عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Those who set the ranks [As-Saaffat] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah Those who set the ranks [As-Saaffat] Ayah 182 Location Maccah Number 37

(Maleykota) hiriirtuu hiriiraatiinin (kakadha.) [1]

(Maleeykota) oofiinsa oofaniinis (kakadha).

(Isaan Qur’aana) dubbisiinsa dubbisaniinis (kakadha).

Dhugaan gabbaramaan keessan tokkicha. (inni Allaah)

(Inni) Gooftaa samiilee, dachiifi wantoota jidduu isaan lamaanii jiraniiti. Gooftaa bahoowwanitis.

Sheyxaana fincilaa ta’e hunda irraas tiksuu (tiksineerra)

Ari’amuuf jecha (darbatamu) Isaaniif azaaba addaan hin cinnetu jira.

Warra (wahyii) butiinsa bute malee, qaanqeen uraa (fulla'aa) ta’e isa hordofa (itti darbatama).

Mee Isaan gaafadhu, Uumuu keessatti kan irra cimu isaani moo warra uumne kan biraati? Nuti dhoqqee walitti qabattuu irraa isaan uumne.

Dhugumatti, (diduu isaanii) dinqisiifattee jirta; isaan immoo ni qoosu.

Yeroo mallattoo argan ni baacu (aayata Rabbiitti qoosu).

(Yaa Muhammad!) “eeyyeen; xiqqaatoo taatanii (kaafamtu)” jedhiin.

“Isaan miidhaa dalagan, hiriyoota (fakkaatoo) isaaniitiifi waan isaan gabbaraa turanis walitti qabaa” (malaykotaan jedhama.)

“Rabbiin malee (warra isaan gabbaraa turan walitti qabaa); gara karaa ibidda jahiim isaan qajeelchaa (itti oofaa).

Sila maal taataniiti waliif hin tumsine?”(isaaniin jedhama).

Jechi Rabbii keenyaa nurratti mirkanaa’eera; dhugumatti nuti (adabbii) dhandhamoodha.

Warri sun hiree (kennaa) beekamaa ta’etu isaaniif jira.

kabajamoo ta’anii fuduraaleen isaaniif taatuudha.

Jannata qananii keessatti (kabajamoodha).

Haala walitti gara galoo ta’aniin sireewwan irratti ta’u.

Kubbaayyaa farsoo qulqulluu irraa ta’een isaan irra naanna’ama.

Ishee keessa dhukkubni hin jiru; isaan ishee irraa hin machaa’anis. [3]

Isaan bira dubartoota ija isaanii gabaabsan, kan ijji babaldhoo (bareedduu) taateetu jira.

Isaan (qulqullina keessatti) akka killee tiiyfamteeti.

Jedhaan isaan irraa ta’e ni jedha: “ani (addunyaa irratti) hiriyaan qaba ture.

Kan “sila ati warra (du’a booda kaafamni akka jiru) amanan irraayii?” jedhu.

“Sila erga duunee biyyeefi lafee (nyaatamte) taanee booda kaafamnee mindeeffamnaa (hojii keenyarratti galata galfamnaa)?”

Ni jedhe: “Sila isin (ana waliin deemtanii ) gadi hin ilaaltanii?” [4]

Ni jedhe: “Rabbiin kakadhee! Na balleessitee oolte!

Odoo tolli Gooftaa kiyyaa na tiksuu baatee, silaa anis warra (ibidda) seenan irraa ta’een ture.” [5]

(Warri jannataa ni jedhu): “sila nuti lamuu wahii duunaa?

Qubannaaf (qananaa dubbatame) sanatu caala moo, (muka hadhaawaa) zaqquumtu caala?

Nuti miidhaa raawwattootaaf (mukattii san) mokkoroo ishee taasifne.

Isaan abbootii isaanii jallattoota argan (jallinnarratti isaan hordofan).

Dhugumatti Nuuh nutti lallabee ture; Nuti warri waamicha owwaate waa tolle!

Balaa guddaa (bishaanin liqimfamuu) irraa isaafi maatii isaa baraarsine.

Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifne.

Yeroo Rabbii isaa bira onnee qulqulluun dhufe (dubbadhu).

“Sila kijibaani, gooftoota Allaahn male godhachuu feetanii?

Rabbii aalama hundaa irratti yaanni keessan maali?”

Achumaan urjiiwwan keessa ilaalcha tokko ilaale.

Ergasii inni gara gabbaramtoota isaanii maqee “sila hin nyaattanii?” jedheen.

Ergasii isaan irratti mirgaan rukuttaa irratti raawwate.

(Mushrikoonni) saffisaan gara isaa gara galan (itti fiigan).

(Ibraahiim) ni jedhe: “sila waanuma (ofii keessanii) boccan gabbartanii?

Odoo Allaahn isiniifi waan isin dalagdanis uume jiruu.”

(Mushrikoonni) ni jedhan: “jaarmaya isaaf ijaaraa; ergasii ibidda boba’aa keessatti isa darbaa.”

Isaan shira isatti (ibraahiimitti) baasuu fedhanii Nuti immoo warra jalaa (moo’amoo) isaan taasifne.

Inni ni jedhe: “Ani gara Rabbii kiyyaa deemaadha; Inni na qajeelcha.

(Yaa) Rabbii (kiyya)! (Ilmaan) gaggaarii naaf kenni.”

Yeroo isaan lamaanuu (fedha Rabbiitiif) harka kennan, (abbaan ilma isaa kana) adda isaa irratti ciibse.

Isaaf (yaadannoo gaarii) warra boodaa keessatti dhiifne.

Akka kanatti toltuu hojjattoota mindaa isaaniif kennina.

Isa irrattiifi Is'haaq irrattis barakaa goone. Sanyii isaan lamaanii irraa nama toltuu hojjatuufi kan lubbuu isaa miidhaa ifa ta’etu jira.

Muusaafi Haaruun irrattis (nabiyyumaa isaanii kennuudhaan0 dhugumatti tola oollee jirra.

Isaan lamaaniif dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra.

Yeroo ummata isaatiin jedhe [yaadadhu]:“Rabbiin hin sadaattanii?

Sila ba’al gabbartanii (Gooftaa) warra waa uumu hundarra caalaa tolchaa tahe dhiiftanii?[9]

Allaah Goftaa keessaniifi Gooftaa abbootii keessan isaan jalqabaa ta’e.”

Isaaf dhaloota boodaa keessatti (yaadannoo gaarii) dhiifnee jirra.

Yeroo isaafi maatii isaa hunda (adaba jalaa) baraarsine [yaadadhu].

Jaartii (niitii isaa) kan warra (adabbiif) hafan keessa taate malee.

Isin (warri makkaa yeroo shaamitti deemtan) ganamfatoo taatanii isaan irra dabartu.

Halkanis (irra qaxxaamurtu); sila aqlii hinqabdanii? (hingorfamtanii?).

Yeroo gara doonii (fe’isaan) guutamee sokke [yaadadhu].

(Namoota doonii waliin) carraa kaasee, warra carraan itti ba’e irraa ta’e.

Silaa hanga guyyaa kaafamaniitti garaa isaa (qurxumichaa) keessa jiraata ture.

(Yaa Muhammad!) isaan gaafadhu: “Sila (akka isaan jedhanitti) Gooftaa keetiif ilmoon dubaraa taateeti, isaaniif immoo ilmaan dhiiraa tahanii?”(miti).

“Rabbiin ni dhale” (jedhu) isaan kijiboodha.(Rabbiin ilmoo dhalurraa qulqullaaye).

Sila Inni ilmoo dubaraati ilmaan dhiiraa irra filatee? (miti).

Maaltu isiniif tahe? Akkamitti murteessitan?

Waan isaan (kaafirtoonni), isaan jedhan irraa Rabbiin qulqullaa’e.

Gabroota Rabbii isaan qulqulleeffamoo malee (ni dhihaatu).

Isiniifi wantoonni isin (Rabbiin malee) gabbartan.

Isin isa irratti (nama amane kamillee) jallistootaa miti.

Namoota ibidda jahannam seenun (itti murtaa’e) malee.

Nurraa (maleykaan) tokkollee iddoon beekamaan isaaf ta’u malee hin hafu.

.Nuti (maleykonni), dhugumatti, hiriira galoodha.

Silaa dhugumatti gabroota Rabbii qulqulleeffamoo taana turre.”

(Qur’aanni itti dhufnaan) isatti kafaran. Fuula dura beekuuf jiraatu.

Waraanni keenyas injifattoonni isaanuma (jechuunis dabarte).

(Yaa Muhammad!) Yeroo murtaa’eef isaan dhiisii irraa garagali.

Ati itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu.

Yeroo (azaabni) qe’ee isaaniitti bu’e, bariisaan warra dinniinamanii fokkateera.

(Yaa Muhammad!) hanga yeroo murtaa’eetti isaan irraa garagali.

Itti eegi, fuula dura (waan isaaniif qophaa’e) ni argu.

Goftaan kee, Gooftaan injifannaa, waan isaan jedhaniin irraa qulqullaa’e.