The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Romans [Ar-Room] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Romans [Ar-Room] Ayah 60 Location Maccah Number 30
Alif Laam Miim.[1]
Ruum injifatamte [2]
Irra dhihoo dachii keessatti (injifataman). Isaanis mo’atamuu isaanii booda fuulduratti (faarisiin) ni mo’atu.
Waggoota muraasa keessatti (moo’atu). murtiin duraas ta’ee boodaa kan Rabbiiti. Guyyaa (ruum faarisiin injifattu) san mu’uminoonni ni gammadu.
Tumsa Allaahtiin (gammadu). (Rabbiin) nama fedhee tumsa. Inni injifataa, rahmata godhaadha.
(injifannoon kun) Waadaa Rabbii (Rabbiin beellame), Rabbiin waadaa isaa hin diigu. Garuu irra hedduun namootaa hin beekanu.
Isaan jireenya addunyaa irraa gubbuma beeku. Isaan Aakhiraa irraa immoo dagatoodha.
Sila lubbuulema isaanii keessatti hinxiinxallanii? Rabbiin samiileefi dachii, akkasumas wantoota isaan lamaan gidduu jiranu, haqaafi beellama beekamaadhaan malee hin uumne (jechuu hin xiinxallanii?) irra hedduun namootaa qunnamtii Gooftaa isaaniitti kafaroodha.
Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin duraa akkam akka ta’e hin ilaallee? Humnaan isaan irra cimoo turan. Dachiis qotanii waan isaan (warri Makkaa) misoomsan irra hedduu misoomsaniiru. Ergamtoonni isaaniis ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufan. Rabbiin kan isaan miidhu hin taane. Garuu isaan lubbuulee isaanii kan miidhan tahan.
Eegasii booddeen isaan hamtuu dalaganii,(adabbii) hamaa ta’e, sababa waan isaan keeyyattoota Rabbii sobsiisaniifi isheettis kan qishnaa godhan tahaniif.
Rabbiin uuminsa ni jalqaba, Eegasii isa ni deebisa. Sana booda gara Isaa deebifamtu.
Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu, badii raawwattoonni abdii kutatu.
Warra isaan Rabbitti dabalan irraa araarsitoonni isaaniif hin argamu. Isaan qindeeffamtoota isaaniitti kafaroota (mormitoota) tahan.
Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu, guyyaa san (mu’uminootaafi kaafiroonni) addaan babahu.
Ammoo isaan amananii gaggaarii hojjatan, isaan caffee (jannata) keessatti gammachiifamu.
Ammoo Warri kafaranii keeyyattoota keenyaafi qunnamtii Aakhiraa sobsiisan, isaan sun azaaba keessa fidamoodha.
Yeroo dhiisifattaniifi yeroo bariisifattanis, qulqullina isaan malu Allaah (qulqulleessaa).
Samiileefi dachii keessattis faaruun hundi kan Isaati; waaree boodaafi yeroo waareetti seentanis (isa faarsaa).
(Inni) jiraa du’aarraa baasa; du’aas jiraarraa baasa. Dachiis erga du'uu ishee booda jiraachisa. Akkuma kanatti (qabrirraa) baafamtan. [3]
mallattoolee isaa (Rabbii) irraayyi biyyee irraa isin (abbaa keessan) uumuun. san booda isin yeroma san namoota dachii keessa faffaca’u taatan.
Mallattoolee Isaa irraayyi lubbuulee teessan irraa jaartiilee teessan isinii uumuun, akka gara isheetti boqottaniif jecha, gidduu keessanitti jaalalaafi mararfannaa godhe. kana keessa mallattooleetu jira. namoota xiinxalaniif.
Mallattoolee Isaa irraayyi Samiileefii dachii uumuun, arrabni (lugaaleen) keessaniifi bifooleen keessan waldhabuunis. kana keessa aalama hundaaf mallattooleetu jiru.
Mallattoolee (dandeettii) Isaa irraayyi, Hirribni keessan kan halkaniifi guyyaa, tola isaa irraa barbaaddachuun keessanis. kana keessa namoota dhagahaniif mallattooleetu jira.
Mallattoolee isaarraa hangaasuu isin garsiisa Akka (bakakkaa) sodaattaniifi (roobas) kajeeltaniif, bishaan samii irraa buusuufi booda isheen duutee dachii ittiin jiraachisuun. kana keessa namoota aqlii qabaniif mallattooleetu jira.
Mallattoolee isaarraa Samiifi dachiin ajaja Isaatiin dhaabbachuu, sana booda yeroo Inni dachii irraa waamicha tokko isin waame, yeroma san isin (awwaala keessaa) baatu.
Wanti samiileefi dachii keessa jiru hundi kan Isaati. Hunduu Isaaf ajajamoodha.
Inni (Rabbiin) Isa uumiinsa jalqabu; sana booda kan isa deebisuudha. Inni isa irratti akkaan laafaadha. Dachiifi samiilee keessa sifaata ol aanaatu Isaaf jira. Inni injifataa ogeessa.
(Rabbiin) lubbuulee keessan irraa fakkeenya isiniif taasise. Sila waan harki mirgaa keessan horatte (Gabroota keessan) irraa soorata isiniif kennine keessatti shariikni isin isa (sooraticha) keessatti walqixa taatanii akka lubbuulee keessan (nama gita keessanii) sodaattanitti isa sodaattan, isiniif ni jiraa? Akka kanatti namoota aqlii qabaniif keeyyattoota adda babaasna.
Garuu isaan miidhaa hojjatan beekumsaan malee fedhaalee lubbuu isaanii hordofan. Nama Rabbiin jallise eenyutu isa qajeelcha? tumsitootarraa homaa isaaniif hintaane.
fuula kee diiniif sirreessi Karaa haqaatti dabuun, Uumaa Rabbii ishee inni irratti nama uumes (qabadhaa). Uumaa Rabbiitiif jijjiiruun hin taane. Santu amantii qajeelaadha. Garuu irra hedduun namootaa hin beekanu.
۞ مُنِيبِينَ إِلَيۡهِ وَٱتَّقُوهُ وَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَلَا تَكُونُواْ مِنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ [٣١]
Gara Isaatti deebi’oo ta’uun (diinii Isaa qabadhaa); Isa sodaadhaa. Salaatas (haqaan) sagadaa. Mushrikoota irraa hin ta’inaa.
Isaan amantii isaanii gargar qoqqoodaniifi garee garee ta’an irraas (hin ta’inaa). Gareen hunduu waan isaan bira jirutti gammadu. [4]
Namoonni yeroo rakkoon isaan tuqu gara Isaatti tawbaa deebi’uun Gooftaa isaanii kadhatu. Sana booda yeroo inni rahmata Isa biraa ta’e isaan dhandhamsiise, yeroma san gareen isaan irraa ta’e Rabbii isaaniitti (wanta biraa) qindeessu.
Waan isaaniif kenninetti kafaruuf (kana godhu). (addunyaa irratti) qanani’aa (Dhugaa) fuuladuratti ni beektuu.
Moo nuti ragaa isaanirratti buufnee? kan inni waan isaan (Rabbitti) qindeessaa turan dubbatu.
Yeroo namoota rahmata (akka fayyaafii qabeenyaa) dhandhamsiifne isheetti gammadu. yeroo sababa waan harki isaanii dursitee (hojjattee) tiin hamtuun wahii (akka dhukkubaafii hiyyummaa) isaan tuqxe immoo yeroma san abdii muratu.
Sila akka Rabbiin nama fedheef soorata bal’isuufi (nama fedhetti immoo) dhiphisu hin beekanii? kana keessa namoota amananiif mallattooleetu jira.
Nama firaa, hiyyeessaafi kara deemaafis haqa isaa kenni. Isaan fuula Rabbii barbaadaniif (kajeelaniif) kanatu caala. Isaan sun isaanumatu milkaa’oodha.
Wanti dhala irraa qabeenyaalee namaa keessatti haa dhaluuf isin kennitan Rabbiin biratti hin dhalu. Garuu zakaa irraa wanti isin fuula Rabbii feetanii kennitan, (isatu isiniif dhala) Jarri sun (kennattoonni) isaantu (mindaa) dachaa argamsiisoodha. [5]
Allaahn Isa isin uume eegasii soorata isiniif kenne, Sana booda isin ajjeesa, Sana booda isin jiraachisa, Sila warra isin Rabbitti qindeessitan irraa kan wantoota kanneen irraa waan tokko dalagan ni jiruu? (hinjiru). (Rabbiin) wantoota isaan isatti qindeessan hunda irraa qulqullaa’ee ol ta’e.
sababa waan harki namaa hojjatteetiin dachiifi bahara keessattis badiin mul’ate, Garii (galata) waan isaan dalaganii akka isaan dhandhamsiisnuuf jecha, Deebi’uun isaaniis ni kajeelama.
(Yaa Muhammad!) jedhi “dachii keessa deemaa; booddeen warra isiniin duraa akkam akka ta’e ilaalaa; irra hedduun isaanii mushrikoota turan”
fuula kee amantii sirrii ta’eef sirreessi,Guyyaan Rabbirraa deebi’uun isaaf hin jirre odoo hin dhufne duratti. Guyyaa san (gara jannataafi ibiddaatti) qoodamu.
Nama kafare kufriin isaa isuma irratti ta’a. Namni dalagaa gaarii hojjate, lubbuma isaaniitiif qopheeffatu.
Isaan amananii hojiiwwan gaggaarii dalagan tola Isaa irraa akka galata galchuuf (kana hojjate). Inni kaafiroota hin jaalatu.
Mallattoolee Isaa irraayyi. qilleensa erguun Isaa gammachiiftuu taasisee. Rahmata Isaa irraa isin dhandhamsiisuf, dooniinis ajaja Isaatiin akka deemtuuf, tola Isaa irraas akka barbaaddattaniifi akka Isa galateeffattaniif.
Dhugumatti, si duras ergamtoota gara ummatoota isaaniitti erginee jirra. Isaanis ragaalee ifa ta’aniin isaanitti dhufanii jiru. Isaan daangaa dabran irraas haaloo bahanne. Mu’uminoota gargaaruun haqa Nurratti ta’eera.
Rabbiin Isa qilleensa erge, isiin duumessa sochoofte. akka fedhetti samii keessa isa bittinneessa; addaan kukkutamaas isa taasisa. Roobas kan gidduu isaatii bahu argita. Yeroo ittiin (rooba sanaan) gabroota Isaa irraa nama fedhe tuqe, yeroma san isaan ni gammadu.
Odoo (roobni) isaan irratti hin bu’in dura immoo, sana dura dhugumatti abdii murattoota turan.
Gara faana rahmata Rabbii ilaali, akkamitti akka (inni) dachii erga isheen duutee booda jiraachisu. Dhugumatti [Rabbiin] Sun du’aawwan ni jiraachisa. Inni waan hunda irratti danda’aadha.
Dhugumatti, odoo bubbee (oyruu isaaniitti) erginee (midhaan qilleensi dhayee) daalacha ta’ee isa arganii, silaa booda isaatii (tola kiyyatti) kan kafaran ta’u.
(Yaa Muhammad!) ati du’aa hin dhageessiftu. Nama duudas waamicha hindhageessiftu, yeroo isaan of duuba deebi’anii garagalan.
(Yaa Muhammad!) ati jaamaawwan jallina isaa irraa kan isaan qajeelchitu hin taane. (Ati) namoota Rabbiif ajajamoo ta’anii keeyyattoota keenyatti amanan malee (warra biraa) hin dhageessiftu.
Rabbiin isa (bishaan) laafaa irraa isin uumee, eegasii laafina (daa'imummaa) boodaan humna (dargaggummaa) taasisee; eegasii humna boodaan laafinaafi (dullumaafii) arrii taasiseedha. Waan fedhe uuma. Inni beekaa danda’aadha.
Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu, yakkamtoonni sa’aatii tokko malee (addunyaa irra) hin turre (jedhanii) kakatu. Akkuma kanatti (haqa irraa) kan gara galfaman turan.
Isaan beekumsaafi iimaana kennaman nijedhan “dhugumatti, isin akkuma kitaaba Rabbii keessatti (murtaa’etti,) hanga guyyaa kaafamaatti turtanii jirtu. Kuni guyyaa kaafamaati. Garuu isin (dhufuu isaa) hin beektanu turtan.”
Guyyaa san warra miidhaa hojjatan rakkoo himachuun isaanii (isaan) hin fayyadu. Isaan ceephoos hin buufachiifamanu.
Dhugumatti, Nuti Qur’aana kana keessatti namootaaf fakkeenya hundarraa goonee jirra. Garuu (Yaa Muhammad!) yoo ati mallattoo wahiitiin isaan itti dhufte warri kafaran “isin kijibdoota malee waan biraa hin taane” jedhu.
Akka kanatti Allaahn onneewwan warra haqa hin beeknee irratti cufaa.
(Yaa Muhammad!) Obsi Dhugumatti, waadaan Rabbii dhugaadha. Isaan (Qiyaamaa) hin dhugoomsine akka si hin xiqqeessine.

