عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Poets [Ash-Shuara] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The Poets [Ash-Shuara] Ayah 227 Location Maccah Number 26

Xaa Siin Miim. [1]

Tun keeyyattoota kitaaba (dhugaa soba irraa) adda baasaa ta’eeti.

(Yaa Muhammad!) Ati Mu’uminoota ta’uu dhabuu isaaniitiif [gaddaan] lubbuu kee baasuun siif sodaatama.

Odoo feenee samii irraa mallattoo isaan irratti buufnee (isheedhaaf ajajamuun) mormoowwan isaanii isheedhaaf gadi jedhoo taati ture.

Dhugumatti isaan [Qur’aana kana] sobsiisaniiru. Oduun waan isaan itti qishnaa (qoosaa) turanii isaanitti dhufuuf jira.

Sila isaan gara Dachii hin ilaallee akka nuti gosoota gaggaarii hunda irraa meeqaatama ishee keessatti biqilchine?

Yeroo Gooftaan kee Muusaa waame (yaadadhu) “Gara ummata miidhaa dalagdootaa deemi” (jedhee).

“Gara ummata Fir’awn [dhaqi]. Sila Rabbiin hin sodaatanii?”

(Muusaan) ni jedhe: “Gooftaa kiyya! Dhugumatti, ani na sobsiisuun sodaadha.

(Yoo na sobsiisan) qomti kiyya ni dhiphata. Arrabni kiyyas hin diriiru. Kanaafuu gara Haaruunitti ergi. (haaruuniin nawajji nabiyyii godhii ergi).

Isaaniif yakka (dhiigaatu) narra jira; kanaafuu na ajjeesuun sodaadha.”[2]

(Rabbiin) ni jedhe: “lakki! (si hin ajjeesan) Isin lamaan aayatoowwan keenyaan deemaa, Nuti isinii waliin dhageeffatoota.”

“Ilmaan Israa’iil nu waliin gadi dhiisi” jechuudhaan (ergamne jedhaa).

(Fir’awna) ni jedhe: “sila nuti mucaa xiqqaa taatee uf biratti si hin guddifnee? Umrii kee irraas waggoota baay’ee nu keessa hin turree?

Dalagaa kee ishee dalagde (ajjeechaa raawwatte) san hin hojjannee? Ati gantoota irraahi” (jedhe).

(Muusaan) ni jedhe: “Yeroo san wallaaltota irraa ta’een ishee hojjadhe.

Fir’awn “gooftaan aalama hundaa (ka na erge jettu sun) maali?” jedhee (muusaa gaafate).

(Muusaan): “gooftaa Samiilee, Dachiifi waan gidduu isaan lamaaniiti; yoo kan dhugoomsitan taatan (itti amanaa)” jedheen.

(Fir’awna) namoota naannawa isaa jiraniin “Sila (waan inni jedhu) hin dhageessanuu?” jedhe.

(Muusaan) “Gooftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan duraati” jedhe.

(Fir’awn) “ergamaan keessan inni gara keessanitti ergame dhugumatti maraatuudha” jedhe.

(Muusaan) “Gooftaa Bahaa, Dhihaafi waan gidduu isaan lamaanii jiruuti; yoo kan hubattan taataniif (itti amanaa)” jedhe.

(Fir’awn) “dhugumatti, yoo ati ana malee gabbaramaa biraa godhatte, hidhamtoota irraan si taasisa” jedhe.

(Muusaan) “sila odoo waan (ragaa) mul'ataan sitti dhufeellee moo?” jedhe.

(Fir’awn) “yoo warra dhugaa dubbatan irraa taate isa fidi” jedhe.

(Muusaan) ulee isaa ni darbate Yeroma san isheen jawwee mul'ataa taate.

Harka isaas (bobaa isaa jalaa) ni baase; Yeroma san isheen warra ilaalaniif adii taate.

(Fir’awna) qondaaltota naannawa isaa jiraniin “dhugumatti, kun saahiree (falfalaa) akkaan beekaadha” jedhe.

“Sihrii isaatiin dachii keessan irraa isin baasuu fedhaa, isin immoo maalitti na ajajju” (jedhe).

(Isaan) ni jedhan: “Isaafi obboleessa isaas tursiisi, Magaalota (misraa) keessa walitti qabdoota ergi.

Saahiroota (falfaltoota) beekumsa qaban hundaan sitti haa dhufanii. (walitti qabanii haafidanii)”

Namootaan ni jedhame: “sila isin walitti qabamtanii? (Dafaa walitti qabamaa);

Yoo isaan kan injifatan ta’an, Saahiroota (falfaltoota) hordofuun keenya ni kajeelamaa.”

(Fir’awna) “Eeyyeen; isin yoosan (natti) dhihaattota irraa taatu” jedhe.

Muusaanis ulee isaa ni darbe, Yeroma san isheen waan isaan sobaan fakkeessan liqimsite.

Falfaltoonni (yeroma kana argan) sujuuda bu’oo ta’anii gadi kufan.

(Fir’awni) ni jedhe: “Odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantanii? inni hangafa keessan kan sihrii isin barsiiseedha. Fuulduratti (waan ta’u) beekuuf jirtu, Dhugumatti, ani Harkoowwan keessaniifi miiloowwan keessan wal-faallessuudhaan isin irraan mummura, Dhugumatti hunduma keessan isinin fannisa.”

Gara Muusaatti beeysisa goone “halkaniin gabroota kiyyaan deemi (baqadhu) isin (diinota keessaniin) hordofamoodha” jechuun.

Kuusaa qabeenyaafi iddoowwan kabajamaa irraas.

(Muusaan) ni jedhe: “lakki! Gooftaan kiyya na wajjin jira, Inni (karaa nagaya bahiinsaatti) na qajeelcha.”

Eegasii warra biroo (fir'oownaafii ummata isaa) bishaaniin dhidhimsiifne.

(Ibraahiim) ni jedhe: “sila yeroo isaan waammattan isin dhagahanii?

Yookiinis isin fayyaduu? Yookiinis isin miidhuu?”

(Ibraahiim) ni jedhe: “Sila waan gabbaraa turtan hubattanii jirtuu?

Isiniifi abbootiin keessan kan duraaniis (waan gabbaraa turtan)?

Isaan anaaf diinota; garuu Gooftaa aalamootaa malee (inni jaalalloo kooti).

Inni Isa na (yeroon beelaye) nyaachisuufi (yeroon dheebodhe) na obaasuudha.

Gooftaa kiyya! beekumsa naaf kenni, Namoota gaggaariitti na dhaqqabsiisi. [6]

Guyyaa isaan (gabroonni) kaafaman (guyyaa qiyaamaa) (na azzabuudhaan) nan salphisin.”

Guyyaa qabeenyiifi ilmaanis (adduniyatti horatan) homaa hin fayyadne.

Nama onnee (iimaana qabdu) qulqulluudhaan Rabbitti dhufe malee.

(Guyyaa) Jannanni warra Rabbiin sodaataniif dhiheeffamte.

(Guyyaa) Ibiddi jahannam jallattootaaf mul'ifamte.

(Guyyaa) “wanti isin gabbaraa turtan eessa jiru?” isaaniin jedhame.

“Rabbii gaditti (ta’anii) Sila isiniif tumsuu? Yookiin ni tumsamuu?”

Isaaniifi jallattoonni ishee keessatti darbamanii konkolaatan. [8]

Allaahn kakannee! Nuti dhugumatti jallina ifa ta’e keessa turre.

Odoo (addunyaatti) deebiin tokkollee nuuf jiraatee silaa Mu’uminoota irraa taana turre.

Yeroo obboleessi isaanii Nuuh jedheen: “Sila Rabbiin hin sodaattanii.

Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama irratti malee hin taane.

(Ummanni isaas) “sila nuti odoo warri gadi aanoon si hordofanii jiranuu siif amannaa?” jedhan. [10]

Ani akeekkachiisaa ifa bahaa ta’e malee hin taane.”

(Isaan) ni jedhan: “Yaa Nuuh! (waan jettu irraa) yoo dhorgamuu baatte, warra dhakaan cafaqaman irraa taata.”

(Nuuh) ni jedhe: “Yaa gooftaa kiyya ummanni koo na sobsiisaniiru.

Ati jidduu kiyyaafi jidduu isaaniitti murtii murteessi, Anaafi Mu’umintoota irraa nama na waliin ta’an (azaaba kuffaaratti buuftu jalaa) nu baraari.”

(kadhaa isaa qeeballee) isaafi namoota (mu'imintoota) isa waliin turan doonii guutamte keessatti isaan baraarre.

Ergasii booda (bilisa isaan baasuutii) warra hafan (bishaanitti) ni dhidhimsiifne.

(oduu nabi nuuh) kana keessa mallattootu jira, Garuu irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane.

Yeroo obboleessi isaanii Huud “Sila (Rabbiin) hin sodaattanii? isaaniin jedhe.

Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irratti malee hin taane.

Sila isin kan (nama tarutti) qishnitan taatanii iddoo ol fuudhamaa hunda irratti (gamoo) mallattoo ijaartuu?

Kuusaa bishaaniitiifi gamoowwanis akka waan keessatti haftanuutti tolfattuu?

Yeroo (namoota adabbiif) qabdan gara jabeeyyii taatanii qabdan.

Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwaniinis (isin qananiise).

(Ummanni Huud) ni jedhan: “Yoo nu gorsites yoo gorsitoota irraa ta’uu baattes nurratti waluma qixa. [11]

Isa sobsiisan. Nutis (bubbee hamtuun) isaan balleessine. Dhugumatti, kana keessa mallattootu jira. irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.

Yeroo obboleessi isaanii Saalih isaaniin jedhe: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?

Rabbiin sodaadhaa; ajaja kiyya fudhaa (tole najedhaa).

Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu; Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.

Sila waan as jiru (qabeenya kana) keessatti (soodaa malee) nageenyaan dhiifamtanii?

Ashaakiltiiwwaniifi burqaawwan keessatti,

Oorruuwwaniifi muka timiraa firiin ishee Bilchaataa taate (keessattis ni dhiifamtuu?)

Ajaja warra daangaa dabranii (dilooytotaa) hin fudhatinaa.

Isaan Dachii keessatti badii raawwataniifi toltuu hin raawwannee” [jedhe].

(Isaan) ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.

Ati namuma akka keenyaati malee waan biraatii miti, (ergamuu kee keessatti) Warra dhugaa dubbatan irraa yoo taate mallattoo fidi.”

(Saalihis) ni jedhe: “Isheen tun Gaala; isheef carraa dhugaatiitu jira; Isiniifis carraa dhugaatii guyyaa beekamaa ta’eetu jira. [12]

Hamtuun ishee hin tuqinaa, (Yoo akkas gootan) adabbii guyyaa guddaatu isin mudata.” [13]

Adabbichi isaan qabate (azaabni isaanitti bu'e), Kana keessa mallattootu jira. Irra hedduun isaanii Mu’uminoota hin taane. [14]

Yeroo obboleessi isaanii Luux isaanin jedhe: “Sila Rabbiin hin sodaattanii?

Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhaa (tole na jedhaa).

Ani isa (barsiisa kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu, Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.

Sila isin (qunnamtii saalaatiif) aalama hunda irraa dhiirotatti dhuftanii?

Waan Gooftaan keessan isiniif uume jaartiiwwan teessan iraa dhiiftanii? Dhugumatti isin ummata daangaa dabritoota” (jedhe).

(Isaan) ni jedhan: “Yaa Luux! Yoo (waan jettu irraa) hin dhorgamin, dhugumatti warra (biyyarraa) baafaman irraa taata (biyyarraa sibaqachiifna).”

(Luuxis) ni jedhe: “Ani namoota dalagaa keessan jibban irraayyi.

Yaa Gooftaa kiyya! Anaafi maatii kiyya waan isaan dalagan irraa nu baraari.” [15]

(kadhaa isaa qeeballe) Isaafi maatii isaas hunda baraarre.

Dullattii warra (adaba keessatti) hafan irraa taate malee. [16]

Rooba (adabbii) dhagaa isaan irratti roobsine, Roobni warra akeekkachiifamanii waa hammaatee.

Dhugumatti, kana keessa mallattootu jira, Irra hedduun isaaniis Mu’uminoota hin taane.

Jiraattonni Aykah (bosonaa) (nabiyyii isaanii shu'eybiin kijibsiisuun) ergamoota kijibsiifte.

Yeroo Shu’ayb isaaniin jedhe: “sila Rabbiin hin sodaattanii?

Rabbiin sodaadhaa; ergaa kiyyas fudhadhaa (tole najedhaa).

Ani isa (waamicha kana) irratti mindaa tokkollee isin hin gaafadhu, Mindaan kiyya Gooftaa aalama hundaa irra malee hin taane.

(Isaan) ni jedhan: “Ati namoota sihriin (falfalli) baay’een itti godhame irraa isa tokkoodha.

(Inni) ni jedhe: “Gooftaan kiyya waan isin dalagdan beekaadha.”

Isa sobsiisan, Adabbiin guyyaa gaaddisaa (duumessa gurraachaa) isaan qabate, Dhugumatti, inni adabbii guyyaa guddaa ta’eera.[17]

Dhugumatti, kana keessa mallattootu jira, irra hedduun isaanii mu’uminoota hin taane.

Ruuhii amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e.

(yaa ergamaa muhammad) onnee kee irratti (buuse) Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha.

inni (waa’een Qur’aanaa) kitaabota durii keessa jira.

Odoo garii nama Araba hin ta’inii irratti isa (Qur’aana) buufnee,

Akka kanatti isa (diddaa Qur’aanaa) onneewwan badi raawwattootaa keessa seensifne.

(Akka tawbannee amannuuf) “yeroon nuuf kennamaa?” jedhu.

Eegasii wanti isaan ittiin akeekkachiifamaa turan (azaabni) isaanitti dhufee,

Wanti isaan ittiin qanani’aa turan (adaba Rabbii irraa) maal isaan irraa deebisa?

Magaalotarraa tokkollee akeekkachiisonni isaaniif jiraatu malee isaan hin balleessine.

(Kun] yaadachiisa; Nuti miidhaa hojjattoota hin taane.

(Rabbii) injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti irkadhu.

Isa yeroo ati (gara salaataatti) dhaabbattu si argu (irratti hirkadhu).

(Isa) warra sagadan keessatti garagaggaluu kee (argu irratti hirkadhu).

Wanta dhagahan (waa himtuu raayduu irratti) gadi buusu. Irra baay’een isaanii kijibdoota.

Warra amananiifi gaggaarii hojjatan, kan baayisanii Rabbiin faarsan, erga roorrifamii booda (walaloodhaan) of irraa deebisan (harka kaffalatan) malee (Isaan hin komatanu). Isaan miidhaa dalagan (eega du’anii booda) deebifama akkamii akka deebifaman beekuuf jiru.