عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Troops [Az-Zumar] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The Troops [Az-Zumar] Ayah 75 Location Maccah Number 39

Buufamuun kitaabichaa (Qur'aanaa) Rabbii injifataa, ogessa ta’e irraayi. [1]

Rabbiin odoo ilma godhachuu fedhee, silaa waan ofii uumu keessaa kan fedhe filata ture. Qulqullina isaaf malu (sana irraa) qulqullaa’e Inni Allaah tokkicha hunda mo’ataadha.

Lubbuu takka (Aadam) irraa isin uumee, ergasii ishee irraa qindii ishee (hawwaa'a) taasisee; beeyladoota irraas qindiiwwan saddeet isiniif buuse (uume); Garaalee haadhoowwan keessanii keessatti isin uuma, uumama boodaan uumama godhee dukkana sadi keessatti (isin uuma). Kun Rabbii gabbaramaa keessan ta’eedha. Mootummaan kan Isaatii. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Akkamumatti (Isarraa) gara galfamtan? [3]

Jedhi: “Yaa gabroota kiyya kan amantan! Gooftaa keessan sodaadhaa. Isaan addunyaa kana keessatti toltuu hojjataniif (Aakhiratti) toltuun (qophaa’ee) jira. Dachiin Rabbii bal’oodha. Warri obsan mindaan isaanii kan isaaniif kennamu lakkoofsa maleedha.”

Jedhi: “Ani Rabbuma qofaan, amantii kiyya Isaaf qulqulleessaa ta’ee gabbara.”

Isaaniif gubbaa isaanii irraa haguuggaa ibidda irraa ta’eetu jira; jala isaanii irrallee haguuggaa (ibiddaatu jira) Sana Rabbiin gabroota Isaa ittiin sodaachisa “Yaa gabroota kiyya! Anuma qofa sodaadhaa.”

Sila namni jechi azaabaa isa irratti mirkanaa’e (nama hamtuu irraa fagaate waliin wal qixaa)? Sila ati nama ibidda keessa jiru ni baraartaa?

Sila namni Rabbiin qoma isaa Islaamaaf bal’isee, ifaa (beekumsa) Gooftaa isaa irraa ta’erra jiru (akka nama Islaama’uu dideetii)(miti)? Yaa badii namoota onneewwan isaanii zikrii Rabbii irraa gogdee! Isaan sun jallina ifa ta’e keessa jiru.

Rabbiin haasawa gaarii, kitaaba (miidhagina keessatti) wal fakkaatu, kan oduun isaa lama lamaan deemtu, kan isa irraa gogaaleen warra Gooftaa isaanii sodaatanii suukannooftu, ergasii gogaaleen isaaniitiifi onneewwan isaanii gara yaadannoo Rabbiitti laafu buusee jira. Kun qajeelfama Rabbiiti; isaan nama fedhe qajeelcha. Nama Rabbiin jallise qajeelchaan isaaf hin jiru.

Sila namni Guyyaa Qiyaamaa fuula isaatiin azaaba hamaa san (qaama) isaa irraa eegu (akka nama jannata seenuutii?)(miti) Miidhaa dalagtootaan ni jedhama: “Waan oomishaa turtan dhandhamaa.”

Qur'aana afaan Arabaa haala ta’een, kan jallinna tokko hin qabne ta’ee akka Rabbiin sodaataniif jecha (isaanif buufne).

Rabbiin ‘nama tokko kan shariikkan (isa irratti) wal hin taane waliin qabaniifi kan namni tokko qofti qabu fakkeenya godhe. Isaan kun lamaan fakkeenyaan walqixaa? (miti) Faaruun hundi kan Rabbiiti. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu.

“Nama adabbiin isa xiqqeessu itti dhufuufi kan adabbiin dhaabbataan isa irratti bu’u eenyu akka ta’e (beekuuf jirtu).”

Rabbiin lubbuu yeroo du’a isheetti ni ajjeesa; ishee duuti hin ga’inis hirriiba ishee keessatti (ajjeesa). Ergasii ishee du’a itti murteesse ni qaba. Ishee biraa (kan du’a itti hin murteessin) hanga beellama beekamaatti gadi dhiisa. Dhugumatti, kana keessa warra xiinxalaniif mallattooleetu jira.

Lubbuun “Yaa sheenaa kiyya waan karaa Rabbii keessatti daangaa dabrerratti, warra qishinan irraa ta’ee!” akka hin jenneef (hordofaa).

Yookiin “odoo Rabbiin na qajeelchee sila warra Rabbiin sodaatan irraan ta’a ture” akka hin jenneef.

Yookaan yeroo adabbii (Rabbii) argite, “carraan (addunyaatti deebi’uu) tokko odoo naaf ta’ee, toltuu dalagdoota irraan ta’a ture” akka hin jenneef.

(Yaa Muhammad!) “Yaa wallaaltotaa! Sila Rabbiin malee (waan biraa) gabbaruutti na ajajjuu?” jedhi.

Dhugamatti, gara keetiifi gara warra si dura turaniittis “yoo Rabbii wajjiin waan biraa gabbarte dalagaan kee ni bada; warra hoonga’an irraas taata” jechuun wahyiin buufameera.

Garrii (Xurumbaa) keessatti ni afuufama. Warri samiilee keessaatiifi warri dachii keessaa hunduu, kaneen Allaahn (hafuu isaanii) fedhe malee, (rifannootaan) ni dhumu. Ergasii afuuffii biroo (lammmaffaa) isa keessatti afuufama. Yeroma san isaan dhaabbatanii ilaaloo ta’u.

Isaan kafaran gara jahannam gareen ta’anii oofamu; hanga ishee bira ga’anii balballeen ishee banamteeti, waardiyoonni ishee “sila ergamtoonni isinitti hin dhufnee kan isin irraa ta’an kan keeyyattoota Gooftaa keessanii isin irratti dubbisaniifi wal ga’ii guyyaa keessanii kana kan isin sodaachisan?” isaaniin jedhan. [Isaan] “eeyyee (dhufaniiru), garuu jecha adabaatu kaafiroota irratti mirkanaa’e” jedhan.

Warri Rabbii isaanii sodaatan gareedhaan gara jannataatti oofamu. hanga isaan isitti dhufanii balballoowwan isii banamteetti, waardiyoonni isii “nageenyi isin irra haa jiraatu; toltan; isii seenaa keessatti hafoo ta’aatii ” isaanin jetti (isii seenan).