عربيEnglish

The Noble Qur'an Encyclopedia

Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languages

The Clot [Al-Alaq] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Surah The Clot [Al-Alaq] Ayah 19 Location Maccah Number 96

Maqaa Gooftaa keetii Isa (waan hunda) uumeetiin dubbisi.[1]

Haala Gooftaan kee hunda irra arjaa ta’een qara'i.

Isa qalamaan (barreessuu) barsiise sani.

(guyyaa qiyaamaa) Deebiin garuma Gooftaa keetiiti.

Gabricha yeroo inni salaatu (kan dhorgu argitee)? [2]

Yoo inni (dhoorgame kun) qajeeluma irra jiraate hoo mee naaf himi!

Yookiin immoo sodaa Rabbiitti yoo ajaje hoo?

Yoo inni (Abuu Jahal) (ergamaa) kijibsiisee (islaamummaa) irraa gara gale hoo mee naaf himi?

Sila inni (abujahli) (hamtuu inni hojjate tana) Rabbiin niargaa hin beekuu?

(akka isa gargaaraniif) Garee isaa haa waammatu.

Nutis waardiyyaa keenya (kan azaabaa) waammachuuf jirra. [4]

Miti! ajaja isaa tole hinjedhin, Sujuudi, gara Rabbiitti dhihaadhu.[5]