عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Iron [Al-Hadid] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The Iron [Al-Hadid] Ayah 29 Location Madanah Number 57

Sila maaltu isinii jiraaf Rabbitti amanuu diddan? Odoo ergamaan akka gooftaa keessanitti amantaniif isin waamuu, odoo waadaa keessan isin irraa fuudhee jiruu, yoo mu’uminoota taatan (maaltu amanuu isin dhooraga).

(Munaafiqoonni) isaan (mu’uminoota) waamaniiti “Nuti (islaamummarratti) isin waliin hin turree?” (jedhuun). nijedhniin “Eeyyeen! Garuu isin lubbuulee keessan (munaafiqummaadhaan) jalliftanii, badii keenya eegaa turtanii, (amantiis) shakkitanii, hawwiin sobaa isin gowwoomsitee hanga ajajni Rabbii (duuti) dhufutti, gowwoomsaan (sheyxaanni) (obsa) Rabbiitiin isin gowwoomse.

Beekaa! Rabbiin dachii erga isheen (goggoginaan) duutee booda (roobaan) jiraachisa. Dhugumatti, keeyyattoota (keenya) isiniif addeessinee jirra akka isin hubattaniif jecha.

Dhiiroliin sadaqaa kennatan, dubartoonni sadaqaa kennatte, kanneen liqaa gaarii Rabbiif liqeessan, (mindaan isaanii) dachaa isaaniif taasifamaa. galanni gaariin isaaniif tahe. [7]

Akka waan isin jalaa dabre irratti hin yaaddofneefi, waan (Rabbiin) isiniif kennettis (garmalee) hin gammadneefi (kana godhe). Rabbiin nama boonaa, dhaaddataa hunda hin jaallatu.

Dhugumatti, Nuuhiifi Ibraahiimiin erginee jirra. Sanyii isaan lamaanii keessatti nabiyyummaafi kitaaba (isaanirratti buufame) goonee jirra. Isaan irraa namoota qajeelantu jira; baay’een isaan irraa ta’an immoo finciltoota.