The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesDivorce [At-Talaq] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah Divorce [At-Talaq] Ayah 12 Location Madanah Number 65
Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoota hiiktan, 'Iddaa' isaaniitiin isaan hiikaa Iddaa lakkaawaa. Rabbii Gooftaa keessan sodaadhaa. manneen isaanii irraa isaan hin baasinaa isaanis hin ba'in, Yoo badii fokkataa mul'ataan dhufan malee. Sun daangaawwan Rabbiiti. Namni daangaawwan Rabbii tare, dhugumatti inni lubbuu isaa miidheera. Yoo tasa Rabbiin san booda dhimma haara'a (walitti deebi'uu gidduu keessanitti) uume hin beektu. [1]
Yeroo beellama isaanii ga'an haala gaariin isaan qabadhaa yookiin haala gaariin isaaniin adda ba'aa, Isin irraa warra haqaa (nama) lama ragaa godhaa (Warri ragaa baatanus) Rabbiif jedhaatii ragaa sirreessaa. Namni Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amanu ta'e kanaan gorfama. Namni Rabbiin sodaatu (Rabbis) karaa bahiinsaa isaaf godha. [2]
Bakka inni hin yaadin irraayis isa (hiree hira). Nama Rabbi irratti hirkatuuf Inni isaaf gayaadha, Rabbiin ajaja isaa bakkaan gahaadha. Dhugumatti Rabbiin waan hundaafuu yeroo murtaawaa taasiseera.
Dubartoota keessan irraa isaan xurii laguu (haydii) irraa guddatan yoo shakkitan iddaan isaanii ji'a sadi Isaan haydawu hin jalqabinis (akkasuma). Warri ulfa ta'an immoo baallamni isaanii ulfa isaanii da'uudha. Nama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) dhimma isaa irraa laafina isaaf godha. [3]
Kun ajaja Rabbii kan gara keessanitti isa buuseedha. Nama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) badiilee isaa isa irraa harcaasa mindaas isaaf guddisa.
Dandeettii keessan irraa bakka qubattanu isaan qubsiisaa. Isaan irratti dhiphisuuf jecha isaan hin rakkisinaa. Yoo warra ulfaa ta'an hanga ulfa isaanii da'anitti isaan qallabaa. Yoo isiniif hoosisan mindaalee isaanii isaaniif kennaa. Jidduu keessanitti haala gaariin mari'adhaa. Yoo wal rakkiftan tan biraa isaaf hoosisti. [4]
Abbaan dandeettii (qabeenyaa) qabu dandeettii isaa irraa haa qallabu. Namni hireen isaa isa irratti dhiphifame, waan Rabbiin isaaf kenne irraa haa qallabu. Rabbiin lubbuu kamiyyuu waan isheedhaaf kenne malee hin dirqisiisu. Rabbiin dhiphina booda bal'ina godhuuf jira. [5]
(warra) Magaalotaa irraa meeqaa meeqaatu (heddutu) ajaja Rabbii isheefi ergamtoota isaa faallessitee qormaata cimaa ishee qormaannee adabbii hamaa ishee adabne.
Adabbii dalagaa ishee dhamdhamte Booddeen dubbii ishees hongoo ta'e.
Rabbiin azaaba cimaa isaaniif qopheesse. Yaa warri aqliiwwan qabdan, warri amantan Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti Rabbiin gara keessanitti gorsa buuseera.
Ergamaa (erge) kan keeyyattoota Rabbii ibsituu taate isin irratti dubbisu, Warra amananii gaggaarii hojjatan dukkanoota keessaa gara ifaatti akka baasuuf jecha. Nama Rabbitti amanee gaarii dalage jannatoota jala ishee laggeen yaatu isa seensisa. ishee keessatti zalaalam hafoo tahanii. Dhugaatti Rabbiin isaaf hiree bareecheera. [6]
Rabbiin Isa samii torbaniifi dachii irraayis fakkiidhuma isaanii uumeedha. Ajajni jidduu isaaniitti bu'a(. Wanti inni kana uumeefis) akka isin Rabbiin waan hunda irratti danda'aafi Rabbiin beekumsaan wantoota cufa marsuu isaa beektanuufi.

