عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Women [An-Nisa] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The Women [An-Nisa] Ayah 176 Location Madanah Number 4

Yoo yatiimota (fuudhuu) keessatti wal hin qixxeessinuu sodaattan, dubartoota irraa isaan isinitti bareedan lama lama, sadi sadi, afur afur fuudhaa. Yoo wal hin qixxeessinuu sodaattan immoo takkittii (fuudhaa); yookiin waan (gabrittii) harki keessan horatte (fuudhaa). Haqa dabsuu dhabuuf Kanatu irra dhihoodha. [2]

Qabeenyaalee keessan kan Rabbiin dhaabbata (jireenyaa) isiniif taasise gowwootatti hin kenninaa. Ishee irraas masruufa kennaaf; isaan uffisaas, jechoota gaggaarii isaaniin jedhaa. (abdachiisaa beellama gaarii qabaafii).

Dhiirotaaf Waan haadhaa abbaafi firoonni (yeroo du'an) dhiisan irraa qoodatu jira. Dubartootaafis waan haadhaa abbaafi firoonni (yeroo du'an) dhiisan irraa qoodatu jira. Waan isa irraa xiqqaateefi guddate irraas; Qooda murteeffamaa (Rabbiin isa qoodeera). [5]

Rabbiin (dhaalmaya) ilmaanii keessan keessatti isiniif dhaama. Dhiiraaf fakkaataa qooda durba lamaatu jira. Yoo (ilmaan dhaaltonni) dubartii lamaafi sanaa ol ta’an, lama sadaffaa waan inni dhiiseetu isaaniif jira. Yoo (ilmoon dhaaltu dubara) takkitti qofa taate walakkaatu isheef jira. Yoo isaaf (nama du’eef) ilmaan jiraate, abbaafi haadha isaatiif waan inni dhiise irraa tokko tokkoon isaaniitiif tokko jahaffaatu jira. Yoo ilmi isaaf hin jiraatin, abbaafi haati isaa isa dhaalan, haadha isaatiif tokko sadaffaatu jira. Yoo obboleeyyan isaaf jiraatan immoo haadha isaatiif tokko jahaffaatu jira. (Kun hundinuu kan qoodamu) booda dhaamsa inni dhaammate yookiin daynii (isarra jiru kafaluu)tiiyyi. Abbootiin keessaniifi ilmaan keessan kamii isaaniitu isinfayyadutti irra dhihoodhaa hin beektan. Murtii Rabbi irraa ta'e (Rabbiin murteesseera). Rabbiin beekaa, ogeessa ta'e.

walakkaa waan haati manaa keessanii dhiisaniitu isiniif jira Yoo ilmoon isaaniif hin jiraatin. Yoo ilmoon isaaniif jiraate immoo tokko arfaffaa waan isaan dhiisaniitu isiniif jira. (Kun) booda dhaamsa isaan dhaammatanii yookiin daynii (irraa kafalanii)tiiyyi. Yoo ilmoon isiniif hin jiraatin tokko arfaffaa waan isin dhiiftaniitu isaaniifis jira (jaartiiwwan teessaniif). Yoo ilmoon isiniif jiraate immoo tokko saddeetaffaa waan isin dhiiftaniitu isaaniif jira. (Kun) booda dhaamsa isin dhaammatanii yookiin dayniitiiyyi. Haala obboleessa yookiin obboleettii qabuun yoo dhiirri kan abbaa haadhaafi ilmaan hin qabne ta'ee dhaalamu argame yookiin dubartiinis tokko tokkoon isaaniitiif (obboleessaafii obboleettii isa dhaalaniitiif) tokko jahaffaatu jira. Yoo sanaa ol ta'an immoo isaan tokko sadaffaa wajji argatan. (Kun) haala miidhamuun hin argaminiin booda dhaamsa dhaamamtee yookiin dayniitiiyyi. Dhaamsa Rabbi irraa ta’e (isiniif dhaame) Rabbiin beekaa, obsaadha. [7]

Namni Rabbiifi ergamaa Isaa faallessee, daangaawwan Isaas dabre kan ishee keessatti hafu ta'ee (Rabbiin) ibidda isa seensisa. Isaafis adabbii xiqqeessaa ta’etu jira.

Isin irraa namoonni lamaan (dhiiraafi dubartii) isii (sagaggaalummaa) hojjatan isaan lamaanuu akkaan rakkisaa. Yoo isaan tawbatanii hojii gaarii hojjatan, isaan (rakkisuu) irraa gara galaa. Rabbiin akkaan tawbaa qeebalaa, rahmata godhaadha. [9]

yoo niitii takka bakka niitii biraa jijjiirrachuu barbaaddan Haala tokkoo isaaniitiif (tan hiikuu barbaaddaniif) qabeenya guddaa kennitanii jirtaniin, isarraa homaa hin fudhatinaa. Sila haala miidhaafi dilii ifaa ta’ee jiruun fudhattanii?

Sila akkamitti isa (mahrii isheef kennitan) fudhattu? kan gariin keessan gara garii gayee jiruun, kan isaanis isin irraa waadaa jabaafi ulfaataa seenanii jiraniin.

Haadholeen keessan (fuudhuun) isinirratti haraama godhamte, dubri keessanis, obboleettiwwan keessanis, adaadowwan keessanis, haboowwan (obboleettii haadhaa) keessanis, dubara obboleessaas, dubara obboleettiis, haadholeen keessan kan isin hoosisanis, obboleettiiwwan keessan kanneen hoosisarraa ta’anis, haadholee niitiiwwan teessaniis, shamarran isin guddiftanii gola keessan keessa jiran kan niitiiwwan teessan itti seentan irraa dhalatanis (fuuchuun isin irratti haraama godhamteetti); yoo isaanirra kan hin seenne taatan immoo badiin isin irra hin jiru. Niitiiwwan ilmaan keessan kanneen dugdoowwan keessan irraa ta'anis, jidduu obboleettiiwwan lamaa walitti qabuunis (akkasuma haraama).waan dabre malee. Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa tahee jira. [13]

Dubartoota irraa isaan (dhiiraan) tikfaman (jaartii namaa) kan harki keessan dhuunfatte malee (fuudhuun dhorgamaa dha). Heera Rabbiin isin irratti murteesse (qabadhaa) Warra kanneeniin ala jiran of tiksaa sagaagalummaa irraa fagaataa taatanii qabeenya keessaniin barbaaduun (fuudhuun) isiniif eeyyamameera. Isaan irraa (warra fuutanii qunnamtii saalaa waliin raawwachuun) itti qananiitan mahriiwwan isaanii haala dirqama ta'een isaanii kennaa. Waan erga mahriin murtaa’ee booda ittiin wal jaalattan keessa badiin isin irra hin jiru. Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera. [14]

Isin irraa namni (dubartoota) tikfamoo mu’umina ta’an fuuchuu qabeenyaan hin danda’in, shamarran keessan kan mu’uminaa kan harki keessan dhuunfatte (gabroottan) irraa (haa fuudhanu). Rabbiin iimaana keessan beekaadha. Gariin keessan garii irraayyi. hayyama warra isaaniitiin isaan fuudhaa. Mahrii isaanii haala gaarii ta’een isaaniif kennaa. Tikfamtoota ta'anii, sagaagalummaa kan hin raawwanneefi kan hiriyaa dhiiraa hin qabne ta'anii (fuudhaa). Yoo yeroo heeruman hojii fokkataa (sagaggaalummaa) raawwatan, adabbii irraa walakkaa kan isaan walaba ta’an irra jiruutu isaan irra jira. Kun isin irraa nama zinaa sodaateefi; obsuutu immoo isiniif caala. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha. [15]

Rabbiin (waan eeyyamamaafi dhorgamaa ta’an) isiniif ibsuu barbaada, karaalee warra isin dura turanii isin qajeelchuufi tawbaa keessan qeebaluu (barbaada). Rabbiin beekaa, ogeessa.

Namni kana dalage (qabeenya namaa haraamiin nyaate) daangaa dabruufii miidhaaf, fuulduratti (qiyqqmqtti) ibidda (jahannam) isa seensifna. Kun Rabbirratti salphaadha.

Dhiironni dhimma dubartootatiin dhaabbatoodha; (kunis) waan Rabbiin garii isaanii garii irra caalchiseefi, qabeenyaalee isaanii irraas waan kennaniifi. Dubartoonni gaggaariin (Rabbiifi dhirsa isaaniitiif) ajajamoodha; fagoottis waan Rabbiin isaan eegsise tiksitoota. Isaan finciluu isaanii sodaattan immoo isaan gorsaa; (itti aansun) ciisa keessatti isaaniin oodaa; (dhuma irratti yoo sirraa'uu didan) isaan tumaa. Yoo isaan isiniin ajajaman isaan irratti karaa hin barbaadinaa. Rabbiin ol ta’aa, guddaa taheera. [20]

Yoo gidduu isaan lamaaniitti (jaarsaaf jaartiitti) waldhabbii sodaattan. araarsaa (manguddoo) tokko warra isaa irraa, araarsaa (manguddoo) tokko immoo warra ishee irraa ergaa. Yoo isaan lamaan araara fedhan, Rabbiin gidduu isaani waliigalcha. Rabbiin beekaa, hubataa tahee jira.[21]

Rabbiin hanga madaala atomii tokkoo (hanga ulfinna mixii xiqqoo) nama hin miidhu, Yoo isheen dalagaa gaarii taate dachaa ishee taasisa; mindaa guddaa Isa biraa ta’es (dabalaan) ni kenna. [24]

Sila yeroo Nuti ummata hunda irraa ragaa fidneefi sillee warra kana irratti ragaa goonee si fidne (haalli isaanii) akkam ta’a?

Sila gara isaan lubbuulee isaanii qulqulleessanii hin ilaallee? Lakki; Rabbiin nama fedhe (qofa) qulqulleessa. Hanga kirrii qola Timiraa hin miidhamanu.

Sila mootummaa irraa qoodni wahii isaaniif jiraa? Yoggus hanga tuqaa (ija killee timiraa irra jiru) namaaf hin kennanu ture.

Isaan irraa nama isatti amanetu jira. Isaan irraas nama isa irraa garagalee (namas irraa dhoowweetu) jira. Gubaatii (isaaniitiif) jahannam ga’aadha.

akkam ta’u laata? yeroo balaan sababaa waan harkoowan isaanii durfatteen isaan tuqee, ergasii Rabbitti kakataa “nuti toltuufi wal ta’iinsa malee waan biraa hin feene” (jedhaa) sitti dhufan.[30]

Lakki; Rabbii keetiinin kakadhaa! isaan hin amananu hanga waan gidduu isaaniitti irratti wal dhaban keessatti si murteessisaniitti, ergasii waan ati murteessite irratti odoo lubbuulee isaanii keessatti dhiphina hin argin fudhannaa (garaa guutuu ta’een) fudhatanitti.[32]

Odoo Nuti isaan irratti “Lubbuulee keessan wal ajjeesaa yookiin manneen keessan irraa ba’aa” (jennee) katabnee silaa hanga xiqqaa isaan irraa ta’an malee (baay’een isaanii) isa hin dalaganu. Odoo isaan waan itti gorfaman kana dalaganii silaa sanatu isaaniif caalaa, Akkaan (amantii irratti isaan) raggaasisaa taha ture.

Dhugumatti, isin irraa nama (duula irraa) rincicuutu jira. yoo balaan wahii isin tuqxe “Dhugumatti, Rabbiin na qananiisee jira yeroo ani isaan waliin (duula irratti) hinargamin " jedha.

Yoo tolli Rabbirraa ta'e wahii isin tuqe immoo nijedha: akka waan gidduu keessaniifi gidduu isaa jaalalli wahii hin turinii- “yaa hawwii kiyya! Odoo isaan waliin ta’ee, silaa milkii guddaa milkaaya ture” (jedha).

Namni ergamaa (muhammad) tole jedhe dhugaatti Rabbiin tole jedhe. Nama gara gale immoo (singaddisiisin) isaan irratti eegaa taasifnee si hin ergine.

(Yaanni keenya siif) ajajamuudha” jedhu. Yeroo si biraa bahan, gareen isaan irraa taate faallaa waan dura jettee bulfatan (garaa keessatti qabatan). Rabbiin waan isaan bulfatan ni barreessa. Isaan irraa gara gali; Rabbi irratti irkadhu. Irkoo ta’uu irratti Rabbiin ga’aadha. [35]

Yeroo tasgabbii yookiin sodaa irraa dhimmi (oduun) wahii isaaniitti dhufe, (namoota keessatti) isa facaasu. Odoo gara Ergamaatiifi gara hooggantoota isaan irraa ta’anii isa deebisanii silaa isaan irraa warri isa qoratan (xiinxalan) isa beeku turan. Odoo arjoomni Rabbiitiifi rahmanni Isaa isin irra jiraachuu baatee, silaa isin hanga xiqqaa malee sheyxaana hordoftu turtan. [37]

Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiru. Dhugumatti Guyyaa Qiyaamaa keessa walitti isin qaba; isa keessa mamiin hin jiru. Eenyutu Rabbiin caalaa haasa’a dhugaa dubbata?

Sila maaltu isiniif jiraannaan dhimma munaafiqootaa keessatti garee lamatti qoodamtan?odoo Rabbiin sababaa waan isaan hojjataniitiin duuba isaan deebisee jiruu, Sila isin nama Rabbiin jallise qajeelchuu barbaaddanii? nama Rabbiin jallise karaa (ittiin qajeelu) isaaf hin argitu.

Mu’umina ajjeesuun Mu’uminaaf hin ta'u.Yoo dogoggoraan ta’e malee, Namni mu’umina dogoggoraan ajjeese, gabra mu’uminaa bilisoomsuufi, gumaa gara maatii isaa (nama du’ee) kennamutu (baasuun isarra jira) yoo isaan (maatiin nama ajjeefamee) dhiifama godhaniif malee. Yoo inni (namni ajjeefame) haala mu’umina ta’een ummata diinota keessan irraa ta’ee gabra mu’uminaa bilisoomsuutu (nama ajjeese)irra jira. Yoo inni ummata (muslima hintahin) kan gidduu keessaniifi gidduu isaanii walii galteen (nagaa) jiru irraa ta’e, gumaa dhiigaa gara maatii isaa kennamuufi gabra mu’uminaa bilisoomsuutu (isarra jira). Namni (gabra bilisoomsu) hin argatin ji’a lama walitti aantuu soomuutu (irra jira). Tawbaa Rabbi irraa ta'e (haa toobatu). Rabbiin beekaa, ogeessa ta'eera. [40]

Sadarkaawwan Isa irraa ta’an, araaramaafi rahmataan (isaan caalchise). Raabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta'eera.

Isaan dadhaboo malee. dhiiraa, dubartootaafi ijoollee irraa kan ta’an, kan mala baafachuu hin dandeenyeefi karaa hin qajeelle (deemsa hindandeenye) (malee). [43]

Yeroo isaan keessa jiraattee salaata isaaniin dhaabde, gareen isaan irraa taate takka si waliin haa dhaabbattuu; meeshaalee isaaniis haa qabatanu, Yeroo sujuudanii ka'an, duuba keessan irraan haa tahanu. Gareen biraa tan hin salaatin dhufanii sii waliin haa salaatanu. Of eeggannoo isaaniifi meeshaalee isaaniis haa qabatanu. Warri kafaran odoo isin hidhannoo keessaniifii meeshaa keessan irraa dagattanii dabiinsa tokkicha isin irratti dabanii (tasa isin dagachiisanii isin weeraruu) jaalatu. Yoo rakkoon rooba irraa ta'e isin mudate yookiin dhukkubsataa taatan meeshaalee lolaa keessan lafa kaayachuun badiin isin irra hin jiru. Of eeggannoo keessan qabadhaa. Rabbiin kaafirootaaf azaaba salphisaa qopheessee jira. [46]

Isaa (Rabbii) gaditti dhaltuuwwan malee (tabotoota maqaa dhalaatiin moggaafamte) malee waan biraa hin gabbaran; shayxaana darbamaa malees homaa hin gabbaran.

Rabbiin isa abaareera. Innis ni jedhe: “kakadhee Ani gabroota kee irraa qooda murtaa’e nan qabadha (nanjallisa).

(sheyxaanni) Isaaniif (waadaa kijibaa) waadaa seena; isaan (hawwii kijibaa) ni hawwisiisa. Shayxaanni gowwoomsaa malee isaaniif waadaa hin seenu.

Warri sun qubsumni isaanii jahannami; ishee irraa gara itti daban (gara itti dheeysan) hin argatanu.[50]

Odoma bololtaniillee gidduu dubartootaa (jaalala qalbii keessatti) wal qixxeessuu hin dandeessanu; (Gara ishee tokkoo) dabiinsa hunda dabdanii (ishee kaan) akka rarraafamtuutti hin dhiisinaa. Yoo tolchitanii (Rabbiin) sodaattan, dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera. [51]

Yoo isaan lameen (jaarsaf jaartiin) adda ba’an, Rabbiin hundaayyuu tola Isaa irraa ni duroomsa. Rabbiin (kenni isaa) bal'aa, ogeessa ta'eera.

isin Yaa namootaa! (Rabbiin) yoo fedhe isin deemsisee (isin dhabamsiiseeti) warra biraa (qajeelaa) fida. Rabbiin kana irratti danda’aa ta'eera.

Gidduu kanatti dhama'oo (xawalwaallee) ta'anii gara isaan kanaas miti; gara isaan sanaas miti (Gara mu'imintootas hinjiran, gara kaafirootas hinjiran). Nama Rabbiin jallise karaa (qajeelumaa) isaaf hin argitu.

Yoo isin (Isa) galateeffattanii (Isatti) amantan Rabbiin azzabuu keessan irraa maal godha? Rabbiin galateeffataa, beekaa ta’eera.

Yoo toltuu mul'iftanii yookiin isa dhoksitan (hojjatan) yookiin hamtuu irraa dhiifama gootan (Rabbirraa galata argattu) Rabbiin akkaan dhiifama godhaa, danda’aa ta'eera. [56]

Sababa isaan waadaa isaanii diiguutiin, keeyyattoota Rabbiitti kafaruutiin, nabiyyoota haqaan malee ajjeesuu isaaniitiifi, “onneewwan teenya haguugamtee jirti” jechuu isaaniitiin (isaan abaarre). Dhugumatti Rabbiin sababaa kufrii isaaniitiif ishee (onnee isaanii) irratti haguuge; muraasa malee hin amanan.

Sababaa kufrii isaaniitiifi Maryam irratti kijiba guddaa odeessuu isaanitiif (isaan abaarre). [58]

Sababaa miidhaa warra yahuudomaniifi gaggaarii halaala isaaniif ta’ee ture haraama isaan irratti taasifne, sababaa isaan baay’ee karaa Rabbii irraa deebisaniif (dhoowwaniif) .

Warri kafaranii karaa Rabbii irraa (nama) deebisan (islaamummarraa dhoorgan), dhugumatti isaan jallina fagoo ta’e jallataniiru.

isin Yaa ilmaan namaa! Dhugumatti ragaan Gooftaa keessan irraa ta'e isinitti dhufeera. Ifaa mul’ataa gara keessanitti buufnee jirra. [65]

Si gaafatu, Jedhi: “Rabbiin waa'ee ‘kalaalah’ (nama jalaafi gubbaan kan isa dhaalu hin qabne) keessatti isiniif ibsa. Yoo namtichi du'e kan ilmi isaaf hintahin kan obboleettiin isaaf taate, isheedhaaf walakkaa waan inni dhiisetu jira. Inni yoo isheen ilma hin qabaatin (qabeenya hunda) ishee dhaala. Yoo isaan (obboleettiiwwan) lama ta’an, isaaniif dhaala inni dhiise irraa lama sadaffaatu jira. Yoo obbolaan dhiirotaafi dubartoota ta'an immoo dhiiraaf fakkii qooda dubartii lamaatu jira. Rabbiin akka isin hin jallanneef isiniif ibsa. Rabbiin waan hunda beekaadha." [66]