The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe moon [Al-Qamar] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The moon [Al-Qamar] Ayah 55 Location Maccah Number 54
Qiyaamaan kaloofte; jiinis lamatti addaan dhoohe. [1]
Yeroo mallattoo argan (kafaranii) (itti amanurraa) gara galaniiti “(kun) sihrii ittifufaa” jedhu.
(Qur’aana) kijibsiisanii fedha lubbuu isaanii hordofan. Wanti hunduu ragga'aadha (galma ga’aadha).
Dhugumatti, oduu (ummata durii) irraa wanti isa keessa sodaachisni jiru isaanitti dhufeera.
Beekumsi gayaaan (isaanitti dhufeera). Akeekkachiistonni homaa isaan hin fayyadu.
Isaan irraa garagali Guyyaa (qiyaamaa) kan waamaan gara waan rifachiisaa ta’eetti (isaan) waamu (yaadachiisi).
(Guyyaa san) ijji isaanii sodaan guutamteeti, qabrii (isaanii) irraa bahan kan akka awwaannisa faca’ee fakkaatan tahani.
Gara waamaatti ori’u Kaafiroonni “Kun guyyaa (rakkisaa) cimaadha.” jedhu.
Isaaniin dura ummanni Nuuh kijibsiifteera. Gabricha keenya (Nuuh) sobsiisan, “inni maraataa dha jedhan" rakkifame.
Gooftaa isaa kadhate “Ani injifatamaadhaa naaf tumsi” (jedhee) .
Hulaalee samii itti banne Bishaan dhangala’aa ta’een.
Burqituuwwan dachii burqisiifnee bishaan (samiifi dachii) walitti dhufe, murtii dhugumaan murtaa’e irratti.[2]
Doonii xawulaaleefi mismaararraa taherratti isa yaabbachiifne (feene).
Tika keenyaan deemti Galata isa itti kafaramee (haa taatuuf kana goone).
Dhugumatti, Nuti mallattoo akka taatuuf ishee dhiifne. Namni ittiin gorfamu jiraa laata?
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi sodaachisni kiyyas akkam ture laata?
Dhugumatti, Qur’aana hubachuudhaaf laaffifneerra gorfamaan jiraa?
(Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifte. adabbiin kiyyaafi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’e ree?
Nuti qilleensa qorraa isaanitti ergine guyyaa hamaa itti fufaa ta’e keessa.
Nama ni buqqifti (Yeroo san) jirma teemiraa kan dachii irraa buqqa’e fakkaatu.
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyas akkam ture laata?
Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf (gorsaaf) laaffifnee jirra. gorfamaan jiraa?
(Ummanni) Samuudis akeekkachiisa (kiyya) kijibsiisaniiru. [3]
Ni jedhan: “nama nurraa ta’e tokko hordofnaa? (hinhordofnu) Nuti yuggas jallinaafi maraatuu keessa jirra.
Sila yaadachiifni kun nu hunda gidduu isa (Nabi Saalih) qofa irratti buufamee? Lakkisaa! Inni akkaan sobaa, boonaadha.
Sobaan boonaan eenyuun akka ta’e boru beekuuf jiru. [4]
Nuti gaala dhaltuu isaaniin mokkoruuf ergoodha. Kanaaf (Yaa Saalih!) Isaan eegi; obsis. [5]
Bishaan (gaalattii fi) isaan gidduutti qoodamus isaanitti himi. Dhugaatiin (garee) hundaayyuu dhufamaadha. [6]
Hiriyaa isaaniitti lallabaniiti, (waraana isaa) fudhatee waraane (ni ajjeese).
(Yeroo san) adabbiin kiyyaafi akeekkachiisni kiyyaa akkam ture laata?
Nuti iyya takkittii isaan irratti ergine. Ergasii akka caccabaa mooraa horiin irra deemee tahan.
Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerra. Egaa namni gorfamu jiraa?
Ummanni “Luux” dinniina sobsiisaniiru.[7]
Nuti isaan irratti bubbee cirrachaa erginee jirra. Maatii Luux malee, (yeroo) bariisaa nagaya isaan baafne.
Qananii Nu biraa ta’eef (baraarre). Akka kanatti nama galata Nuuf galche galateessina.
Dhugumatti, inni (Luux) qabaa keenya isaan akeekkachiisee jira. Isaan garuu dinniinicha falmaniiru (kijibsiisaniiru).
Keessummaa isaa irraa (badii itti hojjachuuf) isa gaafatan. ijoowwan isaanii jaamsinee “adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (jenneen).
Dhugumatti, adabbiin cimaan (ittifufaan) bariidhaan isaanitti ganamfate.
Adaba kiyyaafi dinniina (kiyyas) dhandhamaa” (isaaniin jenne).
Dhugumatti, Qur’aana hubachuuf laaffifneerra. Egaa namni gorfamu jiraa?
Dhugumatti, maatii Fir’awnitti akeekkachiisonni dhufeera. [8]
Mallattoolee keenya hunda sobsiisaniiti, qabaa Isa injifataa, danda’aa ta’ee isaan qabne.
(Yaa Qureeyshotaa!) Sila kaafiroota keessantu isaan kanneen irra caala moo kitaabota keessa (adabbii irraa) baraaramuutu isiniif jira?
inumaayyuu “Nuti tuuta injifattoota” jedhu.
Tuutni isaanii cabsameeti (dheefaaf) dugda gara galuuf jiru.
Dhugumatti, Qiyaamaan beellama isaaniiti. Qiyaamaan irra ulfaattuufi akkaan hadhooftuudha.
Dhugumatti, yakkamtoonni jallinaafi ibidda qabsiifamaa keessatti ta’u.
Guyyaa fuulleen isaaniirratti ibidda keessa harkifaman, “tuqiinsa Saqar (gubaa ibiddaa) dhandhamaa” (jedhamaan).
Nuti waan hunda likki likkiin isa uumne.
Ajajni keenya waantaane takka malee akkuma liphsuu ijaa. [9]
Dhugumatti, Nuti (ummata dabrerraa) fakkaattota keessan balleessinee jirra. Namni gorfamu jiraa?
Wanti isaan hojjatan hunduu galmeewwan (malaaykaan hojii namaa itti katabdu) keessa jira.
Wanti xiqqaafi guddaan hundi barreeffamaadha.
Warri Rabbiin sodaatan jannatootaafi laggeen keessa jiraatu.
Teessoo dhugaa (jannata) keessa Mootii danda’aa bira jiraatu.

