The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe emissaries [Al-Mursalat] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The emissaries [Al-Mursalat] Ayah 50 Location Maccah Number 77
(qilleensa) wal hordoftuu ta'anii ergamaniinin kakadha. [1]
(Bubbeewwan) humnaan bubbisuu bubbisaniinis;
(Bubbeewwan rooba) faffacaasuu facaasaniinis;
(Keeyyatoota haqaafi dhara) adda baasuu adda baasanittis;
(Malaykota) ergaa buuftotattis;
Sababaa dhabamsiisuuf yookiin akeekkachiisuuf jecha (kan buusanittin kakadha).
Wanti (Qiyaamaan) isin sodaachifamtan argamaadha. [2]
Yeroo urjiiwwan (ifti ishee irraa) haqamte,
Yeroo samiileenis babbanamte;
Yeroo gaarreen (bakka irraa) bubuqqifamte,
Yeroo Ergamtoonni beellamaan walitii qabamte;
Guyyaa kamiif beellamaman?
Guyyaa addaan bahiinsaatiif (beellamaman).
Guyyaan Addaan bahiinsaa maal akka ta'e maaltu si beeksise?
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
Sila Nuti warra duraanii hin balleessinee?
Ergasiis warra boodaa isaan hordofsiifna. [3]
Yakkamtootas akkanuma goona.
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
Sila Nuti bishaan dadhabaa (maniyyii) irraa isin hin uumnee?
Bakka mijaa'aa keessas isa goone. [4]
Hanga yeroo beekamaatti. [5]
Ni shallagne; nuti shallagdoota akkaan tole.
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
Sila Nuti dachii kan hunda walitti qabdu (qubannoota) hin taasifnee?
Jiraafi du'aas (walitti qabdi)?
Gaarreen ragga'oo dhedheeraa ishee keessatti goone. Bishaan mi'aawaas isin obaafne.
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
(Isaaniin ni jedhama): "gara waan sobsiisaa turtanii (azaabaa) deemaa.
Gara gaaddisa (aara ibiddaarraa tahee) abbaa damee sadihii deemaa."
Gaaddiseessaa miti; boba'aa ibiddaa irraas hin duroomsu.
Isheen qaanqeewwan akka gamoo darbatti.
Inni (qaanqechi) gaalota bobboora fakkaata.
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
Kun Guyyaa isaan hin dubbanneedha.
Rakkoo haa himataniif isaaniif hin eeyyamamu.
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
Kun guyyaa adda foo'amiinsaati; Isiniifi warra duraas walitti qabne.
Yoo tooftaa wahii qabaattan tooftaa Natti baafadhaa.
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
warri Rabbiin sodaatan gaaddisootaafi burqituuwwan (jannata) keessa jiraatu.
Asheeta irraa waan fedhan (keessa taa'u).
"Sababaa waan dalagaa turtaniitiif gammachuun nyaadhaa; dhugaa" (jedhamu).
Nuti akka kanatti warra toltuu hojjatan mindeessina.
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
(Addunyaa irratti) "nyaadhaa; xiqqoo qanani'aa; dhugumatti isin badii hojjattoota” (isaaniin jedhama).
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
Yeroo ‘salaataa’ isaaniin jedhame hin salaatan.
Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa'e.
Isa (Qur'aana) malee haasawa kamitti amanu ree?

