The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Overthrowing [At-Takwir] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Overthrowing [At-Takwir] Ayah 29 Location Maccah Number 81
Yeroo aduun maramte, [1]
Yeroo urjiin harcaate,
Yeroo gaarreen bakkaa oofamte,
Yeroo gaalli rimaan baatii kudhanii dhiifamte (tiksitee malee hafte),
Yeroo bineensonni bosonaa walitti qabamte,
Yeroo galaanni qabsiifamte (akka ibiddaatti bobeette),
Yeroo lubbuuleen hundi (tan isii fakkaattuun walitti) qindeeffamte.
Yeroo durbi jirtuun awwaalamte gaafatamte, [2]
Balleessa kamiif akka ajjeefamte;
Yeroo galmeen (hojii) raabsamte, [3]
Yeroo samiin buqqifamtee maramte,
Yeroo ibiddi qabsiifamte,
Yeroo jannanni (mu'imintootaaf) dhiheeffamte,
Lubbuun waan dalagatte beektee jirtti. [4]
(Urjiiwwan) guyyaa badanii halkan mul'ataniinin kakadha.
(Urjiiwwan) yaa’aa seenaa ta’aniinin (kakadha).
Halkaniinis yeroo inni dukkanaa’en (kakadha),
Bariittillee (ninkakadha) yeroo inni hafuura baafate (ife),
Inni (Qur'aanni) kun jecha Ergamaa kabajamaati [5]
(Ergamaa) abbaa humnaa ta'e, kan Gooftaa Arshii biratti bakka jabaa qabu.
Bakka sanatti ajajni isaa fudhatamaafi amanamaa kan ta'e.
Saahibni keessan (Muhammad SAW!) maraataa miti.
Dhugumatti, inni moggaa ol aanaa (samii) mul'ataa keessatti isa argee jira. [6]
Inni (Nabiyyiin) beekumsa fagoo irratti dony'aa miti (hin dhoksu).
Inni (Qur'aanni) jecha sheeyxaana darbamaatii miti.
Mee eessuma deemtu? [7]
Inni (Qur'aanni) aalama hundaaf gorsa malee hintaane.
Nama isin irraa qajeeluma fedheef (gorsa ta'a).
Yoo Rabbiin aalamaa fedhe malee isin homaa hin feetanu.

