عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Table Spread [Al-Maeda] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The Table Spread [Al-Maeda] Ayah 120 Location Madanah Number 5

Yaa warra amantan! Mallattoolee Rabbii, halaala hin godhatinaa, ji'a kabajamos, horii wareegaaf (dhufanis), horii (wareega hajjiitiif) morma isaanii irratti mallattoon fannifames, fi warra tolaafi jaalala Gooftaa isaanii barbaacha gara mana kabajamaa fedhanuus (halaala hin godhatinaa). Yeroo ihraama (hajjii yookiin umraa) raawwattan al'oolaa. Waan masjida kabajamaa irraa isin deebisaniif jibbaan ummata (Makkaa) daangaa dabruutti isin hin kakaasin. Toltuufi sodaa Rabbii irratti wal gargaaraa. Badiifi daangaa dabruu irratti wal hin gargaarinaa. Rabbiin sodaadhaa, Dhugumatti Rabbiin adabbiin isaa akkaan cimaadha. [2]

Isinirratti haraama godhamte Baktiin (waan osoo hingorra'amin du'e), dhiignis, foon booyyees, waan (yeroo gorra'amu) (maqaan) Rabbiin alaa isa irratti ol fuudhames, hudhamtee tan duutes, tumamtee tan duutes, konkolaattee tan duutes, tan gaafaan waraanamtee duutes, wanti bineensi nyaates waan (odoo inni hin du’in dura dhaqqabtanii) gorraatan malee, wanti taabota irratti gorra’ames (kana hundaa nyaachuun isirratti dhoowwaadha). xiyyaan carraa ilaallachuunis, (isin irratti haraama godhamteejirti). Kuni fincila, Har'a warri kafaran amantii keessan irraa abdii muratanii jiru. Isaan hin sodaatinaa; Anuma (qofa) sodaadhaa. Har'a Amantii keessan isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera. Namni beela keessatti rakkifame, kan gara badii hindabin (isaaf dhiifama). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha. [3]

Yaa warra amantan! Yeroo salaataaf kaatan (ka'uu barbaaddan), fuulleen keessan dhiqadhaa, harkoowwan keessanis hanga ciqileetti, (dhiqadhaa). Mataawwan keessaniis haxaa'aa; Lukkeen keessanis hanga koronyoo lameeniitti (dhiqaa). Yoo janaabawoo taatan (bishaan saalaa isin irraa dhangala’e) qulqulleeffadhaa (dhiqadhaa). Yoo dhukkubsatoo taatan yookiin imala irra jiraattan yookiin tokkoon keessan mana fincaanii irraa dhufe, yookiin yoo dubartiin wal tuqxanii (qunnamtii saalaa gootanii), ergasii bishaan hin argatin dachii (biyyee) qulqulluu barbaaddadhaa (tayammuma godhadhaa). Isa irraas fuulleen keessaniifi harkoowwan keessan haxaa'aa. Rabbiin rakkina tokkollee isin irra fiduu hin fedhu. Garuu isin qulquleessuufi ni’imaa Isaa isin iraatti guutuu fedha, akka isin galateeffattaniif jecha. [6]

Yaa warra kitaabaa! Dhugumatti, Ergamaan keenya (Muhammad s.a.w.) isinitti dhufeera, kan irra hedduu kitaabaa irraa waan isin dhoksaa turtan isiniif ibsuufi baay’ee isaa immoo dhiifamaan irra isiniif dabru. ifaanifi kitaabni mul'ataan (qur'aanni) Rabbi irraa isiniif dhufeera.

Yaa warra kitaabaa! ergamaan keenya (muhammad) kan (waan hunda) isiniif ibsu, eega wal irraa citiinsi ergamootaa argamee booda isinitti dhufeera. Akka isin gammachiisaafi dinniinaanis nutti hin dhufne hin jenneef, Dhugumatti gammachiisaafi akeekkachiisaan isinitti dhufeera Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.

Yeroo Muusaan ummata isaatiin jedhe [yaadadhaa]: "yaa ummata kiyya! Ni’imaa Rabbiin isin irratti oole yaadadhaa. yeroo nabiyyota isin keessa taasisee, moototas isin godheefi waan aalama (zamana keessanirraa) namtokkoofillee hin kennin isiniif kennee.

Yaa ummata kiyya! Dachii qulqulleeffamtuu Rabbiin isiniif barreesse (beytal maqdis Filisxeeniin) seenaa Dugdoowwan keessan duubatti hin deebi’inaa. (Yoo akkas gootan) hongaa’oo taatanii deebitu."

(Muusaan) ni jedhe: "Yaa Gooftaa kiyya! Ani lubbuu tiyyaafii obboleessa kiyya irratti malee taaytaa hin qabu. Nuufi orma finciltootaa gidduu addaan baasi." [10]

(Rabbiin) ni jedhe: "isheen (dachittii seenuun) waggoota afurtamaaf isaan irratti haraamfamtuudha; Dachii keessa dhama'an. (yaa muusaa) Ummata finciltoota irratti hin gaddin."

Oduu ilmaan Aadam lamaanii haqaan isaanirratti dubbisi. yeroo isaan waan Rabbitti isaan dhiheessu (qurbaana) dhiyeessan, isa tokko irraa qeebalamee isa kaan irraa qeebalamuu dide. (Inni lamuu isa duraatiin) ni jedhe: "Ani dhugumatti sin ajjeesa. " (Inni duraas) ni jedhe: "Rabbiin kan qeebalu warra Isa sodaatan irraayyi.[11]

(haabil obboleessa isaa qaabiliin akkana jedhe) Yoo ati na ajjeesuuf harka kee gara kiyyatti diriirsites, ani si ajjeesuuf harka kiyya gara keetti hin diriirsu. (luuynummaaf osoo hintaane) Ani Rabbii Gooftaa aalamaan sodaadha.

Lubbuun isaa (jallattuun) obboleessa isaa ajjeesuu isaaf miidhagsite, isa ajjeese. Warra hoonga’an irraas ta’e. [13]

Namni miidhaa (raawwachuu) isaa booda toowbatee tolche, Rabbiin tawbaa isaa irraa qeebala. Rabbiin akkaan araaramaa, akkaan rahmata godhaadha.

Ati Yaa ergamaa! warri kufrii keessatti ariifatan si hin gaddisiisin Isaan afaanoowwan isaaniitiin amanne jedhanii onneewwan isaanii hin amanin irraa, Isaan yahuudoman irraas, kan kijibaaf dhaggeeffatanu, ummata biraa kan gara kee hin dhufiniif dhaggeeffatantu jiru. Jechoota bakka isaa irraa jijjiiru. "Yoo kana kennamtan isa qabadhaa; yoo isa hin kennamin immoo eeggadhaa" jedhu. Nama Rabbiin mokkoroo isaa fedhe Rabbi irraa waan tokko isaaf hin deebiftu. Sunniin warra Rabbiin onneewwan isaanii qulqulleessuu hin fedhini. Addunyaa kanatti salphinatu isaaniif jira; Aakhiraatti immoo adabbii guddaa ta’etu isaaniif jira.

Nuti kitaaba (Qur’aana) haqaan gara keetti buufneerra. kan kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaafi isa irratti tiksaa ta'ee. Waan Rabbiin buuseen gidduu isaaniitti murteessi. Dhugaa waan sitti dhufe irraa (dabuun) fedha lubbuu isaanii hin hordofin. Hundumaafuu seera shari’aatiifi karaa ifa ta’e taasifnee jirra. Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isin taasisa ture. Garuu waan isiniif kenne keessatti isin qoratuuf (addaan isin baase). Hojii gaarii keessatti wal dorgomaa. Hunda taatanii deebiin keessan gara Rabbiiti, Waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan isinitti hima. [20]

Sila murtii 'jaahiliyyaa (wallaalummaa) barbaadanii? Ummata hubannoo qabaniif wanti Rabbi irra murtiin isaa miidhagaa hin jiru.[21]

Isaan onneewwan isaanii keessa dhukkubni (munaafiqummaa) jiru, isaan (jaalachuu) keessatti kan ariifatan agarta. "naannawaan rakkinaa nu tuquu sodaanna" jedhan. Rabbiin injifannoo yookiin murtii isa biraa ta’e fidee, waan lubbuu isaanii keessatti gadi qabatan irratti gaabbitoota ta'uun isaanii mirkanaa'eera.

Namoonni Rabbiin, ergamaa Isaatiifi warra amanan jaalallee taasifatan (isaan garee Rabbiiti). Dhugumatti gareen Rabbii isaanumatu injifattoota.

Jedhi: "Sila kan adabbiin isaa Rabbiin biratti san caalaa hamaa ta’e isiniif himuu? (inni sun) Nama Rabbiin isa abaareefi isa irratti dallane, kan isaan irraa jaldeessaafi booyye taasise, isaan xaaghuuta (gabbaramtoota Rabbiin malee) gabbaran, isaan sun warra (Aakhiratti) iddoon isaanii hamaa ta'ee, irra jallatoowwani karaa qajeelarraa."

yeroo isinitti dhufan "nuti amanne" jedhu, Isaan odoma dhugumatti kufrii wajjin seenaniifi isaan dhugumatti isumaa wajjin ba’anii jiranuu. Rabbiin irra beekaa waan isaan dhoksaa turaniiti.

(Kiristaanonni) yeroo waan gara ergamichaa (muhammad) buufame (qur'aana) dhagayan, sababaa dhugaa beekaniif jecha kan ijji isaanii imimmaan dhangalaaftu argita. Ni jedhu: "(Yaa) Gooftaa keenya! Nuti amannee ragoota (muslimtoota) wajjin nu barreessi. [33]

Sila maaltu nuuf jiraayyi Rabbiifi dhugaa irraa waan nutti bu’etti (kan nabi muhammad fidetti) amanuu dhabna? (homaa nuuf hinjiran). Gooftaan keenya ummata gaggaarii wajjin (jannata) nu seensisuu ni kajeella" (jedhu). [34]

Rabbiin tole jedhaa. Ergamas tole jedhaa (Wantoota dhorgaman kanneen irraa) eeggadhaa, Yoo irraa gara galtan immoo ergamaa keenya irra wanni jiru (ergaa keenya) geessiinsa mul'ataa tahe geessuu qofa akka tahe beekaa.

Yaa warra amantan! odoo (hajjiifii umraa) hidhattanii jirtanuu bineensa bosonaa hin ajjeesinaa. Namni isin irraa odoo beekuu ajjeese, adabbiin isaa beeylada irraa fakkii waan ajjeeseeti. isinirraa namni haqaa lama isa haamurteessuu. haala wareega taateen kan ka’abaa geeffamtu, yookiin hiyyeeyyii nyaachisuu, yookiin qixxee kanaa soomuudha. (Kunis) akka adabbii hojii isaa dhandhamuufi. Waan (dhorgamuun dura) dabre Rabbiin irra isiniif dabreera. Nama (gara badichaa) deebi’e Rabbiin haaloo irraa ba’ata. Rabbiin injifataa, abbaa haaloo ba’annaati.[40]

Isiniif eeyyamameera AdamSoon galaanaafi nyaanni isaas, itti fayyadama keessaniifi daldaltootaatiif jecha. Waan hidhannaa Hajjii keessa jirtanuun adamSoon lafa irraa isin irratti haraama godhame. Rabbii isa gara Isaatti oofamtansan sodaadhaa. [41]

Rabbiin Ka’abaa mana kabajamaa,namootaaf gadi dhaabbii (jireenya) taasiseera. ji’a kabajamaas, horii wareegaas, horii wareegaaf mallattoon morma irratti godhames (kabajeera). Kun akka Rabbiin wantoota samii keessa jiraniifi wantoota dachii keessa jiranis hunda kanbeeku tahe beektaniifi, ammas akka Rabbiin waan hunda beekaa ta’uu beektaniifi.[42]

Ergamicha irra (ergaa Rabbii) geessisuu malee homaa hin jiru. Rabbiin waan isin mul’iftaniifi waan isin dhoksitan ni beeka.

Yeroo "gara waan Rabbiin buusee (Qur'aanaa) fi gara ergamichaa (muhammad) kottaa" isaaniin jedhame "wanti nuti abbootii keenya irratti argine nuuf ga’aadha" jedhu. Sila odoo abbootiin isaanii homaa kan hin beekneefi karaa hin qajeelle ta’anillee (isaanuma hordofuu)?(hordofuu hinqaban).

Guyyaa Rabbiin ergamoota (Isaa) walitti qabee "deebii maaliitu isiniif deebi’e" jedhu (yaadadhu). (Isaan) "nuti beekkomsi nuuf hintaane; Ati situ akkaan beekaa fagooti" jedhan.

yeroo Rabbiin jedhe (dubbadhu) “Yaa Iisaa ilma Maryam! qananii tiyya tan ani siifi haadha tee irratti oole yaadadhu. yeroo Ani ruuhiiqudus (jibriiliin) si jabeesse, haala ati daa’imummaafi ga’eessummaan nama dubbiftuun" Ammas (yeroo) Ani kitaaba, ogummaa, Tawraatiifi Injiiliin si barsiise. yeroo heyyama kiyyaan dhoqqee irraa waan akka simbiraa uumtee afuura keessatti afuuftee heyyama kiyyaan simbira taatu; yeroo heyyama kiyyaan jaamaafi shoolii (barasa) fayyiftu, yeroo heyyama kiyyaan du’aa kaaftu, yeroo (si ajjeesuu barbaadnaan) banii Israa’iil sirraa deebise, yeroo ati ragaa ifa ba’aan isaanitti dhufnaan isaan irraa warri kafaran “kuni sihrii ifa galaadha” jedhan, " (yaadadhu). [46]

(Isaan) "Nuti ishee irraa nyaachuu feena jedhan. onneewwan teenya tasgabbaa’uus, ati dhugaa nutti dubbattee mirkaneeffachus (feena) nuti san irratti warra ragaa ba’an irraa ta’uu (feena)" (jedhan).

Iisaa Ilma Maryam ni jedhe: "Yaa Allaah! Gooftaa keenya! samii irraa maaddaa nyaataa nurratti buusi, tan ayyaana (guyyaa gammachuu) nuuf taatu dura keenyaafii booda keenyaafis. tan mallattoo sirraa (buute) nuuf taatu. hiree nuu hiri Ati caalaa warra rizqii kennuuti."

Yeroo Rabbiin "Yaa Iisaa Ilma Maryam! sila situ namootaan anaafi haadha tiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama taasifadhaa jedhee?" jedhu (yaadadhu). (Inni) ni jedhe: "Ati qulqulloofte! Ani waan haqa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta'u. Yoo ani isa jedheera ta'eef, ati dhugumatti isa beekteejirta. Waan lubbuu kiyya keessaa ni beekta. Ani waan nafsii kee keessaa hin beeku. Dhugumatti, ati akkaan beekaa waan fagooti. [47]