عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Ya Seen [Ya Seen] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah Ya Seen [Ya Seen] Ayah 83 Location Maccah Number 36

Yaa Siin. [1]

Qur’aana ogummaan guutameenin kakadha.

Buusiinsa Rabbii injifataa, rahmata godhaa ta’e irraa (buufame).

Akka akeekkachiiftuufi Ummata abbootiin isaanii hin akeekkachiifamin, kan dagatoo turan.

Dhugumatti, irra hedduu isaanii jechi (adabbiin) irratti mirkanaa’era; isaan hin amanan.

Nuti mormoota isaanii irratti sakaallaalee goone; isheen hanga lafee areedaatti (geessi). isaan (mataa) ol fudhamoodha.

Nuti numatu du’aa jiraachifna. Waan isaan hojjatanii dabarsaniifi hambaalee isaanii ni barreessina. Waan hundayyuu kitaaba ifa bahaa keessatti galmeessinee jirra.

Yeroo Nuti (ergamoota) lama gara isaaniitti erginee, isaan lamaanuu sobsiisanii, ergasii sadaffaadhaan (isaan) jajjabeessinee, “nuti gara keessanitti ergamoodha” jedhan (fakkeenya godhiif).

(Ergamtoonnis) “Rabbiin keenya ni beeka nuti gara keessanitti ergamoodha” jedhan.

“ homtuu nurra hin jiru geessiinsa ifa ta’e geessuu malee .”

(Ummannis) “Nuti isiniin hooddanne (faala ilaallanne) yoo (waamicha keessan irraa) hin dhorgamin, dhagaan isin tumna. Adabbiin laalessaa ta’es nurraa isin tuqa” jedhan.

“Hooddannaan (faala ilaallachuun) keessan isinumaa wajjin” jedhan. Sila yoo gorfamtanis (ni hooddattuu)? Akkasii miti Isinumatu ummata daangaa dabritoota” jedhan.

isaannan mindaa (baasii) isin hin gaafanneefi ofii isaanitiifis qajeelfamoo ta’an hordofaa.

Sila ani Isaa gadittiin gabbaramtoota biraa godhadhaa? kan Yoo Rahmaan miidhaa wahiitiin na fedhe jaarsummaan isaanii homaa ana hin fayyadne isaaniis ana hin baraaran. (hingodhadhu).

Ani Rabbii keessanitti amanee na dhagayaa” [jedhe] (Achumaan dhagaan tumanii isa ajjeesan).[2]

“Jannata seeni” jedhameen. Innis ni jedhe: “ummanni kiyya odoo beekaniin hawwa! [3]

Waan Rabbiin kiyya naaf araarameefi kabajamtoota irraa na godhe (odoo beekaniin hawwa).”

Isheen iyya takka malee waan biraa hin taane. Yeroma san isaan dhaamoo (dhabamoo)dha.

Dhugumatti, hundi isaaniituu (murtiif) nubiratti dhihaatoodha (dhufoodha).

Ishee keessatti oyruu muka timirootaafi inabootaa irraa ta’e taasifneerra, Ishee keessaa burqaalee irraas maddisiifnee jirra.

Fuduraa isaatiifi waan harki isaanii hojjatte irraa akka nyaataniif (kana goone), Sila hin galateeffatanii?

Ji'a buufataalee isaa goonee jirra. hanga inni akka damee meexxii dullattiitti deebi’utti (deemsifne). [4]

Fakkaataa isaa (doonii Nuuh) irraas waan isaan yaabbatan isaaniif uumneerra.

Odoo feenee bishaaniin isaan dhidhimsiifna (bishaan nyaachifna) turre. Birmataan tokkos isaaniif hin jiru, Isaan hin baraarfamanis.

Rahmata nurraa ta’eef hanga yeroo (muraasaa) akka qanani’aniif (dhiifne) malee (ni dhidhimsiifna turre).

Yeroo ''waan fuuldura keessaniifi duuba keessan jiru sodaadhaa akka rahmanni isiniif godhamuuf” isaanin jadhame (irraa gara galu).

Ni jedhu: “ baallamni (kaafamaa) kun yoomi Yoo warra dhugaa dubbatu taatan?”

(Yeroo san) dhaamsa (walii dabarsuu) hin danda’an; gara maatii isaaniis hin deebi’an. [7]

Jedhan “Yaa badii keenya! bakka ciisa keenya (qabrii) irraa eenyutu nu dammaqse? Kun waan Rahmaan waadaa nuuf gale; ergamtoonnis dhugaa dubbatan”( jedhan).

Isheen iyyaansa (afuuffii) tokko (tan lammaffaa) malee waan biraatii hintaane. Yeroo san isaan hundi nu bira fidamoodha.

“Har’a lubbuun tamillee homaa hin miidhamtu. Waan dalagaa turtan malee hin mindeeffamtanu” (isaaniin jedhama).

Isaaniif ishee keessatti fuduraaleetu jira. Wanti isaan yaammatan hunduu isaaniif jira.

Salaamtaan Rabbii rahmata godhaa irraa isaaniin jedhama.

“Isin yaa yakkamtootaa! Har’a (Mu’uminootaan) adda ba’aa” (isaaniin jedhama).

“Ana gabbaraa; kanatu karaa qajeelaadha” (isiniin hin jennee)?

Odoo feenee ijaalee isaanii haqna (jaamsina) turre. (jannatatti achi cehuuf) Gama karaatti wal dorgomu; akkamitti argu!(hin argan).

Odoo feenee iddoowwan isaanii irratti (miila isaanii isaan laamshessina) gara uumama biraatti isaan jijjiirra turre. Isaan duratti deemuus ta’ee duubatti deebi’uu hin danda’anu.

Akka inni nama jiraa ta’e akeekkachiisuufi kaafiroota irratti jechi (adabbii) mirkanaa’uuf (isa buufne).[9]

Ishee isaaniif laaffifne. Garii isheerraa yaabbiin isaanii; garii isheerraa immoo ni nyaatu

Isaaniif ishee keessa faayidaaleefii dhugaatiiwwantu (aanantu) jira. Sila (Rabbiin) hin galateeffattanii?

Isaan (isaaniif) tumsuu hin danda’an. Isaan (kaafiroonni) isaaniif (sanamaaf) garee khidmaaf dhufanuudha.

Jechi isaanii (ka siarrabsaniifii maqaa sixureessan) si hin yaaddessin. Nuti waan isaan dhoksaniifi waan isaan ifa godhanis ni beekna.

Sila ilmi namaa akka Nuti bishaan saalaa irraa isa uumne hin arginee? Yeroo san (yeroo guddate) inni mormaa ifa ba’aa ta’ee argama.