The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThose who drag forth [An-Naziat] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah Those who drag forth [An-Naziat] Ayah 46 Location Maccah Number 79
[Maleykaa lubbuu kaafiraa] humnaan buttuunin (kakadha). [1]
[Kan lubbuu mu’uminaa] luqqisuu suuta luqqiftuunis.
[Kan ajaja Rabbii geessuuf] adeemuu demaniinis.
Maleykota] dorgommii wal dorgomaniinis.
(Kan) ajaja Rabbii gara dachii geessaniininis (nan kakadha).
Guyyaa sochootuun (dachiin afuuffaa jalqabaatiin) sochootu;
Hordoftuutu (afuuffii lammaffaattu) ishee hordofa.
Onneewwan (kaafiraa) guyyaa san rifattuudha.
Ijji ishee salphattuudha.
Ni jedhu: "sila nuti dhugumatti haala jireenya duriitti ni deebifamnaa?
Sila erga lafee dhumte taanee moo?
Yoo akkas ta'e sun deebii hoongooti" jedhan.
Isheen iyya (afuuffii) tokko qofa.
Yeroma san isaan gubbaa dachii irratti ta'u. [2]
Sila haasofni waa’ee Muusaa sitti dhufee?
Yeroo Gooftaan isaa laga qulqulleffamaa "Xuwaa" jedhamu keessatti isatti lallabe.
Gara Fir'awna deemi; inni (jallatee) daangaa darbee jira.
Jedhiin: "sila gara (shirkii irraa) qulqulleffachuutti fedha qabdaa?
Akka sodaattuuf gara Gooftaa keetii si qajeelchutti (fedha qabdaa)."
[Muusan] mallattoo guddaa isa (Fir'awnaan) agarsiise. [3]
Inni (Fir’awn) sobsiisee faallesse.
Ergasii ariifataa (iimaanarraa) gara gale.
(ummata isaa) walitti qabee lallabe:
“Ani gooftaa keessan isa ol aanaadha” jedhe.
Sana booda Rabbiin adabbii [badii] boodaatiifi jalqabaatiifis isa qabe. [4]
Dugumatti, kana keessa nama Rabbiin sodaatuuf gorsatu jira.
Sila uumaa keessantu irra jabaata moo samii dha? Inni (Rabbiin) ishee ni ijaare.
Ijaarsa ishee ol fuudhee, ishee wal qixxeesse.
Halkan ishee dukkaneessee guyyaa ishee ibse.
Dachii sana booda diriirse.
Ishee irraa bishaan isheetiifi biqiltuu ishee ni baase (nimagarse).
Gaarreenis dachii irra ni dhaabe.
Isiniifi beelladoota keessan qanansiisuuf [kana godhe].
Yeroo balaan guddoon (Qiyaamaan) dhufte,
Guyyaa namni waan hojjate hunda yaadatu,
(Guyyaa) ibiddi jahannam namuma arguuf mul'atte,
Namni (jallatee) daangaa dabree,
Jireenya addunyaa kanaa (aakhirarra) filate,
Dhugumatti, jahannam teesson isaa.
Namni Gooftaa isaa dura dhaabbachuu sodaatee, lubbuu isaa waan isheen hawwitu (dilii) irraa dhorge,
Dhugumatti, jannanni bakka qubannaa isaati.
[Yaa Muhammad SAW!] Qiyaamaa irraa sigaafatu, yoom argamtii isheen? (jedhanii).
Ati beekumsa ishee irraa maal keessa jirta?
Beekumsi ishee kan dhumaa garuma Gooftaa keetiiti.
Ati akeekkachiisaa nama ishee sodaatuuti.
Isaan guyyaa ishee argan akka waan isaan galgala tokko yookiin ganama tokko malee (addunyaa irra) hin turin itti fakkaata.

