عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Star [An-Najm] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The Star [An-Najm] Ayah 62 Location Maccah Number 53

Urjiin kakadhe; yeroo inni bu’e (seene). [1]

Hiriyaan keessan (Muhammad SAW) hin jallanne; hin dogoggorres.

Inni (wanti inni dubbatu) wahyii buufamu qofa.

(Jibriil) kan humni isaa cimaatu isa barsiise.

Abbaa humnaa ta’ee (bifa Rabbiin irratti isa uumeen) ol ta’e.

Inni (jibriil) moggaa (samii) isa ol aanaa irratti (ol ta’e).

Ergasii dhihaatee gadis bu’e. [2]

Hanga (fageenya) qabannaa gooboo (dagaanaa) lamaanii yookiin sana irra dhihoo ta’e. [3]

Onneen (Nabiyyii-SAW) waan arge keessatti homaa hin sobne.

Sila waan inni (yeroo mi’iraajaa) arge irratti isa mormitanii?

Qurquraa dhumaa (samii torbaffaa) biratti arge.

Yeroo wanti haguugu mukattii qurquraa haguugu (arge).

Ijji gamaa gamana hin jallanne, irras hin dabarre.

Dhugumatti, inni (Nabi Muhammad) mallattoolee Gooftaa isaa gurguddoo irraa argeera. [6]

(tan biroo) Manaatiin tan sadaffaa taates (naaf himaa)?

Sila isiniif dhiirri ta'eeti dubartiin isaaf taatee?

Wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jirus kan Rabbiiti. Isaan hamtuu dalagan waan isaan dalaganiin isaaniif galata galchuuf isaan toltuu hojjatanis ishee caaltuu taate isaan mindeessuuf (uume).

Sila beekumsi fagoottu isa bira jiraa? inni (isa) beekee? (lakkii nikijibaa).

Moo wanta barreeffamoota Muusaa keessa jirutu itti hin himaminii?

Kan (barreefama) Ibraahiim isa (ajaja Rabbii) guutees.

(Isheen sun) lubbuun dilii baadhattu ba’aa lubbuu biraa hin baadhattuudha.

Hojiin isaa uf duratti (guyyaa qiyaamaa) ni mul'ata.

Xumurri (deebiin) (waan hundaas) gara Rabbii keetiitti.

Bishaan hormaataa irraa (uume), yeroo (gadaamessaa keessatti) nagamtu.

Uumuun boodaas isuma (Rabbuma) irra jira. (kun kan kaafamiinsa guyyaa qiyaamaati).

(Ummata) Samuudis (nidhabamsiise) hin hambifne.

Ummata Nuuhis sana dura (balleesse) Isaan isaanumatu akkaan miidhaa raawwattootaafi daangaa darbitoota turan.

Wanti haguuge ishee haguuge (dhagaacha irratti roobsamerraa kantahe).

Kun (Muhammad SAW) sodaachisaa sodaachistoota durii irraa ta’eedha.

Dhihaattuun (Qiyaamaa) dhihaatte.

Sila haasa’a kana (Qur’aana) irraa dinqisiifattanii?

Haala isin dagamoo taataniin (irraa garagaltanii)?