عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The cattle [Al-Anaam] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The cattle [Al-Anaam] Ayah 165 Location Maccah Number 6

Inni isa dhoqqee irraa isin uumee ergasii beellama (du'aa) murteesseedha. Beellamni beekamaan (Qiyaamaan) immoo Isa bira jira. Ergasii isin ni shakkitu.

Inni samiilee keessattiifi dachii keessattis gabbaramaadha. Iccitii keessaniifi ifa bahaa keessanis ni beeka. Waan isin hojjattanis ni beeka.

Keeyyanni keeyyattoota Gooftaa isaanii irraa taate isaanitti dhuftee yoo kan isaan ishee irraa gara galan ta'e malee hin hafu.

Odoma (nabiyyicha) maleykaa isa gooneeyyuu dhugumatti silaa (nama) dhiira isa taasifneeti waan isaan walitti fakkeessan isaan irratti wal fakkeesina turre.[2]

Namni guyyaa san (azaabni) isarraa deebifame, dhugumatti (Rabbiin) isa mararfateera. sun milkii guddaadha.

jedhi "Sila ragaadhaaf waan hunda irra maaltu guddaadha?" jedhi. "Rabbiin Gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ragaadha. Qur’aanni kuni akkan ittiin isiniifi nama inni bira ga’u dinniinuuf gara kiyyatti beeksifame. Sila isin dhugumatti Rabbii wajjin gabbaramtoonni biraa jiraachuu ragaa ni baatanii?". jedhiin "Ani ragaa (akkasii) hin ba’u". jedhi "Dhugumatti, Inni dhugaan gabbaramaa tokkicha. Anis waan isin qindeessitan irraa qulqulluudha" (jedhi). [5]

Ergasii mokkaramuun (deebiin) isaanii "Allaaha Rabbii keenyaan kakannee! nuti mushrikoota hin taane" jechuu malee hin taane.

Laali akkamitti Akka isaan lubbuulee isaaniirratti kijiban. wanti isaan sobaan odeessaa turan akka itti isaan irraa bade (mee ilaali!). [7]

Isaan isa (Muhammadiin) irraa (namni akka itti hin amanne) dhorgu; (ufiifis itti hin amananii) Isa irraa fagaatan. Lubbuullee isaanii malee homaa hin balleessan; garuu hin beekanu.

osoo argitee Yeroo isaan ibidda irra dhaabamanii jedhan "yaa gaabbii keenya! odoo (addunyaatti) deebifamnee aayatoota Rabbii keenyaas kijibsiisuu dhiifnee mu'umina irraas taanee" (silaa waan rifachiisaa argita ture).

Ni jedhan."Isheen jireenya keenya kan addunyaati malee waan biraa miti, nuti (du’a booda) hin kaafamnu"

Yeroo isaan Gooftaa isaanii fuulduratti dhaabaman odoo argitee (waan rifachiisaa argita ture) "Sila inni kun dhugaa mitii?" jedhe. "Eeyyeen; Gooftaa keenyaan kakannee! dhugaa dha" jedhan. "Waan kafaraa turtaniif (amma) azaabicha dhandhamaa!" jedhe.

Jedhi: mee naaf himaa! "Sila yoo adabbiin Rabbii isinitti dhufe yookiin Qiyaamaan isinitti dhufte, Rabbiin malee waan biraa kadhattanii? yoo kan dhugaa dubbattan taatan"

Dhugumatti Isa qofa kadhattu, yoo fedhe waan isin gara isaatti kadhattan san isin irraa kaasa. Waan qindeessitan ni irraanfattu.

Dhugumatti, gara ummattoota siin duraatti erginee jirra. (isaan kijibsiisanii irraa garagallaan) Akka isaan (Rabbitti) watwaataniif hiyyummaafi dhukkubaan isaan qabnee jirra.

Maaliif yeroo adabbiin keenya isaanitti dhufe (Rabbitti) hin watwaatin (silaa rahmata isaaniif goonee isaanirraa deebifna), Garuu onneewwan isaanii ni goggogde. Sheyxaanni waan isaan dalagaa turan isaaniif miidhagse.

Jedhi: “Mee naaf himaa! Yoo Rabbiin dhageettiifi argituuwwan keessan fudhatee (ballaafii duudaa isingodhe), onneewwan keessan irratti cufee (doomaa homaa hinbeeyne isin godhe), gabbaramaan Rabbiin alaa isa isiniif fidu eenyu?” Akkamitti keeyyattoota akka ibsinuufi ergasii akkamitti akka isaan gara galan ilaali.

Akkasuma (kennaa adduniyaa keessatti walcaalchifnee) garii isaanii gariin mokkorre. Akka isaan jedhaniif. "isaan kana Rabbiin nu gidduudhaa tola itti oolee?". Sila Rabbiin galateeffattoota akkaan beekaa hin taanee?

Yeroo warri keeyyattoota keenyatti amanan sitti dhufan jedhi "Nageenyi isin irra haa jiraatu. Gooftaan keessan lubbuu Isaa irratti rahmata barreesseera: ‘namni isin irraa wallaalumaan hamtuu hojjatee ergasii isa booda gara Rabbii deebi’ee (tawbate), (hojii isaa) tolche, Inni (isaaf) araaramaa, (isaaf) rahmata godhaadha" (jedhi).

Akkanatti aayatoota ibsina akka (dhugaan mirkanaa'uu fi) karaan yakkamtootaas ifa ta’uuf jecha.

Jedhi: "Ani ragaa ifa ta’e kan Gooftaa kiyya irraa tahe irran jira. Isin isa kijibsiiftani. Wanti isin jarjarfattan ana bira hin jiru. Murtiin Rabbiif malee hin taane. Inni dhugaa murteessa. Inni irra caalaa murteessitootaati."

Jedhi: "Odoo wanti isin arifachiifattan ana bira jiraatee, silaa dhimmichi gidduu kiyyaafi gidduu keessanitti ni murtaa’a ture. Rabbiin miidhaa hojjattoota akkaan beekaadha."

Furtuuwwan fagoo (ghaybii) Isa biratti tahe. Isa malee (tokkolleenuu) ishee hin beeku. Inni waan dachii (goggoyduu) keessa jiruufi waan bahra keessa jirus ni beeka. Baala (mukaa) irraa tokkollee inni beeku malee hin buutu. Firiin dukkana dachii keessaa, jiidhaafi gogaanis kitaaba mul'ataa tahe keessa tahu malee hin taane. [11]

Jedhi: "Sila eenyutu isin baraarsa? dukkanoowwan dachiifi bahraa irraa. kan isin isa waammattan ufgadiqabdanii (mul'iftaniifi) iccitiin, yoo kana irraa nu baraarseef, nuti galateeffattoota irraa taana’ (jettanu).

Jedhi: "Inni danda'aadha azaaba gubbaa keessan irraa yookiin miilleen keessan jalaa isin irratti erguu, yookiin garee haala taataniin isin walitti makee garii keessan lola garii dhandhamsiisuu irratti (danda’aadha)." Akka isaan hubataniif jecha akkamitti keeyyattoota akka ibsinu ilaali.

Odoo inni dhugaa ta'ee jiruu ummanni kee isa kijibsiisan. "Ani isin irratti tiksaa hintaane" jedhiin.

Warra (Rabbiin) sodaatan irra dilii isaanii (warra jallatee) irraa homaayyuu irra hin jiru. Garuu akka isaan eeggataniif jecha gorsatu (isaaniif jira).

Jedhi: "Sila nuti Rabbii gaditti waan nu hin fayyanneefi nu hin miine gabbarraa? Erga Rabbiin nu qajeelchee booda uf duuba deebinaa? akka isa dhama'aa ta'ee sheyxaanonni dachii keessa isa fuutee, kan isaaf hiriyoonni 'gara keenya kottu' (jechuun) gara qajeelumaa isa waaman jiranu (kan isaan hin hordofnee san) jedhi "Dhugumatti, qajeelfamni Rabbii isatu qajeelfama (sirrii)ti. Nuti Gooftaa aalamatiif akka islaamoynu (tole jennu) ajajamnee jirra".

Salaata gadidhaabaa, isa (Rabbiin) sodaadhaa, Inni Isa (guyyaa qiyaamaa kaafamtanii) gara Isaatti walitti qabamtaniidha.

Ummanni isaa isaatti falme (Inni) ni jedhe: "Sila dhugumatti odoo Inni na qajeelchee jiruu isin (waa’ee) Rabbii keessatti natti falmituu? Waan isin Isatti qindeessitan hin sodaadhu. Yoo Gooftaan kiyya wahi fedhe malee (homtuu narra hin ga’u) Gooftaan kiyya beekumsa Isaatiin waan hunda waliin ga’eera. Sila hin gorfamtanii?

Ani akkamittin waan isin qindeessitan sodaadha? Odoo isin waan Inni ragaa isaa isin irratti hin buusin kan qindeesitan hin sodaanne taatanuu, garee lamaan (kaafiraafii mu'iminaa) keessaa isa kamtu tasgabbii haqa godhata? Yoo kan beektan taataniif (jedhi). [14]

Isaan warra Rabbiin qajeelcheedha. Qajeelfama isaanii hordofi. jedhi Ani isa irratti (qur'aana kana isiniin gayurratti) mindaa (galata) isin hin gaafadhu, Inni aalamootaaf yaadannoo malee waanbiraatii miti.

Nama Rabbi irratti kijiba odeesse caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? yookiin odoo wahyiin homaatuu isatti hin beeksifamin "wahyiin gara kiyyatti bu’eera" jedheefi, nama "anis fakkaataa waan Rabbiin buuseetiin buusa" jedhe (caalaa namni uf miidhe hinjiru). Odoo yeroo miidhaa hojjattoonni haguuggaa du’aa keessa ta’an argitee, kan malaykonni harkoowwan isaanii diriirsanii "lubbuulee teessan baasaa; har'a isin azaaba salphisaa galata galfamtu waan Rabbi irratti dhugaa malee jedhaa turtaniifi keeyyattoota Isaa irraa boonaa turtaniif, " (jedhanu argitee dubbii rifachiisaa argita ture).

Dhugumatti isin kophaa nutti dhuftaniittu, akkuma yeroo jalqabaa isin uumnetti. Wantoota Nuti isiniif kennine hunda dugdoowwan keessan duubaitti dhiiftanii. Nuti araarsitoota (taabota) keessan kan isin isaan Rabbii wajji shariika tahuu himaa turtan isin wajjiin hin arginu. (Hariiroon) gidduu keessanii dhugumatti citeera. Wanti isin himataa turtan isin jalaa badeera.

Inni (Rabbiin) Isa lubbuu takka irraa isin uumeedha. Bakka ragga'iinsaa (gadaamessaa)fi bakka qubsumaa (dugdatu isiniif jira). Dhugumatti, Nuti namoota hubataniif keeyyattoota addeessineerra. [18]

jinnoota Rabbiif shariikoowwan taasisan Odoo inni isaan uumee jiruu; isaan beekumsaan maleetti ilmaan dhiiraafi dhalaa Isaaf (Rabbiif) kijibaan (taasisan), Inni wantoota isaan kijibaan Isaaan ibsan irraa qulqullaaye oltahe.

(Kan sifaata tanaan ibsame) sun Rabbii keessani, Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, (Inni) uumoo waan hundaatii, Isa (qofa) gabbaraa, Inni waan hunda tiksaadha.

Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa ragaawwan ifa ta’an isinitti dhufeera. Namni (ragaawwan kanniin) arge lubbuma isaatiifi (isumatu ittiin milkaawa). Namni jaame (arguu dide) isheedhuma (lubbuma isaa) irratti (miidhaa geessisa). Anii isin irratti tiksaa miti.

kakuulee isaanii cimaa Rabbitti kakatan Odoo mallattoon (Rabirraa) isaanitti dhuftee, silaa isitti amanan jedhanii. "Mallattoowwan Rabbuma biraayi" jedhi. Yeroo isheen (raajiwwan) dhufte isaan hin amananuu maaltu isin beeksise? (Rabbitu beeka malee isin hin beektanu).

Akka kanatti nabiyyii hundaafuu diina shayxaana namaafi jinnii irraa ta’an gooneera. kan gowwoomsuuf jecha gariin isaanii gara gariitti jecha miidhagaa beeksisan. Odoo Gooftaan kee fedhee silaa san hin raawwatanu ture. Isaaniifi kijiba isaan uumanis dhiisi. [20]

Isaaniif Gooftaa isaanii bira ganda nagayaatu jira. Innis waan isaan dalagaa turaniif jecha gargaaraa isaaniiti. [25]

Akka kanatti garii miidhaa hojjattoota garii irratti moosifna. Waan isaan carraaqaa (hojjataa) turaniif jecha.

"Yaa garee jinniifi namaa! Sila ergamtoonni isin irraa ta’an kan keeyyattoota kiyya isin irratti qara’aniifi qunnamtii guyyaa keessanii kana kan isin dinniinanu isinitti hin dhufnee?" (jedhamu). "Nuti lubbuulee keenya irratti ragaa baanee jirra" jedhan. Jireenyi addunyaa isaan gowwoomsite. isaan kaafiroota akka turan lubbuulee isaanii irratti ragaa ba’an.

Kun waan Gooftaan kee ganda takka haala warri ishee dagataa ta'een, badii (isheetiif jecha) kan balleessu hin ta'iniifi. [26]

Wanti beellamamtan (qiyaamaafii kaafamiinsi) dhufaadha. Isin (adabbii jalaa) dadhabsiisoo hintaane.

Jedhi. "Yaa ummata kiyya! karaa keessan (kufrii) irratti dalagaa, Anis (karaa kiyyaa islaamummaa irratti) dalagaadha. Namni manni booddee isaaf ta’u eenyuun akka ta’e fuulduratti ni beektu, Dhugumatti, miidhaa hojjattoonni hin milkaa’anu" [27]

Nijedhan Yaada isaaniitiin kun horiifi oyruu (midhaan) dhorgamtuudha; Nama nuti feene malee ishee hin nyaatu, (kun) horii dugdi ishee (yaabbii irraa) dhorgamteedha; (kun immoo) horii maqaa Rabbii isii irratti hin dubbannee dha" (jedhan), Rabbi irratti kijiba uumuuf (kana hojjatan). Rabbiin waan isaan kijibaa turaniin fuulduratti galata isaanii galcha (isaan adaba)..

Ni jedhan: "Wanti garaalee horii kanneen keessaa dhiirota keenya qofaaf (hayyamamtuudha); dubartoota keenya irratti immoo dhorgamoodha, Yoo du’aa ta’e, isaan (hunduu) isa keessatti shariika" Ibsa isaaniitiin (kijiba Rabbi irra kaa'aniin) (adabbiin) galata isaanii galcha. Inni ogeessa, beekaadha [29]

Inni (Rabbiin) isa ashaakiltii sireen godhamuuf (ta lafarra daagaaydu, saartu)fii tan sireen hin godhamneef (tahundeen oldhaabbattu) uumeedha. Muka timiraa, sanyii midhaanii, dhandhamni wal dhabaa ta'e, Zaytuunaafi Rummaana wal fakkaataniifi kan wal hin fakkaannes (kan uumee dha). Firii isaa irraa yeroo inni fireesse nyaadhaa; guyyaa oomisha isaas haqa isaa (zakaafii sadaqaa) kennaa. (Kennaan) hinqisaasinaa. Inni warra qisaasu hin jaalatu.

Qindiiwwan saddeeti (isiniif uumne): hoolaa irraa lama (kormaafi dhaltuu), Re’ee irraas lama (kormaafi dhaltuu). "Sila (Rabbiin) korma lamaan haraam godhe moo dhaltuu lamaani? Moo waan gadaamessi dhaltuu lamaanii of keessaa tti qabatte (dhalaafii kormas lachuu) (haraam godhee?)? Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, beekumsaan naaf himaa" jedhiin.

Jedhi: "Ani waan gara kiyyatti wahyii godhame keessatti nama isa nyaatu irratti dhorgamaa hin argu yoo du’aa (baktii) yookiin dhiiga dhangala’aa yookiin foon Booyyee taate malee, inni najisa, yookiin fincila waan (maqaa) Rabbiin ala gorra’ame (kan akka taabotaaf gorra'ame) malee ." Namni (halaalaa jiruu haraamatti) darbuufi (nyaata keessatti) daangaa dabruun maletti rakkifame (yoo nyaate diliin isarra hinjirtu). dhugumatti Gooftaan kee araaramaa, rahmata godhaadha. [30]

Warra yahuudoman irratti warra qeensaa hunda haraama taasifnee jirra. Sa'aa, busaa'ee (re’eefi hoolaa) irraas cooma isaan lamaanii, isaan irratti haraama taasifnee jirra, waan dugdi isaaniitiifi marrimaan isaanii baatte (malee) yookiin waan lafeetti makame malee. Kana daangaa dabruu isaaniitiif isaanii galata galchine (isaan adabne). Nuti dhugaa dubbatoodha.

Jedhi: "Mee ragoota keessan kan akka Rabbiin waan kana haraama taasise ragaa ba’an fidadhaa, Yoo isaan ragaa ba’an, ati isaan waliin ragaa hin ba’in (ragaa isaaniis hindhuga'oomsin), Fedha lubbuu warra keeyyattoota keenya kijibsiisanii hin hordofin, warra Aakhiraatti hin amanneefi isaan (qaamota biraa) Gooftaa isaanii wajjin wal qixxeessan (hin hordofin)"

Kun (qur'aanni) kitaaba Nuti buufne kan barakeeffameedha, isa hordofaa, (Rabbiin) sodaadhaa, Akka rahmanni isiniif godhamu. [34]

Yookiin akka isin hinjenneefi "nuti odoo kitaabni nurratti buufamee dhugumatti silaa isaan (yahuudotaafi kiristaanota) caalaa qajeella turre" (hin janneefi). Dhugumatti, ragaan ifa ta’e (Qur’aanni), qajeelfamaafi rahmanni Gooftaa keessan irraa isiniif dhufeera. Nama keeyyattoota Rabbii kijibsiiseefi ishee irraa gara gale caalaa namni miidhaa hojjate eenyu? (hinjiru). Nuti warra keeyyattoota keenya irraa gara galan sababaa isaan gara galaa turaniif adabbii hamaa isaanii galata galchina (adabna).

Jedhi "Ani Gooftaan kiyya na qajeelchee jira gara karaa qajeelaa, amantii sirrii kan karaa Ibraahiim, ‘haniifa (haqatti asgoraa)’ (Rabbii tokkicha gabbaruu) ta’etti, Inni mushrikoota irraa hin turre".

Jedhi: "Dhugumatti salaanni kiyya, ibaadaan kiyya (qaliinsi kiyya), jireenyi kiyyaafi duuti tiyyas Rabbii Gooftaa aalamaa qofaafi.

Jedhi: "Sila ani Rabbiin malee Gooftaa biraa barbaadaa odoo Inni Gooftaa waan hundaa ta’ee jiru? Lubbuun hundi isheedhumarratti malee (badii) hin hojjattu. (Lubbuun) ba’aa (badii) baadhattu takka ba’aa tan biraa hin baadhattu, Ergasii gara Gooftaa keessaniiti deebiin keessan, Waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan (hunda) isinitti hima."