عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The family of Imran [Aal-e-Imran] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The family of Imran [Aal-e-Imran] Ayah 200 Location Madanah Number 3

Alif Laam Miim [1]

Rabbiin gabbaramaan dhugg isa malee hin jiru. (Inni) jiraataa, waan hundaan dhaabbataadha.

(Qur’aana) dura namootaaf qajeelfama godhee (isaan buuse). (Dhugaafi soba) adda baasaas (qur'aana) ni buuse. Dhugumatti, warri keeyyattoota Rabbiitti kafaran isaaniif adabbii cimaatu jira. Rabbiin injifataa, abbaa haaloo bayannaati.

(Isaan ni jedhu): Gooftaa keenya! onneewwan teenya (dhugaa irraa) hin jal'isin Erga nu qajeelchitee booda. Rahmata Si biraa ta’e nuuf kenni. Dhugumatti Ati akkaan kennaadha. [2]

Dhugumatti, mallattoon isiniif tahe gareewwan (waraanaa) lamaan (guyyaa Badrii) wal qunnaman keessatti. Gareen tokko karaa Rabbii keessatti lolti. Isheen biraa immoo kaafira. Isaan (kaafiroonni) ilaalcha ijaatiin (lakkoofsa Muslimootaa) fakkaataa isaanii lama (dachaa) ta’anii isaan argu. Rabbiin nama fedhe tumsa Isaatiin isa deeggara. Dhugumatti warra sammuu qabaniif kana keessa gorsatu jira. [3]

Jedhi: “Sila waan sana caalu isiniif odeessuu? Isaan Rabbiin sodaataniif Gooftaa isaanii bira jannata laggeen ishee jala yaatu kan yeroo hunda ishee keessa jiraatantu isaaniif jira. Ammas jaartiiwwan qulqulleeffamaniifi jaalala Rabbiin biraa ta’etu (isaaniif jira). Rabbiin gabroota argaadha."

Rabbiin akka Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jirre ragaa ba’e; maleeykonniifi warri beekumsaas (ragaa ba’aniiru) haqaan dhaabbataa ta’ee, isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. injifataa, ogeessa . [4]

Yoo isaan siin falman: “fuula kiyya Rabbiif sirreesse (kan ajaja rabbi jala butamu taasise); namni ana hordofes (akkasuma)” jedhi. Warra kitaabni isaaniif kennameefi wallaaltotaanis “sila islaamoftanii?” jedhi. Yoo islaamawan dhugumatti qajeelaniiru. Yoo irraa garagalan wanti sirra jiru ergaa geessisuu qofa. Rabbiin gabroota argaadha.

Sila yeroo Nuti guyyaa mamiin isa keessatti hinjirreef walitti isaan qabnee lubbuun hundi waan hojjatte guutuutti argatte akkam ta’u? isaan hin miidhamanu (hin zallamaman).

(Yaa Muhammad!) (Rabbi faarsaa haala taateen) jedhi: "yaa Rabbii abbaa mootummaa taate! Mootummaa nama feeteef kennita; nama feete irraa immoo mootummaa mulqita, Nama feetes ni jabeessita, Nama feetes ni xiqqeessita, Toltuun hundi harka kee jira. Dhugumatti Ati waan hunda irratti danda’aadha.

Yeroo niitiin Imraan jette (yaadadhu) “Gooftaa kiyya! ani waan garaa kiyya keessa jiru (ilmoo ulfaa) bilisa godhee siif nazareeraa narraa qeebali Ati simatu dhagayaa, beekaadha.” [9]

(Inni) nijedhe “yaa Gooftaa kiyya! akkamitti ilmi naaf taha? osoo dullumti na qabee jiruufi niitiin tiyyas maseena taatee jirtuu " jedhe. (Rabbiin) “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe hojjata” jedheen.

[Innis] “yaa Gooftaa kiyya! mallattoo naaf taasisi” jedhe. (Rabbiinis) nijedhee "mallattoon kee Guyyoota sadii akeekkiin malee namootatti dubbachuu dhabuu keeti. Gooftaa kee baay’inaan faarsi. Galgalaafi ganamas Isa qulqulleessi”( jedheen.) [11]

Yeroo Malaa’ikoonni jette “Yaa Maryam! Dhugumatti Rabbiin si filateera. Si qulqulleesseeras. Dubartoota aalamaa (yeroo keetii) irra si filateera” (yaadadhu).

”Yaa Maryam! Gooftaa keetiif akkaan ajajami. Sujuudas godhi. Warra gadi jedhan waliinis gadi jedhi (rukuu’a godhi)." (salaatatti ajaje)

Kun (oduun zakariyyaafii maryam kun) oduuwwan fagoo irraa kan Nuti gara keetti isa beeksifnuudha. Yeroo ‘isaanirraa eenyu Maryamiin akka guddisu (irratti walqabanii) hixaalee isaanii darban ati isaan biratti hintaane. Yeroo isaan wal falmanis ati isaan bira hin turre.

Yeroo malaa’ikoonni jette “yaa Maryam! Rabbiin jecha Isa biraa ta’een sigammachiisa, kan maqaan isaa Al-Masiih Iisaa ilma Maryam (jedhamu), kan addunyaafi Aakhiraattis kabajamaafi warra Rabbitti dhiheeffaman irraa ta’e” (yaadadhu) [12]

(Maryam) nijette “yaa Gooftaa kiyya! Odoo namni (dhiiraa) tokkollee ana hin tuqne akkamitti ilmi naaf argama?” (Rabbiin) “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe uuma. Inni yeroo waan tokko murteesse ‘ta’hi’ qofa isaan jedha; yeroma san taha” jedhe.

(nabi iisaa ilma mariyam nijedhe) Waan na dura ture Tawraatirraa kanan dhuga'oomsu ta'ee, garii wantoota dhorgaa isin irratti taasifamanii halaala isiniif taasisuuf jechan ragaa Gooftaa keessan irraa ta’een isinitti dhufe. Rabbiin sodaadhaatii anaaf ajajamaa. (tole na jedhaa).

(Hawaariyyoonni nijedhan) “Yaa Gooftaa keenya! Nuti waan Ati buuftetti amanneerra. Ergamicha (Iisaas) hordofne; kanaafuu warra (Rabbiin malee Gooftaan biraa akka hin jirre) ragaa bahan wajjin nu barreessi” (jedhan).

Isaanis (kaafiroonni banii israaiil irraa) shira xaxan; Rabbiinis tooftaa baase. Rabbiin immoo irra caalaa warra tooftaa baasuuti.

Fakkeenyi Iisaa (abbaa malee haadha qofarraa argamsiisuu) Rabbiin biratti akka fakkeenya Aadami. (haadhaaf abbaa malee) Biyyee irraa isa uume, Ergasii (nama) tahi’ isaan jedhe, Innis yeroma san tahe.

Nama erga beekumsi sitti dhufee booda isa keessatti (waayee nabi iisaa ilma mariyam) keessatti siin falmeen “Kottaa; ilmaan keenyaafi ilmaan keessan, dubartoota keenyaafi dubartoota keessan, lubbuulee teenyaafi lubbuulee teessan haa waamnu. Ergasii du'aa'iitti jabaannee abaarsa Rabbii kijibdoota irra haa goonu (kijibdoota haa abaarruu)” jedhiin.

Jedhi: “yaa warra kitaabaa (tawraatiifii injiil)! Gara jecha nuufi isin jidduutti wal qixa taateetti kottaa. (Isiini) akka Rabbiin malee waan biraa hin gabbarre; Isatti waan biraa akka hin qindeessine, gariin keenyas garii Rabbiin malee gabbaramaa akka hin taasifanneedha. Yoo isaan (kana) irraa gara galan “akka nuti Muslimoota taane ragaa bahaa” jedhaan. [15]

warra amantii keessan hordofeef malee hin amaninaa (ifa hin baasinaa). (Yaa Muhammad SAW) jedhi “qajeelfamni (dhugaa) qajeelfama Rabbiiti" (jarri waliin jedhan)“Tokkoon namaa fakkii waan isin fudhattanii fudhachuu yookiin kan Rabbii keessan biratti ittiin isin falmun (akka hin argamne beekkomsa isin bira jiru muslimootatti hin mul'isinaa)".(waliin jedhan). jedhi "Tolli harka Rabbiitti (tahe); abbaa fedheef isa kenna” Rabbiin (kennaan isaa) bal’aa, beekaadha.

Eeyyeen! (qabeenya walaaltotaa nyaachuu keessatti badiin isaan irra ni jira). namni waadaa isaa guuteefi (Rabbiin) sodaate, Rabbiin warra (Isa) sodaatanu ni jaalata.

Ilma namaa tokkoof Rabbiin kitaaba, hukmii (beekumsaafi hubannoo seera amantii) fi nabiyyummaa isaaf kennee, ergasii namootaan “Rabbii gaditti gabroota naaf ta’aa” jechuun (isaaf) hin malu. Garuu (kan inni isaaniin jedhu) waan kitaaba barsiisaa turtaniifi waan qu'ataa turtaniif beektota beekumsa isaaniitiin hojjatan ta’aa jechuudha.

Yeroo Rabbiin nabiyyoota irraa waadaa fuudhe “waan ani kitaabaafi ogummaa irraa isiniif kennee, ergasii ergamaan waan isinii wajjin jiru dhugoomsu isinitti dhufe, akka isatti amantaniifi isa tumsitanu” ((jechuun) waadaa qabate [yaadadhu]. (Rabbiinis) "mirkaneessitanii? Sana irrattis waadaa kiyya qabdanii?" jedhe. (Isaan) "mirkaneessine" jedhan; (Rabbiinis) “Ragaa bahaa; anis warra isinii wajjin ragaa bahan irraayi” jedhe. [19]

Sila amantii Rabbii malee kan biraa barabaadanii? odoo wantoonni samiifi dachii keessaa hunduu fedhaan yookiin dirqamaan isaaf (Rabbiif) ajajamee jiruu. gara isaatti deeffaman.

(Yaa Muhammad SAW) jedhi “Rabbitti amanne, Waan nurratti buufametti, Waan Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquub, asbaax, (ilmaan Ya’aquub) (irratti buufametti), waan Muusaa, Iisaafi nabiyyoonni Gooftaa isaanii irraa (kennamanittis) amannee jirra. Isaan irraa gidduu nama tokkoos addaan hin foonu. Nuti isaaf ajajamtoota”(jedhi). [20]

Ishee (ibidda) keessatti hafoodha. Azaabni isaan irraa hin salphifamu. Yeroonis isaaniif hin kennamu.

Garuu isaan sana booda tawbatanii toltuu hojjatan (isaaniif ni dhiifama) Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

Manni jalqaba ilma namaatiif kaayame isa Bakkaan (Makkaan) jiruudha. haala barakeeffamaafi qajeelfama aalama hundaaf ta’een.

Isa keessa mallattoolee mul'ataa tahan bakka dhaabbata Ibraahiimtu jira. Namni isa seene nagaya taha. Rabbiif nama irratti manichatti hajjii godhuutu dirqamni jira. kan gara isaa deemuu danda'e irratti. Namni kafare (lubbuma isaati miidhe) dhugumatti Rabbiin aalama irraa duroomaadha.

“Yaa warra kitaabaa! maaliif keeyyattoota Rabbiitti kafartan?” jedhi. Rabbiin waan isin dalagdan irratti ragaadha (nibeeka irratti isin adabuuf jiraata).

Haada Rabbii (Qur’aana) hunda ta'aa qabadhaa; adda adda hin ba’inaa. Ni’imaa Rabbii kan isinirra jiru yaadadhaa, yeroo isin diinota walitti taatanii turtan, Inni jidduu onneewwan teessanii waltaasise. ni’imaa Isaatiin obboleeyyan taatan san (yaadadhaa). (yeroo) isin qarqara boolla ibiddaa irra turtanii ishee irraa isin baraare (yaadadhaa). Rabbiin akka kanatti keeyyattoota Isaa isiniif ibsa Akka isin qajeeltaniif jecha .

Guyyaa fuulleen gariin addaatuufi fuulleen gariin gurraachomtu (adabamu). Warri fuulleen isaanii gurraachofte “sila erga amanuu keessaniitii booda kafartanii? Waan kafaraa turtaniif adabbii dhandhamaa” (isaaniin jedhama).

Fakkeenyi waan isaan jiruu addunyaa tana keessatti sadaqatanii akka fakkeenya bubbee qorri hamaan isii keessa jirtuu, kan ooyruu warra lubbuu isaanii miidhanii tuqxee (dhooyte), isa balleessiteeti. Rabbiin isaan hin miine; garuu isaantu lubbuullee isaanii miidhe. [27]

Yaa warra amantan! namoota isin irraa hin ta’in (kuffaara) jaalalloo iccitii hin godhatinaa, Isin balleessuu irraa duubatti hin deebi’anu, Rakkina keessan hawwani, Dhugumatti, jibbaan afaanoowwan isaanii irraa mul’atte, Wanti qomni isaanii dhoksitu immoo irra guddaadha, Yoo kan xiinxallitan taataniif aayatoowwan ifa isiniif taasifnee jirra. [28]

Dhaga'aa! isin warri kun (yaa muslimtoota) isaan jaalatan; isaan immo isin hin jaalatanu , Isin kitaabota hundatti ni amantu, Yeroo isin qunnaman “nuti amannee jirra” jedhu, Yeroo kophaa ba’an immoo dallansuu irraa quba isaanii isinirratti ciniinu, “Dallansuu keessaniin du’aa" jedhi, Dhugumatti Rabbiin beekaa waan qomoowwan keessatti taheeti.

Yeroo ati mu’uminoota iddoowwan lolaa kan qubsiiftu taatee maatii kee irraa ganamaan baatu (yaadadhu). Rabbiin dhagayaa, beekaadha. [29]

Isin gammachiisuufi onneewwan keessan ittiin haa tasgabbooftuuf malee Rabbiin (waan biraatiif) isa (gargaarsa malaaykaa kana) hin taasifne. Tumsi Rabbii injifataa, ogeessa ta’e irraa malee hin jiru.

Isaan kafaran irraa garii muruuf (ajjeefamani isaan balleessuuf) yookiin (booji'amanii) isaan salphisuuf, Akka xiqqaatanii deebi’aniif (kana godhe).

Wantoonni samii keessa jiraniifi wantoonni dachii keessa jiran (hundi) kan Rabbiiti. (Inni) nama fedheef ni araarama, nama fedhe immoo ni adaba. Rabbiin araaramaa rahmata godhaadha.

(toltuu dalaguudhaan) Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’ee jarjaraa, (akkasuma gara) jannata bal’inni ishee akka samiifi dachii taateetti (jarjaraa). warra Rabbiin sodaataniif qophooftee.

Isaan sun mindaan isaanii araarama Gooftaa isaanii irraa ta’eefi jannata laggeen ishee jala yaatuudha. Isaan ishee keessatti zalaalam jiraatoodha. Mindaan hojjattootaa (jannata ta'uun) waa tole!

Dhugumatti isin du’a (karaa Rabbii keessatti wareegamuu) isa qunnamuu dura hawwaa turtan, Dhugaatti (amma) kan laaltan taatanii isa argitanii jirtu.

Lubbuu takkalleefuu hayyama Rabbiitiin amalee du'uun isheef hin taane. (umrii isii fixxee du'uun) Murtee barreefamaa (baallamamaa) (Rabbiin murteesseedha). Nama mindaa addunyaa fedhe ishee irraa isaaf kennina. Nama mindaa Aakhiraa fedhes, ishee irraa isaaf kennina. Galateeffattootaaf galata galchina.

Jechi isaanii (yeroo rakkoon ittidhufte) waa hintaane jechuu malee “Gooftaa keenya! badii teenyaafi dhimmoota keenya keessatti daangaa dabriinsa keenya nuuf araarami; faana keenya gadi nudhaabi; ummata kaafirootaa irratti nuuf tumsi”.

onneewwan warra kafaranii keessatti fuulduratti sodaa (luuynummaa) darbina Waan isaan wantoota inni ragaa qabatamaa ittiin hin buusin Rabbitti qindeessaniif jecha, Teessoon isaanii ibiddaTeessoon miidhaa raawwattootaa waa fokkate!

Rabbiin waadaa Isaa isiniif dhugoomseera yeroo isin hayyama Isaatiin isaan ajjeeftan. hanga yero isin luuynoomtanii ajaja keessattis wal dhabdanii, faallessitan (Rabbiin isinii tumsuu dhiise), Erga (Rabbiin) waan jaalattan (injifannoo) isin agarsiise baada, Isin irraa nama addunyaa barbaadu jira. Isin irraa nama Aakhiraa barbaadu jira. Ergasii isin qormaatuuf jecha isaan irraa isin deebise. Dhugumatti Rabbiin irra isiniif dabreera. Rabbiin mu’uminoota irratti abbaa tolaati. [36]

yeroo (baqaaf) tabba ol baatan (yaadadhaa) namtokkollee kan hin millanne, Odoo ergamaan (nabi Muhammad) duuba keessanii isin waamuu, gadda irraan gadda isinitti buuse, Akka isin waan isin jala dabreefi waan isin tuqe irratti hin gaddineef jecha Rabbiin waan isin dalagdan akkaan beekaadha. [37]

Ergasii cinqaa booda tasgabbii, mugaatii garee isin irraa ta’e haguugu, isin irratti buuse. Garee biraa immoo lubbuuleen isaanii isaan yaachifteetti. Waan dhugaa hin ta’in, yaada jaahiliyyaa, Rabbi irratti yaadu. “Sila nuti dhimmicha irraa qooda wahii qabnaa?” jedhu. (Yaa Muhammad!) jedhi: “Dhugumatti dhimmichi hundi isaatuu kan Rabbiiti." Waan siif hin mul’ifne lubbuulee isaanii keessatti dhoksu. “Odoo dhimmicha irraa wanni tokko nuuf tahee silaa asitti hin ajjeefamnu turre” jedhu. Jedhi “odoo manneen keessan keessa taatanillee warri duuti isaan irratti barreeffame gara iddoo itti du’anii ni bahu turan." Rabbiin waan qomoota keessan keessa jiru qormaatuufi waan (badii) onneelee keessan keessa jiran mul'isuuf (kana godhe). Rabbiin waan qomoota keessaa beekaadha. [38]

Warri isin irraa guyyaa gareewwan lamaan wal qunnaman (lola uhud) duubatti deebi’an (dheessan), sababaa garii wantoota isaan hojjataniitiif kan isaan mucuceesse sheyxaanuma. Dhugumatti Rabbiin dhiifama isaaniif godheera. Rabbiin araaramaa, obsaadha.

Yoo karaa Rabbii keessatti ajjeefamtan yookiin duutan, (araaramaafii rahmata argattan) araaramaafi rahmata Rabbi irraa ta’etu waan isaan walitti qaban irra caala.

Nabiyyii kamiifuu (boojuu) dhokfachuun hin taane. Namni boojuu irraa miliqfate, Guyyaa Qiyaamaa waan miliqfate qabatee dhufa. Ergasii lubbuun hundi mindaa waan hojjattee guutuutti argatti. Isaan hin miidhamanu. [40]

Sila namni jaalala Rabbii hordofe akka nama dallansuu Rabbirraa taheen deebi’eetii (kan) manni isaa jahannama taheetii? (miti) Deebiin isaa waa hammaate!

Dhugumatti Rabbiin mu’uminoota irratti tola ooleera, yeroo ergamaa isaan irraa ta’e (nabi muhammad) isaan keessatti erge, kan keeyyattoota Isaa isaan irratti qara’u, kan (badii) irraa isaan qulqulleessu, kan kitaabaafi sunnaa (hikmaa) isaan barsiisu. sana dura isaan jallina ifa bahaa keessa turan.

Wanti guyyaa gareewwan lamaan (lola uhudiif) wal qunnaman isin tuqe (ajjeefamuufii madaawuu irraa kan tahe) hayyamuma Rabbiitiini. (Rabbiin) mu’umintoota (ittiin) ifa baasuuf (akkas godhe).

(Isaan) warra obboleeyyan isaanii kan taa’aniin (duularraa hafaniin) “odoo tole nujedhanii silaa hin ajjeefaman turan” jedhaniidha. “ du’a lubbuulee teessan irraa deebisaa Yoo kan dhugaa dubbattan taatan” jedhi.

Isaan waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenneen (jannataan) gammadoo ta'anii (sooramu). Warra isaan boodaa kan isaan hin dhaqqabiniin nigammachiifaman (yoo akka isaaniitti karaa Rabbii keessatti ajjeefaman) sodaan isaan irra hin jiru isaan hin gaddan jechuudhaan.

(Isaan) warra “Namoonni isiniif (isin waraanuuf) walitti qabanii jiruu sodaadhaa” namoonni isaaniin jennaan, iimaana isaaniif dabalee. “gayaan keenya Rabbii, isarratti irkachuun waatolee” jedhaniidha.

Inni sun (namtichi isin sodaachise sun) sheyxaana; jaalalloo isaa (isin) sodaachisaa, isaan hin sodaatinaatii anuma sodaadhaa yoo mu’umintoota taatan.

(Isaan) warra dhaabatanii, taa’anii, cinaachoowwan isaanii irratti (ciisanii) Rabbiin faarsanii. uumama samiileefi dachii keessattis xiinxalaniidha. “yaa Gooftaa keenya! Ati (uumama guddaa) kana taphaaf hin uumne, qulqulloofte, adabbii ibiddaa irraa nu baraarsi" jedhan.

Gooftaa keenya! Waan ergamtoota kee irratti waadaa nuuf seente nuuf kenni. Guyyaa Qiyaamaa nu hin salphisin. Ati waadaa hin faallessitu" (jedhaa xiinxalanii dha).