عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

Repentance [At-Taubah] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah Repentance [At-Taubah] Ayah 129 Location Madanah Number 9

(Isheen tun) Qulqullina Rabbiifi ergmaa Isaa irraa taate kan gara warra mushrikoota irraa (lola dhiisuuf) waadaa walii galtaniitti (dhaqqabduudha). [1]

Yoo tokkoon qindeessitoota (kuffaara) irraa ta’e nagaya gochuu sirra barbaade, nagaya isaaf godhi hanga inni jecha Rabbii (qur'aana) dhagahutti, eegasii iddoo nagaya isaatiin isa ga’i, Kun waan isaan ummata hin beekne ta’aniifi.

Qindeessitootaaf waadaan Rabbiin biraafi ergamaa Isaa bira akkamitti tahaaf? (hintahuuf) warra masjiida kabajamaa biratti waadaa walii seentan malee (walii galtee hudeybiyyaa), waan isaan (waadaadhaan) isiniif dhaabbataniin isinis isaaniif dhaabbadhaa, Rabbiin warra Isa sodaatan jaalata.

Odoo isin irratti injifannoo argatanii, firummaafi waadaas isin keessatti kan hin eegganne ta’anii, akkamitti (waadaan isaaniif ta’a)? (hintahu). Afaanoowwan isaaniitiin isin jaallachiisu; Onneewwan isaanii immoo ni diddi. Irra hedduun isaaniis finciltoota.

Sila hinloltaniinii? ummata waadaa isaanii diiganii, ergamaa (Rabbii) biyya irraa baasuuf barbaadan, isaan dursanii kan (lolaan) isin jalqaban odoo ta’anii jiranuu (maaliif isaaniin hin lolle?) (lolaanii) Sila isaan sodaattanii? Rabbitu isin Isa sodaachuutti irra haqa, Yoo mu’uminoota taatan.

Gooftaan isaanii isaan gammachiisa rahmata isarraa taheen, jaalalaafi jannatoowwan ishee keessa qananiin yeroo hundaa isaaniif jirtuun.

Yeroo hunda ishee keessa kan jiraatan ta’anii (isaan gammachiisa); Rabbiin Isa bira mindaa guddaatu jira.

Dhugumatti, Rabbiin iddoo baay’eetti isinii tumseera. Guyyaa (lola) Hunayni, yeroo baay’inni keessan isin dinqisiise, kan homaa isin irraa hin deebisin, dachiin bal’ina ishee wajjin isinitti dhiphattee, eegasii duubatti garagaltanii dheessitan (waan ta’e yaadadhu).[9]

Isaan (kaafiroonni) ifaa Rabbii (islaamummaa) afaanoowwan isaaniitiin dhaamsuu barbaadan, Rabbiin ifaa Isaa guutuu malee (fedhii isaanii) ni dida, Odoo kaafirtoonni jibbanuu.

Guyyaa ibidda jahannam keessatti ishee irratti ho’ifamu, kan addawwan isaanii, cinaachowwan isaaniitiifi dugdoowwan isaanii isheen gubamtu (kawuyeeffamu), “Kun waan isin lubbuulee keessaniif kuusaattani; waan kuusaa turtan (adaba isaa) dhandhamaa” (jedhamu). [13]

(Kabajaa ji’a tokkoo gara ji’a birootti) siiysuun kufrii irratti (kufrii) dabaluudha, Warri kafaran isaan jallifamu, Waggaa tokko (keessa) hayyamamaa isa godhu; waggaa biraa immoo dhorgamaa isa godhu, Akka lakkoofsa wanta Rabbiin dhorgamaa godhee qunnamaniif jecha, waan Rabbiin dhorgamaa godhe hayyamamaa godhu, Fokkataan hojii isaanii isaaniif miidhagfame, Rabbiin ummata kaafira hin qajeelchu.

Yoo isin (jihaadaaf) bahuu baattan, (Rabbiin) adabbii laalessaa isin adaba; Ummata isin hintahin (qajeelaa) bakka keessan buusa; isin homaa Isa hin miitan, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha.

Yoo isin isaaf tumsuu baattan, dhugumatti Rabbiin isaaf tumseera -yeroo warri kafaran lammaffaa nama lamaa ta’ee isa (Makkaarraa) baasan, yeroo isaan lamaanuu goda (sawrii) keessatti ta’an, yeroo inni saahiba isaatiin (Abiibakri ssiddiiqiin) “hin gaddin Rabbiin nu waliin jiraa; ” jedhu san- (Rabbiin isaaf tumseera). tasgabbii Isaa Rabbiin isa irratti buuse; waraana isin ishee hin arginiinis isa jabeesse, Jecha warra kafaranii gad aantuu taasise, Jechi Rabbii isheedhumatu ol aantuudha, Rabbiin injifataa ogeessa. [16]

(Yaa Muhammad!) Rabbiin dhiifama siif godhee, (lola irraa hafuu) maalif isaaniif hayyamte? hanga isaan dhugaa dubbatan siif adda bahanii warra soban beektutti.

Odoma isiniin waliin ba’aniiyyuu badii malee homaa isiniif hin dabalanu. Rakkoo kan isinitti barbaadan ta’anii, jeequmsaan gidduu keessan fiigu turan, Isin keessa namoota isaaniif dhaggeeffatantu jiru. Rabbiin miidhaa hojjattoota ni beeka.

Odoo iddoo itti baqatan yookiin goda yookiin iddoo seenan (qaawwa wahii) argatanii silaa kan fiigan ta’anii gara isaatti deebi’u turan.

Isaan irraas nama (qooda) sadaqaa keessatti maqaa si xureessutu jira, Yoo ishee irraa kennaman ni jaallatu; yoo ishee irraa hin kennamne immoo yoosan isaan ni jibbu (sitti aaru).

Odoo isaan waan Rabbiifi ergamaan Isaa isaaniif kenne jaalatanii “Rabbiin nuuf ga’aadha, Rabbiin fuula dura tola Isaa irraa nuuf kenna, Ergamaan Isaas (akkasuma). nuti gara Rabbii kajeeloodha” jedhanii (silaa isaaniif caalaa ture).

Yoo isaan gaafatte “Nuti haasawatti kan seennuufi kan taphannu qofa turre” jedhu. “Sila Rabbitti, keeyyattoota Isaatiifi ergamaa Isaatti qishnaa kan gootan taatanii? jedhiin.

Rakkoo hin himatinaa (dhiifama hingaafatinaa)! Dhugumatti isin erga amanuu keessaniitii booda kafartanii jirtu. Yoo garee isin irraa ta’eef irra dabarre, garee biraa ni adabna, waan isaan yakkamtoota ta’aniif. [22]

Munaafiqoonni dhiiraatiifi munaafiqoonni dubartii gariin isaanii garii irraayi. Waan jibbamaatti ni ajaju; waan gaarii irraa immoo ni dhorgu; harkoowwan isaanii (kenna irraa) ni deeffatu (nitamtoommatu); Rabbiin dagatan; Innis isaan dhiise. munaafiqoonni isaanumatu finciltoota.

Rabbiin munaafiqoota dhiiraa, munaafiqoota dubartiifi kaafirootaafis ibidda jahannam beellamee jira, ishee keessatti zalaalam jitaatoodha, isheen isaaniif geessuudha, Rabbiin isaan abaareera. Isaaniif adabbii itti fufaatu jira.

Sila oduun warra isaan duraa isaanitti hin dhufnee? (Oduun) ummata Nuuh, Aad, Samuud, ummata Ibraahiim, jiraattota Madyaniifi (gandattii) garagalfamtuu (ummata luux) (isaanitti hin dhufnee)? Ergamtoonni isaanii ragaalee mul'ataan isaanitti dhufanii jiru. Rabbiin kan isaan miidhu hin taane. Garuu isaan lubbuulee isaanii kan miidhan turan.

Isaan (munaafiqoota) irraas kan “Yoo (Rabbiin) tola Isaa irraa nuuf kenne, silaa dhugumatti ni arjoomna; Gaggaarii irraa ni taana” (jechuun) Rabbiif waadaa seenantu jiru.

Yeroma (Rabbiin) tola Isaa irraa isaaniif kenne, (waadaa diiganii) isa doynoomanii (kennachuu didan); kan garagalan ta’anii dugda duuba deebi’an.

Isaan irraa nama du’e tokkollee irratti (salaata janaazaa) hin sagadin, Qabrii isaa irras (araarama isaa kadhachuuf) hin dhaabbatin, isaan Rabbiifi ergamaa Isaattis kafaran. finciltoota ta’anii du’aniiru.

Tikfattoota baadiyyaa irraa warri rakkoo himatan akka hayyamni isaaniif godhamuuf jecha dhufan. Isaan Rabbiifi ergamaa Isaa kijibsiisan ni taa’an (rakkoo hinhimanne). Isaan irraa warra kafaran fuula dura adabbii laalessaatu isaan tuqa.

Horsiisee bultoota irraa namoota waan (karaa Rabbii keessatti) arjoomu akka idaatti qabatujjira. naannoowwaa (rakkina) isinitti eega. Naannoon hamtuu isaan irratti haa ta’u. Rabbiin dhaga’aa, beekaadha.

Tikfattoota baadiyyaa irraa nama Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanee waan (karaa Rabbii keessatti) arjoomus Rabbiin biratti dhiheenyaafi kadhaa ergamaa (muhammad) (ittiin argat) godhatutu jira. Dhagayaa! dhugumatti isheen isaaniif dhiheenya. Rabbiin fuula dura rahmata Isaa keessa isaan seensisa. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

Tikfattoota baadiyyaa irraa gariin warra naannoo keessan jiruu munaafiqoota. Warra Madiinaa irraas (namoota) munaafiqummaa irratti ragga’an jiru, ati isaan hin beeknetu. Nuti isaan ni beekna. Fuula dura yeroo lama isaan adabna. Ergasii isaan gara adabbii guddaa deebifamu.[28]

Warri biroo immoo (kan lolarraa hafan) kan badiilee isaanii fudhatan, dalagaa gaariifi fokkataa biraa walitti makantu jiru; Rabbiin tawbaa isaanii irraa qeebaluun nikajeelama, Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

Warri biroo immoo kan murtii Rabbii (eeguuf) booda aanfamantu jiru. Yookiin isaan adaba, yookiin immoo tawbaa isaan irraa qeebala. Rabbiin beekaa, ogeessa.

Warri (mu’uminoota) rakkisuuf,masjiida tolfatan, akkasuma kufrii (babal’isuuf), gidduu mu’uminootaa addaan baasuufi, nama duraan Rabbiifi ergamaa Isaatiin loleef eegumsa godhuuf, (jecha masjiida tolfatanis isaanuma irraayyi). Dhugumatti kakatu “Nuti toltuu malee homaa hin feene” jedhanii. Rabbiin isaan kijibdoota tahuu ragaa baha.[30]

Gonkumaa isa (masjiidicha) keessa hin dhaabbatin. masjiida guyyaa jalqabaa irraa sodaa (Rabbii) irratti bu'ureeffametu ati isa keessa dhaabbachuu haqa godhata. Isa keessa namoota qulqulleeffachuu jaalatantu jiru. Rabbiin qulqulleeffattoota jaalata. [31]

Sila nama jaarmaya isaa sodaa Rabbirraa ta’eefi jaalala (Isaa) irratti bu’ureesse ccaalamoo, nama jaarmaya isaa afaan (qarqara) boollaa (jijjiiyduu) kan cituutti dhiyaate irratti bu’uuressee, ibidda jahannam keessatti isaan jigetu caala? Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu. [32]

Ijaarsi isaanii inni isaan ijaaran onneewwan isaanii keessatti (munaafiqummaafi) shakkii ta’uu irraa hin deemu. yoo onneewwan isaanii ciccitte malee. Rabbiin beekaa, ogeessa.

Araarama abbaa isaatiif kadhachuun Ibraahiim waadaa ishee isaaf seene sana (guutuu) irraayyi malee waan biraa hin turre. Yeroma inni (kufrirratti du'u isaa beeysifamuun) diina Rabbii ta’uun ifa isaaf tahe isa irraa qulqullaaye, Dhugumatti Ibraahiim akkaan Rabbi kadhataadha obsaadha.

Rabbiin ummata tokko erga isaan qajeelchee booda hanga waan isaan eeggachuu qaban isaaniif ibsutti kan (isaan) jallisu (yakkamaa godhu) hin taane, Dhugumatti Rabbiin waan hunda beekaadha.

Warra sadeen booda aanfaman (irraa Rabbiin tawbaa qeebale) kaneen hanga dachiin bal’ina ishee wajjin isaan irratti dhiphattee, lubbuuleen isaaniis isaan irratti dhiphattee, Rabbi irraas gara Isaatti malee iddoon itti baqatan hin jiruu hanga mirkaneeffatanitti (booda aanfaman irraas) (Rabbiin tawbaa qeebaleera). Sana booda akka isaan tawbataniif jecha tawbaa isaan irraa qeebale. Dhugumatti, Rabbiin Isatu araaramaa rahmata godhaadha. [35]

Warra Madiinaatiifi tikfattoota baadiyyaa irraa warra moggaa isaaniitti argamaniif ergamaa Rabbii irraa duubatti hafuufi lubbuu isaaniis lubbuu isaa irra jaalachuun isaaniif hin malu ture. Sunis malee karaa Rabbii keessatti dheebuun, dadhabbiifi beellis isaan mudatee hojiin gaariin isaanii barreefamu malee hin hafan. akkasumas iddoo ejjannaa kaafiroota dallansiisu tokkoos ijjatanii diina irraas (ajjeesuufi booji’uun) qaqqabiinsa tokkos qaqqabanii (hojiin gaariin isaanii barreefamu malee hinhafan). Dhugumatti, Rabbiin mindaa toltuu raawwattootaa hin balleessu.

Mu’uminoonni (nabiyyii wajjin yoo ta’e malee) dimshaashatti duulatti bahuun isaaniin hin malu. Sila maaliif garee hunda irraa muraasni tokko hin lolle? (Warri biroo immoo) akka amantii keessatti hubannoo godhatanii yeroo gara isaaniitti deebi’an, akka ummata isaanii dinniinaniif (gorsaniif) jecha (maaliif hin hafne). Akka isaan (hamtuu) eeggataniif. [36]

Yeroo suuraan (isaan saaxiltu) takka buufamte, gariin isaanii gara garii isaanii ilaala “namni tokkolleen sila isin argaa jiraa?” jedhaa. Sana booda garagalanii deemu. Rabbiin onneewwan isaanii garagalche Waan isaan ummata hubannoo hin qabne ta’aniif.

Dhugumatti, iisinitti dhufe ergamaan isin irraa ta’e, kan rakkinni keessan isa irratti jabaatu, kan isiniif (akka amantanuuf) bololu, mu’uminootaaf immoo mararfataa, rahmata godhaa ta’e.