عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Sovereignty [Al-Mulk] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The Sovereignty [Al-Mulk] Ayah 30 Location Maccah Number 67

(Rabbiin) Inni mootummaan (waan hundaa) harka Isaa jiru tolli isaa baay'ate. Inni waan hunda irratti danda'aadha. [1]

(Rabbiin) Isa samii torba wal jalaa gubbaan uumeedha; uumaa Rahmaan keessatti wal dhabbii irraa homaa hin argitu. Mee agartuu kee (gara samii) deebisii dhoohaa irraa waan ta'e ni argitaa?

Yeroo ishee keessatti darbaman isheedhaaf (sagalee akka) halaaka harree dhaga'u, haala isheen danfuutti jirtuun.

Dallansuu irraa kan ka'e ciccituutti dhihaatti; dhawaata gareen wahii ishee keessatti darbamuun waardiyyaan ishee "sila akeekkachiisaan (nabiyyiin) isinitti hin dhufnee?" (jechuun) isaan gaafata.

Nijedhan "Odoo kan dhageenyu yookiin kan xiinxallinu taanee, silaa warra ibidda boba'aa (seenu) keessaa hin taanu turre".

Dilii isaanii ni amanan. Warra ibidda (boba'aa)tiif (rahmata Rabbii irraa) fagaachuun haa tahu!

Sila Inni uumee (iccitii isaanii) hin beekuu! inni keessa argaafi beekaadha.

mmoo isa samii olitti tahe sodaa dhabdanii? bubbee cirracha qabu isin irratti erguu. Akeekkachiisni Kiyya akkam akka ta'e beekuuf jirtu.

Dhugumatti, warri isaaniin duraa sobsiisaniiru; (adabbiin) mormiin kiyya akkam tureree!

Sila gara simbirroota gubbaa isaaniitti koola (goflaa) (qoochoo) isaanii babal'isanii walitti dachaasanii hin ilaalanuu? Rahmaaniin malee homtuu isaan hin qabu. Inni waan hunda argaadha.

Inni isin sooru sun eenyu Odoo Inni soorata Isaa (isinirraa) qabee? (hinjiru). Dhugumatti, isaan diddaafi (haqa) irraa baqachuu itti fufan. [4]

Sila nama fuula isaa irratti gonbifamee deemutu (kaafiraatu) irra qajeelaa moo isa dhaabbatee karaa qajeelaa irra deemutu (mu'iminaatu) (irra qajeelaadha?)

(kaafirtoonni mormiidhaaf) Nijedhu "Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, beellamni (kaafamaa) kun yoomi?".

Jedhi: "Dhugumatti, beekumsi isaa (qiyaamaa) Rabbiin qofa bira jira. Ani immoo akeekkachiisaa ifa galaa qofa."