The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe morning star [At-Tariq] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The morning star [At-Tariq] Ayah 17 Location Maccah Number 86
Samiifi (urjii) halkan dhufaa ta’eenin (kakadha). [1]
(Urjii) halkan dhufaa ta’e maaltu si beeksise?
(Inni) urjii ifti isaa dukkana uraa ta’eedha.
Lubbuun hundi (malaaykaan) tiksaan ishee irra jiraatu malee hin hafu.
Namni maal irraa akka uumame haa ilaalu.
Bishaan (hormaataa) utaalaa irraa uumame.
Jidduu dugdaatiifi qomaatii kan ba’u.
Inni isa deebisuu irratti danda’aadha.
Guyyaa iccitiiwwan ifa baatu.
(Gaafas) humnas ta’ee tumsaan isaaf hin jiru.
Samii abbaa (rooba) deddeebiitiinin (kakadha).
Dachii dhodhootuunin (kakadha).
Inni (Qur'aanni) jecha (dhugaaf dhara) adda baasaadha.
Inni qoosaa miti.
isaan shira shiru.
Anis shiran (isaanii nifashalsiisa) baasa.
Kaafirootaaf yeroo kenni. Ammas xinnoo yeroo kenniif.

