The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Coalition [Al-Ahzab] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Coalition [Al-Ahzab] Ayah 73 Location Maccah Number 33
Yaa nabiyyichaa! Allaah sodaadhu, Kaafirootaafi munaafiqootaafis hin ajajamin. Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera. [1]
Waan Gooftaa kee irraa gara keetti beeksisa godhame (gadi buufame) hordofi. Rabbiin waan isin dalagdan keessa beekaa ta’eera.
Allaah irratti hirkadhu; hirkoo ta’uuf Allaahan gayaadha.
Rabbiin nama tokkoof keessa (garaa) isaatti onnee lama hin taasifne. Niitolii keessan kan isaan irraa dugda (haadhaatti) fakkeessitan san haadholii keessan hin goone; (ilmaan) guddifachaa keessanis (akka) ilmaan keessan (kadhalootaa) hin goone. Sun jecha keessan kan isin afaanoowwan keessaniin haasoftaniidha. Rabbiin dhuguma jedha Isatu karaa sirriitti qajeelcha. [2]
Abboota isaaniitiin isaan waamaa, Isatu Rabbiin biratti irra sirriidha. Yoo abbootii isaanii beekuu baattan, obboleewwan keessan kan amantiitiifi jaalalleewwan keessani. Waan isa dogoggortan keessatti diliin isin irra hin jiru. Garuu waan onneewwan keessan hamilteef (isin qaba). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.
Nabiyyiin Mu’uminootatti lubbuulee isaanii irra itti aanaadha, jaartiiwwan isaa haadholee isaaniiti. Kitaaba Rabbii keessatti, warra firooma qabantu gariin isaanii garii (dhaaluutti) haqa mu’iminootaafi godaantota caalaa. Garuu gara jaalalleewwan keessaniitti [dhaamsa dhaamuudhaan] gaarii yoo hojjattan [ni eeyyamama]. Kun kitaaba (Lawhal mahfuuz) keessatti barreeffamaa ta’eera. [3]
Yeroo Nuti nabiyyoota irraa waadaa isaanii fuune: sirraas, Nuuh, Ibraahiim, Muusaafi Iisaa ilma Maryam irraas [yaadadhu]. Isaan irraa waadaa cimaa fuune.
(Rabbiin) warra dhugaa dubbatan dhugaa dubbatuu isaanii irraa akka isaan gaafatuuf (kana godhe). Kaafirootaaf immoo adabbii laalessaa ta’e qopheessee jira.
Yaa warra amantan! Ni’imaa Rabbii kan isin irra jiru yaadadhaa. yeroo hoomaawwan (waraanaa) isinitti dhufte, ergasii bubbeefi hoomaawwan isin hin agarre isaan irratti ergine, Rabbiin waan isin dalagdan argaa ta’eera.
Yeroo gubbaa keessaniifi garjalee keessan irraa isinitti dhufan, yeroo ijjoowan jallattee (hiramtee), onneewwanis kokkeewwan geessee, Rabbitti yaada fokkataa yaaddan san [yaadadhaa].
Bakka sanitti mu’umintoonni mokkoramaniiti, kirkira cimaa kirkireeffaman. [4]
Yeroo munaafiqootaafi isaan onneewwan isaanii keessa dhukkubni jiru “Rabbiifi ergamaan Isaas gowwoomsaa malee homaa waadaa nuuf hin seenne” jedhan [yaadadhaa].
Yeroo gareen isaan irraa taate “Yaa warra yasribaa teessumti isiniif hin jiruu deebi’aa” jatte [yaadadhaa]. Gareen isaan irraa ta’e nabiyyicha hayyama gaafate “manneen keenya hadiyyoo (duwwaa) dha” jedhan, odoo isheen hadiyyoo hin ta’iin, dheefa malee isaan waan biraa hin fedhann. [5]
Odoo (magaalattiin) moggaalee ishee (hundaan) isaan irratti seenamtee, ergasii shirkii (diin irraa gara galuu) gaafatamanii, dhugumatti ni raawwatu turan. Ishee (shirkii simachuu) irraa waa xiqqoo malee hin turann.
Dhugumatti, kana dura hin baqannu jechuun Rabbiif waadaa galanii turan. Waadaan Rabbii gaafatamaa ta’eera.
“Yoo du’a yookiin ajjeechaa irraa baqattan ta’e baqachuun isin hin fayyadu. Yeroo san xiqqoo malee hin qanansiifamtan” jedhiin.
Jedhi: “Yoo Inni hamtuu isinitti yaade yookiin rahmata isiniif fedhe, ka Rabbi irraa isin baraaru eenyu? Rabbiin malee jaalalleefi tumsaa isaaniif hin argatanu.
Dhugumatti Rabbiin nibeeka warra duubatti (namoota) deebasaniifi obboleeyyan isaaniitiin “gara keenya kottaa” jedhan. yeroo xiqqoo malee lola hin dhaqan.
(Boojuu argachuu keessan) isin irratti doynoomoo ta’anii (malee lola hin dhufanu); yeroo sodaan (isaanitti) dhufe, akka isa du’aaf gaggabeetti kan ijjoowwan isaanii naannoftu ta’anii gara kee ilaalan isaan agarta. Yeroo sodaan deeme immoo qabeenya irratti bololoo ta’anii arraboota qaraan isin waraanu. Jarri sun hin amanne; Rabbiin dalagaalee isaanii jalaa balleesseera. kun Rabbi irratti laafaa ta’eera.
(Munaafiqoonni) Tuutni kaafiraa hin deemnetti yaadu. Yoo gamtaan diinaa dhufe immoo, (baadiyyaatti) bahanii tikfattoota keessatti (ta’anii) oduulee keessan irraa gaggaafachuu jaallatu. Odoo isin keessa ta’aniillee xiqqoo malee hin lolan ture.
Dhugumatti, ergamaa Rabbii keessatti hidhannaa gaariitu isiniif tahee jira, nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraa kajeele (sodaatee) Rabbiin baay’inaan yaadatuuf.
Mu’umintoonni yeroma gamtaalee diinaa argan “kun waan Rabbiifi ergamaan Isaa waadaa nuuf galani. Rabbiifi ergamaan Isaa dhugaa dubbataniiru” jedhu. Iimaanaafi (Rabbiif) ajajmuu malee wanta biraa isaaniif hin daballe.
Mu’uminoota irraa dhiirota waan irratti waadaa Rabbiif galan dhugoomsantu jiru; isaan irraa nama dirqama isaa raawwatetu jira; isaan irraa nama eeggataa jirutu jira. Jijjiirraa (kamillee) hin jijjiirre.
Akka Rabbiin warra dhugaa dubbatan dhugaa isaaniitiin mindeessuufi, munaafiqootas yoo fedhe akka adabuuf yookiin tawbaa isaanii akka irraa qeebaluuf (kana godhan). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.
Rabbiin warra kafaran dallansuu isaaniitiin odoo toltuu tokkollee hin argatin isaan deebise. Mu’uminoota Rabbiin lola (irraa) isaaniif ga’eera. Allaahan jabaa, injifataa taheera.
(Rabbiin) warreen kitaabaa irraa warra isaan (kaafiroota) gargaaran (yahuudota) mooraa isaanii irraa isaan buusee, onneewwan isaanii keessatti sodaa darbe. Garii isaanii ni ajjeeftu; garii isaanii immoo ni boojitu.
Dachii isaanii, manneen isaanii, qabeenya isaaniitiifi dachii isin gubbaa hin ejjatin (kheybar)is isin dhaalchise. Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’eera.
Yaa nabiyyichaa! Niitolii teetiin jedhi “jireenya addunyaatiifi miidhagina ishee kan feetan yoo taataniif, kottaa waan ittiin qananiitan isiniif kenneen, gadi dhiisuu bareedaa ta’e isin gadi dhiisa (nikaaha isinirraa hiikaa)”.
Rabbiin, ergamaa Isaatiifi mana Aakhiraa kan filattan yoo taatan immoo (bultii tana keessatti oobsaa), isin irraa warra toltuu hojjataniif Rabbiin mindaa guddaa qopheessee jira.
Yaa dubartiiwwan Nabiyyichaa! Isin irraa namni badii ifa galtuu taateen dhufe (raawwate), adabbiin dachaa lama isheetti godhama. Kun Rabbi irratti laafaa ta’eera.
Isin irraa isheen Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamtee toltuu hojjatte, mindaa ishee yeroo lama isheef kennina. rizqii gaariis (jennatas) isheedhaaf qopheessine.
Yaa dubartoota nabiyyichaa! Isin akka dubartii biraa tokkolleetii miti. yoo Rabbiin sodaattan, jecha keessan hin laaffisinaa; Akka inni onnee isaa keessa dhukkubni jiru hin kajeelleef, jecha bareedaa dubbadhaa. [6]
Manneen keessan keessa taa’aa; akka mul’ifannaa bara wallaalaa duriitti miidhagina keessan hin mul’isinaa; salaata sirnaan dhaabaa; zakaas kennaa; Rabbiifi ergamaa Isaatiifis ajajamaa,Yaa maatii nabiyyichaa! Wanti Rabbiin fedhu xurii isin irraa deemsisee qulqulleessiinsa isin qulqulleessuu dha. [7]
Keeyyattoota (Qur’aana) Rabbiifi hadiisa irraa waan manneen keessan keessatti dubbifamu hubadhaa (ittiin gorfamaa). Rabbiin keessa beekaa, hubataa ta’eera
Dhiironni Muslimaatiifi dubartoonni Muslimaas, dhiironni mu’uminaatiifi dubartoonni mu’uminaas, dhiironni Rabbiif ajajamaniifi dubartoonni Rabbiif ajajamanis, dhiironni dhugaa dubbataniifi dubartoonni dhugaa dubbatanis, dhiironni obsaniifi dubartoonni obsanis, dhiironni (Rabbiin) sodaataniifi dubartoonni (Rabbiin) sodaatanis, dhiironni sadaqataniifi dubartoonni sadaqatanis, dhiironni soomaniifi dubartoonni soomanis, dhiironni qaama saalaa isaanii (haraama irraa) tikfataniifi dubartoonni tikfatanis, dhiironni hedduu Rabbiin faarsaniifi dubartoonni hedduu faarsanis, Rabbiin araaramaafi mindaa guddaa isaaniif qopheesseera.
Mu’umintichaafi mu’umintittiif yeroo Rabbiifi ergamaan Isaa dhimma tokko murteessan, ajaja isaanii irraa filannoon biraa isaaniif jiraachuun hin taane. Namni Rabbiifi ergamaa Isaa dide, dhugumatti inni jallina ifa ta’e jallateera.
Yeroo ati isa Rabbiin tola irratti oolee atis tola irratti oolteen (zeydi binu haarisah) “Niitii tee (zeynab binti jahshii) qabadhu, Rabbiinis sodaadhu” jatteen [yaadadhu]. Ammas (yeroo) waan Rabbiin isa ifa baasuuf taa’u, ati of keessatti dhoksite. Odoo Rabbiin sodaachuun irra haqa ta’uu yeroo nama sodaattes [yaadadhu]. Yeroo Zeydiin ishee irraa dhimma fixate (ishee hiike), ishee si fuusifne Akka mu’uminoota irratti niitii ilmaan guddisaa (guddifachaa) isaanii yeroo isaan dhimma irraa fixatan (fuuchuu) keessatti rakkoon hin taaneef jecha, Ajajni Rabbii raawwatamaa ta’eera.
Waan Rabbiin isaaf murteesse (hayyame) keessatti nabiyyicha (Muhammad) irra badiin (dhiphinni) tokkoyyuu hin jiru. Sun karaa Rabbii kan warra dur dabran keessatti (raawwatamaa) tureedha. Ajajni Rabbii murtee murteeffamaa ta’eedha.
(Isaan) warra ergaawwan Rabbii geessaniifi Isa sodaataniidha, Isa malee waan tokkollee kan hin sodaanne. Tiksaa ta’uuf Rabbiinuu gayaadha.
Muhammad dhiirota keessan irraa abbaa nama tokkoos hin taane. Garuu inni ergamaa Rabbiitiifi xumura nabiyyootaati. Rabbiin waan hunda beekaa ta’eera.
Isin Yaa warra amantan! Faaruu baay’ee Allaah faarsaa.
Ganamaafi galgalas faaruudhaan Isa qulqulleessaa.
Inni (Rabbiin) Isa rahmata isin irratti buusuudha. Maleykonni Isaas (akkasuma rahmata isiniif kadhatu); dukkanoowwan keessaa gara ifaatti (kufrirraa gara iimaanaatti) isin baasuuf (isin mararfata); mu’uminootaaf akkaan rahmata godhaa ta’eera.
Salaamataan isaani Guyyaa Isa qunnaman ‘nagaan (isin irra haa jiraatuu)’dha, (Allaahn) mindaa gaarii ta’e isaaniif qopheesseera.
Yaa nabiyyichaa! Nuti ragaa, gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee si erginee jirra.
Hayyama Isaatiin gara Rabbiitti waamaafi ifaa (haqa) ibsaa ta’e goonee (si ergine).
Mu’uminoota gammachiisi Rabbi irraa tolli guddaan isaaniif jiraachuun.
Ajaja kaafirootaafi munaafiqootaa tole hin jedhin. Rakkoo isaaniis (Rabbumatti) dhiisi. Rabbi irratti hirkadhu. Irratti hirkachuuf Rabbumatu ga’a.
Yaa warra amantan! Yeroo dubartoota mu’uminaa fuutanii, eegasii odoo isaan hintuqin (qunnamtii saalaa hin raawwatin) isaan hiiktan, “Iddaan” isin isaan irratti lakkaawwattan isiniif hin jiru. Isaan qanansiisaa, gadi dhiisuu bareedaas isaan gadi dhiisaa. [8]
Yaa nabiyyichaa! Nuti halaal siifgoone:- niitiwwan tee isaan ‘Mahrii’ isaaniif kennite, (boojuu irraa) waan Rabbiin sitti deebise irraa warra harki kee horatte, shamarran abbeeraa (adeera) (wasiila) keetii, shamarran adaadota keetii, shamarran eessumman keetiifi shamarran haboo (indooyyee) (intala obboleettii haadha) keetiis isaan si waliin godaanan, dubartii mu’uminaas yoo isheen nabiyyichaaf lubbuu ishee kennitee yoo nabiyyiinis ishee fuuchuu fedhe, mu’uminoota biraatiif odoo hin ta’in si qofaaf qulqulluu taatee (isaan fuuchuu) (halaal siif goonee jirra). Isaan (mu’uminoota) irratti niitiiwwan isaaniitiifi waan harki isaanii horatte keessatti wanta isaan irratti dirqama goone dhugumatti beeknee jirra. Akka rakkoon si irratti hin taaneef (kana goone) Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa taheera.
Isaan irraa nama feete dhiiftee, nama feete immoo gara keetti maxxanfatta. Isaan yeroof dhiifte irraa nama feete (yoo fuutes) badiin sirra hin jiru. Ijjooleen isaanii gammaduu, gadduu dhabuufi hundi isaanii waan ati isaaniif kennite jaallachutti kanatu dhihoodha. Rabbiin waan onneewwan teessan keessa jiru ni beeka. Rabbiin beekaa, obsaa ta’eera.
Kana booda dubartoonni (biraa) siif halaal hin ta’anu; odoma bareedinni isaanii si dinqisiisellee bakka isaanii warra biraa jijjiiruunis, waan mirgi kee dhuunfatte malee (halaala siif hin ta’u) Rabbiinis waan hunda irratti too’ataa ta’eera.
Yaa warra amantan! manneen nabiyyii hin seeninaa, yoo gara nyaataatti hayyamni isiniif godhame malee, Haala bilchina isaa hin eegneen, Garuu yeroo waamamtan seenaa; yeroo nyaattan bittinnaa’aa haasa’atti mukuu bahuun (boharuun) maleetti. (gochi) sun nabiyyii rakkisa; isin irraa ni saalfata, Rabbiin garuu dhugaa irraa hin saalfatu, Yeroo meeshaa isaan (niitolii nabiyyii) gaafattanis haguuggii (girdoo) duubaan isaan gaafadhaa. Akkas gochuu keessantu onneewwan keessaniifi onneewwan isaaniitiifis irra qulqulluudha. Ergamaa Rabbii rakkisuufi niitiwwan isaa booda (du’a) isaatii fuuchuun gonkumaa isiniif hin malu, (gochi) sun Rabbiin biratti (badii) guddaa ta’eera. [9]
Waan tokko yoo mul'iftan, yookiin yoo isa dhoksitan (irratti galata galfamtan) Rabbiin waan hunda beekaa ta’eera.
Isaan (dubartoota) irratti abboota isaanii, ilmaan isaanii, obboleeyyan isaanii, ilmaan obboleeyyan isaanii, ilmaan obbleettiwwan isaanii, dubartoota isaaniitii (Muslimtootaatii) fi waan mirgi isaanii horatte (gabroota isaanii) biratti (miidhaagina isaanii mul’isuu) keessatti badiin isaan irra hin jiru. Allaah sodaadhaa. Rabbiin waan hunda irratti ragaa (kan argu) taheera.
Rabbiifi maleykonni Isaas nabiyyii (Muhammad) irratti rahmata buusu. Yaa warra amantan! (isinis) rahmata isa irratti buusaa; salaammatiinsa salaammadhaa. [10]
Isaan Rabbiifi ergamaa Isaa rakkisan, Rabbiin addunyaafi Aakhiraa keessattis isaan abaareera. azaaba xiqqeessaa ta’es isaaniif qopheesseera.
Isaan mu’uminoota dhiiraafi mu’uminoota dubartiis waan isaan hin hojjatatiniin rakkisan, dhugumatti isaan cubbuufi badii ifa ba’aa ufbaachisaniiru.
Yaa Nabiyyichaa! “Niitolii teetiin, shamarran teetiifi dubartoota mu’uminootatiinis, jilbaaba (hijaaba) isaanii (qaama) isaanii irratti gadi buusaa” jedhiin. Akka beekamanii hin rakkifamneefis kanatu irra dhihoodha. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.
Munaafiqoonniifi warri onnee isaanii keessa dhukkubni jiruufi isaan Madiina keessatti shororkeessitoota ta’aniis yoo (badii isaanii kanarraa) hin dhorgamin, Nuti dhugumatti isaan irratti si kakaafna (moosifna); sana booda yeroo gabaabaaf malee ishee (Madiina) keessa sitti olloomanii hin jiraatan.
Abaaramtoota (ta’anii malee Madiinaa keessatti sitti hin ollooman). Iddoma argamanitti qabamanii ajjeefamiinsa (hamaa) ajjeefaman.
Karaa Rabbii kan warra duraan dabran keessatti (Inni karaa godhe). Karaa Rabbiitiif jijjiirama hin argitu.
Namoonni Qiyaamaa irraa si gaafatu (yoom buuti? jedhanii) “beekumsi ishee Rabbuma qofa bira jira” jedhiin. Maaltu si beeksise? Qiyaamaan dhihoo ta’uun ni malaa.
Rabbiin kaafiroota abaaree ibidda boba’aa isaaniif qopheessee jira.
Zalaalam ishee keessa jiraatu, jaalallees ta’ee gargaaraa (isaan baraaru) hin argatan.
Guyyaa fuulleen isaanii ibidda keessatti gara gaggalfamtu, “yaa gaabbii keenya! Odoo ajaja Rabbiitiifi ajaja ergamaa (Isaa) fudhannee” jedhan.
“Yaa Gooftaa keenya! Nuti ajaja matootii keenyaafi gurguddoota keenyaa fudhanneeti isaanis karaa (keetirraa) nu jallisan” jedhan.
“Yaa Gooftaa keenya! adabbii irraa dachaa lama isaaniif kennii, abaarsa guddaa ta’es isaan abaari.”(jedhan).
Yaa warra amantan! Akka warra Muusaa rakkisanii hintahinaa. Rabbiin waan isaan jedhan irraa isa (Muusaa) qulqulleesse. Inni Rabbiin biratti kabajamaa ta’eera.
Yaa warra amantan! Rabbiin sodaadhaa; jecha sirrii dubbadhaa.
Dalagaalee keessanis isiniif tolcha; badiiwwan keessaniis isiniif araarama, Namni ajaja Rabbiifi ergamaa Isaa fudhate dhugumatti milkii guddaa milkaa’eera.
Nuti amaanaa samii, dachiifi gaarreen irra (bifa filannootiin) fidne, ishee baadhachuu didanii; ishee irraas sodaatan, Namni immoo ishee baadhate, inni akkaan of miidhaa, wallaalaa ta’ee jira. [11]
Rabbiin munaafiqoota dhiiraafi dubartii, mushrikoota dhiiraafi dubartiis adabuufi akkasumas Rabbiin mu’uminoota dhiiraafi dubartii irraa tawbaa qeebaluuf jecha (kana godhe). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.

