The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesSolace [Al-Inshirah] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah Solace [Al-Inshirah] Ayah 8 Location Maccah Number 94
Sila Nuti qoma kee siif hin bal'ifnee? [1]
Ba’aa (badii) kee sirraa buufne.
Isa dugda keetti ulfaate (sirraa buufne).
Maqaa keet siif ol kaafne. [2]
Rakkinaa wajjin laafinatu (furmaataatu) jira.
Dhugumatti, rakkina wajjin laafinatu jira.
Yeroo (dalagaa wahii) raawwatte xaari (ta biraa ittifufi).
Gara Gooftaa keetii qofa kajeeli.

