عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Ornaments of Gold [Az-Zukhruf] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah Ornaments of Gold [Az-Zukhruf] Ayah 89 Location Maccah Number 43

Haa Miim. [1]

Kitaaba addeessaa ta’eenin kakadha.

Inni haadha kitaabaa (lawhal mahfuuz) Nu bira jiru keessatti tahaadha, ol aanaa ogummaan guutameedha.

Humnaan isaan irra cimoo warra ta’an balleessinee jirra. Fakkeenyi warra jalqabaa dabreera.

Sila waan uumu irraa ilmaan dubaraa (ofiif) taasifatee, isin immoo ilmaan dhiiraatiin isin filee?

Yeroo tokkoon isaanii waan “Rahmaaniif” fakkeenya taasiseen (dubaran) gammachiifame, fuulli isaa gurraacha ta’a dallansuun guutamaa tahee.

sila (dubartii) Nama faaya (miidhaginaa) keessatti guddifamu, kan falmii keessatti hin ibsine (godhatee)?

“Odoo Rahmaan (isaan gabbaruu dhabuu keenya) fedhee isaan hin gabbarru turre” jedhan. sana irratti beekumsa homaatuu hin qaban isaan kijiboo malee hintaane.

(Ergamichis) “odoo ani waan abbootii keessan irratti argitan irra qajeelaatiin isinitti dhufeelleemoo (isaanuma hordoftuu)?” jedhe. (Mushrikoonnis) “nuti waan isin ittiin ergamtanitti kafaroodha” jedhan.

[yaadadhu] Yeroo Ibraahiim abbaa isaatiifi ummata isaatiin jedhe :“Dhugumatti ani waan isin gabbartan irraa qulqullaawaadha.

Manneen isaaniitiifis hulaaleefi sireewwan irratti hirkatanis (meeta irraa isaaniif goona turre).

Nama gorsa (Qur’aana) Rahmaan irraa gara gale, sheeyxaana isaaf ramadna; inni isaaf hiriyaadha (ittiqindaawaadha).

Hanga nutti dhufee “yaa gaabbii kiyya! Odoo gidduu kiyyaafi gidduu kee fageenyi baha lamaanii (bahaafi dhihaa) jiraatee” jedha. Hiriyichi waa fokkate!

Har’a isin hin fayyadu waan lubbuu keessan miitaniif, ibidda keessatti waliin jiraachuun keessan (homaa isin hinfayyadu).

Sila ati duudaa dhageessiftaa yookiin jaamaa qajeelchitaa, nama jallina ifa ta’e keessa jiru(s niqajeelchitaa)?

(Yoo akkas ta’e) maaliif gumeewwan warqee (dahaba) irraa hojjataman isa irratti hin buufamne? Yookiin maleykonni isa wajjin qindaawanii maaliif hin dhufne?” (jedhe).

Inni (Iisaan) gabricha Nuti isa irratti tola oollee malee waan biraa miti, Ilmaan Israa’iliif fakkeenya isa taasifne .

Sheyxaanni (dhugaa hordofuu irraa) akka isin hin dhorgine. Inni isiniif diina ifa ba’aadha.

Iisaan yeroo ragaalee ifa ta’aniin dhufe, ni jedhe: “Dhugumatti, ani beekumsaanin isinitti dhufe; ammaas akkan garii waan isin keessatti wal dhabdanii isiniif ibsuufin (dhufe.) Rabbiin sodaadhaa; anaafis ajajamaa.

Gareewwan gidduu isaaniitti (dhimma kana irratti) wal dhabaniiru. Isaan miidhaa dalaganiif adabbii guyyaa laalessaa irraa halaakni isaaniif tahe.[3]

Qoriiwwan warqee irraa ta’aniifi kubbaayyaaleen isaan irra naanna’ama. Ishee keessa waan lubbuuleen feetuufi ijoowwan itti gammaddutu jira. Isin ishee (jannata) keessatti zalaalam jiraatoodha (hafoodha)” (jedhamaani).

(Adabichi) Isaan irraa hin salphifamu; isaanis isa keessatti abdii muratoodha.

(Waardiyaa ibiddaatiin) “yaa Maalik! Gooftaan kee haa nufixu (nuuf gaafadhuu)” (jedhanii) lallabu. (Maalikis) “isin ishee keessa turoodha” jedhe.

(Yaa Muhammad!) jedhi: “yoo Rahmaaniif ilmi jiraatee, silaa anatu jalqaba warra (ilma san) gabbaraniiti.” [4]

Rabbiin samiileefi dachii, Gooftaan arshii waan isaan ittiin (Isa) wassafan (ibsan) irraa qulqullaa’eera.

Jechi inni (nabi Muhammad SAW!) “yaa Gooftaa kiyya! Dhugumatti, isaan kun ummata hin amanne” jedhe (sunis Allaah bira jira).

(Yaa Muhammad!) isaan irraa garagalii “nagaan (isin irra haa jiraatu)” jedhiin; (waan isaan mudatu) fuula dura beekuuf jiru.