عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Mount Sinai [At-tur] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah Mount Sinai [At-tur] Ayah 49 Location Maccah Number 52

(Gaara) Xuuriin kakadhe. [1]

Xalaayaa bal’ifamaa keessatti.

Ijoo (gombisaa) ol fuudhamaanis. [3]

Dhugumatti, adabbiin Gooftaa keetii argamaadha.

Deebisaan tokkolleen isaaf hintaane.

(Isaaniin jedhama): “Isheen kun ibidda kan ishee sobsiisaa turtaniidha.

Ishee seenaa (dhandhamaa); obsaa yookaan hin obsinaa isinirratti waluma qixa. Wanti isin mindeeffamtan waanuma hojjachaa turtan qofa” (jedhaman).

Dhugumatti, isaan Rabbiin sodaatan jannatootaafi qananii keessa jiraatu.

Waan Gooftaan isaanii isaaniif kennetti gammadoo ta’anii (keessa jiraatu); Gooftaan isaanii azaaba gubaa jalaa isaan baraarse.

“(Jannata keessatti) nyaadhaa; dhugaa gaarii haala ta’een (galata) Waan hojjataa turtaniif jecha” (isaaniin jedhama).

Sireewwan tarree galfaman irra hirkatoo ta’anii (jiraatu). Dubartoota adaadii ija babal’oo isaan fuusifna.

Ishee keessatti geeba (xoofoo farsoo jannataa) walitti daddabarsu (waliif kennu) ishee keessa sobaafi diliin hin jiru.

Isaan irra naanna’u Ijoollee dhiiraa isaanii. (bareedinni isaanii) akka waan isaan faaya eegamaati.

Ni jedhu: “Nuti kana dura maatii keenya keessatti (Rabbi irraa) sodaatoo turre.

Moo Sila isatu isa (Qur’aana) uume jedhu?” lakkii, isaan hin amanan.

Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman? moo isaanumatu uumoo dha? [5]

Moo kortoo (samii geessu) kan isa keessaan (maleykota) dhagayantu isaaniif jira! Dhaggeeffataan isaanii ragaa ifa ta’een haa dhufu.

Moo Isaaf ilmaan dubaraa jiraataniiti isiniif immoo ilmaan dhiiraa tahe?

Moo isaan bira iccitiin fagoo jiraateeti isaan barreeffatan?

Moo Rabbiin malee gabbaramaa biraa qabu? Rabbiin waan isaan itti qindeessan irraa qulqullaa’e.

Guyyaa tooftaan isaanii homaa isaan hin fayyadneefi isaanis hin tumsamne (hanga qunnamanitti).

Dhugumatti, isaan miidhaa raawwataniif sana dura (azaaba akhiraa dura) adabbiitu jira. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu. [6]