عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The heights [Al-Araf] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The heights [Al-Araf] Ayah 206 Location Maccah Number 7

[1] Alif Laam Miim Saad

(Kun) kitaaba gara keetti buufame. Isa (geessuu) irraa qoma kee keessa dhiphinni hin jiraatin, Akka isaan akeekkachiiftuufi mu’uminootaaf gorsa ta’uuf (buufne).

Magaalota irraa (warra magaalotaa irraa) kan Nuti balleessinee meqaa meeqa (hedduudha), kan adabbiin keenya halkan yookiin guyyaa isaanii rafuutti jiruu isheetti dhufe.

Dhugumatti, (hojii isaanii) beekumsaan isaan irratti odeessina, Nuti (kana irraa) fagoo hin taane.

Namni madaalli (hojii gaarii) isaa haffallate immoo, isaan sun warra waan keeyyattoota keenya (kijibsiisanii) miidhaa turaniif lubbuulee isaanii hoongessaniidha.

Dhugumatti, dachii keessa isinii mijeessinee ishee keessas waan ittiin jireenyaa isiniif gooneerra; Galateeffannaan keessan xiqqoodha.

(Rabbis) "Yeroo ani si ajaju, sujuuduu irraa maaltu si dhorge?" jedhe, (Ibliis) "Anatu isa caala; Ibidda irraa na uumteetiin isa dhoqqee (biyyee) irraa uumte" jedhe.

(Ibliis) "Hanga guyyaa (qiyaamaa) isaan kaafamaniitti na tursiisi" jedhe.

(Rabbiin) "Ati warra tursiifaman irraayi" jedheen. [4]

(Ibliis) ni jedhe: "Waan ati na jallifteef, Dhugumatti, karaa kee qajeeloo irran isaaniif (ilmaan aadamiif) taa’a. (karaa keetirraa isaan jallisa).

Shayxaanni isaan lamaanitti hasaase isaanitti mul’isuuf waan isaanirraa dhokate qaama saalaa isaanii irraa; nijedhe "Rabbiin keessan mukattii tana irraa waa isin hindhoorgine akka isin lamaan malaykota hin taaneef malee, yookiin akka isin lamaan (jannata keessatti zalaalam) hafoo hin taaneefi malee".

"Ani isiniif warra toltuu yaadan irraayi" (jechuun) isaan lamaaniif kakate.

"Gooftaa keenya! lubbuulee teenya miinee jirra. Yoo ati nuuf hin araaramneefi rahmata nuuf hin goone nuti Dhugumatti warra hoonga’an irraa taana" jedhan.

(Rabbiin) ni jedhe: "Gariin keessan gariif diina haala taataniin gadibu’aa, Isiniif dachii irra qubsumaafi qananii hanga yeroo murtaa’eetu jira." [6]

"Isheedhuma keessa jiraattu; ishee keessattis duutu (awwaalamtu); ishee irraas baafamtu (qabrii teessanirraa guyyaa qiyaamaa kaafamtu)" jedheen.

Yaa ilmaan Aadam! akka shayxaanni (dilii isinii bareechuun) isin hin mokkorre, Akka abbaafi haadha keessan (dogoggorsiisee firii muka irraa dhoowwamanii nyaachisee) jannata irraa baasetti, uffata isaanii isaan irraa mulqee qaama saalaa isaanii isaanitti mul’isuuf. isaafi gosti isaa iddoo isin isaan hin agarre irraa isin argu. Nuti warra hin amanneef shayxaanota jaalalleewwan goonee jirra.

Jedhi "Gooftaan kiyya haqatti ajaje. Masjida hunda biratti fuulleen keessan (ibaadaaf gara isaa) sirreessaa. Amantii keessan isaaf qulqulleessoo haala taataniin isa gabbaraa, Akkuma isin jalqabetti deebitu (du'a boodas Rabbiin isin kaasa)"

Ummata (dhaloota) hundaafuu yeroo murtaa’etu jira. Yeroo beellamni isaanii dhufe sa’aatii tokko (yeroo gabaabduu takka) booda hin aanfamanu; duras hin dabranu.

Yaa ilmaan Aadam! Yoo ergamtoonni isin irraa ta’an isinitti dhufan kan keeyyattoota kiyya isin irratti qara’an (itti amanaa jala deemaa). namni (Rabbiin) sodaatee hojii tolche, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus.

(Rabbiin) ni jedha: "Isin ummatoota isin dura dabran keessa seenaa kan jinnootaafi namoota irraa ta’an ibidda keessatti (tahaa). " Ummanni kamuu dhawaata seentuun obboleettii ishee (kan ishee jallifte) abaarti, hanga hundi isaanii ishee keessatti walitti qabamanitti isheen boodaa ishee duraatiin "Gooftaa keenya! Isaan kun nu jallisanii jiru, azaabz dachaa ta’e ibidda irraa isaaniif kenni" jette. (Rabbiin) "Hundaafuu dachaatu jira, Garuu isin hin beektanu" jedhe. [9]

Warri dura isaanii (hoggantoonni) warra booddee isaaniitiin (hordoftootaan) ni jette "isiniif nurra caaliinsi wahii hin taane; Waan hojjachaa turtaniif jecha azaaba dhandhamaa".

Isaaniif Jahannam irraa firaashiitu jira, gubbaa isaaniitii immoo haguuggiitu (jira). Akka kanatti miidhaa raawwattoota (adabaan) galata galchina. [11]

(eega warri jannataatiifii warri ibiddaatis bakka isaa seenee qubate) Warri jannataa warra ibiddaatti lallabu "Nuti waan Gooftaan keenya waadaa nuuf seene dhugaa haala ta’een arganneerra. Isin waan Gooftaan keessan waadaa isiniif seene haala dhugaa ta’een argattanii jirtuu?" (jedhaniin). "Eeyyeen" jedhan. Lallabaan gidduu isaaniitti ta’e nilallabe "Abaarsi Rabbii miidhaa hojjattoota irra haa jiraatu" (jedhe).

Gidduu isaanii haguuggaatu jira, A’araafirra dhiirota hundayyuu mallattoo isaanitiin beekantu jiru, Warra jannataatti lallabu "nageenyi isin irratti haa jiraatu" jechuun. Isaan (warri a’araaf) haala kan ishee kajeelan ta'aniin ishee hin seenne. [12]

Warri a’araaf namoota mallattoo isaanitiin beekan (kaafiroota warra ibiddaarraa tahan) itti lallaban "(Qabeenya) walitti qabuun keessaniifi wanti isin boonaa turtan waa isin hin fayyanne" jedhu.

kuffaaraan nijedhame "Sila isaan kun warra Rabbiin rahmata isaaniif hin godhu jettanii kakattaniidhaa?" (mu'imintootaan nijedhame) "Jannata seenaa sodaan isin irra hin jiru, isin kan gadditanu hin taane.

Warri ibiddaa warra jannataatti lallaban "Bishaan irraa yookiin waan Rabbiin isinii hire (nyaata) irraa nurratti dhangalaasaa" (jedhan), "Rabbiin isaan lamaan kaafiroota irratti haraama taasiseera (homaa isinii hinkenninu)" jedhaniin.

Dhugumatti, Nuti kitaaba beekumsaa wajjiin isa addeessineen isaanitti dhufnee jirra, haala qajeelumaafi rahmata ummata amananiif ta'een. [13]

Sila ni eeganii xumura isaa malee? Guyyaa xumurri isaa dhufu warri san dura isa dagatan nijedhu "Dhugumatti ergamtoonni Gooftaa keenyaa dhugaan dhuftee jirti, Sila araarsitoonni nuuf araarsan nuuf jiruu? Yookiin (gara addunyaatti) deebifamnaa? dalagaa isa hojjataa turre malee kanbiroo hojjachuuf " (jedhu), Dhugumatti, lubbuulee isaanii hoongessanii jiru. Wanti isaan kijibaa turan isaan jalaa badeera.

Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Haala daddaffiin isa barbaada ta'een halkaniin guyyaa haguugsisa. Aduu, ji’aafi urjiiwwan kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume). Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e barakaan isaa baay’ate.

Dachii keessa erga isheen toltee booda hin balleessinaa. Sodaafi kajeellaadhaan Isa kadhaa. Dhugumatti rahmanni Rabbii warra toltuu hojjatanutti dhihoodha (isaanirraa tahaa).

(Nuuh) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani jallinni homaatuu natti hin jiru, Garuu ani ergamaa Gooftaa aalamaa irraa ta’eedha.

Ergaalee Gooftaa kiyyaan isinitti geessa; toltuus isiniifin yaada (isiniif hima), Rabbi irraa waan isin hin beeknen (Kan wahyiin inni nabarsiise) beeka.

sila ni dinqisiifattanii gorsi Rabbii keessan irraa ta’e isinitti dhufuu, nama isin irraa ta’e tokko irratti, akka isin akeekkachiisuuf, akka Rabbiin sodaattaniifi akka mararfatamtaniif (isaaniin jedhe).

Gara Aad obboleessa isaanii Huud (erginee) "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa; Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru, Sila hin sodaattanii?" jedheen.

(Huud) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Ani gowwummaan homaatuu natti hin jiru, Garuu ani ergamaa Gooftaa aalama hundaa irraa ta'eedha.

nijedhan "sila nutti dhuftee Akka nuti Rabbiin tokkichoomsinee Isaa gabbarruufi, wantoota abbootiin keenya gabbaraa turan akka dhiifnuuf? waan ittiin nu sodaachiftu (azaaba) san nutti fidi Yoo warra dhugaa dubbatu irraa taateef "

Isaafi (huudiifii) warra isa waliin turan (mu'imintoota) rahmata nurraa ta’een nagaa baafne, Warra keeyyattoota keenya kijibsiisan hundee isaanii murre. isaan mu’uminoota hin taane.

Gara Samuuditti obboleessa isaanii Saalihiin (ergine) ni jedhe: "Yaa ummata kiyya! Rabbiin qofa gabbaraa. Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru. Dhugumatti, Gooftaa keessan irraa mallattoon ifaa taate isinitti dhuftee jirti. tun haala mallattoo isiniif taateen gaala Rabbiitii, ishee dhiisaa dachii Rabbii keessa haa nyaattu (haa dheedduu), Hamtuun ishee hin tuqinaa (yoo isii hamtuun tuuyxan) adabbii laalessaatu isin qabata.

Sochiin (kirkirri) dachii isaan qabatte; manneen isaanii keessatti jilbeenfatanii (dhumanii) bariisifatan.

(Saalih) isaan irraa gara galee "Yaa ummata kiyya! Dhugumatti, ani ergaa Gooftaa kiyyaa isinin gayeera; tolas isiniif yaadeera (isinii himeera), Garuu isin nama toltu isiniif yaadu hin jaalattan" jedhe.

Luuxiinis, yeroo inni (haala kan isaan mormu taheen) ummata isaatiin jedhe (yaadadhaa): "Sila isin badii fokkataa aalama irraa (namni) tokkolleen isheedhaan isin hin dursin hojjattanii? [16]

Isaafi maatii isaa nagaya baasne. Niitii isaa malee isiin warra (adabbii keessatti) hafan irraa taate. [18]

Nijedhan ummata isaa irraa qondaalonni warreen boonan "Yaa Shu’aybi! nuti dhugumatti, sibaafana isaan si waliin amananis magaalaa teenya irraa (nibaafna); yookiin isin (hunduu) gara amantii keenyaa deebi’uu qabdu" jedhan. "Sila odoo kan jibbinus taanellee moo!" jedhe. [21]

Nijedhan Ummata isaa irraa qondaalonni warra kafaranii "isin (yaa ummata keenya) yoo Shu’aybiin hordoftan, Dhugumatti, isin yeroo san hoonga’oodha".

Sochiin (kirkirri) dachii isaan qabatte; manneen isaanii keessatti jilbeenfatoo ta'anii (du'anii) bariisifatan.

(Shu’aybi) isaan irraa gara galee nijedhe "yaa ummata kiyya! Ani ergaalee Gooftaa kiyyaa isin dhaqqabsiiseera. Toltuu isiniif dhaameera. ummata kaafiraa irratti akkamittiin gadda!".

Nuti gara magaalaa takkaa nabiyyii kamuu erginee (yoo ummanni sun ajaja isaa fudhachuu didan), jiraattota ishee hiyyummaafi dhibeen isaan qabnu malee hin hafne akka isaan gadi of qabaniif jecha,.

Sila jiraattonni magaalattii isaanii rafaa jiranuu azaabni keenya halkan isaanitti dhufuu (irraa) of amanii (sodaa dhabanii)?(haasodaatanii).

Yookiin jiraattonni magaalattii isaanii taphatanuu adabbiin keenya waaree isaanitti dhufuu of amanii (sodaa dhabanii)?

Sila tooftaa Rabbii amanii (sodaa dhabanii)? Tooftaa Rabbii ummata hoonga’aa malee eenyullee hin amanu (sodaa hindhabu).

Magaalota kana (kan Nuuh irraa hanga ummata Shu’aybitti jiru) seenaalee isaanii irraa siif odeessina. Dhugumatti, ergamtoonni isaanii ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufaniiru, Waan san dura kijibsiisanitti kan amanan hin taane, Akka kanatti Rabbiin onnee kaafirootaa irratti cufa.[23]

(muusaan nijedhe) Rabbi irratti dhugaa malee dubbachuu dhiisuun koo dhugaadha; dhugumatti ani ragaa ifa galaa Gooftaa keessan irraa ta’een isinitti dhufeera. Kanaafuu Ilmaan Israa’iil na wajjiin gadi dhiisi (bilisoomsi)."

(Fir’awna) "Yoo mallattoon kandhufte taate ishee fidi, yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef" jedheen.

Harka isaa ni baase; isheen yoosuu warra ilaalaniif adii (calanqqisaa) taate.

Qondaalonni ummata Fir’awna irraa ta'an ni jedhan: "Inni kun Dhugumatti falfalaa beekaadha.

(Isaan) ni jedhan: "isaafi obboleessa isaa tursiisi, Magaalota keessa walitti qabdoota ergi (akka saahirtoota walittiqabaniif jecha).

(Inni) "Eeyyeen (mindaa niqabdan, akkasuma) Isin warra (natti) dhiyeeffamu irraayi" jedheen.

(Muusaan injifatuudhaan) Dhugaan ni mirkanaa’e; wanti isaan hojjataa turan ni bade.

Saahiroonni (Rabbiif) kan sujuudan ta'anii kufan.

Fir’awna ni jedhe: "odoo ani isiniif hin hayyamin isatti amantanii? Dhugumatti, kun shira isin magaalattii keessatti xaxxaniidha jiraattota ishee isii irraa baasuuf jecha. Fuulduratti beekuuf jiraattu (adabbii ani isin adabu).

"Mallattooleen Gooftaa keenyaa yeroma nutti dhuftu itti amanuu (keenya) malee wanti nurraa haaloo bahattu hin jiru, (eegasii Rabbi kadhatanii nijedhan) Gooftaa keenya! obsa nurratti dhangalaasi, Muslimoota godhii nu ajjeesi" (jedhan).

Ummata Fir’awna irraas qondaalonni nijedhan "sila ati Muusaafi ummata isaa akka dachii keessa balleessaniif dhiiftaa? (Muusaan) sihiifi gabbaramtoota keetis akka dhiisuuf (isaan) (dhiiftaa?)". (fir'awna) ni jedhe: "Nuti ilmaan dhiiraa isaanii ni ajjeefna, Dubartoota isaanii immoo ni jiraachifna, (nidhiifna). nuti isaan irratti moo’attoota."

Nijedhan "Nuti rakkifamnee jirra odoo ati nutti hin dhufin duraafi erga nutti dhuftee boodas ". nijedhe " nimala Gooftaan keessan diinota keessan balleessee, dachii keessatti bakka isin buusee, ergasii akkam akka dalagdan isin ilaaluun". [25]

Isaan (Muusaan) ni jedhan: "Yoo ati raajii irraa waan feeteen isheedhaan sihrii nutti godhuuf nutti dhufte, nuti siif kan amannu hin taane."

Achumaan nuti lolaa (bishaan) dachii walga’e, awaannisa, injiraan, raachaafi dhiiga (bishaan isaanii dhiigatti jirjiirre) mallattoowwan addababaafamaa haala ta'aniin isaan irratti erginee jirra. Isaan garuu ni boonan, (Isaan) ummata yakkamtoota turan.

galaana (bahra) keessatti isaan dhidhimsiifnee haaloo isaan irraa ba’hanne, Sababa isaan keeyyattoota keenya sobsiisanii ishee irraayis dagattoota ta’haniif .

"Sila ani Rabbiin malee gabbaramaa biraa isiniif barbaadaa odoo Inni aalama hunda irra isin caalchisee jiruu?" jedhe (muusaan ummata isaatiin).

Yeroo Nuti (adabbii) ummata Fir’awni irraa nagaa isin baafnes (yaadadhaa). kan hamtuu adabaa isin dhandhamsiisan, kan ilmaan keessan ajjeesanii dubartoota keessan jiraachisan (dhiisan). Kana keessas balaa (qormaata) guddaa Gooftaa keessan irraa ta’etu jira.

Ummanni Muusaa (deemsa) isaa booda faaya isaanii irraa jibicha qaama (lubbuu hinqabne) tolfatan, kan sagaleen (akka koqiinsaa) isaaf taate. Sila akka inni isaanitti hin dubbanneefi gara karaa (sirriis) isaan hin qajeelchine hin arganii? (Gabbaramaa) isa godhatan; miidhaa hojjattoota ta’an. [28]

(Muusaan) nijedhe "Gooftaa kiyya! Anaafi obboleessa kiyyaaf araarami, Rahmata kee keessas nu seensisi, Ati irra rahmata godhaa warra rahmata godhaniiti".

Dhugumatti isaannan jibicha (gabbaramaa) godhatan, Gooftaa isaanii irraa dallansuufi salphinni jireenya addunyaa tanaa keessatti isaan argata፣ Akka kanatti kijibdoota (adabaan) galata galchina.

Muusaan ummata isaa irraa namoota torbaatama beellama keenyaaf filate, Yeroo sochiin (kirkirri) lafaa isaan qabattu, (Muusaan) ni jedhe: "Gooftaa kiyya! Odoo feetee kana dura isaaniifi anas ni balleessita ture. Sila waan gowwoonni nurraa ta’an dalaganiin nu balleessitaa? Isheen (fitnattiin) mokkoroodhuma keeti malee waanbiraatii miti, Isheedhaan nama feete jalliftee nama feete immoo qajeelchita. Ati gargaaraa keenya, Nuuf araarami, Rahmatas nuuf godhi, Ati caalaa araaramtootaati.[29]

Jireenya addunyaa kana keessattiifi kan Aakhiraa keessattis toltuu nuuf katabi, Nuti gara kee deebineerra." (Rabbiin) ni jedhe: "(kun) azaaba kiyya; naman fedhen isaan tuqa, Rahmanni kiyya waan hundaaf ballatte (adduniyatti hunda walgeessi), Ishee fuulduratti nin barreessa warra Rabbiin sodaataniif, zakaa kennaniifi warra keeyyattoota keenyatti amananiifin.[30]"

Yeroo isaaniin jedhame (yaadadhaa) "magaalattii tana (beytal maqdas) keessa jiraadhaa; ishee irraa bakka feetanii nyaadhaa, (kan nu feenu Badiin nurraa) harca'uudhas' jedhaa, Balbalas sujuuda godhaa seenaa, Badiiwwan keessan isiniif dhiifna, (galata) warra toltuu hojjataniis ni daballa"

isaan gaafadhu Waa’ee magaalattii bahra cinaatti taatee, yeroo isaan sanbata keessatti (qurxummii al'ooluudhaan) daangaa dabran, yeroo qurxummiin isaanii guyyaa sanbataa mul’attuu taatee isaanitti dhuftu; guyyaa isaan hinsanbateessine (hin guddifne) (guyyaa biroo) isaanitti hin dhuftu, akka kanatti isaan qormaanna waan isaan fincilaa turaniif.

(yaadadhu) Yeroo ummanni isaan irraa taate jette "ummata Rabbiin isaan balleessuuf yookiin adabbii cimaa isaan adabuuf jiru maaliif gorsitu?" (Gorsitoonn) nijedhan "Gooftaa keessan biratti sababa nuuf haa ta'uufi akka isaan Rabbiin sodaataniifi" jedhan. [33]

Yeroma isaan daangaa wantoota irraa dhorgamanii dabran isaanin jenne "jaldeessa salphattoota ta’aa" (achumaan jaldeessa tahan).

Yeroo Gooftaan kee hanga Guyyaa Qiyaamatti nama adabbii laalessaa isaan dhandhamsiisu akka isaan irratti ergu beeksise (yaadadhu.) Dhugumatti, Gooftaan kee adabbiin isaa arifataadha; Inni akkaan araaramaa akkaan rahmata godhaadha.

Nuti (Ilmaan Isaraa’iil) dachii keessatti ummatoota adda addaa taasifnee isaan kukkunnee jirra, Isaan irraa gaggaariitu jira, Isaan irraa san maleetu jira, toltuuwwaniifi hamtuuwwaniin isaan qormaannee jirra Akka isaan deebi’aniif jecha.

Yeroo Nuti gaara (xuur) gubbaa isaanii irratti akka duumessaa ta’ee ol fuunee, jarri isaanirratti kufaa dhugoomsan "Waan nuti isiniif kennine ciminaan qabadhaa, Akka (Rabbiin) sodaattaniif jecha waan isa keessa jiru hubadhaa" (jenne yaadadhu).

(yaadadhu) Yeroo Gooftaan kee ilmaan Aadam irraa, dugdaalee isaanii irraa sanyiilee isaanii baase, lubbuulee isaanii irratti ragaa isaan godhee "Ani Gooftaa keessanii mitii?" (jecheen), (Isaanis) "Eeyyeen; ragaa baanee jirra" jedhan, (Kun) akka isin Guyyaa Qiyaamaa "nuti kana irraa dagatoo turre" hin jenneefi.

“Yookiin abbootii keenyatu duraan (Rabbitti) qindeessani; nuti sanyii isaaniin boodaa turre, Sila waan balleessitoonni hojjataniin nu balleessitaa?” akka isin hin jenneef (ragaa isin goone).

Akka isaan (badirraa karaa Rabbii) deebi’aniif jecha akka kanatti keeyyattoota keenya addeessina.

Yeroo isaaniifin kenna; Dhugumatti tooftaan kiyya cimaadha.

Sila isaan saahiba isaaniitti (Muhammaditti) maraatummaan akka hinjirre hin xiinxalanii? Inni akeekkachiisaa ifa galaa malee hintaane.

Sila mootummaa samiileefii dachiifi, keessatti hinlaalanii? waan Rabbiin wantoota irraa uumes, akkasumas beellamni (yeroon du’a) isaanii Dhugumatti kan dhihaate ta’uu (hin ilaalanuu?). Sila booda isaatii (Qur’aanaatii) haasa’a kamitti amanu?

Waa’ee Qiyaamaa irraa yoomi dhaabbatiinsi isii (dhufti isii) (jedhanii) si gaafatu. jedhi "Beekumsi ishee Gooftaa kiyya qofa biratti tahe. Isa malee tokkolleen yeroo isheetiif ishee hin ibsu, Samiileefi dachii keessatti ulfaatte, Isheen tasa (daguutti) malee isinitti hin dhuftu" (jedhi). Akka waan ati ishee sirritti beektuutti si gaafatu, jedhi Beekumsi ishee Rabbiin bira qofa jira, Garuu irra hedduun namootaa hin beekan". [38]

Jedhi "Ani lubbuu tiyyaaf faayidaas ta’ee miidhaa fiduu (faaydaa fiduufii miidhaa deebisuu) hin danda'u waan Rabbiin fedhe malee, Odoon kanin waan fagoo (ghaybii) beeku ta'ee, silaa toltuu irraan baay'ifadha; hamtuun na hin tuqu ture, Ani ummata amananiif akeekkachiisaafi gammachiisaa malee hintaane".

Inni Isa lubbuu takka irraa isin uumee ishee irraa qindii isii taasisee, akka isheetti booharuuf (mukuu bahuuf). Yeroo inni ishee qunnamu ulfa salphaa ulfoofte, (salphina isaa irraa bakka feete) ittiin deemte, Yeroma isheen ulfaattu Rabbiin Gooftaa isaanii kadhatan "yoo Ati (ilma) gaarii nuuf kennite, dhugumatti nuti warra Si galateeffatan irraa taana" (jechuun). [39]

Yeroo Inni (ilma) gaarii isaaniif kennu waan Inni isaaniif kenne (maqaa) keessatti Isaaf shariika taasisan, Rabbiin waan isaan Isa waliin gabbaran irraa ol ta’eera.

Sila waan waa tokko uumuu hin dandeenye Rabbitti qindeessanii? kan isaan uumamoo ta’an.

Sila isaaniif miiloowwantu tahee kan isiidhaan deeman? moo isaaniif harkoowwantu tahee kan isiidhaan qabatan? moo isaaniif ijoowwantu kan isiidhaan argan? moo isaaniif gurroowwantu tahee kan isiidhaan dhagayan? jedhi shariikota keessan (warra Rabbii waliin gabbartan) waamadhaa, Ergasii tooftaa natti baasaa, Yeroos naaf hin kenninaa (isaan hin sodaadhu). [40]

Haala (namootaa irraa isa) laafaa qabadhu; (dhiifama godhi) toltuutti ajaji; wallaaltota irraa gara gali.

Yoo garagalchaan (butaan) shayxaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii irraa) si bute Rabbitti maganfadhu, Inni dhagayaa, argaadha.

Isaan Rabbiin sodaatan yeroo naanna'aan shayxaana irraa ta’e isaan tuqe (dilaawan), (Rabbiin) yaadatu, Achumaan isaan argoodha (haqarratti gadi dhaabbatoodha).

Obboleeyyan isaanii jallina isaaniif dabalu, Ergasii (jallisuu irraa) hin gabaabbatanu.[41]

Yeroo ati raajii wahiitiin isaanitti hin dhufin "Maaliif ishee hin finne (hin uumne)?" jedhu. jedhi "Wanti ani hordofu waan Gooftaa kiyya biraa gara kiyyatti beeksifame qofa. (Qur’aanni) kun ragaa ifa bahaa Gooftaa keessan irraa ta'e, qajeelfamaafi rahmata ummata amananiif ".

Gooftaa kee faarsi lubbuu tee keessatti gadi uf qabaa sodaataa, jecha ol fuudhamaa gaditti taheen, ganamaafi galgala keessatti (Gooftaa kee faarsi). (faaruu Rabbii) Dagattootarraa hin tahin.