The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe enshrouded one [Al-Muzzammil] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The enshrouded one [Al-Muzzammil] Ayah 20 Location Maccah Number 73
Ati Yaa mammarataa! [1]
halkan (saalaatan) dhaabbadhu Xiqqo malee.
Walakkaa isaa (salaataan) (dhaabbadhu) yookiin xiqqoo isa irraa ir’isi.
Yookiin isa irratti dabali Qur'aana suutaan dubbisiinsa dubbisi.
Nuti jecha ulfaataa sirratti buusuuf jirra. [2]
Ka'umsi halkanii isheen (arrabaafi qalbii) wal simachiisuutti akkaan jabaafi dubbisuufis qajeelaadha.
Guyyaa keessa (dhimma jireenyaatiif) sochii dheeraatu siif jira.
Maqaa Gooftaa keetii faarsi; gara isaattis citiinsa citi.
(Inni) Gooftaa bahaafi dhihaati. Isa malee gabbaramaan dhugaa hin jiru; irkoo isa taasifadhu.
Waan isaan (kuffaarri) jedhan irratti obsi; fageenya gaarii isaan irraa fagaadhu.
Anaafi sobsiiftota warra qananii walitti Na dhiisi; beellama xiqqoos isaaniif qabi.
Nu bira (aakhiratti) sakaallaa ulfaataafi ibiddatu jira.
Nyaata nama hudhuufi adabbii laalessaa ta'etu (jira).
(guyyaa qiyaamaa) Guyyaa dachiifi gaarreen hurgufamaniifi gaarreen tuulaa cirracha yaa'uu taatu keessa (sakkaalamu).
Nuti gara keessanitti Ergamaa ragaa isin irratti ba'u erginee jirra, akkuma gara Fir'awn Ergamaa (muusaa) ergineetti.
Fir'awnna Ergamaa san morme (didee) qabaa cimaa isa qabne.
Yoo kafartaniif, (adabbii) Guyyaa (qiyaamaa) ijoollee arrii taasisuu akkamitti eeggattu?
Samiin isaan (guyyaa san) dhodhootuudha. Baallamni Isaa raawwatamaa ta'e.
Isheen tun gorsa. Nama fedhe gara Gooftaa isaatti karaa godhata.
(Yaa Muhammad SAW!) Gooftaan kee ni beeka akka atiifi warri sii wajjin ta'an irraa gareen wahii, lama sadaffaa halkaniitii gadi, walakkaa isaatiifi tokko sadaffaa isaat (salaataan) dhaabbattan (nibeeka). Rabbiin halkaniifi guyyaa ni shallaga. Akka isin isa safartanii waliin hin geenye beekee tawbaa keessan isin irraa qeebale. Qur'aana irraa (salaata keessatti) waan isiniif laafe qara'aa. Isin irraa dhukkubsataan akka jiru, warri biraa immoo tola Rabbii barbaacha dachii keessa akka deeman, warri biraas karaa Rabbii keessatti akka lolan beekeeti (isin irrraa laaffise). Kanaafuu, isa (Qur'aana) irraa waan isiniif laafe qara'aa. salaata dhaabaa; zakaas kennaa. Liqii bareedaa Rabbiif liqeessaa. Toltuu irraa waan lubbuu keessaniif dura dabarfattan Rabbiin biratti inni caalaafi kan mindaa guddaa qabu ta'eeti isa argitu. Rabbiin araarama kadhaa; Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

