عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Luqman [Luqman] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah Luqman [Luqman] Ayah 34 Location Maccah Number 31

Alif Laam Miim. [1]

Isaan toltuu hojjataniif qajeelumaafi rahmata haala ta’een (buufame).

Yeroo keeyyattoonni keenya isa irratti dubbifamte, boonaa ta’ee irraa garagala akka waan ishee hin dhaga’iniitti, akka waan gurra isaa lamaan keessa duudummaan jiruu, Adabbii laalessaan isa gammachiisi. [2]

Ishee keessa zalaalam jiraatoo tahanii (ishee seenu). Rabbiin waadaa dhugaa isaaniif seene. Inni injifataa, ogeessa.

Dhugumatti Luqmaaniif ogummaa kenninee jirra.“Rabbiif galata galchi. Namni (Rabbiin) galateeffate kan inni galateeffatu matuma isaatiifi; Namni kafares (matuma isaa irratti) Rabbiin dureessa, faarfamaadha” (jechuun). [3]

ilma Namaatiif haadhaafi abbaa isaatti (tola ooluu) dhaamnee jirra; haati isaa dadhabbii dadhabbii irratti ta’een (garatti) isa baadhatte. Harma irraa gu’uun isaa waggaa lama keessatti, “Anaafi haadhaa abbaa keetiif galata galchi, Deebiin gara kiyyatti” (jechuun isa ajajne).

Yoo isaan lamaan waan isa keessatti beekkomsi siifhinjirre akka Natti qindeessituuf sitti qabsaawan, tole isaaniif hin jedhin. Addunyaa keessatti haala gaariin isaan waliin jiraadhu. Karaa nama gara kiyya deebi’ee hordofi. eegasii deebiin keessan gara kiyya; waan isin dalagaa turtan isinittin odeessa. (galatas isiniifin galacha).

Yaa ilma kiyya! Salaata gadidhaabi (sirritti sagadi). Toltuutti (nama) ajaji. Hamtuu irraa (nama) dhorgi. Waan si mudate irratti obsi. sun wantoota jajjaboo (murannoo gaafatan) irraayyi. [5]

Yeroo xiqqoof isaan ni qanansiifna. Sana booda (guyyaa qiyaamaa) gara azaaba guddaatti isaan dirqisiifna.

“Samiileefi dachii eenyutu uume?” (jettee) yoo isaan gaafatte “Rabbi” jedhu. (Yaa Muhammad!) jedhi “Faaruun hundi kan Rabbiiti”, Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.

Sila akka dooniin tola Rabbiitiin galaana keessa deemtu hin arginee? (kuni) (Rabbiin) mallattoollee Isaa irraa isinitti agarsiisuufi. kana keessa mallattooleetu jira haalaan obsitootaafii galateeffattootaa hundaaf .

Yeroo danbaliin akka gaaraa isaan haguuge amantaa (kadhaa) Isaaf qulqulleessanii Allaah qofa kadhatu. Yeroma inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo, isaan irraa nama (Rabbi galateeffachurraa) uf qusatutu jira. Mallattoolee keenya hinmormu waadaa diigaa, kafaraa hunda malee.