The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe Power [Al-Qadr] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The Power [Al-Qadr] Ayah 5 Location Maccah Number 97
Dhugumatti, Nuti halkan sadarkaa qabdu keessa isa (Qur'aana) buufne. [1]
Halkan sadarkaa qabdu maal akka taate maaltu si beeksise?
Halkan sadarkaa qabdu ji'a kumarra caalti. [2]
Maleykonniifi Jibriil ishee keessa eeyyama Gooftaa isaaniitiin waayee hundaan (gara lafaatti) gadi bu'an.
Isheen hanga baha fajriitti nagaadha. [3]

