The Noble Qur'an Encyclopedia
Towards providing reliable exegeses and translations of the meanings of the Noble Qur'an in the world languagesThe earthquake [Al-Zalzala] - Oromo Translation - Rowwad Translation Center
Surah The earthquake [Al-Zalzala] Ayah 8 Location Madanah Number 99
(guyyaa qiyaamaa) Yeroo dachiin sochii ishee sosochoote, [1]
(yeroo) dachiin ba'aa ishee baafte, [2]
Namni "sila isheen maal taate?" jedhe,
Guyyaa san (dachiin) oduu ishee ni odeessiti. [3]
[Kunis] Waan Gooftaan kee isheetti beeksisa godheef.
Guyyaa san namoonni hojii isaanii agarsiifamuuf jecha garee gareen (bakka dhaabbii irraa) deebi’u.
Namni (hanga) ulfina mixii (xiqqoo takka) toltuu dalage isuma arga.
Namni (hanga) ulfina mixii (xiqqoo takka) hamtuu dalages isuma arga.

