The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesShe that disputes [Al-Mujadila] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah She that disputes [Al-Mujadila] Ayah 22 Location Madanah Number 58
Dhugumatti Rabbiin dhaga'eera jecha ishee siin falmituu waa'ee abbaa manaa ishee keessatti, tan gara Rabbiitti himattee (dhagayeera). Rabbiin falmii keessan lamaan ni dhaga'a. Rabbiin dhagayaa, argaadha.[1]
Isaan isin keessaa dubartoota (jaartiiwwan) isaanii irraa ‘Zihaara’ godhan (‘ati anaaf akka dugda haadha kiyyaati’ jechuun kakatan), isaan (hjaartiiwwan) haadholii isaaniitiimiti. Haadholiin isaanii hintaane tanneen isaan deesse san malee. Isaan jecha fokkataafi soba dubbatu. Rabbiin dhiifama godhaa araaramaadha. [2]
Isaan dubartoota isaanii irraa "Zihaara" godhanii ergasii waan jedhanitti deebi'an, odoo wal hin tuqin dura morma (gabraa) bilisoomsuutu isaan irra jira. Kana akka isin ittiin gorfamtaniif (Rabbiin jaje). Rabbiin waan isin hojjattan keessa beekaadha.
Namni (gabra bilisoomsu) hin argatin, odoo wal hin tuqin dura ji'oota walitti aanan lama soomuutu isaan irra jira. Namni (kana) hin danda'in, miskiinoota (hiyyeeyyii) jaahaatama nyaachisuu qaba. Kun akka Rabbiifi ergamaa Isaatti amantaniifi. isheen tun daangaalee Rabbiiti. Kaafirootaf adabbii laaleessaa ta'etu jira. [3]
warren Rabbiifi ergamaa Isaa faallessan akkuma warri isaaniin duraa salphatan salphataniiru, Nuti dhugumaan ragaalee ifaa buufnee jirra. Kaafirootaaf adabbii xiqqeessaatu jira.
Guyyaa Rabbiin hunda isaanii kaasee waan isaan hojjatan isaanitti himu [yaadadhu]. Rabbiin beekee galmeessera isaan isa dagatan. Rabbiin waan hunda irratti ragaadha.
Sila Rabbiin waan samiilee keessa jiruufi waan dachii keessa jiru kan beeku ta'uu hin argituu? Maqoon (iccitiin) (gidduu) namoota sadihiitti tahee Inni afraffaa isaanii ta'u malee hin hafu, giddu namoota shaniitti tahee Inni jahaffaa isaanii ta'u malee hinhafu, (giddu namoota) sanaa gadiis ta'ee kan sanarra hedduu iddoma isaan ta’anitti isaan waliin ta’u malee hinhafu. Ergasii, Guyyaa Qiyaamaa waan isaan dalagan (hunda) isaanitti hima. Rabbiin waan hunda beekaadha. [4]
Sila ati hin laallee gara warra maqoo (badaa) irraa dhorgamanii, ergasii gara waan irraa dhorgamaniitti deebi'anii, kan badii, miidhaafi ergamicha faallessuu irratti maqatanii (dhooysaan mariyatanii) (hin ilaallee?) Yeroo sitti dhufan waan Rabbiin ittiin nagaa si hin gaafatiniin nagaa si gaafatu. Lubbuulee isaanii keessatti (Gidduu isaaniitti) (dhuguma Muhammad yoo nabiyyii ta’eef) Rabbiin maaliif waan nuti jennuun nu hin adabne? " jedhu. Jahannam isaaniif geessuudha; ishee seenu. Deebichi (isaanii) waa fokkate!
Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo iccitii dubbattan badii, miidhaafi faallaa ajaja ergamaa Rabbii irratti hin mari'atinaa. toltuufi sodaa Rabbii irratti mari'adhaa. Rabbii gara Isaatti (guyyaa qiyaamaa kaafamtanii) oofamtan sodaadhaa.
Iccitiin (badaan) sheyxaana qofa irraayi. (Sheyxaanni) warra amanan ittiin gaddisiisuf (kana hojjata). Waan tokkollee isaan miidhaa hintaane hayyama Rabbiitiin malee. Mu’uminoonnis Rabbuma qofarratti haa hirkatanii.
Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo teessumaalee keessa waliif babal'isaa isiniin jedhame waliif babal'isaa; Rabbiin isiniif bal'isaa. Yeroo ka'aa jedhames ka'aa. Rabbiin isin irraa warra amananiifi isaan beekumsi kennameef sadarkaalee isaan ol fuudha. Rabbiin waan isin hojjattan keessa Beekaadha. [5]
Yaa warra (Rabbitti) amantan! Yeroo ergamaa (Rabbii) wajjiin maqoo gochuu feetan, maqoo keessan dura sadaqaa dursaa (kennaa). Kun isiniif irra caalaafi (dilii keessaniifis) irra qulquleessaadha. Yoo (waan sadaqaa kennitan) hin argatin immoo (akkanumatti sadaqaa malee dubbisaa) Rabbiin Araaramaa Rahmata Godhaadha.
Sila maqoo keessan (kan Nabiyyii SAW wajjiin gootan) dura sadaqaalee dursuu sodaattanii? Yoo raawwachuu baattanis Rabbiin dhiifama isiniif godheera. Salaata dhaabaa; zakaas kennaa; Rabbiifi ergamaa Isaatiif ajajamaa. Rabbiin waan isin hojjattan keessa beekaadha.
Sila gara Isaan tuuta Rabbiin itti dallane (Yahuudota) jaalallee godhatanii hin agarree? Isaan isin irraayis miti; isaan irraayis miti; kijiba irratti kakatu odoo beekanuu. [6]
Rabbiin azaaba cimaa isaanif qopheessee jira. Isaan wanti isaan hojjachaa turan waa fokkate!
Kakuulee isaanii gaachena taasifatan. karaa Rabbii irraa (namoota) deebisan. Isaaniif azaaba xiqqeessaatu jira.
Qabeenyaaleen isaaniifi ijoolleen isaaniis (adabbii) Rabbii irraa waatakkallee isaan hin duroomsanu. Isaan sun warra Ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha.
Guyyaa Rabbiin hunda isaanii (murtiif) kaasu san akkuma isiniif kakatan Isaafis (Rabbiifis) kakatu. Waan (haqa) wahii irra jiran of se'u. Dhagayaa! isaan isaanumatu kijibdoota.
Sheyxaanni isaan irratti moo'ee faaruu Rabbii isaan dagachiisee. Isaan garee sheyxaanati. Dhaga'aa! Gareen sheyxaanaa isaanumatu hoonga’oodha.
Isaan Rabbiifi ergamaa isaa faallessan, isaan sun warra (kaafira) xiqqaatoo keessatti ta’u.
Rabbiin Barreesse "dhugumatti, Anaafi Ergamtoonni Kiyya ni injifanna" (jechuun). Rabbiin Jabaa, Injifataadha.
Hin argitu Ummata Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanan, namoota Rabbiifi ergamaa Isaa morman kan jaallatanu hin argitu. odoma abbootii isaanii tahanillee, yookiin ilmaan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin firoota isaanii (ta'anillee). Isaan sana (Rabbiin) onneelee isaanii keessatti iimaana barreessee jira. qilleensa (tumsa) Isa irraa ta'eenis isaan jabeesseera. Jannatoota laggeen ishee jala yaatu isaan seensisa achi keessaatti hafoo haala ta'aniin. Rabbiin isaan irraa jaallateera; isaanis Isa irraa jaalataniiru. Isaan tuuta Rabbiiti. Dhagayaa! cifraan (gareen) Rabbii isaantu milkaawoodha. [7]

