniif isaan gaafadhaa” jedhe. [12]
Gara lubbuulee isaanii deebi’anii (ufitti qaanfatanii) “isin isinumatu miidhaa raawwattoota (Rabbii gaditti isii gabbaruu keessaniif)” jedhan.
Eegasii mataalee isaanii lafatti gadi qabatanii “ati dhugumatti, isaan kun hin dubbatanuu beektee jirta (maaliif gaafadhaa nuun jetta?)” jedhaniin.
(Ibraahiim) ni jedhe: “Sila Rabbii achitti waan homaa isin hin fayyadneefi isin hin miine gabbartanii?
Isiniifi wantoota isin Allaah malee gabbartaniinis ‘uffi’ (jedheera)! Sila hin xiinxaltanii?”[13]
Ni jedhan: “ isa (ibraahiim ibiddaan) gubaa; gabbaramtoota keessaniif tumsaa. Yoo kan hojjattan taataniif” [14]
Nijenne “Yaa ibiddaa! Ibraahiim irratti qabbanaafi nagaa tahi". [15]
(isa gubuuf) shira isatti fedhan, (nagaya isa baafne) irra hoongawoota isaan goone.
Isaafi Luuxiin gara dachii ishee keessa aalama hundaaf barakaa gooneetti (shaamitti) nagaya baafne.
(yeroo inni ilmoo Rabbi kadhate isaaf awwaannee) Is'haaqiin isaaf (ibraahimiif) kenninee, Ya’aquub (ilma ishaaq)is dabalataan (isaaf kennine) Hundaayyuu gaggaarii goone.
Imaamota ajaja keenyaan qajeelchan isaan taasifnee jirra. toltuuwwan hojjachuu, salaata dhaabuufi zakaa baafachuu gara isaanitti wahyii goone. nuuf gabbartoota turan.
Luuxiin murtii haqaafi beekumsa (amantii) isaaf kenninee jirra. (Ummata) ganda badiilee fokkatoo hojjattu irraa isa baraarree jirra. isaan ummata badoo, finciltoota turan.
Rahmata keenya keessa isa seensifne. inni warra gaggaarii irraayi.
Nuuhiinis ‘yeroo inni sana dura (Nutti) lallabee isaaf owwaannee, isaafi maatii isaas cinqaa guddaa irraa baraarre’ (yaadadhu).
(shira) Namoota keeyyattoota keenya sobsiisan irraa nagaya isa baafne, isaan warra hamtuu turan. hunda isaanii bishaaniin dhidhimsiifne.
Daawuudiifi (ilma isaa) Suleeymaaniinis ‘yeroo isaan lamaan midhaan qonnaa (oyruu) re’oonni ummataa (halkan) dheedan keessatti murtii kennan” (yaadadhu), Nuti murtii isaanii beekoodha turre. [16]
Ishee (murtittii) Suleeymaaniin hubachiifne, Hundaafuu (beekumsa murtii) haqaafi beekumsa (diinis) kennineerra. Gaarreen Daawuudii waliin akka na qulqulleessan laaffifne allaattis (laaffifne). Nuti hojjatoo taane.
Uffata sibiilaa kan isiniif tahe isa barsiifne. lola keessanirraa akka isin tiiysituuf jecha, Sila isin (Nu) galatoomfattootaa?
Suleeymaanif qilleensa bubbisaa, kan ajaja isaatiin gara dachii ishee keessatti barakaa goonee yaatu (laaffifnee jirra). Nuti waan hunda beekoo taaneerra.
Sheyxaanota irraa isaan (faaya baasuuf garba keessa) isaaf lixaniifi sana malees hojii biraa hojjatantu jira. Nuti tiksoo isaanii taaneerra.
Ayyuubiin (yaadadhu) ‘yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “ani rakkoon na tuqeera; Ati irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti” (jedhu) [17]
Isaaf owwaannee cinqaa irraa waan isarra jiru irraa furre. maatii isaatiifi fakkaataa isaaniis isaanii wajjin isaaf kennine, Rahmata Nu biraa ta'eefi warra Rabbiin gabbaran yaadachisuuf jecha.
Ismaa’iil, Idriisiifi Zalkifliis (yaadadhu); hunduu obsitoota irraayi.
Rahmata keenya keessas isaan seensifne, isaan warra gaggaarii irraayi.
Saahiba nuuniinis (qurxummis) (Yuunusiinis yaadadhu); yeroo inni dallanaa deemee, Nuti isa irratti dhiphisuu dhabuu yaade. Dukkanoowwan keessaa “Si malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ati qulqulloofte, Dhugumatti, ani miidhaa hojjataa irraa ta’een jira” (jechuun) lallabe. [18]
Isaaf awwaanne; cinqaa irraa isa baraarsine, Akka kanatti mu’uminoota nagaa baafna. [19]
Zakariyyaas (yaadadhu); yeroo inni Gooftaa isaatti lallabee “Gooftaa kiyya! Kophaa (ilma malee) nan dhiisin; Ati irra caalaa dhaaltotaati” (jedhe).
Isaaf awwaannee Yahyaa isaaf kennine, Niitii isaas (akka deessu) isaaf tolchine, Isaan (nabiyyoonni) toltuu keessatti kan daddafan ta'an, kajeellaafi sodaan (guutamanii) kan Nu kadhatan turan, Nuuf sodaatoo turan.
Ishee qaama saalaa ishee tikfattes (Maryamiinis yaadadhu). Ruuhii (uumama) keenya irraa ta’e ishee keessatti afuufne, Isheefi ilma ishees aalamootaaf mallattoo taasifne. [20]
Isheen tun amantii teessan amantii takkittiidha, Ani Gooftaa keessanii Ana (qofa) gabbaraa.
(Amantii isaanii keessatti) jidduu isaaniitti adda qoodaman, Hunduu {guyyaa qiyaamaa} gara keenya deebi’oodha.
Namni mu’umina ta’ee gaggaarii irraa hojjate, hojii isaa hoonga’uun hin jiru, Nuti isaaf barreessoodha.
Ganda ishee balleessine irratti (duniyatti deebi'uun) dhorgaadha; isaan hin deebi'an.
Hanga yeroo (hidhaan) Ya’ajuujiifi Ma’ajuuj banamtee isaan tabba hunda irraan dhangala’anuutti (hin deebi'anu).
Waadaan dhugaa (qiyaamaan) dhihaatee jira, Yeroo san ijjoowwan warra kafaree akkuma banamtetti haftuudha, “Yaa badii keenya! Dhugumatti, nuti kana irraa daguu keessa turre (Yoom kana qofa) inumaa miidhaa raawwattoota taane" (jedhu).
Isiniifi wantoonni isin Rabbiin malee gabbartanis qoraan (ibidda) jahannami; isin ishee (Jahannam) seenoodha.
Isaan (taabotoonni) kunniin odoo gabbaramtoota ta’anii silaa ishee hin seenan ture, Hundi isaanii ishee keessatti waaru (hafu).
Isaaniif ishee keessatti halaaka (iyyaansa) harreetu jira; isaan ishee keessatti hin dhaga’an.
Warra Nurraa milkiin isaaniif dabarte, isaan sun ishee irraa fageeffamoodha.
Sagalee (didichaa) ishee hin dhaga’anu, Isaan waan lubbuun isaanii jaalattu keessatti hafoodha.
(Guyyaa Qiyaamaa) naasuun guddaan isaan hin gaddisiisu, Maleykonni isaan simatu. “Kun guyyaa keessan kan baallamamoo taataniidha.” (jedhaniin)
Guyyaa samii marru akka mariinsa barreessan xalayaalee (galmeewwan) marutti (yaadadhu). Akkuma uumaa duraa jalqabnetti isa deebifna. (Kun) waadaa Nurratti tahe. Nuti raawwattoota taanee jirra.
Dhugumatti, Nuti kitaabota keessatti barreessine, erga ‘Lawhal Mahfuuz’ (keessatti barreessinee) booda. “dachii gabroota kiyya gaggaariitu dhaalaa” (jechuu).
Dhugumatti, (Qur’aana) kana keessa ergaa ga'aa ta’etu orma (Rabbiin) gabbaraniif jira.
{yaa Muhammad} Aalama (hundaaf) rahmata taasifnee malee (waan) si hin ergine.
(Yaa Muhammad!) Jedhi: “Ani wanti gara kiyyatti wahyii godhamu ‘dhugaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha’ (kan jedhuu dha) Sila isin islaamawoodhaa?”
Yoo gara galan “Ani ifaan ifatti isin beeksise, Ani wanti baallamamtan dhihoo moo, fagoo ta’aa isaa hin beeku” jedhi.
Inni jecha ol fuudhamaa ni beeka, Waan isin dhoksitanis ni beeka.
Ani inni (an isinitti himu kun) mokkoroo isiniif ta’uufi qananii yeroo gabaabaa (isiniif) ta’aa hin beeku.
(Muhammad) ni jedhe: “(Yaa) Rabbi! (Anaafi warra ana sobsiisan giddutti) dhugaan murtii godhi, Gooftaan keenya Rahmaani, waan isin jettan irratti gargaarsifatamaadha.

