عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

He Frowned [Abasa] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah He Frowned [Abasa] Ayah 42 Location Maccah Number 80

Sababa jaamaan isatti dhufeef. [2]

Maaltu si beeksise? Qulqullaa’uun isaa ni kajeelama.

Nama duroomee (iimaanarraa dantaa dhabe) immoo,

Ati [akka amananuuf jecha] gara isaa gara galta.

Haala qulqullaa'uu dhiisuun isaa homaa sirra hin jirreen.

Nama (toltuu barbaachaaf) fiigaa sitti dhufe immoo,

Kan Rabbiin sodaatu ta’ee,

Nama fedhetu isa (Qur'aana) yaadata. (ittiin gorfama).

Galmeewwan kabajamtuu keessa jira.

Ol fuudhamtuu, qulqulleeffamtuu (keessa jira).

Harka barressitootaa (maleykotaa) jira.

Kabajamoo, ajajamtoota (harka jira).

Namni (kaafiraa) abaarame! Sila maaltu isa kafarsiise?

(Rabbiin) waan akkamii irraa isa uume? (hin xiinxaluu?)

Bishaan saalaa irraa isa uumeeti, ergasii isa sirreesse.

Ergasii karaa (inni ittiin dhalatu) isaaf laaffise.

Ergasii yeroo fedhe (guyyaa qiyaamaa) isa kaasa.

Miti (namni) waan Rabbiin isa ajaje ammallee hin raawwanne.

Nuti bishaan buusiinsa baay’inaan buufne (roobsine).

Ashaakiltiilee muka baay’atanis,

Fuduraafi kaloo [akka nuti uumne haa ilaalu].

Yeroo gurra duuchituun (Qiyaamaan) dhufte,

Haadha isaatiifi abbaa isaa irraas,

Niitii isaatiifi ijoollee isaa irraas (baqatu san dhufti).

Fuulli gariin immoo guyyaa san dhukkeetu (quttootu dhukkeetu) irra jira. [5]

Isaan sun warra Rabbitti kafaranii, balleessa hojjataniidha.