The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Story [Al-Qasas] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Story [Al-Qasas] Ayah 88 Location Maccah Number 28
Xaa Siin Miim. [1]
Tun keeyyattoota kitaaba mul'ataati (qur'aanaati).
Oduu Muusaafi Fir’awna irraa ummata amananiif dhugaadhaan sirratti dubbifna.
Fir’awn Dachii keessatti uf tuulee ture. warra ishee garee garee taasise. Garee isaan irraa ta’e (ilmaan israa'iil) ni hacuuce. Ilmaan isaanii kan dhiiraa ni gorra'a; tan dubaraa immoo ni jiraachisa (nidhiisa). inni balleeysitoota irraa ture.
Nuti isaan lafa irratti cunqurfaman (hacuucaman) (ilmaan israa'iil) irratti tola ooluu feena, matootii isaan goonee dhaaltotas isaan taasisuu (feena).
Dachii keessas isaaniif mijeessuu [feena]. Fir’awnaan, Haamaaniifi waraana isaan lamaanii, isaan irraa waan sodaachaa turan agarsiisuu [feena]. [2]
Gara haadha Muusaas beeksisa goone (akkana jechuun) “isa (muusaa) (harma) hoosisi; yeroo isa irratti sodaatte, (sanduuqa keessa kaayii) galaana keessatti isa darbi. Hin sodaatin; hin gaddinis. Dhugumatti, nuti isa gara keetti deebisoodha. ergamoota irraa isa taasisoodha”.
(akkuma ajajamtetti sanduuqa keessa keessee bahratti darbite) Maatiin Fir’awn isa (lafaa argatanii) fudhatan akka diinaafi gadda isaanitti ta’uuf. Dhugumatti Fir’awn, Haamaanifi waraanni isaan lamaanii (kufriifii zumiidhaan) dogongortoota turan.
Jaartiin Fir’awnaa ni jette: “anaafi siif gammachuu ijaatii isa hin ajjeesinaa; nu fayyaduun yookiin ilma (guddisaa) isa taasifachuun keenya ni kajeelama.” Isaanis haala hin beekneen [ishee tole jedhan].
Onneen haadha Muusaa duwwaa ta’e. [Ilma ishee ta’uu] isaa mul'isutti dhihaattee turte odoo onnee ishee jabeessuu baannee. Akka isheen mu’uminoota irraa taatuuf jecha .
Obboleettii isaatiinis “isa hordofi” jetteen; isheenis fagoo irraa isa argite. isaan hin beekan.
[Gara haadhaatti deebi’uun] dura hoosiftoota biraa irraa isa dhorginee turre [Obboleettin isaas] “Maatii isa isiniif guddisuufi gaarii isaaf yaadu irratti isin qajeelchuu?” jetteen. [3]
Gama haadha isaatti isa deebifne Akka Ijji ishee gammadduufi hin yaaddofneef, akkasumas akka waadaan Rabbii dhugaa ta’uu beektuuf jecha. Garuu irra hedduun isaanii hin beekan.
Yeroma inni jabina isaa ga’ee (umrii dargaggummaa) guutu ogummaafi beekumsa isaaf kennine. Akkuma kanatti toltuu hojjattoota mindeessina.
Yeroo ummanni ishee daguu keessa jiranitti magaalattii seenee, namoota lama kan wal lolan arge, Kuni (inni tokko) lammii isaa irraa yoo ta’u, inni kun immoo diina isaa irraa ture, Inni lammii isaa irraa ta’e isa diina isaa irraa ta’e irratti tumsa isa gaafate. Muusaan abootteen (dumucaan) dhayee isa ajjeese. [Muusaan] ni jedhe: “kun dalagaa Sheyxaanaarraayyi, Dhugumatti, inni diina jallisaa ifa bahaadha”ز
“Yaa Gooftaa kiyya! Ani lubbuu tiyya miidheeraa Ati naaf araarami” jedhe. Innis isaaf araarame. Inni Isumatu araaramaa, rahmata godhaadha.
“Yaa Gooftaa kiyya! Waan narratti tola oolteen gargaaraa yakkamtootaa hin ta’u” jedhe.
Magaalattii keessatti sodaataa of eeggataa ta’ee bariisifate. Yoma san inni kaleessa gargaarsa isa gaafate isatti iyyate, Muusaan “dhugumatti ati jallataa ifa bahaadha” isaan jedhe.
Yeroma inni isa isaan lamaaniifuu diina ta’e qabuu fedhe, inni “Yaa Muusaa! Sila akkuma kaleessa lubbuu ajjeefte anas ajjeesuu feetaa? Ati dachii keessatti abbaa irree ta’uu malee hin feetu; toltuu hojjattoota irraa ta’uu hin feetu” jedheen.
Gurbaan tokko moggaa magaalattii irraa fiigaa dhufee “Yaa Muusaa! qondaalonni [Fir’awn] si ajjeesuuf sirratti mari’achaa jiru; ani namoota toltuu siif yaadan irraayii [magaalattii irraa] bahi” jedhe.
Sodaataafi of eeggataa ta’ee ishee irraa bahe, “Yaa Rabbii kiyya! Ummata miidhaa hojjattoota ta'an jalaa nagaya na baasi” jedhe.
وَلَمَّا تَوَجَّهَ تِلۡقَآءَ مَدۡيَنَ قَالَ عَسَىٰ رَبِّيٓ أَن يَهۡدِيَنِي سَوَآءَ ٱلسَّبِيلِ [٢٢]
Yeroma gara Madyan gara galu “gooftaan kiyya karaa sirrii akka na qajeelchun kajeela” jedhe.
Yeroma bishaan Madyan bira ga’u garee namoota irraa ta’e kan [beyladoota isaanii] bishaan obaasan argee, isaan boodas dubartoota lama kan beyladoota isaanii ittisan argee “maali haalli keessan (hin obaafattanii)?” (isaaniin) jedhe. Isaanis “Nuti hanga tiksitoonni obaasanii geeffatanitti hin obaafnu, Abbaan keenya jaarsa guddaadha (dhufee obaasuu hindanday)” jedhan.
Isaan lamaaniif obaasee sana booda gara gaaddisaa deebi’ee (boqatee) “yaa Gooftaa kiyya! ani toltuu irraa waan Ati narratti buufte (naaf murteessite)tti haajomaadha” jedhe.
Ergasii tokkoon isaan lamaanii saalfachaa deemuun isatti dhuftee “abbaan kiyya mindaa waan nuuf obaaftee siif kafaluuf si waama” jette. Yeroma inni itti dhufee seenaa isatti himu “hin sodaatin; ummata miidhaa hojjattoota jalaa baatee jirtaa” jedheen. [4]
Tokkoon Isaan lamaanii “Yaa abbaa kiyya! (re'ee tiiysurratti) qaxarii (hojjachiisi).irra caalaan namoota ati ramadduu isa jabaa, amanamaadha” jette.
[Inni] ni jedhe: “Ani takkaa shamarree too tana lamaanii sitti heerumsiisuun fedha woggaa saddeet na tajaajiluu kee irratti, Kudhan yoo guutte [sun tola] si biraa ta’e; sirratti jabeessuu hin fedhu. Yoo Rabbiin fedhe gaggaarii irraa ta’uu na arguuf jirta.” [5]
[Muusaan] ni jedhe: “kun [walii galtee] gidduu kiyyaafi keetiiti, Beellama lamaan irraa kamiyyuu yoon guute, daangaa narratti dabruun hin jiru. Rabbii waan nuti jennu irratti ragaadha.”
Yoroma Muusaan beellama guutee maatii isaatiin deemu, cinaa [gaara] xuuritti ibidda argee, maatii isaatiin “asuma turaa; ani ibiddan argee, ishee biraa oduu wahii yookiin xonbooraa ibidda irraa ta’een isinitti dhufuun koo ni kajeelamaa akka ho’ifattanuuf” jedhe. [6]
Yeroma ishee bira ga’u moggaa lagaa gara mirgaa irraa, dachii barakeeffamtuu keessatti, mukattii irraa “yaa Muusaa! Ani Allaah Rabbii aalama hundaati” jechuun itti lallabame.
“Ulee tee darbi” [jechuunis itti lallabame]. (nidarbe) Yeroma akka waan bofa taateetti kan sochootu taatee ishee argu, uf duuba deebi’ee dheesse; uf duuba hin mil’anne“ Yaa Muusaa! As garagali; hin sodaatin, ati warra (waan sodaatanirraa) nagaa bahan irraayi” [jedhameen].
“Harka kee bobaa kee keessa seensisi. Fokkina tokko malee adii taatee baati. Sodaa irraa [bilisa ta’uuf] harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansi. Isheen kun lamaan mallattoo lama kan Rabbii kee irraa gara Fir’awnaafi qondaaltota isaatti ergamaniidha. isaan orma finciltoota tahan.”
Innis: “Yaa Gooftaa kiyya! ani isaan irraa lubbuu (nama) ajjeeseen jira. Na ajjeesuun sodaadha” jedhe.
“Obboleessi kiyya Haaruun, inni arrabni isaa na caalaatti [haasawa] ibsa, gargaaraa na dhugoomsu godhii ana waliin isa ergi, Ani na kijibsiisuu isaaniin sodaadha.” [7]
[Rabbiinis] ni jedhe: “Nuti irree tee obolleessa keetiin (siif) jabeessina. isin lamaaniif aangoo goona (kennina). Kanaafuu (hamtuun) gara keessan hin gayan. Mallattoolee keenyaan isin lamaaniifi namoonni isin hordofan injifatoodha.” [8]
Yeroma Muusaan mallattoolee keenya ifa taateen isaanitti dhufu “kun sihrii kijibame (uumame) malee waan biraatii miti, Waa’ee kanaa abbootii keenya kan durii keessatti dhageenyee hin beeknu” jedhan.
Muusaan (fir'oownaan) ni jedhe: “Rabbiin kiyya nama Isa biraa qajeelumaan dhufeefi nama booddeen ganda Aakiraa isaaf taatu beekaadha. miidhaa raawwattoonni hin milkaawan.”
Fir’awna nijedhe “isin yaa qondaaltota! Ana malee gabbaramaa biraa isiniif hin beeku,Yaa Haamaan! Dhoqqee irratti ibidda naaf bobeessii (xuubii tolchi) gamoo dheeraa naaf godhi; gara Rabbii Muusaa olbahuun koo ni kajeelama. ani kijibdoota irraa ta’uun isa yaada” jedhe.
Inniniifi waraanni isaa dachii keessatti haqaan malee boonanii, gara keenyatti deebifamuu dhabuu yaadan.
Isaafi waraana isaa qabneeti galaana keessatti isaan darbine, Booddeen miidhaa hojjattootaa akkam akka ta’e laali.
Oggantoota gara Ibiddaatti nama waaman isaan taasifne, Guyyaa Qiyaamaa hin tumsaman.
Addunyaa tana keessatti abaarsa isaan hordofsiifne. Guyyaa Qiyaamaas isaan warra fokkisiifamoo irraayyi.
Dhugumatti Muusaaf kitaaba kenninee jirra Erga dhaloota duraanii balleessinee booda, beekumsa, qajeelumaafi rahmata namaaf ta’ee akka isaan ittiin gorfamanuuf.
[Yaa Muhammad] yeroo Nuti ergaa (keenya) gara Muusaatti dabarsine ati moggaa (tabbaa kan) gara dhihaa irra hin turre; hirmaattota irraas hin taane.[9]
Haa ta’u malee Nuti [sana booda] dhaloota baay’ee uumnee waggoonni isaan irratti dheerannaan [si ergine]. Ati jiraattota Madyan gidduus jiraataa taatee, keeyyattoota keenya isaan irratti kan dubbiftu hin taane. Haa ta’u malee Nuti [beysisa wahyii sitti goonee sibarsiifne] [ergaa kanaan si] ergoo taanee jirra.
Yeroo Nuti [Muusaatti] lallabne ati gaara Xuur maddii hin turre. Haa ta’u malee rahmata Rabbii kee irraa ta’een [si erginee beeysisa sitti goonee ummata barsiifte]. ummata siin duratti akeekkachiisaan itti hin dhufin haa gorfamaniif akka akeekkachiiftuuf jecha.
Odoo waan harki isaanii dabarsiteef balaan isaan tuqee “yaa Rabbii keenya! maaliif ergamaa gara keenyatti hin ergine keeyyattoota kee hordofnee mu’uminoota irraas akka taanu,” jechuu baatanii (silaa azabaan isaan jarjarsiifna).
Yeroma dhugaan Nu biraa isaanitti dhufu “Inni (muhammad) maaliif fakkaataan waan Muusaan kennamee (ulee bofa taatuufii harka ifu) isaaf hin kennamne?” jedhan. Sila isaan duraan waan Muusaaf kennametti kafaranii hin turree? “[Tawraatiifi Qur’aanni] Sihrii lama kan wal gargaaraniidha” jedhan. “nuti hundattuu kafaroodha” jedhan.
[Yaa Muhammad] “ jedhi mee kitaaba Rabbiin biraa ta’e isaan lamaan irra qajeelaa ta’e fidaa kottaa. [Yoo san] anis isa nan hordofaa” yoo dhugaa kan dubbattan taataniif.
Yoo siif hin owwaatin, fedhiilee isaanii qofa hordofuu isaanii beeki, Nama qajeeluma Rabbi irraa ta’e malee fedhii ofii hordofe caalaa namni jallate eenyu? (tokkoyyuu hin jiru), Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.
Dhugumatti nuti jecha [Qur’aana] isaaniif ifa goonee jirra, akka isaan gorfamanuuf.
Warri isa (Qur’aana) dura kitaaba isaaniif kennine, isaan isatti ni aman.
Yeroo inni isaan irratti qara’amu nijedhan “Isatti amanne, inni haqa Rabbii keenya irraa ta’eedha, Nuti isa dura Muslimtoota turre”.
Isaan sun mindaa isaanii yeroo lama kennamu waan obsanii, hamtuu toltuudhaan deebisanii, waan Nuti isaaniif kennine irraas kennataniif jecha.
Yeroo dhara dhaga’an, irraa garagalan nijedhan “nuuf dalagaalee keenyatu jira; isiniifis dalagaalee keessantu jira. Nageenyi isin irra haa jiraatu. Nuti wallaaltota hin barbaannu”.
Ati nama jaallatte hin qajeelchitu, Garuu Allaahtu nama fedhe qajeelcha. Inni warra qajeelan beekaadha.
[Isaan] “yoo si waliin karaa qajeelumaa hordofne dachii teenya irraa butamna (guuramna)” jedhan. Sila nuti [iddoo] kabajamaa, nagayaa, hiree Nu biraa ta’eef fuduraaleen wanta hundaa gara isheetti kan guuramu isaaniif hin mijeessinee? Haa ta’u malee irra hedduun isaanii hin beekanu.
[Warra] gandaa irraas kan jireenya ishee keessatti boontee ishee balleessine meeqaa meeqa? (hedduudha) Isheen sun gandoota isaanii kan isaaniin booda xiqqoo malee keessa hin jiraataminiidha. Nutis dhaaltota taaneerra.
Rabbiin kee [warra] magaalotaa hanga irra guddoo ishee keessatti ergamaa keeyyattoota keenya isaan irratti dubbisu ergutti kan balleessu hin taane. Nuti (warra) magaalotaa qubattoonni ishee miidhaa hojjattoota ta’anii malee kan balleessinu hin taane.
Wantoota irraa kan isiniif kenname hundi mi’a (meeshaa) jireenya addunyaatiifi miidhagina ishee qofa. Wanta Allaah bira jirutu akkaan caalaafi hafaadha, Sila hin xiinxaltanii?
Sila namni Nuti waadaa gaarii (jannata) waadaa isaaf gallee inni kan isa qunnamu ta’e, akka nama qananii jireenya addunyaa isa qanansiifnee sana booda inni Guyyaa Qiyaamaa warra [jahannam irra] fidamoo irraa ta’uutii?
Guyyaa [Rabbiin] “shariikonni kiyya kan isin (kijibaan) dubbataa turtan sun eessa jiru?” jechuun isaanitti lallabu san [yaadadhu].
Warri jechi (azaabaa) isaan irratti mirkanaa’e “Yaa Rabbii keenya! Isaan kun warra nuti jallifneedha, Akkuma ofii jallannetti isaan jallifne, Nuti gara keetti quulqulloofnee, isaan kun nu gabbaraa hin turre” jedhan.
“Shariikota keessan waammadhaa” jedhameeni, Isaan ni waammatu; jarris isaaniif hin owwaatanu, adabbii [ibiddaas] ni argan. Odoo isaan qajeeloo tahanii [adabbii hin argan turan].
Guyyaa (qiyaamaa) [Rabbiin] isaanitti lallabee “Ergamtootaaf maal deebiftan?” jedhu [yaadadhu].
Guyyaa san oduuleen isaan jalaa dhokatti, Isaan walis hin gaafatanu.
Namni tawbatee, [Rabbitti] amanee, gaarii hojjate milkaa’ota irraa ta’uun isaa mirkanaa’aadha.
Rabbiin kee waan fedhe uuma; ni filatas, Isaaniif filannoon hin jiru. Allaahn waan isaan itti dabalan irraa qulqullaa’ee ol ta’eera.
Rabbiin kee waan qomoowwan isaanii dhoksituufi waan isaan mul’isanis ni beeka.
Inni Allaahdha, Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Faaruun hundi duraafii (addunyaafi) booda (Aakhiraa) keessatti kan Isaati. Murtiinis kan Isaati, Garuma Isaa qofa deebifamtu.
“Mee naaf odeessaa! Yoo Rabbiin halkan walitti dhaabee hanga Guyyaa Qiyaamaatti isinirra turaa taasise, sila Rabbiin malee gabbaramaan ifaan isiniif dhufu eenyu? Sila isin hin dhageessanuu?” jedhiin.
Ammas “mee naaf odeessaa! yoo Rabbiin guyyaa walitti dhaabee hanga Guyyaa Qiyaamatti isinirra turaa taasise, sila Rabbiin malee gabbaramaan halkan isa keessa boqottan isiniif fidu eenyu? Sila isin hin argitanuu?” jedhi.
Rahmata Isaa irraayyi halkaniifi guyyaa akka isa (halkan) keessa boqottanii [guyyaa] tola Isaa irraa barbaaddattanii fi, akka Isa galatoomfattaniif isinii taasise.
Guyyaa [Rabbiin] “shariikonni kiyya kan isin (kijibaan) dubbataa turtan sun eessa jiru?” jechuun isaanitti lallabu san [yaadadhu].
Ummata hunda irraa ragaa fuuneeti “ragaa keessan fidaa” jennaan. Yeroo san dhugaan kan Rabbii qofa ta’uu beekan. Wanti isaan (kijibaan) uumatanis isaan irraa bada. [10]
Qaaruun ummata Muusaa irraa tahe, Isaan irratti roorrise (daangaa dabre), Kuusaa qabeenyaa irraa waan furtuuleen isaa garee jajjaboo ta’anitti ulfaattu isaaf kennine. Yeroo ummanni isaa “[qabeenyaan] hin boonin; Allaahn warra boonan hin jaalatu” isaan jedhan san [yaadadhu].[11]
“Waan Rabbiin siif kenne keessatti (karaa toltuurratti baasuudhaan) mana Aakhiraa ittiin barbaadi. Addunyaa irraas qooda kee hin dagatin. Akkuma Allaahn tola gara keetti oole atis tola ooli. (dilii dalaguudhaan) Dachii keessatti badii [facaasuu] hin barbaadin. Allaahn balleessitoota hin jaalatu.”
[Qaaruun] “wanti an isa kennameef beekumsa na bira jiruuf jecha” jedhe. isa dura Rabbiin balleessee hin beeknee? Dhaloota baay’ee irraa nama inni humnaanis isa (Qaaruun) irra cimaa ta’e, kan qabeenya kuufachuuttiis isa irra baay’eeffataa ta’e. Yakka hojjattoonni badii isaanii irraa hin gaafataman.[12]
Faaya isaa keessatti (uffatee) ummata isaa irratti bahe. Isaan jireenya addunyaa qofa fedhan “fakkaataan waan Qaaruuniif kennamee nuuf ta’uu hawwina; inni abbaa qooda guddaati” jedhan.
Isaan beekumsa kennaman ni jedhan: “yaa badii keessan! Nama amanee, gaarii hojjateef mindaa Rabbiitu irra caala. Kanas obsitoota malee eenyunuu hin kennamu.”
Isaafi ganda isaatis dachii keessa dhidhimsiifne (dachii gadiin cichisiifne) Gareen Rabbii achitti isa tumsan isaaf hin taane. Inni warra of baraarsan irraa hin taane.
Isaan kaleessa iddoo isaa hawwan “edaa Rabbiin dhugumatti gabroota Isaa irraa nama fedheef hiree bal’isee [nama fedhetti] immoo dhiphisa! Odoo Rabbiin ni’imaa Isaa nurratti ooluu baatee, silaa nuun cichisiisa (dhidhimsiisa) ture. Edaa dhugumatti kaafiroonni hin milkaa’anu!” jedhaa bulan.
Ganda Aakhiraa san warra dachii keessatti ol aantummaafi badii [raawwachuu] hin feeneef ishee goona, Booddeen (gaariin) warra Rabbiin sodaataniifi.
Namni gaarii dalage waan san irra caalutu isaaf jira. Namni hamtuun dhufe, [fakkii ishee argata], Warri hojii gadhee hojjatan waan hojjataa turan malee hin mindeeffaman.
Dhugumatti, Inni Qur’aana si irratti buuse, gara iddoo deebiitti (Makkaatti) si deebisa. “Rabbiin kiyya nama qajeelumaan dhufeefi nama jallina ifa bahaa ta’e keessa jiru beekaadha” jedhi.
Rahmata Rabbii kee irraa ta’een [sirratti buufne malee] ati kitaabni gara keetti buufamuu kajeelaa hin turre. Kaafirootaaf gargaaraa hin tahin.
Erga isheen gara keetti buufamtee booda keeyyattoota Rabbii irraa isaan si hin deebisin. Gara Rabbii keetiitti waami. Mushrikoota irraa hin ta’in.
Rabbii wajjiin gabbaramaa biraa hin kadhatin (hin gabbarin). Dhugaan gabbaramaan Isa malee hin jiru. Fuula (zaata) isaa malee wanti hundi dhabamaadha. Murtiinis kan Isaati, Garuma Isaatti deebifamtu.

